ar
Feedback
Office of The President - Oromia

Office of The President - Oromia

الذهاب إلى القناة على Telegram

Oromia President’s Office — Official Channel

إظهار المزيد
2 024
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-27 أيام
-730 أيام
أرشيف المشاركات
Raawwii bara hojii 2018 ilaalchisee gabaasni dhiyaate akka agarsiisutti, gama galii mootummaa guddisuutiin bu'aan hojii jajjabeessaan galmaa'eera. Galiin mootummaa gosa adda addaa irraa walitti qabame kan bara darbe caalaa dhibbeentaa 60 ol dabaluun, qarshii bil 312.6 walitti qabuuf karoorfame keessaa qarshii bil. 334.7 ol walitti qabamuun karoora ol raawwachuun danda'ameera. Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin qarshii biiliyoona 1 ol walitti qabamuun kan danda'ame yoota'u, hojiiwwan tola ooltummaa qarshii biiliyoona 400'tti tilmaamamuun raawwatamaniiru. Gama bu'a qabeessummaa tajaajila mootummaa fi kenna tajaajilaa fooyyessuutiinis hojiiwwan bu'uuraa hedduun raawwatamanii jiru. Sirni mootummaa caasaa gandaa cimee hojiirra ooluun, tajaajilli Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo bal'inaan diriirfamuun, sirni bittaa mootummaa dijitaalomuufi tarkaanfileen mootummaa jijjiiramaan fudhataman kanneen biroo bu'a qabeessummaa tajaajila mootummaa daran dabalaa kan jiraniidha. Gamaaggamicha irratti kan argaman Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,  gamaaggama xumura waggaa qofa osoo hin taane, xumura marsaa mootummaa filannoo kanaa ta'uun adda akka isa taasisu ibsanii, ciminootaafi hanqinoota adda baasuun bu'uura karoora bara hojii itti aanufi marsaa mootummaa dhufuuf akka oolu himaniiru. Obbo Awwaluun milkaa'ina galmaa'eef bu'uura wantoonni ta'an keessaa hoggansa kutannoofi dandeettii qabu, karoora raawwii waliin hidhata cimaa qabu, hojii sirna hojimaataafi qajeelfamoota irratti hojjetame, akkasumas hirmaannaafi mootummaa irratti amantaa ummanni qabu ta'uu ibsaniiru. Milkaa'inni kunis caasaa mootummaa qofaan kan dhufe osoo hin taane, tumsa ummataafi qaamolee hundaatiin kan dhugoome ta'uu ibsan. Dhumarratti, hojii fuulduraaf kutannoo hoggansaa sadarkaa garaagaraa, dilbii naannichaa guutummaatti adda baasuufi fayyadamuu, harkifannaa hojii sirreessuu, bu'a qabeessummaa irratti caalaatti xiyyeeffachuu, imaammataafi tarsiimoo mootummaa hojii qabatamaatti hiikuun raawwachuu, akkasumas hordoffiifi deeggarsa pirojektootaa cimsuun xiyyeeffannoo adda kan barbaadu ta'u eeranii jiru. #oromiapresidentoffice2026

Gamaggamni raawwiin hojii bara 2018 Kilaastara Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa (Oromia Sovereign Fund) gaggeeffame. Gamaag
+9
Gamaggamni raawwiin hojii bara 2018 Kilaastara Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa (Oromia Sovereign Fund) gaggeeffame. Gamaaggamni kun gabaasa raawwii waliigalaa Kilaastara Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa irratti kan xiyyeeffate yoota'u, bu'aawwan galmaa'an, hanqinoota mul'atanfi kallattii hojii gara fuulduraa irratti qorannoon taasifameera.

Gama biraatiin, sagantaan dhiyeessa nyaata barattootaa bu'aa gaarii galmeessuu danda'eera. Karoora kuntaala mil. 2.35 keessaa kuntaalli miiliyoona 2.65 ol dhiyaachuun karooraa ol raawwatameera. Gama qonna Buusaa Gonofaatiin ammoo lafti hkt. 3,160 qotamuun baasii mootummaa qarshii mil. 23 ol qusachuun danda'ameera. Akkasumas, hojiiwwan bu'uuraalee misoomaa cimsan akka ijaarsa manneen kuusaa, bittaa tiraaktarootaa, kombaayinarootaafi konkolaattota hojii Buusaa Gonofaaf oolan bitamuun fayidaa dhaabatichaaf oolaa jiru. Gamaaggama raawwii kana irratti haasaa kan taasisan Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, raawwiin hojii Buusaa Gonofaa Oromiyaa bu'aa jajjabeessaa ta'uu ibsanii, bu'aan argame itti fufiinsa akka qabaatuuf qulqullina raawwiifi bu'a qabeessummaa irratti caalaatti hojjechuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Obbo Awwaluun Buusaa Gonofaa Oromiyaa mootummaafi ummata gidduutti bu'uura wal-amantaafi wal-gargaarsaa cimaa ta'uun ijaarame jechuun ibsanii, sirni kun deeggarsa yeroo qofa osoo hin taane wabii nageenya nyaataa, of-danda'uu hawaasaafi bu'uura misooma waaraa ta'uu qaba jedhaniiru. Akkasumas, hojiiwwan akka sassaabbii buusii, deeggartoota sirnaan adda baasuu, buqqaattoota deebisanii qubachiisuufi invastimantii irraa galii maddisiisuu irratti hojii gaariin hojjetame jechuun dinqisiifatanii, gama biraatiin sirna odiitii cimsuu, qabeenya eegsisuufi to'annoo ammayyaa teknolojiin deeggarame kan akka GPS, moosaajiifi kaameraa nageenyaa fayyadamuun hojii hordoffiifi to'annoo caalaatti cimsuun barbaachisaa ta'uu himan. Dhumarratti, ummanni keenyaa Buusaa Gonofaa ijaaruun aadaa wal-gargaarsaa duudhaa irraa madde gara humna hawaas-diinagdeefi wabii misoomaatti jijjiire jechuun galateeffatanii, Gadisa Buusaa Gonofaa, hoggansi mootummaa sadarkaan jiruufi hojjettoonni hundi amanamummaa ummanni isaanirra kaa'e hojii qabatamaan deebisuu akka qabanis dhaamanii jiru. #oromiapresidentoffice2026

Gabaasni raawwii hojii bara 2018 Gadisa Buusaa Gonofaa bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu
+4
Gabaasni raawwii hojii bara 2018 Gadisa Buusaa Gonofaa bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti dhiyaachuun qorannoon irratti gaggeeffame. Raawwii dhiyaateen miseensota Buusaa Gonofaa namoota dhuunfaafi jaarmiyaalee adda addaa irraa horachuuf karoorfame mil. 1 ta'us, hojii jajjabeessaa dalagameen miseensonni miiliyoona 2.ol ta'an horatamuu danda'aniiru. Gama buusii miseensotaatiin birrii bil. 3 walitti qabuuf karoorfamee, birrii bil. 2.9 raawwii dhibbeentaa 98 galmaa'eera. Akkasumas gama Gumaataatiin birrii biiliyoona 2.4 karoorfamee, birrii biiliyoona 2 walitti qabamuun raawwiin dhibbeentaa 82 galmaa'uu danda'eera. Gama kaayyoo dursaa dhaabbatichaatiin hawaasa balaan garaagaraa mudate deebisanii bayyanachiisuutiin namoonni kuma 43'fi 450 gara qe'ee isaanii deebisuuf karoorfame keessaa namoonni kuma 39'fi 560 raawwiin dhibbeentaa 90 galmaa'uun jireenyi isaanii akka deebi'ee dandamatu taasifameera.

Bu'uura kanaan, bara 2011 irraa eegalee, Labsii Naqamteetiin Inisheetiviin Misooma Bunaa hojii irra oolchuun sirna omisha bunaa guutuu haaromseera. Kunis, gosoota bunaa filatamoo babal'isuu, mala qabiinsaafi funaansaa ammayyeessuu, sadarkeessuufi qulqullina bunaa dabaluu, akkasumas cancaala omishaa oyiruu irraa hanga gabaa giddugaleessaafi idil-addunyaatti jiru hordoffiifi deeggarsa garaagaraa taasisuu hammata. Hojiileen kunneen waggoota muraasa booda bu'aa qabatamaa argamsiisuu eegalaniiru. Omishni bunaa naannichaafi qulqullinni isaa waggaa irraa gara waggaatti dabaluu qofa osoo hintaane qulqullinniifi fayyadamummaan qote bulaa keenyaa dabalaa dhufeera. Qoonni Oromiyaan al-ergii bunaa biyyaa keessatti qabu adadaan dabalaa kan dhufe yoota'u, bara 2018 raawwii ji'oota 10'tiin toonii 183,557.39 gabaa idil-addunyaa qaqqabuun galiin doolara biliyoona 1.232 ol irraa argamuu danda'eera. Akkasumas milkaa'inni akka biyyaatti shara alaa galii bunaarraa argameen galmaa’e, jalqabbiin mootummaan jijjiiramaa inisheetivii bunaa irratti xiyyeeffatee raawwachaa ture milkaa'aa jiraachuu kan ragaa bahuudha. Fuuldurattis omisha bunaa saayinsii, teknoolojiifi kalaqaan deeggaruun, qulqullina isaa daran guddisuun, gabaa idil-addunyaatti dorgomtummaa isaa cimsuun, fayyadamummaa qonnaan bulaafi guddina dinagdee naannichaa daran saffisiisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii isaa cimsee kan ittifufu ta'a. #oromiapresidentoffice2026

Inisheetivii Bunaa: Bu'uura Utaalchoo Al-ergii Biyyaa Keenyaa Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf al-ergii bunaatiin galii doolaara
+4
Inisheetivii Bunaa: Bu'uura Utaalchoo Al-ergii Biyyaa Keenyaa Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf al-ergii bunaatiin galii doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 ol argachuun seenaa haaraa galmeessite. Milkaa'inni kun carraa tasaa osoo hintaane, bu’aa imaammataa sirrii, cimina qonnaan bulaafi hoggansa tarsiima’oo mootummaa jijjiiramaati. Naannoon Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, qooda olaanaa omisha bunaa biyyattii keessaatti qabu hubachuun, oomishtummaafi dorgomtummaa idil-addunyaa omisha bunaa dabaluuf tarkaanfiilee tarsiima'oo fudhachaa tureera. Kaayyoon isaa baay'ina omishaa qofa dabaluu osoo hintaane, qulqullina bunaa guddisuun, galii qonnaan bulaa fooyyessuu akkasumas sharafa alaa dabaluun ce'uumsa dinagdee mirkaneessudha.

Galmi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa invastimantii hawwatuu qofa miti; omisha keenya gabaa baldhaan walqabsiisuu, dorgommummaa c
Galmi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa invastimantii hawwatuu qofa miti; omisha keenya gabaa baldhaan walqabsiisuu, dorgommummaa cimsuufi sharafa alaa maddisiisuudha.  Gadaan bakka invastimantiin itti qubatu qofa osoo hintaane, karra oomishni gara gabaa idil-addunyaatti itti ba’u ta’uuf socho’aa jira- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO WhatsApp Channel Prz'tii MNO Ob. Shimallis Abdiisaa hordofaa: https://whatsapp.com/channel/0029Vb8Bdwb2Jl8DO0bjWF0h

Magaaloonni Oromiyaa inisheetivoota kanaan dilbii magaalonni qaban sirnaan fayyadamuun, galmoota kan akka wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii umuufi galii lammiilee guddisuu milkeessuuf hojjii bal’aa hojjachaa jiru. Kilaastaroonni adda addaa akka horsiisa lukkuu, loon aannanii, furdisa sangaafi omisha biroo irratti xiyyeeffachuun qajeeltoo “ariitii, qulqullinaafi baay’ina” jedhuun hogganamuun milkaa'aa jiru. Tarkaanfiwwaan kun magaalaa keessatti illee aadaa hojii jijjiiruurratti  argamu. Hojiiwwan eegalaman kunneen humna godhachuun akka sirnoomaniifi galma qabamaniif ga'aniif immoo dhaabbileen qorannoofi leenjii akka Kolleejjii Ogummaa Teekinikaa Qonna Ardaayitaa hirmaachisuun, teekinolojii ammayyaa babal’isuufi dandeettii oomishtummaa cimsuurratti hojjatamaa jira. Agarsiisa muraasaan jijjiirama dhufe yoo ibsame: bara 2016, yeroo jalqabaaf Oromiyaatti kilaastaroota horsiisa lukkuu 9,328 ijaaruun lukkuu mil. 37 galchuun, fayyadamtoota kuma 374fi 556'n jalqabame. Hanga bara 2018 kurmaana sadaffaatti immoo, lakkoofsi kilaastaraa gara kuma 82fi 916'tti, lakkoofsi lukkuu gara mil. 139.6 oliitti guddachuun namoota mil. 1.158 ol fayyadamaa taasisaa jira. Gama furdisa loonitiin, bara 2016 keessa kilaastaroota 2,784 ijaaruun loon kuma 244 ol kan furdifamaa ture yoota'u, fayyadamtoota kuma 117fi 708 inisheetivii kana keessatti hirmaachaa turan. Hanga bara 2018 kurmaana sadaffaatti, lakkoofsi kilaastaraa gara 69fi 158'tti, loon foonii gara mil.2 oliitti fayyadamtoota kuma 660fi 732 qaqqabuu danda’ameera. Gama biraan, bu'aawwan gama horsiisa loon aannanii, booyyee, akkasumas ijaarsa poondii qurxummiitiin galma'aa jiranis galmoota mootummaa qabate milkeessuu cinaatti ummata kallattiidhaan fayyadamaa kan taasiseedha. Walumaagalatti, hojiiwwan gama biraatiin magaalonni hojjatan heddu ta'us, gama inisheetivoota misooma magaalatiin, magaalonni Oromiyaa omisha baadiyyaa eeggachuu irraa gara ofii isaanii omishanii gabaaf dhiyeessuutti ce’aa jiru. Kunis magaalota gara wiirtuu carraa, omishaafi badhaadhinaatti ceesisuu keessatti bu’uura cimaa kaa’eera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii eegale kana itti fufsiisuun, dilbii jiru duguugee fayyadamuuf, akkasumas galma gama dinagdeen qabame dhugoomsuuf libsuu malee xiyyeeffannoo caaluun kan hojjatu ta'a. Suuraa: Ijaarsa kilaastara magaalaafi hojii qonna magaalaa Magaalaa Roobeefi Magaalaa Amboo #OromiaPresidentOffice

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ce'umsa dinagdee dhugoomsuuf dursee rakkoo caasawaa turan hundeerraa furuu irratti argama. Bu'uu
+4
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ce'umsa dinagdee dhugoomsuuf dursee rakkoo caasawaa turan hundeerraa furuu irratti argama. Bu'uuruma kanaan, imaammataafi tarsiimoo ifa ta’e diriirsuun magaalota gara wiirtuu omishaa, ogummaafi daldalatti ceesisuuf hojii bal’aa hojjachaa jira. Tarkaanfiwwan kana keessaa inni ijoon, inisheetivoota misooma magaalaa keessatti hammataman yoota’u, bara 2016 eegaluun bu’aawwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan galmeessaa jira.

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyiitti argamuun pi
+4
Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyiitti argamuun pirojektoota garagaraa eebbisiisan. Aanichaatti pirojektoonni misoomaa garaagaraa ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf banaa kan ta'an yoota'u, pirojektoonni kunneen fayyadamuummaa hawaasaa irratti akka xiyyeeffatan kabajamoo Pirezidaantii Itti Aanaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru. Ittidabaluunis, pirojektoonni kunneen rakkoo hawaas-diinagdee ummataa hikuu cinaatti pirojektoota qulqullinaafi ariitiin xumuruun aadaa hojii mootummaa ta'aa akka jiru ragaa baha jiru jechuun Obbo Awwaluun dubbataniiru. #oromiapresidentoffice2026

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa qulqullina barnootaa foyyeessuuf, akkasumas dhaloota bu'uura boruu Oromiyaafi Itoophiyaa ijaaruuf hojiilee bal'aa hojjachaa akka jiru kan kaasan Pirezidaant Shimallis, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf barnoota tekinoloojiin utubuu manneen barnootaa bu'uura boruurraa akka jalqabaa jiru ibsaniiru. Ittidabaluunis, dhaloota aadaafi duudhaa ganamaatti deebi'ee, akkasumas dhaloota aadaa hojii gabbataa ta'e qabu ijaaruuf mootummaan xiyyeeffannoo guddaan hojjachaa akka jiru kan himan Pirezidaant Shimallis, barsiisoonni, barattoonniifi maatiin barattootaa gahee isaan irraa eegamu hunda akka bahatan waamicha dabarsaniiru. Dhummarrattis, egeereen ummata Oromoo haala milkaa'iina seektara barnootaa irratti hunda'aa kan jedhan kabajamoo pirezidaantiin, dhamaatii alagaan Oromoo gufachiisuuf dhamaatu kan fashalaa'uu danda'u seektara barnootaan hojii dhaloota bu'uura boruu ijaaruu irratti hojjatamuun akka ta'e akeekkachiisaniiru. #oromiapresidentoffice2026

Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa kabaja guyyaa hundeeffama Biiroo Barnootaa Oromiyaa Waggaa 33'ffaa gaggeeffamaa jirurratti ar
+4
Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa kabaja guyyaa hundeeffama Biiroo Barnootaa Oromiyaa Waggaa 33'ffaa gaggeeffamaa jirurratti argaman. Saganticha irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, milkaa'innoonni hanga ammaa dhaloota qubeen galma'an hojii Biiroo Barnootaa hojjateen akka ta'e eeruun, seektarri barnootaa Oromiyaa danqaa qubee Afaan Oromoo doomsuuf ture akka cabsee dhaloota qaraa jiraachuu himan.

Gama kenna tajaajilaa foyyeessuun immoo, ji'oottan 9'n darban hojjattoota kenniinsa tajaajila mootummaa gufachiisan kuma 10’fi 171 irratti tarkaanfii bulchiinsaafi kanneen biroo akka fudhatame kan himan Obbo Awwaluun, rakkoo bulchiinsa gaarii bifa adda addaan mudataa ture hundeerraa furuufis wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ magaalota 5 keessatti dursanii hojjachuun muuxannoo argame babal'isaa jiraachuu dubbataniiru. Marsaa 2ffaas wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ magaalota 26'tti babal'isuun muraasni tajaajila jalqabuu kan ibsan yoota’u, caalmaatti babal'isuufis marsaa 3ffaan magaalota 60 keessatti eegalameera jedhan. Tajaajilamtoonni wiirtuu kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’tti keessummeeffaman harki 97 olis ittiquufinsa kenna tajaajilaa qabaachuu kan ibsan Obbo Awwaluun, hojiin fakkeenyummaa qabu kun babal'atee hawaasni tajaajila barbaade akka argatu MNO xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa akka jiru addeessaniiru. Hoggansi ummatatti siqee akka tajaajiluufis guyyaa abbaa dhimmaa adda baasuurra darbuun aanaaleefi gandootarratti rifoormii hojjatameen hawaasni tajaajila barbaadu qe'eesaatti akka argatu mijeessuu danda'aameera jechuun, namoonni aantummaa ummataafi gahumsa qaban kuma 50 caalanis gandoota kuma 7 olitti ramadamuun ummata tajaajilaa akka jiran ibsaniiru. #Oromiapresidentoffice2026

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii raawwii ji'oottan 9'n darbanii ilaalchisuun ibsa miidi
Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii raawwii ji'oottan 9'n darbanii ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef keennaniiru. Ibsa isaaniitiin, ji'oottan 9'n darban Naannoo Oromiyaatti galii Birrii bil. 2’fi mil.37 caalaa akka walitti qabamee ibsuun, galii MNO guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo umuufi maddeen galii sakatta'uun hojiin hojjatamaa turee bu’aa buusaa jiraachuu isaa eeraniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Abdulaziiz Daawud (PhD), wixinee karoora MNO kan bara 2019
+2
Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Abdulaziiz Daawud (PhD), wixinee karoora MNO kan bara 2019 waltajjii gamaaggama raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa Magaalaa Bishooftuutti geeggeeffamaa jiru irratti dhiyeessaniiru. Wixinee karooraa dhiyaate kanaan, bara 2019'tti callaa kunt. bil. 600'fi mil. 2 ol argachuuf karoorfamuu kan ibsan yoota'u, callaa argamuuf karoorfamee kana milkeessuuf xaa'oo keemikaalaa kunt. mil. 12 oliifi sanyiin filatamaa kunt. mil. 2 ol akka dhiyaatu himaniiru. Wixineen karooraa dhiyaate kun carraawwan Oromiyaan qabdu, potenshaalaa Oromiyaa keessa jiruufi rakkoowwan jiran xiinxala keessa galchuun kan qophaa'e ta’us Abdulaziiz Daawud (PhD) addeessaniiru. Inisheetiiviiwwan bara 2018 keessaa ittiin hojjatamaa jiran hanga, qulqullina, kalaqaafi walitti hidhaminsa isaanii dabaluuf kan karoorfame ta'uus dabalanii ibsaniiru. #oromiapresidentoffice2026

𝗚𝘂𝗱𝘂𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗺𝗮𝘁𝗮 Gadaan argama tarsiima’aa, dhiyeessii lafa misoomaa baldhaa, qophaa’ummaa sektara-danuu, bu’uuraalee misoomaa sochii qabatamaa utuban, sirna faayinaansii bilisaa, eegumsa seeraafi sirna bulchiinsaafi kenniinsa tajaajilaa si’ataan bakka bu’a. Invastarootaa waamaa kan jiru, naannawa mijataa ijaarsa salphisu, sochii ariifachiisufi guddina fullaasu mirkaneesseti. Zoonichi ummata keenyaaf karoora dinagdeetii oli. Bu’uura ce’uumsa indastirii, daldalaafi tajaajilaati. Muldhata 𝒘𝒊𝒊𝒓𝒕𝒖𝒖 𝒅𝒊𝒏𝒂𝒈𝒅𝒆𝒆 𝒋𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑨𝒇𝒓𝒊𝒌𝒂𝒂 ta’uu qabatee socho’aa jira. Invastarootaaf dhaamsa ifa ta’e qabna. Egereen keenya kan teenyee eegnu osoo hintaane, har'a irraa dhaabbannee karoora tarsiima’oon kan ijaarrudha. Zooniin Dinagdee Addaa Sektara-Danuu Gadaa, iddoo gamtaan kaanee egeree kana itti dhugoomsinudha. MNO carraa kana har’a mijeessera. Koottaa modeela misooma indastirii, tajaajilaafi magaalaa naannoofi biyya keenyaa Gadaa waliin taanee haamurteessinu. Tajaajilli dursaafi carraan daran gaarii kan dursa dhufeefi! www.gadasez.et

Invastaroonni sharafa alaa argatan guutumatti ofharka akka tursiisan, ‘akkawuntii’ sharafa alaa akka sochoosan, akkasumas gurgurtaa biyya keessaa sharafa alaan akka kaffalchiisan mirga seeraa guutuu kenneefira. Bu’aafi qooda bu’aa (dividends) guutummaatti biyya alatti erguu (repatriation) dhorka tokko malee hayyamameera. Kaffaltiiwwan al-galchii (offshore payments) kallattiin heeyyamuun, cancala daldala idil-addunyaa si’oomsaa jira. Tarkaanfiiwwan kunniin Gadaa wiirtuu dorgomtummaan gatii sadarkaa idil-addunyaatti ittin olka’u, gufuun hojii itti xiqqaatufi bu’aan invastimantii itti ariifatu taasisu. 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝗥𝗮𝘀𝗮𝗮𝘀𝗻𝗶 𝗛𝗶𝗻𝘂𝗿𝗿𝗲 Gadaan invastarootaaf onnachiiftuu qofa osoo hintaane, eegumsa seeraa cimaa dhiyeessera. Invastaroonni biyya alaa, 'shariika' biyya keessaa malee abbummaa qabeenyaa guutuu (%100) qabaachuu danda’u. Abootiin qabeenyaa zoonichaa mirga abbaa qabeenyummaa guutuu heera biyyaa, duudhaa invastimantii biyyaalessaa, labsiifi dambii Gadaatiin tikfamu qabu. Dabalataanis, waldhabdee invastimantiif ‘ICSID’, inshuraansii invastimantiif ‘MIGA’ akkasumas mirga kalaqaaf ‘WIPO’ jalatti eegumsa seera idil-addunyaa argatu. Kunis wabii amanamummaa zoonichaa kan mirkaneessudha. 𝗤𝗼𝗽𝗵𝗮𝗮’𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗕𝘂’𝘂𝘂𝗿𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗠𝗶𝘀𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮: 𝗛𝗮𝗿’𝗮 𝗢𝗺𝗶𝘀𝗵𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗚𝗮𝗹𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗗𝗮𝗻𝗱𝗮’𝗮 Giddu-galawwan invastimantii hedduu keessatti bu’uuraaleen misoomaa gufuuwwan tajaajila gufachiisaanidha. Gadaan dhimma kana akka dabalataatti osoo hintaane akka utubaa ijootti waan ilaaleef duursee qophaa’e. 𝑨𝒏𝒏𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑰𝒃𝒔𝒂𝒂: Buufanni anniisaa humna olaanaa (MW 200)’fi tiraanisfoormaroonni ammayyaa omisha maanifaakchariingii gosa kamuu sochoosuuf oolan qophaa’oo ta’aniiru. 𝑫𝒉𝒊𝒚𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊𝒊 𝑩𝒊𝒔𝒉𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊: Boollawwan bishaanii gadi fagoo 10 sekondii tokkotti liitira 740 burqisiisaan, kuusa bishaanii ‘meter cube’ 5,000’fi saaphanni ujummoo km 21 guutummaatti xumurameera. 𝑺𝒂𝒂𝒑𝒉𝒂𝒏𝒂 𝑯𝒊𝒅𝒉𝒂𝒎𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂𝒂: Yeroo ammaa daandiiwwan asphaaltifi cirrachaa sochii marsaa duraa si’oomsan akkasumas anniisaa aduutiin ifan hojjetamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Akka waliigalaatti saaphana daandiifi sarara baaburaa hidhamiinsa keessofi alaa dhugoomsan karoorfamaniiru. 𝑳𝒆𝒆𝒄𝒂𝒍𝒍𝒐𝒐𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑩𝒊𝒓𝒐𝒐: Lafa hkt. 2.6 irratii mankuusaan sadarkaa isaa eege, lafa hkt. afur irratti ammoo gabaafi dhaabbii konkolaataa (car market and parking) ijaaruun tajaajilaaf qophii taasisaa jirra. Akkasumas gamoo bulchiinsa gabaa bilisaa ijaarsisuurratti argamna. Akka waliigalaatti, Gadaan fuulduratti osoo hintaane har’aan tana sochii qabatamaaf qophii ta’uu mirkaneessa jirra. 𝗛𝗼𝗴𝗴𝗮𝗻𝘀𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗧𝗮𝗷𝗮𝗮𝗷𝗶𝗹𝗮 𝗤𝗶𝗻𝗱𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮 (One-Stop Service) Gadaan daandii mootummaafi invastaroonni ittiin walitti dhufan hundeerraa jijjiireera. Dhaabbilee tajaajilaa ijoo — invastimantii, gumuruka, dhimma lammummaa, baankiifi tajaajilootaa biroo wiirtuu waalta’aa (One-Stop Center) jalatti walitti qabeera. Iyyannoodhaa hanga heeyyama invastimantiitti guyyaa tokkotti xumuramuu danda’a; hagam yoodheerate ammoo ji’a tokkoo ol hindeemu. Kun harkifannaa birokraasii invastara baasii dabalataafi qisaasama yerootiif saaxilu kan maqsuudha. 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗧𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝗺𝗮’𝗼𝗼: 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗪𝗮𝗴𝗴𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗦𝗵𝗮𝗻𝗮𝗻 𝗗𝗵𝘂𝗳𝗮𝗻𝗶𝗶 Zooniin Dinagdee Addaa Sektara-Danuu Gadaa 𝑲𝒂𝒓𝒐𝒐𝒓𝒂 𝑻𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒎𝒂’𝒂 𝒘𝒂𝒈𝒈𝒐𝒐𝒕𝒂 35’𝒏𝒂𝒏 dhufaniifi waggoota shan shaniin qoodaman qabatee socho’aa jira. Yeroo dhihoo as ariitiin guddinna isaa nama dinqisiisa. Hanga bara 2017’tti invastaroota 19 qofatu simatame ture; yeroo ammaa 𝒊𝒏𝒗𝒂𝒔𝒕𝒂𝒓𝒐𝒐𝒏𝒏𝒊 𝒊𝒅𝒊𝒍-𝒂𝒅𝒅𝒖𝒏𝒚𝒂𝒂𝒇𝒊 𝒃𝒊𝒚𝒚𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 50 𝒐𝒍 𝒌𝒂𝒂𝒑𝒑𝒊𝒕𝒂𝒂𝒍𝒂 𝒃𝒊𝒓𝒓𝒊𝒊 𝒃𝒊𝒍. 100 𝒐𝒍 𝒈𝒂𝒍𝒎𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖𝒏 simatamaniiru. Karoorri keenya waggoota shanan dhufanitti al-galchii bakka buusuufi al-ergiidhaan walumaagalatti 𝑼𝑺𝑫 𝒃𝒊𝒍. 5 𝒈𝒂𝒍𝒎𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖𝒇𝒊 𝒍𝒂𝒎𝒎𝒊𝒊𝒍𝒆𝒆 𝒌𝒖𝒎𝒂 35’𝒇 𝒄𝒂𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒉𝒐𝒋𝒊𝒊 uumuudha.

𝗭𝗼𝗼𝗻𝗶𝗶 𝗗𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗚𝗮𝗱𝗮𝗮: 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐨𝐦𝐬𝐚 𝗘𝗴𝗲𝗿𝗲𝗲 𝗗𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗔𝗳𝗿𝗶𝗸𝗮𝗮 Gadaan akka 𝒁𝒐𝒐𝒏𝒊𝒊 𝑫𝒊𝒏𝒂𝒈𝒅𝒆𝒆 𝑨𝒅𝒅𝒂𝒂 𝑺𝒆𝒌𝒕𝒂𝒓𝒂-𝑫𝒂𝒏𝒖𝒖tti (Multi-Sectoral Special Economic Zone) beekamtii argachuun isaa olguddina caasawa bulchiinsaa qofa miti; mallattoo birmadummaafi ce’uumsa dinagdee keenyaati. Beekamtiin Boordii Invastimantii Itiyoophiyaa irraa dhiheenya kana argame, Gadaan dirree invastimantii tarsiima’oo baldhinni, qophaa’ummaafi humni ceesisummaa isaa sadarkaa olaanatti mirkanaa’e ta’uu agarsiisa. Gadaan dirree dinagdee tarsiimoo—lafa, bu’uuraalee misoomaa, imaammataafi carraalee gahumsa invastimantii qindaa’aa iddoo tokkootti walitti fiduun isiniif dhiyaatedha. 𝗕𝗮𝗹𝗱𝗵𝗶𝗻𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮 𝗧𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝗺𝗼𝗼: 𝗦𝗲𝗲𝗻𝘀𝗮 𝗚𝗮𝗯𝗮𝗮 𝗠𝗶𝗹𝗶𝘆𝗼𝗼𝗻𝗮 𝟭𝟯𝟬 Caalmaan Gadaa baldhinaafi argama isaa irraa jalqaba. ‘Mootummaan Magaalaa’ (City-State) lafa hkt. kuma 24 irra qubate kun, uwwisa baldhaa sirnakkoon dinagdee sektara-danuu barbaadu kan guutudha. Finfinnee irraa km 65 qofa fagaatee argamuun isaa; koriidora Itiyo-Jibuutii waliin kallattiin walitti hidhamuun isaa; daandiin saffisaa (expressway) Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu waliin walqunnamsiisu karoorfamuun isaa; Buufata Doonii Goggogaa Mojootiin olloomuun isaa Gadaa wiirtuu sektara-danuu Afrikaa Bahaa kan taasisudha. Kun invastarootaaf gabaa biyya keessaa nama miliyoona 130 ol ofkeessatti qabate tajaajiluuf carraa addaa kan uumudha. 𝗦𝗲𝗸𝘁𝗮𝗿-𝗗𝗮𝗻𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮: 𝗦𝗶𝗿𝗻𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼 𝗗𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗚𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂 Gadaan paarkiilee indastirii xiyyeeffannoo qeenxee qaban irraa caalmaa guddaa qaba. Akka sirnakkoo dinagdee sektara-danuutti — indastirii maanifaakchariingiifi kurfeessa qonnaa (agro-processing), zoonii daldala bilisaa, paarkiilee ‘ICT’fi saayinsii, akkasumas misooma magaalaa ammayyaa (smart city) qindoomaan hammateera. Magaalaan ammayyaa kun misooma ijaarsa manneenii (real-estate) sadarkaa olaanaa, iddoowwan jireenyaafi bashannanaa ofkeessatti hammata. Kunis invastimantiin isaa bu’uuraalee misoomaa qofaan osoo hintaane, mijatummmaa jireenyaafi dandeettii ogummaa (talent attraction) idil-addunyaa hawwachuun kan deeggaru ta’uu mirkaneessa. Gabaabumatti, zoonichi bakka itti omishti, teknoolojiin, jireenyi, daldallifi leecalloon walhumneessuun sirnakkoo dinagdee guutuu ijaaranidha. 𝗭𝗼𝗼𝗻𝗶𝗶 𝗗𝗮𝗹𝗱𝗮𝗹𝗮 𝗕𝗶𝗹𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗟𝘂𝗺𝗲𝗲: 𝗦𝗲𝗲𝗻𝘀𝗮 𝗚𝗮𝗹𝗮𝗮𝗻𝗮 𝗚𝗮𝗯𝗮𝗮 𝗜𝗱𝗶𝗹-𝗔𝗱𝗱𝘂𝗻𝘆𝗮𝗮 𝒁𝒐𝒐𝒏𝒊𝒊𝒏 𝑫𝒂𝒍𝒅𝒂𝒍𝒂 𝑩𝒊𝒍𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑳𝒖𝒎𝒆𝒆, Gadaa gara Buufata Addunyaalessaatti kan ceesisedha. Daldalli bilisaa ce’uumsa tarsiima’oo sirna gibira irratti hirkaterraa gara sirna omisha jajjabeessutti taasifamudha. Lumeetti dandeettiin keenya baay’ina gibira saassaabneen osoo hintaane guddina sonaa (value addition) mirkaneessineen safarama. Omishni Gadaatti warshaaleeffame tokko, karaa hammattoowwan ‘𝑪𝑶𝑴𝑬𝑺𝑨’fi ‘𝑨𝒇𝑪𝑭𝑻𝑨’, Afrikaa guututti ‘lammummaa dinagdee’ (economic citizenship) gonfata. Gadaan daandii invastaroonni handhuura Oromiyaa irraa ka’anii, qaraxaafi daangeffama baay’inaa (quota) tokko malee gabaa magaalota gurguddoo Afrikaa ittidhaqqabanidha. ‘COMESA’n 𝒏𝒂𝒂𝒏𝒏𝒂𝒘𝒂 𝒈𝒂𝒃𝒂𝒂 𝒖𝒎𝒎𝒂𝒕𝒂 𝒎𝒊𝒍. 640 hammatudha. ‘AfCFTA’n gama isaatiin naannawa gabaa bilisaa guddicha idil-addunyaa ummata 𝒃𝒊𝒍. 1.3’fi hundumtaa omisha waliigalaa (GDP) 𝑼𝑺𝑫 𝒕𝒊𝒓𝒊𝒍. 3.4 qabuudha. 𝗚𝗮𝗱𝗮𝗮: 𝗪𝗶𝗶𝗿𝘁𝘂𝘂 𝗦𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗙𝗮𝗮𝘆𝗶𝗻𝗮𝗮𝗻𝘀𝗶𝗶 𝗦𝗵𝗼𝗸𝗼𝗸𝘀𝗮 𝗛𝗶𝗻𝗾𝗮𝗯𝗻𝗲 Zooniin kun wiirtuu sirna faayinaansii (fiscal sandbox) dandeettii olaanaa qabudha. Meeshaalee kaappitaalaa, ijaarsaafi maashinoota qaraxa irraa bilisa taasisuun gufuuwwan kaappitaalaa kaffaltii waliin walqabatan maqseera. Akkasumas galteewwan omishaa, keessumaa kanneen omisha al-ergiitiif oolan qaraxa irraa bilisa taasisuun isaa baasii omishaa daran kan hirdhisudha. Meeshaaleefi tajaajiloota daangaa gumurukaa (customs territory) keessaa gara zoonichaatti galan VAT irraa bilisa (zero-rated) gochuun deeggara.

GSEZ
+4
GSEZ

Waajjirri Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana du'aa ka'uu Iyyesuus
Waajjirri Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana du'aa ka'uu Iyyesuus Kiristoos nagaan geessan jechaa, ayyaanichi kan jaalalaa, eebbafi araaraa akka ta’u hawwa. Baga Geessan! #oromiapresidentoffice2025