ch
Feedback
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

前往频道在 Telegram

Telegraamiin kun kan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa yoo ta’uu odeeffannoo dabalataa karaa itti argattaniidha.

显示更多

📈 Telegram 频道 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa 的分析概览

频道 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa (@mmwo2020) 是活跃参与者。目前社区聚集了 20 533 名订阅者,在 法律 类别中位列第 379,并在 芬兰 地区排名第 245

📊 受众指标与增长动态

невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 20 533 名订阅者。

根据 01 八月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 185,过去 24 小时变化为 -14,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 25.08%。内容发布后 24 小时内通常能获得 10.37% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 5 150 次浏览,首日通常累积 2 129 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 0

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
Telegraamiin kun kan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa yoo ta’uu odeeffannoo dabalataa karaa itti argattaniidha.

凭借高频更新(最新数据采集于 02 八月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 法律 类别中的关键影响点。

20 533
订阅者
-1424 小时
-57
+18530
帖子存档
Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Harargee Lixaa Gaggeefame. --------------------------------------- (Adoolessa 26,2018 MMWO,Caffee Araaraa, Finfinnee)-Yaa'iin Abbootii seeraa manneen murtii Godina Harargee Lixaa 8ffaa magaalaa Cirootti geggeefameera. Yaa'ichi  bakka  keessummoonni sadarkaa  godinichaa argamanitti mata duree 'Tajaajila manneen murtii waraqaa maleessa taasisuu jalqabne moosaajii bulchiinsa qindaa'aa hojirra olchuun sadarkaa olaanaati ni ceesisina" jedhuun gaggeefame Yaa'icharratti barreefamni manneen murtii gara waraqa maleessatti jijjiiruuf hojiilee hanga ammaa hojjetamanii fi bu'aawwan argaman , hanqinoota turaniifii kallattii fuula duraa irratti xiyyeeffatu dhiyaatee mariin irratti gaggeeffameera. Xumura yaa'ichaa irrattis Abbootii Seeraa fi manneen murtii raawwii hojii  ol'aanaa galmeessaniif beekkamtiin kennameera.

Yaa’iin Abbootii Seeraa 7ffaa Manneen Murtii Godina Gujii Gaggeegfame ---------------------------- (Adoolessa 25,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)- Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Gujii 7ffaan Dhaaddannoo “Kenni Tajaajila Abbaa Seerummaa Teknoloojiin Deeggarame Mirga Haqa Argachuu Lammiileef Gumaacha Ol’aanaa Qaba” Jedhuun gaggeeffameera. Yaa’ichi bakka keessummoonni gara garaa argamanitti kan gaggeeffame yammuu ta'u barreeffamni mata duree ‘Guddinaafi Faayidaa TQO Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Irratti Qabu’ jedhu dhiyaatee madiin irratti gaggeeffamee jira. Dhumarratti Abbootiin Seeraa MMO fi Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa Raawwii Ol’aanaa galmeessisaniif waraqaan ragaa fi beekkamtiin kennamee yaa’ichi goolabameera.

Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Buunnoo Beddellee 8ffaan Geggeeffame. ---------------------------- (Adoolessa 25,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Buunnoo Beddellee 8ffaan dhaadannoo "Ragaa Sobaa Dhabamsiisuun Qulqullina Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Ni Mirkaneessina " jedhuun magaalaa Beddelleetti geggeeffame. Yaa'icha irratti Bulchaan Godinaa, Pirezidaantonni godina ollaa,Abbootiin seeraa godinichaa ,hooggantoonni manneen hojii sadarkaa godinaa fi aanaa ,keessummoonni affeeraman argamaniiru. Xumura irratti abbootii seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Aanaa raawwii ol'aanaa galmeessan,Manneen Murtii Anaa raawwii Ol'aanaa galmeessanii fi qaamolee hojii mana murtii milkeessuu kessatti gahee ol'aanaa bahachaa turaniif beekamtiin kennameera

Waamicha Deeggarsa Lammummaa ------------------------ Caalaa Baqqalaa hojjataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa yammuu ta'u dhiyeenya kana balaa tasaa isa muudateen addunyaa kana irraa du'aan foyamuun isaa ni yaadatama.Caalaan umurii dargaggummaa isaatti haala nama gaddisiisuun darbuu isaa caalaa kan nama gaddisiisu daa'ima haati bira hin jirre mana kiraa keessatti dhiisee deemuu isaati.Daa'ima isaa kana guyyaa tokko tokko gara waajjiraa qabatee dhufee kan waliin oolu yammuu ta'u guyyaa tokko tokko ammoo maatii mana itti kireessanitti adaraa kennatee baha.Guyyaa balaan kun isa qaqqabe sana daa'ima isaa kana kireessitootatti kennatee manaa kan bahe yammuu ta'u ilmi namaa bahuu isaa malee galuu isaa waan hin beekneef bahee achumaan hafee jira.Daa'imni isaa kunis ala otoo eeguu hafe.Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa daa'ima kana guddisuuf sochiitti kan gale yammuu ta'u, hawaasni manneen murtii fi hawaasni keenya bal'aan daa'imni kun akka kunuunfamee baratee guddatu taasisuuf lakkoofsi herreegaa Baankii Daldaala Etiyoophiyaa koree sadarkaa Mana Murtii Waliigalaatti hundaa'een (CBE 1000784817703 Tarafa Asefa,Fayera Hailu fi Adisu Benti) banamee waan jiruuf deeggarsa akka taasiftan kabajaan ni gaafanna.

Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Boorana Bahaa 3ffaan Gaggeeffame --------------------- (Adoolessa 24,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)- Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Boorana Bahaa 3ffaan dhaadannoo "Qulqullinaa fi Dhaqqabamummaa Tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneessuun imala gara waraqa maleessa ce'uuf taasifamu ni utubna" jedhuun gaggeeffameera. Yaa'ichis bakka Abbootiin Seeraa fi angawoonni mootummaa Godinichaa sadarkaa gara garaa irra jiran argamanitti kan gaggeeffame. Dhuma sagantichaa irrattis Abbootii Seeraa fi manneen murtii Aanaalee raawwii hojii ol'aanaa galmeessaniif beekkamtiin kennameera.

‎Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Booranaa 8ffaan geggeefame. ------------------------------ (‎Adoolessaa 24 2018, MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-‎Yaa'iin abbootii seeraa Manneen Murtii Godina Booranaa dhaadannoo "Tajaajila abbaa seerummaa Dijitaalessuun Manneen Murtii gara E-Courtiitti ceesisnee; dhaqqabamummaa, si'oominnaa fi qulqullina abbaa seerummaa ni Mirkaneessina!!" jedhuun bakka Abbootiin Seeraa fi keessummoonni gara garaa argamaniitti gaggeeffameera. ‌‎Yaa'icha irratti Manneen Murtii Aanalee hojii bara kanaatin raawwii caalmaa galmeessan fi Abbootii seeraa raawwii ol'aana galmeessisaniif naamusa fakkeenyumma qabuun hojjachaa turan beekkamtiin kennaameefi jira. ‎ ‎