Diinaa'ol Kumaa
前往频道在 Telegram
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
显示更多未指定国家未指定类别
1 384
订阅者
+124 小时
+17 天
-1730 天
帖子存档
1 384
✍HOJIIN DABALATAA FI VAAREESHINIIN DIRQAMA HOJIIN SUN HOJJATAMUUF WAAN BARBAACHISUU MALEE FEDHII KONTIRAAKTERAAN MITI KAN DABALAMUU QABU.Hojiin kun yoo dabalame malee ijaarsi sun milkaa'u kan hin dandeenye yoo ta'e.
Bittaa Ijaarsaan Wal-qabatee Dhimma Hojii Dabalataa / Additional work(30%} fi Hojii Vaareeshinii /Hojii duraa keessatti waliigalamee kan jiru dabalataan bitamu {25%) gosootiin dabalamanii bitaman lamaanuu waliigaltee walii galame irraa 30%fi 25% caaluu hin qabu jedha Qajeelfamni.
✍️Hojii dabalataa 30% jechuun waliigaltee waliigalame keessa kan hin jirree fi addaan baasanii hojjachiisuun kan hin danda'amnee fi Diinagdumaas kan hin qabne yoo ta'eedha.
Hojiin dabalataa kun yeroo geggeeffamu kan waliigaltee keessa jiru gatii waliigaltee keessa jiru/rate/ osoo hin jijjiirnii fi kan waliigaltee keessa hin jirre Qorannoo gabaa Abbaan Taayitaa Konsitiraakshinii sadarkaa sadarkaan jiru bu'uura godhachuun ta'a.
✍️Hojiin Ijaarsaa hojii duraa keessa kan jiru dabalataan bitamuu 25% waliigaltee duraa irraa caaluu hin qabu gatii dura walii galtee keessa jiru osoo hin jijjiirni ta'a.
Hojiin Ijaarsaa dabalataan bitaman 30% fi 25%walitti ida'amee 55% ol yoo ta'e furmaanni isaa maalta'a?
🙏Furmaanni ta'uu qabu.
1.Waliigaltee addaa kutanii caalbaasii biraa baasun kennuu.
2.Diinagdummaa kan qabuu fi Qaama waliigaltee waliin qaban irraa fuudhanii kan biraa hojjachiisuu diinagduummaa kan hin qabnee fi miidhaa malee bu'aa kan hin qabne yoo ta'e akkaataa labsii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa lakk.157/2002 keewwata 41(c) jalatti ibsame bu'uura gochuun murteessanii hojjachiisudha.
✍️ KANAAN ALA FURMAANNI JIRU MAALINNI?
Filannoon jiru.
1.Qaama biraaf kennuu.
2.Dhaabbatichuma dabalanii hojjachiisuu.
3.Ijaarsicha dhiisuu/gatuu/
@.Gonkuma ijaarsa mootummaa kana gatuun hin danda'amu.
🙏 Diinagdummaa isaa ilaalun.
Filannoo 2 kana keessaa diinagdummaa fi haala qabatamaa isaa ilaalun.
1.Qaama biraaf kennuu.
2.Dhaabbatichuma dabalanii hojjachiisuu.
keessaa filatanii bu'uura labsii fi qajeelfamaan murteessanii hojjachiisudha furmaanni jiru .
HORAA BULAA!
GALATOOMA!
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Waliigaltee Ijaarsaa irratti leenjii kenname.MMWO
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
DhIMMWF Lakk.Galmee 228231 ta’e irratti dhimmaa Wabii Qeenxee ykn Salphaa(simple surety ship) ilaalchisee”….…Namni Wabii Qeenxee ykn Salphaa (simple surety ship) ta'ee jiru tokko falmiin inni abbaan mirgaa isa otoo hin himatiin dura abbaa idaa mummee waliin falmadhu ykn dursa abbaa idaa mummee himachu qaba (benefit of discussion) jechuun kaasuu fudhatamummaa kan argatu mirgii kun akka isaaf kabajamu haaldureewwan dursa guutamani argamu qaban ilaalchisee murtii gaafa 30/06/2015 kennamee jirudha(murtii hin maxxanfamnee)
T.me/waaac2016
1 384
Repost from abyssinialaw.com⚡️
We have corrected some of the bugs in the negari application. We are working to include the latest laws and cassation decisions.
Currently we have updated the court calculation fee based on the Federal Supreme Court Calculation.
Uninstall and install the apk again.
1 384
Repost from Teha Sulti Law Channel(0921254774)
Share 'Qajeelfama Kaartaa manneen mootummaaf baasuu .pdf'
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
'Artificial Intelligence' (AI) Jechuun Maal Jechuudhaa Maalif Nu Barbaachisaa?Gosoota Akkamii Qabaa? °°°===°°°°====°°°°°°=====°°°°°°°°°° 👁ዓለም ወደ አምስተኛ የኢንዱስትሪ አቢዮት እየገሰገሰ ይገኛል።ይህም አቢዮት AI የሚባል ነዉ። ✍️እስክ ስለዚህ ነገር ትንሽ ልበል ✅ አርቴፊሻል ኢንተለጀንስ (AI) ምንድን ነው? ለምን እንደሚያስፈልግ፣ ዋና ዋና ክፍሎቹ ምን እንደሆኑ፣ ጥቅሞቹ፣ ጉዳቶቹ እና የወደፊት እጣው ምን ሊመስል እንደሚችል በአጭሩ ለማብራራት ሞክሬያለሁ። ✅1. አርቴፊሻል ኢንተለጀንስ (AI) ምንድን ነው? (What is AI?) ✅ አርቴፊሻል ኢንተለጀንስ (AI) ማለት የሰው ልጅ የማሰብ ችሎታን፣ በተለይም እንደ መማር፣ ችግር መፍታት፣ እና ውሳኔ መስጠት ያሉትን ብቃቶች ለመምሰል የሚሞክሩ ማሽኖችን ወይም የኮምፒውተር ስርዓቶችን የመፍጠር ቴክኖሎጂ ነው። ✅ አርቴፊሻል ኢንተለጀንስ የሚለው ስም እንደሚያመለክተው፣ መሠረታዊ ግቡ የሰው ልጅ ተፈጥሮአዊ የማሰብ ችሎታን (Intelligence) በሰው ሰራሽ ስርዓቶች (Artificial Systems) ውስጥ መፍጠር ነው። AIን በአጭሩ ስንገልጸው፣ የኮምፒውተር ሳይንስ ቅርንጫፍ ሲሆን ማሽኖች የሰውን ልጅ አእምሯዊ ተግባራት እንዲፈጽሙ የሚያስችል ቴክኖሎጂ ነው። ✅ ይህ ክፍል AI የሰው ልጅ የማሰብ ችሎታን ለመምሰል የሚሞክሩ ማሽኖችን ወይም የኮምፒውተር ስርዓቶችን የመፍጠር ቴክኖሎጂ እንደሆነ ይገልጻል። ✅ ዋና ዓላማው ኮምፒውተሮች የሰው ልጅ አዕምሮ የሚሰራቸውን ውስብስብ ተግባራት (ለምሳሌ፦ ምስልን መለየት፣ ድምጽን መረዳት፣ ወይም ቋንቋን መተርጎም) እንዲያከናውኑ ማስቻል ነው። ✅ ዋና ዓላማው: ኮምፒውተሮች የሰው ልጅ አዕምሮ የሚሰራቸውን ተግባራት እንዲያከናውኑ ማስቻል ነው። ✅ የሚያከናውናቸው ተግባራት (በምሳሌ): ✅ ምስልን መለየት (Visual Perception): ⏺ ምሳሌ: ስልክዎን በፊትዎ ሲከፍቱ (Face ID)፣ ካሜራው እርስዎን መለየቱ የ AI ሥራ ነው። ⏺ ምሳሌ: ፌስቡክ ላይ ፎቶ ሲለጥፉ ጓደኞችዎን በአውቶማቲክ ለይቶ "Tag" እንዲያደርጉ ሲጠቁምዎት። ✅ ንግግርን መረዳት (Speech Recognition): ⏺ ምሳሌ: በስልክዎ ላይ "Hey Google" ወይም "Siri" ብለው ሲያዙ፣ ድምጽዎን ተረድቶ መልስ መስጠቱ። ✅ ውሳኔ መስጠት (Decision-Making): ⏺ ምሳሌ: ኔትፍሊክስ (Netflix) ወይም ዩቲዩብ (YouTube) እርስዎ የወደዷቸውን ቪዲዮዎች መሠረት በማድረግ "ይህንን ትወዱታላችሁ" ብሎ ሌላ ቪዲዮ ሲመክርዎ። ✅ ችግር መፍታት (Problem-Solving): ⏺ ምሳሌ: ጎግል ካርታ (Google Maps) የትራፊክ መጨናነቅን ተንትኖ፣ ወደ መድረሻዎ ፈጣኑን መንገድ ሲመርጥልዎት። ✅2. AI ለምን ያስፈልገናል? (Why do we need AI?) ይህ ክፍል AI ለምን አስፈላጊ እንደሆነ ሁለት ዋና ዋና ነጥቦችን እንይ። ✅ 1. ግዙፍ መረጃን መተንተን: AI የሰው ልጅ በአዕምሮው ሊተነትነው የማይችለውን እጅግ በጣም ግዙፍ (vast amounts) መረጃን በከፍተኛ ፍጥነት እና ትክክለኛነት መመርመር ይችላል። ⏺ ምሳሌ: በሕክምናው ዘርፍ፣ አንድ AI ስርዓት በደቂቃዎች ውስጥ በሚሊዮን የሚቆጠሩ የካንሰር ታካሚዎችን መረጃ በመተንተን፣ በሽታው እንዴት እንደሚሰራጭ ወይም የትኛው መድኃኒት የተሻለ ውጤት እንደሚሰጥ ሊተነብይ ይችላል። ✅ 2. ግላዊ አገልግሎት መስጠት (Personalization): AI የእርስዎን ባህሪ እና ፍላጎት በመተንተን፣ ለእርስዎ ብቻ የተለየ አገልግሎት ወይም ምርት እንዲቀርብ ያደርጋል። ⏺ ምሳሌ: "Spotify" ወይም "Apple Music" እርስዎ የሚያዳምጧቸውን ዘፈኖች በመተንተን፣ የእርስዎን ሙዚቃዊ ጣዕም የሚመጥኑ አዳዲስ ዘፈኖችን በየሳምንቱ ሲያቀርብልዎት። ✅ 3. የ AI ዓይነቶች (Types of AI) ለምሳሌ: አራት የ AI አይነቶችን እንዘርዝር። ✅ 1. ሪአክቲቭ ማሽኖች (Reactive Machines): ይህ በጣም መሠረታዊው የ AI ዓይነት ነው። በወቅቱ የሚያየውን ነገር ብቻ ተመልክቶ ውሳኔ ይሰጣል፤ ምንም ዓይነት ትውስታ (memory) የለውም፤ ካለፈው ልምዱ አይማርም። ⏺ ምሳሌ: የ IBM's "Deep Blue" ኮምፒውተር በ1990ዎቹ የዓለም የቼዝ ሻምፒዮንን ያሸነፈው። በወቅቱ በቼዝ ሰሌዳው ላይ ያሉትን ድንጋዮች አቀማመጥ ብቻ አይቶ ቀጣዩን ምርጥ እንቅስቃሴ ይወስናል እንጂ፣ "ከ5 ደቂቃ በፊት እንዲህ ተጫውቼ ነበር" ብሎ አያስታውስም። ✅ 2. የተገደበ ትውስታ (Limited Memory): አብዛኛዎቹ የዛሬዎቹ AI ስርዓቶች በዚህ ምድብ ስር ይወድቃሉ። ለአጭር ጊዜም ቢሆን ካለፈው መረጃ ወይም ልምድ መማር ይችላሉ። ⏺ ምሳሌ: ራሳቸውን የሚያሽከረክሩ መኪኖች (Self-driving cars)። ✅ 3. የአዕምሮ ንድፈ ሐሳብ (Theory of Mind): ይህ ገና በምርምር ላይ ያለ፣ የወደፊቱ የ AI ደረጃ ነው። የሰዎችን ስሜት፣ እምነት፣ ፍላጎት እና ሀሳብ መረዳት የሚችል AI መፍጠር ነው። ⏺ ምሳሌ (በንድፈ ሐሳብ): አንድ ሮቦት "ባለቤቴ ዛሬ ፊቱ ተከፍቷል፣ ስለዚህ የሚያዝናና ሙዚቃ ልክፈትለት" ብሎ ማሰብ ሲችል። (ይህ ገና አልተሠራም)። ✅ 4. ራስን መቻል (Self-Aware AI): ይህ የ AI ከፍተኛው እና የሳይንስ ልብወለድ (science fiction) የሚመስለው ደረጃ ነው። እራሱን እንደተለየ ግለሰብ የሚያውቅ፣ ንቃተ-ህሊና (consciousness) ያለው እና የራሱ ስሜት ያለው ማሽን ማለት ነው። (ይህ በፍጹም የሌለ እና የንድፈ ሐሳብ ብቻ ነው)። ✅🧠 የ AI ምሰሶዎች (The Pillars of AI) AI አንድ ትልቅ ጽንሰ-ሐሳብ ሲሆን፣ የሚሠራውም በውስጡ ባሉ በርካታ ንዑስ-ቅርንጫፎች ነው። ከእነዚህ ውስጥ ዋና ዋናዎቹ የሚከተሉት ናቸው። ✅ 1. ማሽን ለርኒንግ (Machine Learning - ML): ይህ የ AI ንዑስ መስክ ሲሆን፣ ኮምፒውተሮች በግልጽ "ይህን አድርግ" ተብለው ፕሮግራም ሳይደረጉ፣ በራሳቸው ጊዜ ከሚያገኙት መረጃ (data) ወይም ልምድ እንዲማሩ (learn) እና እንዲሻሻሉ የሚያደርግ ቴክኖሎጂ ነው። ⏺ ምሳሌ: የእርስዎ ኢሜይል (Gmail) የማይፈልግ መልዕክቶችን (Spam) የሚለይበት መንገድ። መጀመሪያ ላይ አንዳንድ አይፈለጌ መልዕክቶች ሊያልፉት ይችላሉ፣ ነገር ግን እርስዎ "ይህ ስፓም ነው" ብለው በየጊዜው ሲያመለክቱት፣ ስርዓቱ ምን ዓይነት መልዕክቶች ስፓም እንደሆኑ እየተማረ ሄዶ ወደፊት በራሱ መለየት ይጀምራል። ✅ 2. ዲፕ ለርኒንግ (Deep Learning): ይህ ደግሞ የ'ማሽን ለርኒንግ' ንዑስ መስክ ነው። የሚሠራው የሰው ልጅ አዕምሮ የነርቭ ሴሎች (neurons) እንደተያያዙበት መንገድ በተዋቀሩ "አርቴፊሻል የነርቭ መረቦች" (Artificial Neural Networks) በመጠቀም ነው። ⏺ ልዩነቱ: 'ዲፕ ለርኒንግ' በጣም ውስብስብ የሆኑ ስርዓተ-ጥለቶችን (patterns) ለመለየት ይጠቅማል። (Madda: Fuula FB Construction Industry of Ethiopia) Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Waldiddaawwan Lafa Baadiyyaafi Magaalaatiin Walqabatu Ilaalchisee Gareewwan Falmii Jiraattota Naannoo Garaagaraa Ta'uun Aangoo Hundee Dubbii Murteessisuuf Ni Ilaalamaa?^^^^¢¢¢¢^^^^^¢¢¢¢¢¢^^^^^^^¢¢¢¢¢¢¢
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 25/04/2016 ooleen Lakk.Ga.246305 ta'e irratti kenne keessatti: 👉Himannaa jiraattotni naannolee adda addaa ykn jiraataa naannoofi dhaabbilee mootummaa federaalaatiin galmaa'an lafa baadiyyaa falmiif sababa ta'e irraa kan mirga qabu anadha jechuun wal irratti dhiyeessan bulchiinsa lafaatiin kan walqabatuufi dhimma naannoo waan ta'eef, akkaataa qoodinsa aangoo abbaa seerummaa seera baastuu naannoo raawwateen, jiraattota naannolee garaagaraa ta'uu isaanii osoo tilmaama keessa hin galchin, bu'uura labsii bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaatiin mana murtii aanaatti dhiyaatee kan ilaalamuu qabudha jedheera. 👉Dhaddachichi irra deddeebiidhaan Lakk.Ga.106560, 116583, 112464fi galmeelee biroo irratti murteessuu isaas ibseera. 👉Waldiddaa akkasii ilaalchisee tumaan labsii manneen murtii federaalaa hundeessuuf bahe, lakk.1234/2013 kwt 5(1(f,h fi k), kan waa'ee aangoo hundee dubbii tumuufi dhimma qaama mootummaa federaalaa ta'uu; jiraattota naannolee garaagaraa ta'uufi mootummaa federaalaatiin galmaa'uu) ilaallatu tilmaama keessa galuu hin qabu jedheera. 👁️Kanaan walqabatee Dhaddachi Ijibbaataa murtiiwwan manneen murtii jalaa diiguun kan nuffisiiseen ta'uu isaa ifatti agarsiisuuf galmeewwan murtii wal fakkaataan irratti kennaman hedduu tarreesseera. (🧐) ❓Waldiddaa mirga qabiyyee lafa magaalaatiin walqabatee dhiyaatu ilaalchisee dhimmi teessoo dhaabbii gareewwan falmii ykn bakka galmee dhaabbilee ilaalamee aangoon hundee dubbii ni murtaa'aa? (👉walitti deebina!) Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
✅Barreeffama Gabaabaa Haala Raawwii Qajeelfama Adabbii Haarayaa Ilaalchisee Obbo Bisraat Tasfaayee (Abbaa Seeraa MMWO)tiin Qophaa'e. Barreeffamichi: 👉Gochoota Yakkaa Qajeelfamni Adabbii Haarayaan (Lakk.03/2017) Ragga'uun Dura Raawwatamanii Murtiin Adabbii Isaanii Immoo Erga Qajeelfamichi Ragga'ee Kennamu Irratti Qajeelfamni Adabbii Raawwatiinsa Qabaatu Qajeelfama Yeroo Gochichi Raawwatametti Turee? Kan Yeroo Adabbiin Kennamutti Hojiirra Jirudhamoo? Kan Himatamaa Fayyadu Qulqullaa'eeti? kan jedhu sakatta'eera. 👉Hiikkoo seeraa dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF kanaan dura qajeelfamoota duraaniitiin walqabsiisee Lakk.galmee 113065 irratti (kan hin maxxafamne) fi lakk.galmee 95438 (Jildii 17ffaa) irratti kenname xiinxala isàatiif bu'uura taasifateera. 👉Barreeffamichi itti gaafatamummaa manni murtii qabus akeekeera. ❓Isin xiinxala taasifame akkamitti ilaaltu? Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Murtiin Adeemsota Kasaaraa Bansiisu (Eegalsiisu) Kennamuun Abbaan Idaa Mirgoota Akkamii Akka Dhabu (Mulqamu) Taasisa? Mirgoonni Hin Mulqamne Jiruu? ==^^^===^^^^^====^^^^^^===== Mirgi Abbaa Idaa Kan Mulqamu Ta’uu Isaa (Divestment of the Debtor) Daangaa Raawwatiinsa Mirgoota Mulqamanii 1) Adeemsi kasaaruu akka banamu yeroo murtiin kennamutti, abbaan idaa qabeenyawwan isaa ilaachisee mirgoota qabu kamiyyuu battalamutti kan dhabu ta’a. 2) Adeemsi kasaaruu akka banamu murtiin yeroo kennamutti dandeettii himachuu fi himatamuu kan qabu bulchaa qabeenya nama kasaaree qofa dha; Manni Murtichaa abbaan idaa gaaffii yommuu dhiyeessutti falmii kamiyyuu keessatti akka hirmaatu hayyamuufii ni danda’a. 3) Gochaawwan tumaalee kanneen walfaalleessuun raawwataman kamiyyuu qaamota sadaffaa irratti raawwatiinsa hin qabaatan. 4) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti kan tumame jiraatuyyuu, abbaan idaa falmii yakkaa keessatti akka himtaa seera Hariiroo Hawaasaatti mirga akka beenyaa argachuu jiran mirgoota amala dhuunfaa qabanitti fayyadamuu ni danda’a. (Seera Daldalaa Haarayaa, Labsii Lakk.1243/2013 Kwt 725) Hubachiisa: ✅Adeemsonni kasaaraa banamuu jechuun galmeen dhimma kasaaraa ilaallatu banamuu (saaqamuu) jechuu miti. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Hiikkoo Seeraa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Sagalee Caalmaatiin Kennu Dirqisiisummaa Ni Qabaataa? Kan Naannoo Keenyaa hoo? ^^^✓✓✓^^^^^✓✓✓✓^^^^^^✓✓✓✓✓✓✓ ✅Labsiin Lakk.454/1997, kan Labsii Manneen Murtii Federaalaa, Lakk.1234/2013 ta’een haqame, haala dirqisiisummaa hiikkoo seeraa isaa ilaalchisee akkaataa armaan gadiitti tumee ture. ☑️☑️ "የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት 'ከአምስት ያላነሱ ዳኞች በተሰየመበት የሰበር ችሉት የሚሰጠው የሕግ ትርጉም በየትኛውም ደረጃ ላይ በሚገኝ የፌዴራል ወይም የክልል ፍርድ ቤት ላይ አስገዳጅነት ይኖረዋል፡፡ ሆኖም የሰበር ችሉቱ በሌላ ጊዜ በተመሳሳይ ጭብጥ የተለየ ትርጉም ሊሰጥ ይችላል" jedheera. 👉Baayina abbootii seeraa moggaafamuu qabanii ibsa malee sagalee guutuu ta’uu ifatti hin ibsu. ✅Haaluma walfakkaatuun, Labsiin Lakk.1234 kwt 10(2) jalatti hiikkoon seeraa dhaddachi Ijibbaataa MMWF abbootii seeraa shanii gadi hin taaneen moggaafamanii kennan guyyaa murtichi kenname irraa kaasee manneen murtii naannoos ta’e federaalaa ni dirqisiisu. (+Labsii lakk.454/2005 kwt 2(4) ✅Kwt 26 jalatti immoo murtiin abbaa seeraa shaniin kenname abbaa seeraa torbaan fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’u ta’uu; kan abbaa seeraa torbaan kenname abbaa seeraa torbaan deebi’ee jijjiramuu kan danda’u ta’uu tumeera. 👉Kwtni kunis waa’ee moggaafamuu malee waa’ee sagalee guutuun murteessuu hin ibsu. ✅Gama birootiin, Labsiin naannoo keenyaa, Lakk.216/2011 kwt 29(1) jalatti: Murtiin Dhaddacha Ijibbaataa Pirezidaantii fi Pirezidaantii Itti Aanaa dabalatee Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigalaa yoo xiqqaate shaniin sagalee guutuun hiikaa seeraa ilaalchisee dhimma naannoo irratti kenname Manneen Murtii Naanichaa irratti dirqisiisummaa hiika seeraa ni qabaata" jedha. ✅Kwt xiqqaa (2) jalatti immoo sababa amansiisaa ta’een hiikkoo seeraa duraan kennan jijjiiruun kan danda’amu ta’uu ibsa. 👁️Labsileen lamaan garaagarummaa ni qabu. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
✅Labsiin Maallaqa Ykn Qabeenya Gocha Yakkaan Argame Seera Qabeessa Fakkeesanii Dhiyeessuu fi Shororkeessumaaa Maallaqaan Deeggaruu Ittisuuf fooyya'ee bahe, Labsiin Lakk.1387/2017 kwt 4 jalatti Miiltoon (Annex) labsichaan walqabatee akka jiru ibsa. Haa ta'u malee, Waraabbiin labsichaa miidiyaalee hawaasaatiin raabsamee ogeessa hedduu harka gale miiltoo kana ofirraa hin qabu. Kanaaf, miiltoo (annex) addatti bahee jiru kana buufadhaa dubbisaa! (Garagalcha miiltoo labsichaa nuuf erguu isaaniitiif kabajamoo Obbo Bisraat Tasfaayee (Abbaa Seeraa MMWO) ni galateeffanna.🙏🙏) Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Dhimma Mirga Abbaa qabiyyummaa Ykn Itti Fayyadama Lafaa Raawwii Master Pilaanii Magaalaatiin Walqabatee Dhiyaatu Ilaaluuf Manni Murtii Aangoo Hundee Dubbii Qabu Mana Murtii Kamidhaa? (Akka Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti)°°°°°✓°°°°°°✓✓°°°°°°✓✓✓°°°°°°✓✓✓✓
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 28/01/2014 ooleen Lakk.Ga.204300 irratti, iyyataa:-Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dr Bedruu Huseenfaa (N-4) gidduutti ilaalee, kenne keessatti: "የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ቻርተር አዋጅ ቁጥር 361/95 አንቀጽ 41(1)(ሀ) የከተማውን መሪ ኘላን አፈፃፀም የሚመለከት የይዞታ ባለመብትነት፣ የፈቃድ አሠጣጥ ወይም የቦታ አጠቃቀምን በተመለከተ በሚነሳ ጉዳዮች ላይ የሚቀርበው ክርክር የከተማው አስተዳደር ፍ/ቤቶች ሥልጣን መሆኑን ይደነግጋል፡፡ በያዝነው ጉዳይ ተጠሪዎች ያቀረቡት ክስ 9ኛ እና 10ኛውን ማስተር ፕላን በሚጻረር ሁኔታ የመንገድ ግንባታ በማከናወን በተጠሪዎች ይዞታ ላይ የፈጠረው የሁከት ተግባር እንዲወገድ የሚል በመሆኑ እና አመልካችም በከተማው ማስተር ፕላን መሠረት መንገዱን በመገንባት ላይ ያለ መሆኑን በመግለጽ የሚከራከር በመሆኑ የግራቀኙ ክርክር የከተማውን መሪ ኘላን አፈፃፀምን የሚመለከት ነው፡፥ በመንገድ ምክንያት ይዞታው ላይ ሁከት የተፈጠረበት ሰው ደግሞ አርምጃው ከሕግ ውጪ ነው የሚል ከሆነ የከተማውን መሪ ፕላን መሠረት ተደርጎ ምላሽ የሚያገኝ እንጂ የይዞታ ባለመብትነትን ብቻ መሰረት በማድረግ በሚቀርብ የሁከት ይወገድልኝ ክስ የሚወሰን ጉዳይ አይደለም፡ ይህንኑ አስመልክቶም የፌዴራል ጠቅለይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሉት በሰ.መ.ቁ 18552፤ 56273፤100554 እና በሌሎችም መዛግብት አስገዳጅ የሆነ የሕግ ትርጉም ሰጥቶበታል፡፡ ስለሆነም ጉዳዩ የቀረበለት የፌዴራል መጀመሪያ ደረጃ ፍርድ ቤት ተጠሪዎች ያቀረቡት ክስ ከመንገድ ሥራ ጋር በተገናኘ የከተማውን መሪ ፕላን አፈጻጸም የሚመለከት ሆኖ ሳለ ጉዳዩን የማየት የሥረ-ነገር ስልጣን የለኝም በማለት መመለስ ሲገባው አከራክሮ ውሳኔ መስጠቱ መሠረታዊ የሆነ የሕግ ስሕተት የተፈፀመበት ሆኖ አግኝተነዋል" jedheera. Hubachiisa: ✅Lafa faayidaa uummataa kanneen akka daandiitiif fudhachuun (beenyaa dursee kaffaluun) raawwii master pilaanii keessatti hammatamuu danda'a. ✅Komiin bu'uura Labsii Lakk.1161/2011 kwt 5(4)tiin lafti faayidaa uummataaf jedhamee kan murtaa'e akkaataa maaster pilaanii Magaalaatti miti jedhu sadarkaa jalqabaatti kan dhiyaatu qaama iyyannoo dhagahuuf akkaataa labsichaatti hundeeffame biratti (Complaint Hearing Body) malee kallattiidhaan Mana Murtii sadarkaa Bulchiinsa magaalichatti hundeeffame biratti miti. ✅Akka Naannoo keenyaatti, bu'uura Dambii lakk.186/2008 kwt 23tiin Manni Murtii Idlee sadarkaa Bulchiinsa magaalaatti hundeeffamu dhimma hojiirra oolmaa seerotaafi pilaanii magaalaa ilaaluuf aangoo akka qabu tumamee ture. Labsiin Magaalota Naannoo Oromiyaa Irra deebiin hundeessuuf bahe, lakk.250/2015 immoo magaalotaafi manneen murtii bifa haarayaadhaan kan caasesse ta'uun isaa ni beekama. Haala kanaan, gosti falmii olitti ibsame manneen murtii aanaa sadarkaa kutaa magaalatti hundeeffaman biratti waan dhiyaatu fakkaata. ❓Falmii Raawwii Maaster Pilaaniitiin Walqabatee Dhiyaatu jechuun falmii "Maaster pilaaniin mirga abbaa qabiyyummaa kiyya sarbe" ykn "Maaster Pilaaniin adeemsa seeraa hordofee hin qophoofne (hin mirkanoofne), sababa kanaanis mirgi kiyya sarbame" jedhus ni dabalataa? Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Baasiin Adeemsa Diiggaa Gaa'ilaa Keessatti, Wayita Abbaan Warraafi Haati Warraa Waldhabanii Jiranitti, Isaan Keessaa Tokkoon Isaaniitiin Bahe Faayidaa Bultii Maatiitiif Akka Ooletti Ni Tilmaamamaa?^^^✓✓^^^^✓✓✓^^^^^✓✓✓✓^^^^^^^
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 26/05/2014 ooleen Lakk.Ga.202105 irratti kenne keessatti: "Tilmaamni seeraa baasiin gaa'ila keessatti bahe faayidaa bultii maatiitiif akka bahetti tilmaamama jedhu jiraachuun isaa akkuma jirutti ta'ee, adeemsa diiggaa gaa'ilaa keessatti ykn wayita abbaan warraafi haati warraa waldhabanii jiranitti maallaqni yoo bahe, sababni seeraa itti faayidaa gaa'ilaatiif ooleera jedhamuuf hin jiru" Hubachiisa: ✅Dhaddachichi murtii kana kan kenne dhimma Mana Murtii Aanaa Magaalaa Adaamaa irraa eegalee tureen walqabsiiseeti. ✅Murtichi tilmaamni seera maatiitiin fudhatame haala addaa qabaachuu kan agarsiise fakkaata. Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Repost from ⚖️ EthioLegal Hub | Kuusaa Seeraa | የሕግ ማኅደር
Waliigaltee Bittaafi Gurgurtaa Qabeenya Hin Sochoonee, Kan Ulaagaa Foormii SHH kwt 1723 Hin Guutneen Walqabatee Mallattoon Waliigalticha Irra Jiru Haalamee Wayita Foorensikiidhaan Qoratamu Kan Nama Haalee Ta'ee Argamuun Isaa Falmii Seera Qabeessummaa Waliigaltichaa Ilaalchisee Ka'e Gatii Ni Dhabsiisaa? °°°✓✓✓°°°°°°✓✓✓✓°°°°°°✓✓✓✓✓ ውል ላይ የተፈረመ ፊርማ መረጋገጥ ህጋዊ ውጤት የሰ/መ/ቁጥር 185708 ውል ለማዋዋል ስልጣን በተሰጠው አካል ፊት ባልተደረገ የማይንቀሳቀስ ንብረት ሽያጭ ውል መነሻነት ገዢ ቤቱን ያስረክበኝ ብሎ በሻጭ ላይ ክስ ሲያቀርብ ተከሳሽ /ሻጭ/ “ከከሳሽ (ገዥ) ጋር ውል አልፈጸምኩም። ምንም ገንዘብ አልተቀበልኩም” በማለት ክዶ ተከራከረ። በመቀጠል ፍርድ ቤቱ በውሉ ላይ ያለው ፊርማ በፎሬንሲክ እንዲመረመር ካደረገ በኋላ የሻጭ መሆኑ ተረጋገጠ። በዚህ መልኩ የፊርማው መረጋገጥ ህጋዊ ውጤቱ “በጸና አኳኋን የአጻጻፍ ስርዓቱን ተከትሎ ባለመደረጉ በሕግ ፊት ውጤት አይኖረውም የተባለ ውል በፍ/ብ/ሕግ ቁጥር 1808(2) ስር በተደነገገው መሰረት ፈርሶ ውለታውን ለመፈጸም የተደረገ ነገር ቀሪ ሆኖ ተዋዋዮች ውሉ ከመደረጉ በፊት ወደነበሩበት ሁኔታ እንዲመለሱ ማድረግ እንደሚገባ ፍ/ብ/ሕግ ቁጥር 1815 ስር በመደንገጉ ውሉ ውጤት የለውም የሚባል ከሆነ ገዥ ከፈልኩኝ ያሉትን ገንዘብ ሻጭ ሊመልሱ የሚገባ መሆን አለመሆኑ መወሰን ስላለበት ነው።” በውሉ ላይ ሻጭ መፈረማቸው በፎረንሲክ ምርመራ መረጋገጡ ግራ ቀኙን ወደነበሩበት ሁኔታ ለመመለስ ጥቅም ላይ የሚውል ማስረጃ ሆኖ ከሚቀር በስተቀር ሻጭ ውሉን አልተዋዋልኩም ብለው በግለጽ ክደው ያቀረቡትን ክርክር እና ውሉ በፍ/ብ/ሕግ ቁጥር 1723/1 ስር በተደነገገው መሰረት በጸና አኳኋን አልተደረገም በማለት ያሰሙትን ክርክር ዋጋ የሚያሳጣ ማስረጃ ተደርጎ ሊወሰድ የሚችል አይደለም፡፡ (ያልታተሙ የሰበር ውሳኔዎች በዳንኤል ፍቃዱ /ጠበቃ የሰ/መ/ቁጥር 185708) Join:-@desberofMM Desalegn B.
1 384
Murtee Dirqisiisaa 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚a 𝐋a𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 219345 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 hiikoo kenne tana guutuu dubbisaa Adaraa
Garagalcha murtii #Pdf Tg jala isiniif kaa'en jira.
