cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

@BIRHANU FANTA

✍️Obsii Kaayyoo Kooti ✍️Hamman Galma koo gahuti ✍️Jechoota_Haayyoota ✍️Kitaboota_Xiin_Sammuu ✍️Walaloo,_Asoosama ✍️Yaadoota_Haaraa macaafa_Qulqulluu Join as👇👇https.//t.me/Birhanu_Fanta Facbook Birhanu Fanta Dambi Tictok @Birhanu Fanta

إظهار المزيد
فنلندا3 652Javanese1 206الفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
209
المشتركون
-124 ساعات
-17 أيام
+630 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

“Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin ta'in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo dhuguma dubbii Waaqayyoo ti. Waaqayyos isin warra amantan keessatti in hojjeta; kana hundumaaf ittuma fufnee Waaqayyoon in galateeffanna.” — 1Tas. 2:13
إظهار الكل...
1
Photo unavailableShow in Telegram
Namootni Maaliif Si Duuba Waa'eekee Odeessu? 1. Bakka ati geesse gahuu yeroo dadhaban! Fakkeenya: Si wajjin karaa eegalanii yeroo si biraa hafan; waa'ee isa darbee sirratti haasa'u. Dorgommii keessaa ba'anii waa'ee kufaatii qofa haasa'u. 2. Waan ati qabdu yeroo dhaban! Fakkeenya: Mo'icha harka kee keessa jirutti hinaafu. Iddoo ATI geesse ga'uu dhabuu isaaniitti gaddu. 3. Akkataa jireenyakee akkeessuu barbaadanii yeroo dadhaban.! Fakkeenya: Carraa kee hunda kan ofii isaanii godhachuu barbaadu. Waan ati hojjette ofii irratti milkaa'uu barbaadu. Telegram👇 ╔════════════╗ ➡️Qaroo_Waamaraa💌 ╚════════════╝ ♻️#Join & 🔗#SHARE godhaa...! 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/ForAllthingsEye
إظهار الكل...
1
❏ Ati nama guddachuuf of qopheessuu jaalatuu dhaa? Karaa kamiiniyyuu of jijjiiruuf kallattii barbaadaa jirtaa? ➛ Yeroo kamiyyuu kallattiin ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu malli ni jira. ✪ Of Jijjiiruuf Kallattiilee Bu’uuraa ➓: ➛ Dandeettiin nama keessa jiru daangeffamaa miti. Kanaafuu dhuma milkaa’insaa irra gaheera kan jedhu hin jiru. Tuqaan milkaa’insa isa dhumaas hin jiru. Yommuu of xinxallu nuti nama gaariidha, gahoodhas. ➛ Kallattiin milkaa’inaa kennamu itti fufiinsaan of jijjiiruuf akka ta’uu fi yeroo hundumaa tarkaanfiin guddaan irratti dammaquu qabnu akka jirudha. Tarkaanfileen milkaa’insaa tokko tokko karaa salphaadhaan kan adeemsisu yoo ta’u, kan deeggarsa barbaachisus jiru. ➊. Yeroo Hundumaa Dubbisi! (Read Every Day): ⁃ Maddi ogummaa jireenyaa kitaaba dubbisuun ni argama. Hanguma baay’ina kitaaba dubbistu ogummaan horattus caalmaatti dabalamaa adeema. Guyyaa hundumaa kitaaba yommuu dubbistu sammuun kee beekumsa soorata. ➋. Afaan Haaraa Baradhu! (Learn New Language): ⁃ Afaan dabalataa baruun dandeettii fi beekumsa dabalataa akka argattu si gargaara. Sammuu banamaan afaanii fi aadaa kanneen biroo barachuun muuxannoo jireenyaa gabbisa. ➌. Fedha Haaraa of Keessatti Uumi! (Pick up a New Hobby): ⁃ Fedha kee cinaatti fedha kanneen biroo fakkeenyaaf jabeenya qaamaa, walaloo barreessuu, horachuun yommuu hojii xumurtu shaakaluun dandeettii kee alaan, keessaan, yaadaadhaan ni guddifatta. ➍. Barnoota Haaraa Fudhadhu! (Pick up a New Course): ⁃ Barnoonni karaa ittiin beekumsa haaraa argatanii fi dandeettii ittiin of jijjiiranii dha. ➎. Kutaa Dadammaqiinsaa Uumi! (Create an Ispirational Room): ⁃ Naannoon ati jirtu kaka’uumsa waan haaraa uumuf ati qabdu cimsuuf gahee qaba. Kan jirtu naannoo dadammaqiinsaaf si gargaaru yoo ta’e, yeroo hundumaa keessa kee haaressita. Kutaan mana kee keessa jiru duwwaa akkasumas toora kan hin qabne yoo ta’e, kutaa dadammaqiinsaa gochuuf wantoota dammaqiinsaf si gargaaran, jechoota barreessuun yookin fakkii kaasuun itti maxxansi! ➏. Sodaa Kee Moo’adhu! (Overcome Your Fears): ⁃ Dandeettii dubbii irratti, sagalee dhageessifachuu irratti sodaa qabda taanan, sodaan kee sadarkaa jijjiiramaa tokko irra akka turtuu fi of jijjiiruu irraa si dhoorka. Naannoo itti sodaa kee moo’achuu dandeessu uumuun irratti hojjedhu! ➐. Sadarkaa Kee Ol Guddisi! (Level up Your Skills): ⁃ Hojii kee irratti muuxannoo fudhachuun isa caalutti ol guddifachuu dha. ➑. Ganamaan Ka’i! (Wake up Early!): ⁃ Obboroon ka’uun bu’aa hojii fi of jijjiiruu irratti gahee olaanaa qaba. Ganamaan yoo kaatu yeroo gahaa itti of qopheessitu namoota kan biroo caalaa qabaatta. ➒. Sochii Qaamaa fi jabeenyaa Torbanii (Weekly Exercise): ⁃ Qindaa’insaa fi bareedina akkasumas fayyina qaamaaf sosochiin qaamaa murteessaa dha. ➓. Kitaaba Jireenya Kee Eegali! (Start Your Life Handbook): ⁃ Kitaabni jireenyaa of keessaa akkaataa jiruu fi jireenya kee itti jiraattu qaba. Fuula tokkoon tokkoon isaa irratti of qopheessuun, kaayyoo kee, bu’aa argattuu fi galma geessu madaalaa adeemta. https://t.me/hZODiO3ADNFlZDFk
إظهار الكل...
KAYYOO MILKA'INAA QABAADHUU

Kayyoon ka'umsa Guddinaatii kanaf kayyoo Qabnutti jabannee yoo hojjennee lafa yannee hinumaa genyaa❤️💚❤️💚❤️💚❤️🌹💞💯%

1
Photo unavailableShow in Telegram
⚡️ Today's Hamster Kombat Daily Combo 1. PR&Team tab HamsterGram 2. Specials tab Special Hamster Conference 3. Web3 tab Launchpad
إظهار الكل...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
⚡️Today's Hamster Kombat Daily Combo 1. Specials tab Semi-final Spain vs France 2. Specials tab TG Leaders 3. Web3 tab DEX
إظهار الكل...
👍 1
17 Obboloota ko, fakkeenya koo fudhachuutti waliif galaa! Akka fakkeenya nuyi isiniif kennineetti warra jiraatan ilaalaa! 18 Waa'ee jara tokkoo kanaan dura akkuma ani si'a baay'ee isinitti hime, ammas boo'aa isinitti nan hima; isaan yaada fannifamuu Kristositti diina ta'anii in jiraatu. 19 Dhumni isaanii badiisa, garaan isaanii waaqayyo isaanii ti; salphina isaanii ulfinatti in lakkaa'atu; yaada garaa isaaniis waan lafa irraatti in hidhu. 20 Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; “Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achii nuuf dhufa” jennee eegganna. 21 Inni humna isaatiin bifa dhagna keenyaa isa gad deebi'aa diddiiree, akka dhagna isaa isa ulfina-qabeessaa gochuu in danda'a; humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in galcha. Filiphis 3:17____
إظهار الكل...
3🥰 1
SAGALEE WAAQAYYOO BEEKUUS TA’EE NAMOONNI AKKA BEEKAN GOCHUUN MAALIIF BARBAACHISE? 1. Ittiin jiraachudhaaf 2. Dhugicha nuuf gale irra dhaabbaachuudhaaf 3. Cubbuurraa waan eeguuf 4. Haxxummaa seexanaatiin mormuudhaf nu gargaara 5. Guddina hafuuraatti guddachuudhaf nu gargaara 6. Bu’aa qabeessa nutaasisa! 7. Dhugichi waan birmaduu nubaasuuf Sagalee Waaqayyoo beekuun kan barbaachiseef …! 1. Ittiin jiraachudhaaf [Mat 7: 24-26] Yesuus, ‘‘Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama; bokkaan roobee, lolaan lola’ee, qilleensis qilleensa’ee, mana sanatti bu’an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne” Kutaan kun sagalee Waaqayyootiin jiraachuudhaaf duraan dursinee sagalee Waaqayyoo isa ittiin jiraannu kana dhaga’uu fi irraas barachuun murteessaa akka ta’e nu hubachiisa! Kutaa kana irraa yaadota lama ijoo baranna:- I. Dubbii Waaqayyoo dhaga’uu ykn barachuu II. Isa barannee fi beeknen immoo jjiraachuu t.me/Abjuu_Dhugoome Join as https://t.me/@BIRHANU_FANTA
إظهار الكل...
👍 2 2
YAA ILMA KOO! Yaa ilma koo na dhageessaa? Mee yaadadhu isa kaleessaa Ganda jooree liqeeffadhee Dugda-fuudhee kireeffadhee Qullaa deemee sitti uffisee Ququnca’een si guddisee. Qorraafi hongeen waxalamee Cabee lafatti dabalamee Qotee, ciree, haamee, dha’ee Fooniin dhumee lafee ta’ee Daalachaa’ee bifa fixee Gaara ba’ee kattaa lixee Rakkina koon bor sitti obsa Jedhee jooree dafqa cobsaa Dhiiga yaaddootiin of jiisee Gidirfameen si barsiise. Nama si gochuuf dhabee deegee Naaf dhaabbatta se’een eege. Ati garuu korma namaa Na dagatte - daguu hamaa Hojiifi bultiin liqimfamtee Akka gumaa fagootti hafte. Imaanaa nyaatte akka hattuu Na hin barbaaddu - na hin gaafattu Cabeefi meelladhee koo hin beektu t.me/Abjuu_Dhugoome Share waliif godha https://t.me/@BIRHANU_FANTA
إظهار الكل...
👍 1 1
#Gammadaa_Ta’i Gammadi, cimii hojjedhu; maallaqni ofii isaa ni dhufa Yeroo hin gubin-Carraa of hin dabarsin Ilaalcha poozatiivii qabaadhu Si gammachiisuu baannaan waan biraa hojjedhu Jireenya koo keessatti gaariitti hojjedhee akkan milkaa’e beekamaa dha. Wantin tuqu hundi warqiitti akka jijjiiramu dubbatama. Namoonni baayyeen iccitiin koo maal akka ta’e na gaafatu. Akkan itti qarshii hamma kana uumu na gaafatu. Wanti isaan baruu barbaadan garuu akkamitti ofii isaanii akka qarshii uumani dha. Namni hundi miiliyeenarii ta’uu ni barbaada. Deebiin koo yeroo hunda kana: ‘iccitii homaa hin qabu’. Biiznasiin seera hordofamu hin qabu. Yeroo hunda cimeen hojjedha; akkan danda’u amantii qaba. Hunda caalaa garuu gammadaa ta’uun yaala. Bara 1997 keessa afuuffeedhaan addunyaa yeroon qaxxaamure balaa baayyeen na mudachuu akka danda’u nan beeka ture. Utuun hin deemin dura ijoollee koo Saamii fi Hooliif xalayaa barreesseen kaa’e. Ergaan xalayichaa “Jireenya keessan garaa guutuun jiraadhaa; yeroo hunda gammadaa; harmee keessan kunuunsaa” kan jedhu dha. Jechoonni armaan olii amantaa koo ibsu. Yeroo hin gubin; Gammadi; Maatii kee jaalladhu. Sooressa ta’uuf miti kanan ka’e. Wanti ani barbaade jireenya gammadaa fi mudannoon guutamu jiraachuu dha. Maallaqni barbaachisaa ta’uu hin haalu. Nuun namoota holqa keessa jiraatan miti. Hiddaa fi firii mukaa duwwaan hin jiraannu. Gaaf tokko wanti jireenyaaf na barbaachisu ciree, laaqanaa fi irbaata qofa akka ta’e dubbachuu koo nan yaadadha. Ammas taanaan ittin amana. Biiznasii kanan jalqabe maallaqa argachuuf miti- wanti ani baradhe gammadaa taanaan maallaqni akka dhufuun hin hafnedha. t.me/Abjuu_Dhugoome Share godha https://t.me/@BIRHANU_FANTA
إظهار الكل...
👏 2 1
Kristiyaanummaan maali? Addunyaa kana irraatti wantooti maalummaan isaanii namoota biratti hiikaa sirrii dhaaban baay‟eetu jiru. Isaan keessaas kristiyaanummaan isa tokko dha. Dhugumaan addunyaa kana irratti kan namni baay‟een beekuu fi hiika isaa garuu sirriitti hin beekne jecha kristiyaana jedhuu fi kristaanummaa dha. Dhugaatti kristiyaanummaan maal akka ta‟e namooni hedduun, addumaan immoo namoonni an kristiyaana ofiin jedhan waan hubatan hin fakkaatu. Kanaafiyyuu kristiyaanummaan maal akka ta‟e irra deebine ilaaluun , itti yaadunii fi caaffanni qulqullaa‟an waa‟ee kristiyaana ta‟u kan inni dubbaatu hubachuun jireenya kristiyaanotaf hiika guddaa kan qabu fi gara firii dhugaa godhachuutti kan geessu dha. Egaan jecha kristiyaana jedhu eessa akka argameefi jalqabas akkamiin akka inni dhufe gaafa ilaallu yeroo jalqabaf jecha kana kan argatan ergamoota( duuka buutota ) gooftaa turan. Hoe 11:26 “ ... bartoonni jalqaba dura anxokiyaatti „kristiyaanota‟ jedhamanii waamaman.” Moggasni kristiyaana jedhu kun yeroo sanatti akka har‟aa kana guddaate kan namoonni baay‟een ittiin of waaman osoo hin taane, maqaa tuffiii ture. Kunis akka yeroo sanatti moggaasa gowwummaa agarsiisu fi kan warra dhugaa irraa kaatanii mul‟isuuf namoota Kiristoosiin duuka bu‟aniif ba‟u ture.maqaan kun inniu fayyadamamuufis namoota YESUS Kiristoosin duukaa bu‟an warra kan irra addaan baasuf ture. Hoe 26:28 “ agriiphaan yommus phaawulosiin, „ yeroodhuma gabaabduu keessatti kristiyaana na gochuuf jetta,‟ jedhe” Kutaa caaffata qulqullaa‟a armaan oliiti tuqamee kana irraattis phaawuloos gaafa falmata isaa mootii agriiphaatti dhiyeeffatu, waa‟ee Kiristoos, dhiphina isaa, akkasumas raajii waa‟ee isaaf dubbaatame kaasee yeroo dubbaatetti agriiphaan salphaadhumatti kristiyaana na gochuuf jetta jedhee, phaawuloos eenyu akka ta‟e(kristiyaana akka ta‟e) dubbaate. Phaawulosiis eeyye namni hundinuu akka koo akka ta‟u nan barbaada jedhee, akka phaawuloos kristos duuka bu‟uun ,kristiyaana ta‟u akka ta‟e nutti agarsiisa. t.me/Abjuu_Dhugoome Share waliif godha https://t.me/@BIRHANU_FANTA
إظهار الكل...
@BIRHANU FANTA

✍️Obsii Kaayyoo Kooti ✍️Hamman Galma koo gahuti ✍️Jechoota_Haayyoota ✍️Kitaboota_Xiin_Sammuu ✍️Walaloo,_Asoosama ✍️Yaadoota_Haaraa macaafa_Qulqulluu Join as👇👇https.//t.me/Birhanu_Fanta Facbook Birhanu Fanta Dambi Tictok @Birhanu Fanta

1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.