1 120
订阅者
无数据24 小时
+47 天
+430 天
帖子存档
#Kolleejjii Poolii Teeknikaa Carcariitti Daawwannaan Hoggansaa Godinaatiin taasifameera.
Hoggantootni I/A/ Waajjira interprizi fi industry Godina Bahaa oromiyaa, obbo Ahmadin ,obbo famii fi obboo fayyisaan ,haala hojii waligalaa ogummaan walqabatu ,ilalamaa ogummaa fi dhawessummaan of danda'uu,ilaaluf KPT Carcaritti argamuun hojichaa Daawwatanii jiru.
Repost from N/a
Galma badhaadhinaa qabame milkeessuun kabajaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf jijjiiramaafi ariitii yeroon barbaaduun hojjechuu gaafata jedhan Hogganaan Biiroo Intarpiraayiziifi Industirii Oromiyaa obbo Taarreqenyi Bulultaa.
Fulbaana 20, 2019- Sirni walharkaa fuudhinsa aangoofi hojii Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa duranii Injinar Eebbaa Garbaafi Hogganaa Biiroo Intarpiraayiziifi Industirii Oromiyaa ammaa obbo Taarreqenyi Bulultaa gidduutti bakka hoggansiifi manaajimentiin biirichaa argamanitti gaggeeffamee jira.
Sirnicharrattis Injinar Eebbaan ergama, mul'ataafi galmoota Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa qabatee hojjechaa ture ibsuun sanadoota maanuwaalii hojii, qajeelfamootaafi inisheetiivota qabatamanii hojjetamaa turan Hogganaa Biiroo Intarpiraayiziifi Industirii Oromiyaa obbo Taarreqenyi Bulultaaf dabarsanii kennanii jiru.
Hogganaan Biiroo Intarpiraayiziifi Industirii Oromiyaa obbo Taarreqenyi Bulultaa haasawaa taasisaniin galma badhaadhinaa qabame milkeessuun kabajaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf jijjiiramaafi ariitii yeroon barbaaduun hojjechuu kan gaafatu ibsuun, kana milkeessuufis qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu dhaamaniiru.
Odeeffannoo haaraafi wayitaawaa argachuuf:
Teeleegraamii: https://t.me/Oromia_EIBureau
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Supperviziiniin hojii koree Ogeeyyii WCHUO Go/Ha/Lixaatiin durfamu Kolleejjii Poolii Teeknikaa Carcariitti gaggeefameera.
Fulbaana 13/1/2019
Godina Harargee lixaa
Bulchiinsa Magaalaa Ciroo
Kolleejjii Poolii Teeknikaa Carcariitti
Supparvizyinii hojii idilee kurm.1ffa Ogeeyyii koree WCHUO Godina Harargee Lixaatiin durfamu bakka qooda fudhattoonni argamanitti gaggefame jira.
Supperviziinii kanaan hojiileen ijoo ilaalamaan kan kurm.1ffa
- Rawwii boqonnaa qophii Gannaa
- Karoora hojii bara 2019
- Adeemsa ji'a Feestivalaa ogummaa
-Dhaabbii biqiltuu (Magariisummaa kolleejjicha)
- Halaa simannaa leenjifamtoota buleeyyii fi simannaa Haaraa bara 2019
- qophi Meesha material leenjii
- sosochii hojii galii keesso
- hojii Inisheetiivii
- Hojii Idilee Damee TEI
- Kaizen Waligala
- Sadarkaa ijaarsa piroojektii work shoppoota,Sheedii fii kan kanafakkatan yemmuu ta'uu, itti ansuun Daawwiin erga gaggeefame booda Ciminoota fi hanqinoota kaasuun ilaalame jira.
Dhuma irratti Kallattii hojii fuula duraa ka'aamuun goolabamee jira
KOLLEEJJII POOLII TEEKNIKAA CARCAR
Baga bara leenjii haara 2019Ec Geessan jechaa ~
Leenjifamtoota Buleeyyii KPT Carcar hundaaf.
Leenjifamtoonni sagaanta leenjii Guyyaa fi Galgala hundii kessaanu simannaan Galmee leenjifamtoota buleeyyii KPTC kan egaluu Fulbaana 4 - 9 Bara 2019 Ec tahu beektani,Guyyaa jedhame kessattii qaaman argamuun akka galmooftan isiin beeksifna.
Hubaachiisa: Leenjiifaman guyya jedhamee kessattii hin galmoofne Peenalitiin akka jiraatu gamanumman isiin yaadachifna.
》 Barrii Leenjiin Classi kana eegaluu gafa Fulbaana 11,2019 kan eegaluu taha.
● Animal Production Level I-Iv
● Crop Production. Level I-Iv
● Auto Mechanics. Level I- V
● Auto Electric. Level I-V
● Auto Body. Level I-V
● ICT HNS. Level I-V
● ICT Database. Level I-V
● Garment Production. Level I-V
● Survey Level II-V
● Plumbing. Level I-V
● Hotel and Tourism. Level I-V
● Accounting $ finance. Level II-Iv
● Mechanics. Level I-V
● Wood Technology. Level I-V
● Construction technology. Level I-V
● Building Electrical Installation. Level I-V
#Kolleejjii_Poolii_Teeknikaa_Carcariitti Qaammee 5, Guyyaa Egeree sababeffachuudhaan Sagantaan baniinsa Feestivaala Ogummaa gaggeeffamuu jalqabe jira.
~ Guyyaa 5/13/2018
~ Godina Harargee Lixaa
~ Bulchiinsa Magaalaa Ciroo
~ Kolleejjii Poolii Teeknikaa Carcariitti
Guyyaa Egeree sababeffachuudhaan Sagantaan baniinsaa Feestivala Ogummaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa Carcariitti jalqabeera.
Sagantaan kun Seektaraalee Barnootaa fi Dure Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa ,2ffaa fi qooda Fudhattoota garaagaraa hirmaachiisuudhaan kan jalqabeedha.
#Bulchiinsa_Magaalaa_Cirootti sosochii misooma ogummaafi yaadama haaromee baadiyyaa irratti hooggansa magaalichaa sadarkaan jiraniif leenjiin humna raawwachiisummaa cimsu kenname.
●●●●●●●●●
~ Qaammee 03, 2018
~ Godina Harargee Lixaa
~ Bulchiinsa Magaalaa Cirootti
sosochii misooma ogummaafi yaadama haaromee baadiyyaa irratti hooggansa magaalichaa sadarkaan jiraniif leenjiin humna raawwachiisummaa cimsu kennamaa jira.
Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Kantiibaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Waajjira Daldalaa, Carraa Hojii Uumuufi Invastimentii Bulchiinsa Magaalaa Ciroo obbo Asaanaa Mahaammad, leenjichi yaad-rimee haaromee baadiyyaafi sosochii misooma ogummaa irratti hoggansi magaalichaa sadarkaan jiran hubannoo argatanii hojii misoomaa keessatti qabatamaan hojiirra akka oolchan taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.
Leenjicharratti sanada sosochii misooma ogummaa kan dhiyeessan diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Carcar #obbo_Kadiir_Abaadir, mootummaan karoora ogummaan ofdanda'uu hojiitti hiikuun carraa hojii ogummaan durfamuufi ittifufiinsa qabu uumuuf karoorfatee jiraachuu ibsaniiru.
Kolleejjichis leenjii fedhii gabaa hojiirratti hundaa'eefi qaawwa ogummaa kutaaleen hawaasaa garaagaraafi ogeeyyiin industirii qaban guutuu danda'u gahumsaafi qulqullinaan kennuun karoora ogummaan ofdanda'uu qabame milkeessuuf kutannoon kan hojjetu ta'uu himaniiru.
Karoora gama kanaan qabame milkeessuufis tumsi qooda fudhattootaafi raawwattoota damichaa sadarkaan jiranii murteessaa ta'uu obbo Kadiir eeraniiru.
Leenjicharrattis hoggantoonni sadarkaa magaalaa, bulchoonni gandaa, itti gaafatamtoonni waajjira Paartii Badhaadhinaa sadarkaa Gandaa, Itti aantonni bulchitoota gandaafi ittigaafatamtoonni bu'uuraalee misoomaa gandaa hirmaataniiru.
Industiriin Lammii gahuumsa qabuun dorgomaa ta'a, kanaaf, Lammii gahuumsa qabu horachuun industirii dorgomaa haa taasisnu.
1. Elicit.com (AI research)
2. Otter.ai (Speech to text)
3. Decktopus.com (AI slides)
4. Gitmind.com (Mind mapping)
5. Lightpdf.com (PDF creation)
6. PlayHT (AI voices)
7. Picwish.com (Photo editing)
8. Reccloud.com (Video generation)
9. Kapwing.com (Video editing)
10. Podcastle.ai (Podcast editing)
11. Consensus.app (Scientific evidence)
12. Researchrabbit.ai (Literature mapping)
13. Zotero.org (Reference management)
14. Scite.ai (Citation analysis)
15. Perplexity.ai (Source-backed search)
16. Scholarcy.com (Paper summarization)
17. Connectedpapers.com (Visual discovery)
18. Writefull.com (Academic writing)
19. Tableau.com (Data visualization)
20. Overleaf.com (LaTeX collaboration)
