ar
Feedback
https://t.me/Ijooseera

 https://t.me/Ijooseera

الذهاب إلى القناة على Telegram
459
المشتركون
-124 ساعات
-27 أيام
لا توجد بيانات30 أيام
أرشيف المشاركات
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 24/03/2012 ooleen lakk.Ga.182628 (Jildii 28ffaa) ta'e irratti kenne keessatti: 👉Manneen murtii osoo qaamni (garee) 3ffaan tokko akkaataa sdfs kwt 40(2)tiin garee barbaachisaa ta'ee akka falmiitti makamuufi falmii isaa dhiyeeffatu hin taasisin; osoo seerummaanis hin gaafatamin, qabeenyi falmiif sababa ta'e qabeenya dhaalaa osoo hin taane qabeenya garee 3ffaati jechuun garee 3ffaa falmiitti hin makamneef murteessuu hin danda'an" jedheera.      (Sdfs kwt 182(2)fi 40(2)) Hubachiisa: ✅Ka'umsi dhimma kanaa qulqulleessituun qabeenya dhaalaa nuuf muudamee qabeenyi aulqullaaee gabaasni mana murtiitiif akka nuuf dhiyaatu kan jedhudha. ✅Manni Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaas haaluma gaafatameen qulqulleessituu qabeenya dhaalaa muudeera. ✅Qulqulleessituun muudamte kun immoo qabeenya dhaalaa qulqulleessitee Mana Murtiitiif gabaasa dhiyeessiteetti. ✅Waajjirri bulchiinsa mana amantaa 'ቅድስት ሥላሴ ካቴድራል' jedhamu sadarkaa qulqulleessituu qabeenya dhaalaatti manneen kutaa sadii kan dhaaltotaa osoo hin taane keenyadha jechuun falmii dhiyeessaniiru. ✅Manni Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaa osoo waajjirri kun akkaataa sdfs kwt 40(2)tiin akka falmiitti makamu hin taasisin, waajjirichi mana murtichaatti dhiyaatee manneen kutaan sadii kiyyadha waan ta'eef naaf haa murtaa'u jedhee seerummaa hin gaafatin, manneen kutaa sadii kan waajjirichaati jedhee murteesseera. MMO Federaalaa ni cimse. Dhaddachi Ijibbaataa sababoota olitti ibsamaniin diige jechuudha. 👁️Hiikkoon seeraa kun, garee 3ffaan qabeenya dhaalaa qulqullaa'aa jiru irraa dantaan qaba jedhu waanuma qulqulleessituu qabeenya dhaalaa biratti iyyateef ykn gidduu lixeef qofa murtaa'uufii akka hin dabdeenyeefi mana murtiitti falmiitti akka makamu taasisuun barbaachisaa ta'uu; akkasumas seerummaan akkaataa sdfs kwt 182(2)tiin gaafatamuu kan qabu ta'uu agarsiisa.   https://t.me/http_Ijooseeraa

#Murtee dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁 ============================== ⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen ✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas  sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira. Murtii kana murtii kanaan dura #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira. https://t.me/http_Ijooseeraa

#Jaarsaa fi Jaartii Keessaa Inni Tokko Badee Yoo Dhabame Inni Hafe Dhimma Gaa'ilaa fi Qabeenya Ilaalchisee Furmaanni Isaa Maali? Inni Hafe Nama Biroo Waliin Erga Bultii Ijaaree Booda Inni Bade Yoo Deebi'e Furmaanni Isaa Maali? Seerri Hoo Maal Jedha? Seera maatii federaalaa fi Naannoolee jalattis sababoonni gaa'illi tokko itti diigamu keessaa tokko badiinsa yommuu tahu kunis jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko yoo badee dhabame gaa'illi kan diigamu tahuu kan tumamee jiru fi Seera hariiroo hawaasaa keewwata 163 (1) jalattis jaarsaa fi jaartii keessa tokko badee dhabamee guyyaa murtiin badinsa nama bade kana mirkaneessuun baduu isaa labsuun mana murtiitiin kenname irraa jalqabee gaa'illi kan diigamu tahuu ifatti tumamee jira. Karaa biraatiin seera hariiroo keewwata 170 jalatti namni bade dhabame jedhamuun badinsa isaa labsuun murtiin irratti kenname kan deebi'ee argamu yoo ta'e, erga murtiin kennamee booda jiraachuun isaa yokiin murtiin erga kennamee booda du'uun isaa yoo mirkanaa'e murtiin badinsa nama sanaa labsuun kenname kan ka'u yokiin bu'aa hordafsiisuu kan dhaabu tahuu isaa tumamee jira. Dhaddachi ijibaataa kana ilaalchisee  akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 170 jalatti tumame kanaan murtiin badinsa nama tokko labsuun kenname ka'uun yokiin bu'aa hordafsiisuu dhaabuun isaa sababa baduu isaatiin gaa'ila nama sana kan diigamee ture iddoo duraan tureti akka deebi'u gochuu hin danda'u jechuun lakkofsa galmee olitti caqafame kana irratti dhaddacha gaafa 29/2/2015 ooleen murteesee jira. Gaaffiin murtiin diiggaa gaa'ilaa ka'e ga'illi iddoo duraan tureti akka deebi'u jechuun dhiyaatuus hayyama waamamaa malee kan fudhatama hin qabne tahuu isaa dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti kanneen ibsee jira. kana jechuun gabaabumatti jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko sababa badee dhabamuutin gaa'illi diigame inni hin badin gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa yeroo jiraachaa jiruti inni badee yoo kan deebi'u ta'e gaa'ila kiyya jedhee isaan jeequu hin danda'u jechuudha. Fakkeenyaaf jaarsii badee dhabamuun jaartiin waggaa meeqa egdee nuffitee mana murtiitiin baduu isaa mirkanaa'uun murtiin akka naaf kennamu jechuun iyyattee guyyaa murtiin kennamu irraa gaa'illi waan diigamuuf sana booda nama biroo waliin gaa'ila raawwatee jireenya isii itti fufuu dandeessi jechuudha. Jaarsi isii ka bade murtii mana murtiitin baduun isaa labsame kun kan deebi'e dhufu yoo ta'e jaartii tiyya jedhee isii jeequu hin danda'u Wanti guddaan mana murtiiti iyyannaa dhiyeefachuun badee dhabamee hafuun isaa mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamu taasisuu dha. Baduun isaa murtii mana murtiitiin labsamuu yoo baate garuu badee dhabamuu isaa qofaan gaa'illi waan hin diigamneef kan deebi'ee dhufu yoo ta'e jaartii isaa fi nama isii fuudhees seeraan isaan gaafachuu fi yaakkanis akka adabaman taasisuu ni danda'a akkasumaas rakkooleen hawaasummaa fi diinagdee kan birootis uumamuu danda'a. kanaafuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko badee yoo dhabame inni jiru gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa itti fufuuf badee dhabamuu jaarsa isii yokiin jaartiin isaa baddee dhabamuun mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamuuf mana murtiitii iyyaachuu qaba jechuudha. Qabeenya ilaalchisee garuu namni badee dhabamee kan deebi'e𝘦 dhufu yoo ta'e qabeenya isaa kan dhiisee biraa deeme akkuma inni jiruti akkasumaas maalaqa qabeenyi isaa gurguramuun argame, maalaqa qabeenya isaa irraa argamuun qabeenya invest ta'uun horatame hunda deebisee fudhachuu akka danda'u Seera hariiroo hawaasaa keewwata 171 jalatti tumamee jira. #Barnootaa Fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇 Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632 Telegiram https://t.me/musalawyer https://t.me/http_Ijooseeraa

Repost from Jemal Kumbi
Adeemsa Seeraa Hordofee Beenyaan Kanfalamee Abbaa Qabiyyee Irraa Otuu Hinfuudhamin Lafti Nama biroof kenname jedhamee Ragaan
+8
Adeemsa Seeraa Hordofee Beenyaan Kanfalamee Abbaa Qabiyyee Irraa Otuu Hinfuudhamin Lafti Nama biroof kenname jedhamee Ragaan Abbaa Qabiyyee Kaartaan Laficharatti Kennamuun Bu’aa Akkamii Qaba? ==================================== Heera Mootummaa kwt 40(8), Labsii Beenyaa Lkk 1161/2011, Dambii Beenyaa Lkk 472/2012 fi Murtii Dhaddacha Ijbta MMWF glme Lkk 249569 irratti gaafa 06/02/2017 kenname ================== 1, Abbaa qabiyyeetiif akkaataa HM kwt 40(8) fi Labsii beenyaa lkk 1161/2011 fi Dambii beenyaa Lkk 472/2012tiin beenyaa otuu hinkanfalin ragaa abbaa qabiyyummaa ykn kaartaa Nama birootiif kennuun mirga abbaa qabiyyummaa abbaan qabiyyichaa laficha irraa qabu kan dhabsiisuu miti. 2, MM yoo barbaade beenyaa gaafata malee Lafa gaafachuu hi dandeessu jechuun bu’ura seeraa hinqabu 3, MM lafichi abbaa qabiyyee akka deebi’u murteessuufii qaba. 4, Murtichi garuu yeroo biraa mootummaan laficha yoo barbaade akkaataa seeraatti beenyaa kanfalee fudhachuu kan daangessuu miti. Jemal K Keweti

#Murtee dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁 ============================== ⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen ✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas  sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira. Murtii kana murtii kanaan dura #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira. https://t.me/http_Ijooseeraa

‎Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 16/09/2011 ooleen Lakk.Ga.167589 (Jildii 24ffaa) irratti kenne keessatti: ‎ ‎👉"Gaaffiin qooddii qabeenyaa dhaalaa gahee nam-tokkoo bu'uura godhachuun kan dhiyaate yoo ta'e, hanga iyyataan gahee isaa irratti hundaa'ee seerummaa gaafatetti tilmaama gahee isaatiin ala jiru irratti kaffaltii abbaa seerummaa akka kaffalu seerri dirqisiisuufi seerri tilmaama waliigalaa qabeenyaa dhaalaa irratti hundaa'uun aangoon hundee dubbii akka murtaa'u taasisu hin jiru" jedheera. (Labsii lakk. 25/88 (yeroo ammaatti lakk.1234/2013) kwt14, Sdfs Kwt 17 fi 225) ‎ ‎     Join:-@desberofMM ‎ ‎.         Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa

+4
CLAIM AND DEFENSE.pptx14.01 MB

Raawwii gaa’elaan walqabatee nikaan karaa maatii walfuutota biyya alaa jiraniif bakka isaan hinjirretti godhamu bu’ura seeraa niqabaa?================================== Haala qabatama jiruu fi jireenyaa hawaasummaa irraan kan ka’e yeroo hedduu namoonni qaamaan argamuun fedhii isaanii kallattiin ibsachuun gaa’eela raawwachuu hindanda’an. Keessaayyuu lammiileen biyya kanaa sababa hojiitiin (irra caalaa dubartoonni) biyyoota Arabaa (biyya USA fi Auroppaas dhimmoonni akkasii nijira) deemuun lafuma jiran irraa karaa maatii isaanii biyya ofiitti nikaan yoo hidhamuuf ykn gaa’ela raawwatan baratamaadha. Garuu raawwiin gaa’ela ha haala kanaan raawwatamu seeraan kan hindhoorkamne ta’us qaamaan argamuun sababa humnaa oliitiin kan hindanda’amnee fi bakka bu’ummaan akka raawwatamu (nikaan hidhamu) sadarkaa federaalaatti Ministeera Haqaatiin, sadarkaa naannootti Mana Hojii Abbaa Alangaatiin (SMO) mirkanaa’ee eeyyamamuu akka qabu SMO kwt 29 jalatti tumamee jira. Bu’ura kanaan nikaan beekamtii fi eeyyama Ministeera Haqaa ykn Mana Hojii Abbaa Alangaa malee karaa maatii walfuutotaa qofa bakka walfuutonni hinjirretti raawwatamu bu’ura seeraa hinqabu jechuun Dh Ijbta MMWF glm Lkk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii haaraa sagalee caalmaan kennee jira. Ulaagaan SMO keessatti raawwii gaa’elaaf haalduree ta’an hundi gaa’ela sirna kamiinuu raawwatu hundaaf raawwatiinsa akka qabu fi irraa maquun kan hindanda’amne ta’uus kanaan dura Dh Ijbt kun glm Lkk 213864 ta’erratti murtii hiikkoo dirqisiisaa ta’e kenneera. Kanaaf walumaagalatti gaa’elli karaa sirna amantaa (nikaa)s ta’ee karaa sirnoota hafan seeraan beekamtii qaban lamaaniin raawwatamu walfuutonni lamaan qaamaan argamuun fedhii isaanii haala shakkii hinqabneen ibsachuu akka qabuu fi bakka bu’ummaan kan raawwatamu yoo ta’e sababa humnaa ol ta’een qaamaan argamuun kan hindanda’amne ta’uun Ministeera Haqaatiin ykn Mana Hojii Abbaa Alangaatiin yoo mirkanaa’e qofa fudhatama kan argatu akka ta’e hubatamuu qaba. Garagalcha murtii Dh Ijbt glm Lkk 247257 irratti gaafa 06/02/2017 kennamee fuula Facebook Murawa Abbaa Kuraa irraa fudhatamuun gaditti dhoobamee jira. https://t.me/http_Ijooseeraa

#Waliigalteen_Sirnaan_Mirkanaahuu_fi_Galmaahuun_Dinagdee_Biyyaaf_fi_Lammiilee_Keenyaaf_maaliif_Murteessaadha? ✍️ Biyya haqa, tasgabbii fi guddina dinagdee kabajju keessatti, waliigalteen bu’uura jireenya guyyaa guyyaati jechuun ni danda'am. ✍️ Bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoonee irraa eegalee hanga hojii daldalaa jalqabuutti, waliigalteewwan dinagdee keenya ijaaru. Garuu humnii fi faayidaan waliigaltee inni dhugaan waliigalteen jiraachuu ykn raawwatamuu isaa qofa irratti osoo hin taane; sirnaan mirkanaa'uu fi galmaahuu irratti kan hundaa’udha. ✍️ Waliigalteen sirnaan mirkanaa'uun galmaa'e: #1_Amanamummaa_fi_tilmaamamummaa_Seeraa_Uuma ✍️ Yeroo waliigalteen sirnaan mirkanaa’u (notarized), ragaa cimaa fi seeraa duratti amanamaa ta’a (seensa labsii lakkoofsa 922/2008 ilaali). Kunis falmii hir’isee, amantaa lammiilee, invastarootaa fi dhaabbilee gidduutti uuma. #2_Guddina_Dinagdee_Jajjabeessa ✍️ Waliigalteewwan #sirnaan_galmaa’an, keessumaa kan qabeenya hin sochoonee fi daldalaa irratti hundaa’an, iftoomina fi nageenya uumu. Kunis invastimantii jajjabeessa, liqii argachuuf gargaara, akkasumas sirna gabaa sirrii deeggaru. #3_Waliindhahuu_yknGowwoomsaa_fi_Malaammaltummaa_Hir’isa ✍️ Yeroo Sanadni waliigaltee sirnaan mirkanaa'u: 🙏 Hirmaattonni sirnaan beekamuun isaanii 🙏 Fedhiin ykn Eeyyamni(consent) isaanii dhugaa ta’uu 🙏 Sanadoonni sobaan kan qoohaa'an ta'uu dhabuun isaanii mirkana ta'a ✍️ Waliigaltee galmeessuun ammoo, waliigaltee ifa taasisa(since it is open for public information); kunis waliigalteen dhoksaa fi hojii dachaa ykn qabeenya tokko si'a lama gurguruu (double transaction) ittisa. #4_Mirga_Qabeenyaa_Eega ✍️ Qabeenya hin sochoonee kanneen akka lafaa fi manaa, galmeessuun baay’ee murteessaadha. Kunis abbummaan isaa ifa, raawwatamaa fi nama sadaffaa irraa eegamaa akka ta'u taasisa waan taheef. #5_Mirga_Lammiilee_Eega ✍️ Waliigalteewwan sirnaan mirkanaa’anii fi galmaa’an lammiileef faayidaawwan armaan gadii qabaatu: 👍 Mana murtiitti ragaa cimaa akka qabaataniif 👍 Gaaffiiwwan haqa qabeessa hin taanerraa eega. 👍 Bittaa fi gurgurtaa raawwatan keessatti ofitti amanamummaa akka qabaatan taasisa. #6_Dinagdee_Biyya_Cimsa ✍️ Biyyi waliigalteen keessatti amanamu: 👉 Invastaroota hawwata 👉 Falmii seeraa hir’isa 👉 Bu’a qabeessummaa hojii daldalaa dabala 👉 Naannoo dinagdee tasgabbaa’aa uuma #Walumaagalatti, ✍️ Mirkaneessii fi galmeessi ulaagaa salphaa qofa osoo hin taane meeshaalee seeraa murteessoo lammiileef eegumsa taasisanii fi guddina biyyaa keessatti gahee guddaa qabanidha. 👉 Adeemsa hojiiwwanii seerawoo ta'aniif iddoo haa kenninu; sababiin isaas waliigalteen wabii seeraa qabu, fuulduree wabii qabuu lammiilee fi biyyaaf ni mirkaneessa waan ta'eef https://t.me/http_Ijooseeraa

ክፍት የስራ ማስታወቂያ ዐቃቤ ህግ ደ/ኦሞ ዞን
ክፍት የስራ ማስታወቂያ
ዐቃቤ ህግ ደ/ኦሞ ዞን

+1
የውል ሕግ መሠረታዊ ነጥቦች 🤏 በፕ/ር ጥላሁን ተሾመ

የውል ሕግ መሠረታዊ ነጥቦች 🤏 በፕ/ር ጥላሁን ተሾመ https://t.me/binimoslawyer

Repost from Jemal Kumbi
+4
Leenjii Seera Maatii irratti leenjifamtoota leenjii hojii duraa marsaa 19ffaaf kenname (PPt)

Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee =====//======//=======//====== Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen: "Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati  jedheera.      Desalegn B. https://t.me/http_Ijooseeraa

Adeemsa Filannoo Keessatti, Haala Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Namni Iyyannoo Dhiyeessuu Barbaadu Iyyannoo Isaa Kallattiidhaan Mana Murtii Aanaatti Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa? ===✓✓====✓✓✓=====✓✓✓✓ Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Namni Komii Qabu Adeemsota Armaan Gadii Hordofee Komii Isaa Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa. 1) Sadarkaa Jalqabaa: Hogganaa Buufata Filannoo (Labsii Lakk.1394/2017 kwt 2(3)fi qajeelfamoota biroo) 👉Hogganaan Buufata Filannoo osoo adeemsi Kenniinsa Sagalee hin xumuramin murtii isaa barreeffamaan nama iyyate ni beeksisa; iyyataan sagalee isaa yeroof akka kennu hayyamuus ni danda'a. (Duraa Duuba armaan gadii eeggatee) 2) Oliyyannoo Jalqabaa: Koree Iyyannoo Dhageessuu Naannoo Filannoo (Labsii Lakk.1162/2011 kwt 154(3)fi qajeelfamoota biroo) 👉Asitti iyyannoon kan dhiyaachuu qabu sagaleen lakkaawamee osoo hin xumuramin dura ta'uu qaba. 3) Oliyyannoo 2ffaa: Naannoleetti Mana Murtii Aanaa (Labsii Lakk.1162/2011 kwt 154(4) fi qajeelfamoota biroo) Hubachiisa: ✅Adeemsi kun iyyannoo Haala Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Dhiyaatu qofa kan ilaallatudha. (Komii Yeroo Galmeessaafi Sagalee Lakkaawuu, akkasumas bu'aa ifa taasisuu Dhiyaatu hin ilaallatu jechuudha) ✅Seerichi, bifa daangaa yeroo fakkaatuun, komiin akkasii sagaleen walitti ida'amee osoo hin xumuramin dura dhiyaachuu akka qabuufi Manni Murtii Aanaa Iyyannoo akkasii kallattiidhaan (Akka Qajeeltootti) simachuu akka hin dandeenye haala agarsiisuun tumeera. ✅Labsiin Lakk.1162/2011 kwt 152(6) jalatti, qaamoleen komii dhagahan ragaa iyyannoon dhiyaate kan dhaqqabeen ta'uu agarsiisu, kan guyyaafi sa'atii itti isaan dhaqqabe ibsu kennuu qabu jechuun bifa dirqisiisaa ta'een tumeera. (Kun tumaa addaafi murteessaadha. Tarii, nama iyyannoo dhiyeesseef furmaanni yeroodhaan kan hin kennamne yoo ta'e, ragaa kennamuuf kana qabachuun darbanii qaama itti aanutti komachuun akka danda'amu kan agarsiisudha )     Join:-@desberofMM             Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa