FILERA CRYPTO
الذهاب إلى القناة على Telegram
Your go-to source for the latest software updates, tech tips, and helpful resources. Stay informed with @FileraCrypto
إظهار المزيد280
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
+17 أيام
-1630 أيام
أرشيف المشاركات
Repost from Computer Science Exit Exam Material
Giveaway for one Active user
Be ready at local time 8:35 (today)
Who's ready?
Google's Voe 3 Ai Model🔥
🛑 Voe 3 - Ai model haaraa dhaabbata Google'n #develop ta'anii guyyoota muraasaan duratti #launch godhaman keessaa isa tokko yoo ta'u, wantoota dinqisiisoo inni qabatee dhufe addunyaa ajaa'ibsiisee jira.
🛑 Ai model kun video #scene isaa eeggate audio fi wantoota garaagaraa dabalatee qulqullina olaanaadhaan jalqabaa kaasee haga xumuraatti prompt ykn ajaja tokko qofaan #generate gochuu danda'a.
🛑 Akkuma beekamu Ai model haga ammaatti jiran hedduun isaanii text, audio ykn video generate gochuuf #prompt (ajaja) garaagaraa duraa duubaan kennuufiitu nurraa eegama. Kanneen ajaja tokkoon generate godhan ammoo, gariin qulqullinatu isaan hanqata gariin ammoo realistic miti (akka Ai dhaan generate ta'an sirriitti beeksisu).
🛑 Ai model Voe 3 kun garuu ajaja #prompt tokkicha kennameef fayyadamuun video, audio, akkasumas sound effect fi wantoota barbaachisoo addaa addaa waliin video scene guutuu qabu haga waan inni Ai dhaan uumame hin fakkaannetti generate gochuu danda'a.
🛑 Kana qofa osoo hin taane Ai model kanaan walqabatu fi #FLOW jedhamu fayyadamuun ofii keessan akka #character tokkootti galchuun namoota beekamoo feetan waliin bakka feetanitti video movie scene isaa eeggatee fi baayyee realistic ta'e hojjechuu dandeessu.
🛑 Video #generate ta'u kanaafis ammoo akkaataa fedhii keessaniin kallattii kaameeraa (camera angle) feetan filachuu dabalatee wantooota hedduu qajeelchuun haala dhugaa irraa hin fagaanneen #generate gochuu dandeessu.
🛑 Ai kun irra jireessaan namoota akka filmmakers, storytellers ta'an fi dalagaawwan kanaan walqabatanii jiran irratti hirmaataniif gumaachaa olaanaa godha jedhamee eegama.
🛑 Amma irratti Ai tool kun bilisaan gadi hin lakkifamne, haata'u malee kaffaltiidhaan akkasumas namoonni Google AI Pro fi Google AI Ultra plans #subscribe gochuun fayyadamaa jiran access gochuu danda’u.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
#Of_Eeggannumaaf.‼️
👉 Warri waraqaa eenyummaa dijiitaalaa (Faayidaa) baafattanii itti fayyadamaa jirtan dhimma kamiifuu #kooppii hin kennina.
👉 Iddoo kamittuu dhimma kamiifuu Yeroo waraqaa eenyummaa gaafatamtan lakkoofsa FAN kan dijiitii 16 san qofa kennaa malee waan biraa hin kennina.
👉 Iddoo itti waraqaa eenyummaa Kooppii gootanii kennuun dirqama ta'etti immoo waraqaa eenyummaa faayidaa keessanii fuula karaa suuran keessan jiru karaa fulduraa malee gama duuba isaa karaa lakkoofsi FIN jiru san goonkuma kooppii gootanii hin kennina.
✍️ Walumaa galatti Tajaajila kamiifuu lakkoofsa FAN kennaa malee lakkoofsa FIN san goonkuma goonkuma dabarsitanii hin kennina.
👉 Kanaan ala lakkoofsa FIN keetii dabarsitee kennitee akkaawuntin Baankii kiyya saammame, eenyummaan kiyya hatamee fi boohicha kanaan wal qabate kamuu namni siif dhaga'u akka hin jirre hubadha.❗️❗️
Warra hin beeknef share gochuun wal hubachiisa.
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
Ergaa of eeggannoo itti fayyadamtoota Telegiraamaaf !
Ittifayyadamni Intarneetii guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu hordofee yaaddoon kanaa wajjin walqabatanii dhufanis akkuma kana babal’ataa jira.
Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa tibbana teessoo (URLs) intarneetii hedduu qorachuun toorawwan kunneen hawaasarra yaaddoo cimaa uumuu akka danda’an mirkaneesseera.
Liinkonni qaamolee garagaraarraa maamiltota telegiraamaatti ergaman balaawwan kanneen akka odeeffannoo dhuunfaa butuu, tatamsa’ina Malweerii, waliin dhahuu fi gowwomsuufaadha.
Kanaaf maamiltonni liinkota armaan gaditti tarreeffaman akka hin banne/fayyadamne hubachiisaa liinkonni shakkisiisaa ta’an yoo mudatan • e-mail: ethiocert@insa.gov.et fi lakkoofsa bilbilaa bilisaa 933 Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaaf akka kennan beekiseera. Via INSA
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
🤷♂🤷♂Password ykn Patternin bilbila keenyaa akkamiin hojjeta? Akkasumas bakki kuusaa isaa eessa(eessatti save taha)??
👌Akkuma beeknu pattern mobaayila keenyaa tuqaalee sagal jiran wal qunnamsiisuudhaan uumama. Yeroo kanatti yoo xiqqaate tuqaaleen afur wal qunnamuu qabu, akkasumas tuqaa tokko si'a lama irra deebiin filachuu hin dandeenyu.
👌Pattern’n itti galchinu eessa kaa’ama? Ykn bakka kamitti save ta’a?
Mobaayila android tokko pattern dhaan yoo cufne pattern sun dhoksaadhaan folder ‘data’ jedhu keessa kaa’ama.
👉Maqaan faayila pattern sanaa “Pc.key” jedha. Haa ta’u malee folder kana kallattiin seennee ilaaluu hin dandeenyu. Garuu ADB interface irra yoo goone ykn mobaayilicha yoo root goone bannee
ilaaluu dandeenya.
Pc.key file sana yoo banne pattern/ password keenya kallattiin arguu dandeenyaa?
👌Pc.key file yoo banne ilaalleyyuu kallattiin pattern/ password keenya ilaaluu hin dandeenyu. Sababni isaas password’n kamiyyuu yeroo save godhamee kaa’amu dursa akka namni hubachuu hin
dandeenyetti encrypt ta’a(haala namni salphaatti dubbise hubachuu hin dandeenyetti jijjiirama). Kana gochuuf immoo mala ‘Secure hash function(SHA1)’ jedhamu fayyadama.
👉Fakkeenyaaf: mobaayila keenya pattern tuqaalee 752369 irra jiru walitti fidnee cufne haa jennu. Pattern kun yero save ta’u bifa kanatti jijjiiramee encrypt ta’a:
0×82 0×79 0x0A 0xD0 0xAD 0xEB 0×07 0xAC 0x2A 0×78 0xAC 0×07 0×03 0x8B 0xC9 0x3A 0×26 0×69 0x1F 0×12
👉Pattern mobaayila keenyaa yoo daganne deebinee bilbila keenya banuuf maloota lama
fayyadamuu dandeenya. isaanis:-
1ffaa: #Hard_reset (reset & factory)
👉Malli kun kan barame yoo ta’u faayila mobaayila keenyarra jiru kan haquudha. Egaa pattern bilbilaa faayila waan ta’eef inniis duukaa haqama jechuudha. Kana booda bilbila keenya akka haaraatti itti fayyadamuu jalqabna.
👉Waayee kanaa(hard reset) maxxaansa keenya kanaan duraa irrattii ballinaan ibsinee jirra waan taaneef barbaaddani dubbisuu dandeessu.
2ffaa: #Root gochuu
👌Mala kana yoo fayyadamne yeroo mobaayila root goonu pattern ykn password keenya kan baatu pc.key file arguu waan dandeenyuuf isuma haquudhaan pattern/password daganne sana balleessuu dandeenya.
👌Mala kana yoo fayyadamne
faayilli keenya osoo hin badin pattern/password daganne haqnee kan biroo bakka buufachuu dandeenya. Waayee bilbila root gochuu garuu ballinaan gara fuula duraatti qabannee dhiyaanna.
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
👌Application dabalataa malee Telegram qofa fayyadamuun akkamittiin haala salphaadhan Telegrama keenyaa lock gochuun (cufuun) security keenya dabaluu dadeenya?
👉Sagantaa barannoo keenya har'aatiin mataduree kana haala kanaa gadiitti waliin ilaallaa. Steeppiiwwan armaan gadii hordofaa
👇👇👇👇👇👇👇👇
Step 1: App telegram banuun sarara sadii harka bitaa irra jiru cuqaasuu
Step 2: Filannoowwan tarreeffamanii jiran keessaa Setting keessa seenuu
Step 3: Security and privacy Kan jedhu filachuun cuqaasuu
Step 4: Security jalatti passcode lock (cuftuu lakkoofsa darbii)kan jedhu cuqaasna.
Step 5: Passcode lock kan jedhu ON wayita goonu akka nuti passcode galchinu nu gaafata(dijiitii 4).
Itti aansuun Re-enter jechuun yeroo lammaffaaf akka galchinu nugaafata nutis irra deebin galchu qabna.
Step 6: Gara gaditti auto-lock kan jedhu daqiiqaa ykn sa'aatii hamma nutti tole filanna. Kana jechuun osoo telegram fayyadamaa jirruu tasa dhimma biraatiif banaatti dhiisnee yoo bilbila keenya biraa deemne yeroo inni itti ofiin of cufu(lock of godhuu)dha.
Step 7: dhuma irratti gara boodaatti deebi'uun irra keessoo telegram(mataa telegram keenyaa) bira unlock kan ture gara lock tti jijjiruun xumurra. Amma telegram irra baanee yoo itti deebine passcode keenya nu gaafata.
Hub: passcode keenya dagachuu hinqabnu yoo dagannee garuu app telegram uninstall gochuudhaan irra deebinee install gochuu qabna.
Channel keenya join fi share gochuu hin dagatinaa.
🙏🙏🙏👇👇👇🙏🙏🙏
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
👌Bilbilli Android maaliif ‘App not installed’ jedhee app keenya install gochuu dida? Furmaatni isaahoo maali?
👉Appii haaraa tokko install gochuuf yoo jennu ‘App not installed’ kan jedhuuf sababoota gurguddoo 8 qaba.
Isaanis:
✅ App wal fakkaataan dursee jirachuu.
✅ Android version bilbila keenyaan wal madaaluu dhabuu(compatibility problem).
✅ Rakkoo siistamaa (System problem) qabaachuu.
✅ Kallattiin install ta’uu diduu.
✅ Rakkoo ‘App preferance’
✅ Teessoo appichaa.
✅ Rakkoo ‘Package installer’ yoo uumamu.
✅ Free space dhabuu.
👉 Sababootni isaa kan armaan olii yoo ta’u, furmaatni isaa kan armaan gadiiti.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1️⃣ Yeroo baay’ee app tokko yammuu install gochuuf jennu ‘App not installed’ jedhee kan nu didu Appii isa fakkaatu yoo jiraatudha. Kanaafuu Appii isa fakkaatu jalqaba uninstall gochuun balleessuu qabdu.
2️⃣ Appii haaraa install gochuu barbaaddan android version mobaayila keessaniirratti hojjechuu dhiisuu danda’a. Kanaafuu Appicha edit gochuu qabdu. Appii edit gochuuf steppi armaan gadii sirnaan hordofaa:👇👇👇👇👇👇
Step 1: Appii maqaan isaa ‘apk editor’ jedhamu interneetii irraa buufadhaa.
Step 2: Apk editor install ergaa gootanii booda open godhaatii, ‘select apk from APP’ kan jettu cuqaasuun ‘Common edit’ kan jettu seenaa.
Step 3: achi keessaa ‘Install location’ kan jettu default godhaa.
Step 4: Itti aansuun “version code” kan jettu jijjiraa.
Koodicha yammuu jijjiirtan koodiin jijjiirame
mobaayilicha kan madaale ta’uu qaba (Kanas Appii installed ta’eerraa ilaaltanii jijjiiruu ni dandeessu).
Step 5: Save gochuun install godhaa.
3️⃣ Mobaayilichi yeroodhaaf rakkoo siistamaa (Temporary System problem) yoo qabaate Appii haaraa install hin godhu. Kana furuuf immoo mobaayilicha restart/ reboot godhaa.
4️⃣ Appii kallattiin install ta’u hin dandeenye ni jiru. fkn, Base.apk , Config-Archi.Apk jedhaman. kanaaf; Appii akkanaa install gochuuf yoo cuqaasnu ‘Open with’ jedhanii filannoo garagaraa fidu malee install kan jedhu hin agarsiisani.
Appii akkanaa install gochuuf immoo appii maqaansaa ‘SAI (Split app installer)’ jedhamu install godhadhaa. Itti aansuun app install ta’uu dide sanatti deebi’aa. ‘Open with’ jedhee filannoo garaagaraa yoo isiniif fidu ‘SAI’ filadhaa. Kana booda ‘SAI’ keessaan install gochuu dandeessu.
5️⃣ Setting bilbila keessanii seenuun ‘Reset app preferance godhaa’. Kana gochuuf tartiiba kana hordofaa. Settings < Apps < menu (mallattoo sarara sadii) < Reset app preferances.
6️⃣ Appichi memory card irra yoo jiraate gara internal storage tti dabarsaa install gochuu yaalaa.
7️⃣ Rakkoo ‘Package installer’ yoo uumamudha. Rakkoo kana furuuf tartiiba armaan gadii hordofaa: Settings < Manage apps < Package installer < Clear data and Clear cache
8️⃣ Mobaayilichi ‘Free space’ gahaa qabaachuu adda baafadhaa. Yoo hinqabu ta’e app kan biroo uninstall godhaa ykn faayiloota gurguddaa bakka baay’ee qabatanii jiran delete godhaa.
👏👏👏👏👏👏👏👏👏
Odeeffannoowwan teknoloojii barsiisoo tahan kanneen kanaan dura lakkifaman argachuuf channel keenya join godha
👇👇👇👇👇👇👇
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
👌👌Faayila Kamuu Akka Yoomuu Hin Bannetti Ol Kaayachuuf maloota akkami fayyadamtu laata??
👉Akkaataa faayiloota keessan (Suuraa, Sagalee, Vidiyoo, Barreeffamaa fi kkf) ol kaayachuu dandeessan isin agarsiifna.
👉Ati nama faayilli jalaa baduun rakkate yoo taate kuni furmaata filannoo hin qabneedha.
👌Akkaataa nuti isin agarsiifnun faayila keessan yoo ol kaayattan yoomuu na jala bada jettanii yaadda’uun hin jiru.
🤷♂Tarii bilbilli keessan baduu danda’a. Garuu faayila isin ol kaayattaniifi bilbila keessan wanti walitti hidhu tokkolleen hin jiraatu.
📱faayila billbila duraanii irra ture bilbila haaraya irratti ykn kompiitara keessan irratti
argachuu ni dandeessu.
👉Malli kun haaraya ta’uu dhabuu danda'a garuu itti fayyadamaa hinjirru taanaan akka itti fayyadamuu eegalluufi
👉Faayila kamuu akka yoomuu si jalaa hin bannetti ol kaayachuun kuni akkamitti?
👉Dursa irratti waan hubatamuu qabu.
faayilli ol kaayamu ‘E-mail’ keessaniin walitti hidhama. Hanga email kee beektutti faayila kee guutuu Gosa bilbilaa kamuu irratti, Gosa kompiitaraa kamuu irratti, Biyya kamuufi yeroo kamuttuu argachuu ni dandeessa.
Faallaa kanaatin Email kee dagatte yoo ta’e faayila keetis bakka jiru dagatte jechuudha.
👌Dhaabbanni Google tajaajiloota 200 ol kenna. isaan keessaa kan Nuti baay’inaan beeknu, Youtube, Play Store fi Gmail tahuu danda’a.
Garuu kanaan ala kan osoo faayyadamnee hedduu irraa gargaaramuu dandeenyu ni jiru.
👉Fkn: kanneen akka Har’a ilaaluf deemnu..
Google Nama tokkoof (email tokkoof)kuusaa 15GB bilisaan (free) kenna.
Kuusaa ykn storage siif kenname kana irra faayila gosa kamuu kaayyachuu dandeessa.
👉Faayilli Ati ol kaayachuu barbaaddu kana caalaa guddaa yoo tahe Kuusaa dabalataa Google irraa bitachuu ni dandeessa. kuusaa kanaas gara GB 100, 200 fi kanaa olitti siif guddisu.
Yoo kafaltii raawwachuu hin dandeenye Aappii biroo tajaajila wal fakkaataa kennan akka dabalatatti faayyadamuu
ni dandeessu.
👉Fkn: Mega fi OneDrive filatamoodha. kunneenis GB dabalataa argachuuf kafaltii si gaafatuu danda’u.
👉Haa ta’uu malee kuusaan Google isiniif kennu 15GB jechuun SUURAA, VIDIYOO fi AUDIO murteessoo qofa yoo irratti feetan isin gahuu danda’a. Barreeffamni fi Lakkoofsi bakka guddaa hin fudhatu waan taheef yaachisaa miti.
👌Faayiloota asii olitti jenneefi Dokumantiilee adda addaa Sarvara Google irra kaayyachuuf kanneen isin tajaajilan Aappii gosa 4tu jira. Isaan keessaa Lama bilbila ammayyaa yeroo ammaa waliin dhufu, Lama immoo kan download godhamaniidha. Haa ilaalluu:
√ Google Photos
√ Google Drive
√ Google Keeps
√ Google Contacts
👉Aappiiwwan kanneen maqaa isaanii ilaalun salphatti maalif akka nu gargaaran hubachuu dandeenya. Garuu Hordoftoota keenya maraaf akka ifa ta’uuf jecha tokkon tokkoon isaanii bifa asii gadiitin ilaalla.
==================
Itti fufaa.......
==================
Odeeffannoowwan teknoloojii barsiisoo tahan kanneen kanaan dura lakkifamanii fi kanneen gara fuula duraatti lakkifaman illee argachuuf channel keenya join godha!!
👇👇👇👇👇👇
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
🤷♂🤷♂Memory bilbila keenya maaltu guute laata?📲
Yeroo baayye wayita App haaraa install goonu ykn wayita faayiloota garaagaraa kanneen akka audio, video, photo, fi kkf dabarfachuuf jennu Insufficient Storage Avaliable ykn Memory fully jechuudhaan notification maalif nutti ergama?
👌Rakkoon akkasi wayita nu mudatu Memory Space keenya akkamitti free akka goonu waalin ilaalla.
🤷♂Garuu notification kun sababa maaliitiif nuuf dhufa waan jedhu dursinee sirriitti haa ilaallu
👉👉Operating Systemin Android app install gochuuf ykn faayila kuusuuf wayita bakka gahaa tahe dhabu notification kana nutti erga.
👌Kana waliin walqabatee Applicationoonni Bilbila keenya irraa jiran Storage akkamittiin akka fayyadamanu haa ilaallu
👉Applicationooni wayita install tahan bakka mata isaani memory irraa ni fudhatu.
👉Applicationoni bakka daataa mataa isaanii Kawwatan memory irraa ni qabaatu (fkn Telegrami fudhachuu dandeenya)
👉Applicationoonni bakka yeroodhaaf faayila catch gochuun kaawwatan ni qabu. Faayiloonni catch irra taa'an kunnin bakka guddaa qabatu.
Kanaafu rakkoo isaa fi akkaata itti fayyadama storage jaraa ergii barree furmaanni isaa hoo maali🤷♂
😳 Jalqaba irratti Storage bilbila keenya maal maaliin akka guutame ilaaluu qabna. Kanaafis:
1ffaa: Setting seenuu
2ffaa: Storage seenuu
👌Asirratti RAM,Internal Storage,SD Card bakka hammami qabatanii akka jiran % dhaan nu agarsiisa
3ffaa: Internal Storage cuqaasuu
Avaliable 👈memory free nuti qabnu dha.
System👈 Operating System bilbila keenyaa ofii isaatiifi Applicationoota isa waliin dhufan kanneen akka Chrome, Maps,Phone, GMail, Google, Contacts, Photo,Drive fi kkf kuusuuf memory inni qabate nutti agarsiisa.
Owners👈applicationoota fi suurawwan akkasumas audio fi video garaagaraa nuti kuufanne agarsiisa.
Kanneen armaan olitti ibsaman keessa kan iddoo guddaa qabatan ilaaluun...
Application yoo tahe yeroo hedduu itti hin fayyadamnu ykn dhimma itti hin baanu taanaan uninstall gochu
✳️ uninstall gochuuf Setting->Apps
uninstall gochuuf app barbaanne cuqaasuun uninstall goona.
✅ audio,photo ykn video yoo tahe immo kan nu hin barbaachisne filachuun delete gochuu.
✅ Clear data isa jedhu cuqaasuun catch memory irraa faayiloota jiran balleessuun qulqulleessuu.
✅ akka dabalataatti faayiloota bakka guddaa qabatanii jiran Internal Storage irraa Cut gochuun SD card irratti paste gochuu.
✅ filannoon kan biraa immoo bilbila keenya irratti bakka faayiloonni haaraan yeroo dabarfannu seenaan akkasumas application irratti install ta'an default isaa gara SD card tti jijjiiruudha.
Kanaaf immoo
👉Setting-> Storage- >Applications storage location kan jedhu gara removable SD card tti jijjiiruu
Setting-storage-default-write disk- kan jedhu gara removable SD card tti jijjiiruu
Akkasumas preferred install location seenuun isaas gara removable SD card tti jijjiiruu.
Hiriyan keessan kan bilbilli isaa guutuun rakkachaa jiru jiraachuu waan maluuf maaloo share godhaafi.
Odeeffannoowwan teknoloojii barsiisoo tahan kanneen kanaan dura lakkifamanii fi kanneen gara fuula duraatti lakkifaman illee argachuuf channel keenya join godha!!
👇👇👇👇👇👇
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
🤷🏼♂️🤷🏼♂️🤷🏼♂️ROOTING maali? faayidaan nuti Bilbila keenya 'Root’ gochuun argannu maalidha? Miidhaan isaa hoo maal faadha laata?
👉Rooting jecha bilbiloota 'Android'f fayyadamamudha. Jalqaba maalummaa 'Android' beekuun nu barbaachisa. Android'n operating system kan bilbilaa tahee dhaabbata Google'n oomishame yoo ta'u, namoota hedduun jaalatamaadha.
👉 Dhaabbanni hedduun kanneen akka Samsung, Huawei, htc, Techno, LG fi kkf bilbiloota OS kana baatan waa itti daddabaluun oomishuun beekkamu.
✍️✍️ Dhaabbanni google fi oomishaan bilbila keenyaa (Samsung, Huawei, Techno...) akka bilbiloonni 'Root' ta'an hin barbaadan. Sababni isaa 'Root' gochuun miidhaa akka qabu sirriitti waan beekaniif. Samsung, huawei fi techno'n immoo biiznasii isaaniif gaaarii waan hin taaneef... Nutis bilbila keenya yoo 'root' goote miidhaa akka qabu beekuutu nurra jira.
👉Gabaabaatti egaa Rooting jechuun adeemsa fayyadamaan bilbilaa tokko bilbila sanaaf fayyadamummaa guutuu operating systemi itti argatuudha. Kunis immoo akka fayyadamaan sun amaloota bilbila keessaa kan dhokatoo tahan garaagaraa fayyadamuu akkasumas jijjiiruu danda'uuf isa gargaara.
Jechoota Beekuu Qabnu: 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉ROM : Android fooyya'e jechuudha. innis wantoonni heddu kan itti dabalaman, saffisa gaarii kan qabu, kan bilbila keef hin hojjatamin fa'a ta'uu mala.
👉Kernel : qaama Operating System ta'ee kan wal qunnamtii gidduu hardware fi Software jiru too'atuudha.
👉Flashing : bilbila keetti waa fe'uu jedhuudha. fkn:- ROM, Kernel...
💁🏻♀️💁🏻♀️Faayidaa bilbila keenya Root gochuun argannu haa ilaallu:
👌 System Software uninstall gochuuf (applicationoota bilbila keenya waliin dhufan kan oomisha dhaabbatichaa tahan irraa balleessuu dandeenya)
👌Custom ROM mataa keenyaa kan barbaanne fe'achuu dandeenya
👌Applikeeshinoota Hacking dhaaf nu gargaaran garagaraa salphaatti fayyadamuu dandeenya
👌Wantoota dhokatan gara garaa arginee itti dhimma bahuuf !
👌Jireenya 'Battery' keenya fooyyessuuf.
👌Memory card irratti App fe'uuf
👌 TOR fayyadamtee interneetii irratti of dhoksuuf
👌Application rakkoo compatibility (wal simanna version bilbilaa fi appii) qabu install godhachuu ni dandeenya
🤷🏼♂️🤷🏼♂️Miidhaa 'Root' Gochuun Qabu:
👉Bilbilli keenya tarii achumaan cufamee hafuu danda'a.
👉Bilbilli salphumatti vaayresiin miidhamuu danda'a.
👉'Phone warranty' keenya nu jalaa dhaaba.
👉Hanqinoonni gara garaa uumamuu danda'u.
👉Saffisni bilbila keenyaa hir'achuu danda'a.
💁🏻♀️💁🏻♀️Sooftweerota 'Root' gochuuf gargaaran:-
☑️UniversalAndRoot.
☑️KingRoot.
☑️KingORoot.
☑️UnRevoked.
☑️SupperOneClick.
☑️Superboot.
💁🏻♀️ 'SupperOneClick' kompiitara irratti buufachuun bilbila keenya USB dhaan erga wal qunnamsiistee 'Root' kan jedhu tuquun 'Root' gochuu dandeessa. yoo bilbilli keenya fooyyeen isaa 'Android 4.0' fi sanaa gadi ta'e KingRoot bilbila irratti buufachuun salphumatti 'Root' taasisuu dandeenya.
Channel keenya join fi share
👇👇👇👇👇
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
Namoota computer irratti sooftiweericha fayyadamuu barbaaddaniif kunooti.
@Mogor_Software
🤷♂🤷♂Waayee file compression akkasumas sooftiweerii WinRAR jedhamu hagam beektu? Akkamiinis Hojjata?
Maxxansa isaa har'a keessatti @Mogor_Software odeeffannoo kana ballinaan qabatee dhufeera dubbisaa irraa baradhaa.
👌WinRAR’n sooftiweera daataa guddaa walitti cuunfanii (compress gochuun) mala ittiin xiqqeessanii kaa’uuf gargaarudha. Kunis tajaajila gurguddaa nuuf kenna.
👉 Fakkeenyaaf: email dhaan data guddatee nuuf ergamuu dide hamma isaa xiqqeessuun erguu nu dandeessisa.Dabalees bakka (storage space) keenya qusachuuf filatamaadha.
🤷♂Akkamiin hojjata isa jedhuuf immoo:
Daataa tokko compress gochuuf maloota algorithm hedduutu jiru. Fakkeenyaaf, documenti suuraa 15 cuunfuu yoo barbaade achi keessaa kan walfakkaatan ykn caasaa tokko keessatti argaman walitti qabee tokko qofaan bakka buusee kaa’a. Erga tokkoon bakka buusee kaa’ee booda warreen hafan immoo cinatti mallattoo baay’isuutiin barreessee kaa’a.
👉Haaluma kanaan fakkeenyaaf suuraa 15 walfakkaataa ta’e bakka tokko kaa’ee yeroo ‘extract’ ta’ummoo bakka isaa jalqabaa 15tti deebisa. ( extract jechuun faayilli tokko eega compress tahee booda yoo gargar deebihee hiikamu jechuudha)
👉Fakkeenyaa biraa haa ilaallu, documenti
‘ BBLLLTTTTTTT ‘ tu jira haa jennuu. kun bakka 12 qabata. Haa ta’u malee qabiyyee walfakkaataa waan of keessaa qabuuf walitti cuunfee B2L3T7 godhee bakka 3 qofa kenneefii kaa’a. Yeroo extract ta’u immoo bakka isaa jalqabaatti deebisa.
👉Suuraa fi viidiyoo immoo background walfakkaataa kan qaban bakka tokkotti cuunfee kaa’a.Fakkeenyaaf suuraa keenyaa dugda duubnisaa walfakkaatu 20 yoo jiraate 20’n sana dugdaduuba isaanii bakka tokkotti cuunfee kaa’a. Kan viidiyoos akkasuma. Haala kanaan faayila gurguddaa compress godhee bakka xiqqoorra qubachiisa jechuudha.
👌Sooftweerii kana hackers (hattoonni) baay’ee ni fayyadamu. Fakkeenyaaf: setup files kan waa hack gochuuf faayyadan yeroo namatti ergan WinRAR fayyadamuun xiqqeessanii gara suuraatti jijjiiru.
👉Kunis kan ta’u sooftweera vaayrasii qabu kan ittiin hack godhan sana suuraa hawwataa tokkotti jijjiiranii liinkiin itti gochuun namatti ergu.
Namni suuraan sun isa hawwatee yoo tuqe kiyyoo(trap) namoota sanaa keessa osoo hin beekin seena jechuudha.🥵🥵
👌Asumaan ergaan isiniif dhaamnu bakka garaagaraa irraa suuraalees ta’ee wantoonni biroo tuquuf nama kakaasan yoo isiniif dhufan ariifattanii hin tuqinaa isiniin jenna.
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
👌👌Maloota gurguddoo 5 Faayila Kompiitara Irraa
Bade Karaa Deebisnee Ittiin Argachuu Dandeenyu.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
👉Faayilli kompiitara keenya irraa haala garaagaraan baduu danda’a. Akkasumas dogoggoraan faayila
barbaachisaa ta’e balleessuu dandeenya.
👉Faayila akka tasaa bade argachuuf maloota shan isiniif dhiyeessinee jirra dubbisaa irraa baradhaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇
1ffaa: #Recycle_bin keessa check gochuu Kompiitara kamirraayyuu faayiloonni badan recycle keessa taa’u. Faayilli tokko permanently delete(shift + delete) hin taane yoo ta’e, as keessaa argachuu dandeessu jechuudha.
👉Faayilicha Restore gochuun akkuma duraatti itti fayyadamuun ni danda’ama.Kana gochuufis immoo faayilicha irratti cuqaasa mirgaa(right click) gochuun filannoo nuuf dhufan keessaa restore filanna.
2ffaa: #File_history turn on gochuu.
Dursa file history ‘on’ gochuu barbaachisa. Kana booda faayila akka tasaa bade tokko ‘Restore files with file history’ jechuun barbaaduun faayilichi yoo argitan Restore gochuun faayyadamuu dandeessu.
3ffaa: #Backup faayyadamuu
Jalqaba irratti of eeggannoodhaf faayila
barbaachisoo ta’an backup gootu. Kana booda faayila akka tasaa bade argachuuf:
Control panel >> System &
Maintenance >> Backup & Restore kan jedhu seenuun faayila tasa bade deebifachuu ni dandeessu.
4ffaa: #Software qaama sadaffaa(3rd party) fayyadamuu Software faayila bade nuuf deebisan hedduun ni jiru. Salphaadhumatti ‘Windows file recovery’ jechuun google irra barbaaddanii kan fedha keessanii buufachuun itti gargaaramuu dandeessu.
5ffaa: #Previous_version/haaromsa duraa keessa check gochuu yeroo tokko tokko faayiloonni kompiitara irra jiran Windows yeroo haaromsuuf jennu ofumaa isaaniitiin backup of godhu. Kanaaf faayilli tasa bade version duraa keessa jiraachuun ni mala waan taheef achii keessa ilaaluun restore goona.
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
👌👌karaalee gurguddoo facebook account keenya ittiin hack tahu ykn butamuu danda'u meeqan keenyatu hubannoo isaa qaba??
👉Akkuma beekamu yeroo garaa garaa irratti facebook account keenya namoota hin beekkamneen nu jalaa butama (hack) taha.
👉kanumaan wal qabatee karaalee hattoonni facebook account keenya ittiin nu jalaa hatuu dandahanii fi akkamitti ofirraa ittisuu akka dandeenyu qabxiiwwaan sadeen (3) armaan gadiitti eeraman maxxansa keenya har'aa keessatti waliin ilaalla.
1. #Facebook_Phishing
👌karaan facebook phishing jedhamu kun karaa baay’inaan hattoonni itti fayyadamaniidha. facebook phishing jechuun fuula nuti facebook keenya itti login goonu ykn lakk_bilbilaa fi password keenya itti barreessinu kan original hin tahin fakkeessanii hojjachuun link page sanii karaa email fi message akkasumas social media (midiyaa hawaasaa) garaa garaa fayyadamuun nuuf ergu.
Wayita nuti link sana cuqaasnu lakk_bilbilaa fi password keenya akka itti galchinu nu gaafata. yoo itti galchine lakk_bilbilaa fi password keenya osoo nuti hin beekin harka hattoota seena jechuudha.
🤷♂🤷♂Of eeggannoo akkamii gochuu qabna??
👌Yero kamiyyuu link karaa email,telegram, message fi social media garaagaraatiin nuuf dhufu hundayyu osoo hin banin dura eenyu akka nutti erge ilaaluu qabna. yoo akka tasaa kan bannu taate ammoo yoo inni lakk_bilbilaa fi password kan nu gaafatu tahe itti guutuu dhabuu fi link san ofirraa haquudhaan nama link san nutti erges block ofirraa gochuudhaan ofirraa ittisuu dandeenya.
2.#Keylogging
👌Karaan keylogging jedhamu kunis kan baay’inaan hattoonni itti fayyadamaniidha. keylogging jechun software salphaa computer fi mobile keenya irratti install godhamuudha.
👌Software eega install godhame booda wantoota nuti computer ykn mobile keenya irratti hojjannu hunda isaa waraabee (record) godhee hattootaaf erga. kana jechuun yeroo nuti computer ykn mobile keenya irratti lakk_bilbilaa fi password facebook keenya barreessinu wanta nuti barreessine sana copy godhee osoo nuti hin beekne hattootaf erga jechuudha.
🤷♂🤷♂of eeggannoo akkamii gochuu qabna?
👉Yero mara antivirus update tahe mobile keenya irra qabaachuu qabna ,computer fi mobile keenya namoota hin beeknetti kennu dhabuu ,yeroo hunda software fi application maalummaa isaanii hin beekne download gochuu irraa of qusachuudhan ofirra ittisu dandeenya.
3.#Mobile_Phone_Hacking
👌Mobile phone hacking jechuun karaa kanaan jalqaba hattoonni mobile keenya keessa osoo nuti hin beekin eega seenanii booda wanta mobile keenya keessa jiru hunda akka fedha isaanii godhuu danda'u. kana jechuun facebook keenya fi email keenyas harka isaanii keessatti deebifatanii jiran waan taheef karaa kanaanis facebook keenya hatamuu dandaha jechuudha.
🤷♂🤷♂of eeggannoo akkamii gochuu qabna?
mobile keenya namota hin amannetti kennu dhabuu application hin barbaachifne install godhuu dhiisuu (file) wantoota kara email nuf ergaman maalumma isaa osoo sirritti hin hubatin download godhuu irraa of qusachuu fi antivirus update tahe yeroo hunda mobile keenya irraa qabaachuudhaan ofirraa ittisuu dandeenya.
Galatoomaa🙏🙏🙏
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
🤷♂🤷♂Bilbila Networkii fi Interneetii hojjachuu dide akkamittiin sirreessuun gara hojiitti deebisuu dandeenya?
🤷♂ Jalqaba bilbila tokko irraa wayita netwoorkiin baduu rakkoo Sim Card moo rakkoo netwoorkiiti waan jedhu adda baafachuu qabna.
👌Bilbilli tokko rakkoo netwoorkii qaba kan jennu yoo kanneen armaan gadii agarsiisedha.
√ No service ,
√ Emergency call,
√ Registration failed,
√ Invalid Simcard fi kkf.
👌Rakkoowwan akkanaa kun sababoota armaan gaditiin dhufuu danda’u:
√ Rakkoo Network IC (Hardware Problem)
√ Rakkoo IMEI number
√ Rakkoo Anteenaa (Hardware problem)
👌Yeroo baay’ee rakkoon hojjachuu diduu netwoorkii bilbilaa rakkoo IMEl Number dha. rakkoon akkanaa yeroo hedduu bilbiloota xixiqqoo irratti kan mul’atuudha Kanaafuu, furmaatni isaa IMEI number jijjiirudha. IMEI bilbila keenyaa ilaaluuf *#06# bilbilla. Lakkoofsa dijiitii 15 qabu nuuf baasa. Kanaafu lakkoofsa kana jijjiiruutu nurra jiraata.
👉IMEI number jijjiiruuf koodii bilbilaa kanneen keessaa kan isiniif hojjate faayyadamaa
*#0160#(Techno baay’ee irratti),
*#0161# ,*#0162# , *#0066#(Isim),
*#0011#(Smadel),
*#346# , *#020*# , *#0120# , *#1120# , *#*#601*#*# , *#8378#1#
(bilbilloota xixxiqqoo hunda irrattii ni hojjeta)
👉IMEI number haaraa erga jijjiirtanii booda bilbila keessan cufaati banaa, networki isiniif deebi’a. Ammallee yoo deebi’ee akkuma duraa tahee akkanumattii IMEI number haara kan biraa yaalaa.
👌Gama biroon osoo SIM CARD bilbila keessa jiruu mallattoolee fi jechoota akka:
👉Insert SimCard
👉No Sim Card Present
👉No SimCard Inserted
👉SimCard Registration Failed fi kkf kan agarsiisu yoo ta’e immoo rakkoo alaa (Hardware Problem) jechuunis boardi simcard irra galuu irratti rakkoon qaqqabeera waan ta’eef mana suphaa mobaayilaa geessuun ilaalchisaa.
👉👉Dabalataan Bilbila interneti hojjachuu dide fi bilbila haaraa akkaataa itti interneetii hojjachiisnu haa ilaallu.
👉Akkuma beekamu yeroo tokko tokko bilbilli keenya interneetii guutummaan guutuutti hojjechuu dida ykn waan hunda nuuf hojjachuu didee yeroo nu rakkisu argina.
👉Kanaafuu, yeroo rakkoon akkasii isin mudatu akkaataa fi gosa bilbila keessanii irratti hundaa’uun access point keenya guutuun sirreeffachuu dandeenya.
👌Namoonni biyya keessa taatanii bilbila touch screen fayyadamtan step kana hordofaa.
👇👇👇👇👇👇
Settings > Network & internet > Mobile network > Access point kan jedhu erga seentanii booda Mallattoo (+) ykn Add jettu tuquun, bakka ‘Name’ jedhutti etc guutaa bakka ‘APN’ jedhutti immoo etc.com guutuun ‘Save’ godhaa.
👌Namoonni biyya biroo jirtanis ‘access point’ biyyichaa guutaa. Google irratti maqaa sim card faayyadamtanii search gochuun argachuu dandeessu ykn dhaabbata Telekoomii siimii irraa bitattan yoo gaafattan isiniif himu. Akkasuma hiriyoota keessaniin siim kaardii wal fakkaataa yoo faayyadamtan kan isarraa ilaalaa guuttachuu dandeessu.
Galatoomaa🙏🙏🙏🙏
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
🤷♂🤷♂🤷♂Social media garaa garaa wayita fayyadamnu akkamittiin daataa keenya qusachuun baasii keenya hirrisuu dandeenya?
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1ffaa: Telegram irratti daataa qusachuuf:-
#Step_1: Telegram banuu
#Step_2: Setting seenuu
#Step_3: Data and storage seenuu
#Step_4: Automatic media download kan jedhu jalaa
when using mobile data kan jedhu off(disable) gochuu.
Kana jechuun wantoota [√] tahe jiru kanneen akka
👉GIFS
👉Videos
👉Stream videos and audio files
fi kanneen biroo illee irraa balleessuu ykn disable gochuu.
Kana tahuu baate jennaan telegraamin fedhii keenya malee photo, gif, video fi kkf ofiin load gochuun ykn ofiin banuun daataa guddaa nu jalaa fixa.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
2ffaa: Facebook Lite irratti daataa qusaachuuf:-
#Step_1: Facebook lite banuu
#Step_2: Menu(sarara 3 harka mirga irra jiru) cuqaasuu
#Step_3: Data Usage seenuu
#Step_4: Data saver On ykn enable gochuu
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
3ffaa: Messenger irratti daataa qusaachuuf:-
#Step_1: messenger banuu
#Step_2: setting cuqaasuu
#Step_3: data saver seenuun On gochuu.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
4ffaa: ️WhatsApp irratti daataa qusachuuf
#Step_1: whatsapp banuu
#Step_2: options ykn irra keessoo sarara(---) kana cuqaasuu
#Step_3: setting cuqaasuu
#Step_4: data and storage cuqaasuu
#Step_5: whan_using_mobile_data cuqaasuun (√ ) kan ta'anii jiran hunda iraa balleessuu.
Galatoomaa🙏🙏🙏🙏
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
Yaadaaf gaaffiif
👇👇👇👇👇👇👇👇
@mogorsoftware
Memory ykn flash drive yoo vaayirasii shortcutin (shortcut virusn) nu jalaa xuqame akkamittiin sirreessuu dandeenya??
Steeppiiwwaan armaan gadii hordofaa.
👇👇👇👇👇👇👇
#Step_1: flash drive ykn memory keenya computer waliin walquunnamsiisuu
#Step_2: cmd jennee barreessun command prompt computer keenya irratti banuu(run gochuu)
#Step_3: Bakka memory ykn flash drive keenya qabatee jiru ilaaluun [Removable Disk jedhee qubee hammattuu keessa jiruu (letter)]
Fkn: flash keenya F irra kan jiru taanaan
F: barreessine enter cuqaasuu
#Step_4: attrib -s - r -h *.* /s /d /l
barreessuun enter cuqaasuu.
Galatoomaa🙏🙏🙏🙏
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
🤷♂🤷♂Wayita Interneeta fayyadamtan bilbilli keessan maallaqa hedduu sin jalaa fixuun rakkachaa jirtuu??
👌Maloota shanan armaan gadiitti tarreeffaman fayyadamuun bilbila Keenyaan yeroo interneeta fayyadamnu akka maallaqa hedduu nutti hin lakkoofne gochuu dandeenya.
Channel keenya join gochuu hin dagatina.
👇👇👇👇👇
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
👉#Mala_1ffaa:
Background process sirreessuu qabna. Kanaafis step armaan gadii hordofna.
Step 1: Setting seenuu
Step 2: Developer Options seenuu. Isas About phone(device) kan jedhuu olitti arganna. Isa keessa seenuun gara gadii irratti Background Process limit kan jedhu cuqaasna.
Bilbilli keenya yeroo hunda #Standard_limit kan jedhu filata. Nuti garu #No_background_process kan jedhu filachuu qabna.
Bilbilli keenya yeroo hunda wayita cufnee bannutti waan of jijjiiruuf yero yerootti seenne setting kana jijjiiruu qabna.
#Standard_limit irra taanaan eeyyama keenya male yoo xiqqaate appiin 10 interneeta waliin walquunnama. Kunimmo baasii guddaadhaaf nusaaxila.
👌Developer options kan jedhu setting keessaa yoo dhabdan:
Setting ->About phone keessan seenuun Build Number kan jedhu ariitiin si'a 7 cuqaasna. Sana booda gara boodatti deebi'uun About Phone kan jedhu gubbaa developer options argannaa.
👉#Mala_2ffaa:
Play store keenya, yeroo ofii barbaadetti ykn yeroo nuti Internet fayyadamnu hunda amala of haaromsuu(update) of gochuu waan qabuuf, kunimmoo maallaqa keenya fixuuf sababa guddaa waan ta’eef
yeroo nuti barbaadne qofatti akka update godhu gochuun dirqama.
Kanas yeroo Wi-Fi argatu qofa akka ta’u gochuu qabna. Kanaafis tartiiba kanaa gadii fayyadamna.
Step 1: App Play store banaa
Step 2: Menu(sarara 3 gara bitaa gubbarra jiru cuqaasaa)
Step 3: Settings seenaa
Step 4: AutoUpdates jedhu jalqabarra jiru seenaa
Step 5: App updates over Wi-Fi only jedhu filadhaa.
👉#Mala_3ffaa:
Software bilbila keenya ofiin akka of hin haaromsine(update hin goone) dhorku.Kanaafis:
Setting -> About phone (device) -> Software update keessa seenuun Auto update kan jedhu filatameera yoo tahe (√ irra jiraannaan) irra balleessuu ykn filachuu dhiisuu
👉#Mala_4ffaa:
Background data restrict gochuu qabna. kanaafis step kanaa gadii hordofu qabna.
Step 1: setting seenuu
Step 2: Network and internet keessa seenuun data usage kan jedhu filachuun
Step 3: Jalqaba bilbilli keessan kan data saver qabu taanaan isa ON ykn enable gochuu. Itti aansuun App data usage keessa seenuun tokkoon tokkoon app achirra jiru keessa seenne background data(Enable usage of Mobile data in the background) disable (off) goona.
👌Bilbila tokko tokko irratti immo setting isaa adda tahuu waan danda'uuf step kana hordofna
setting >> data usage >> data usage ranks >> menu sarara sadii kan gara gadii jiru cuqaasuun restrict background data kan jedhu filachuun(√) alert wayita nuuf dhufutti ok gochu qabna.
👉#Mala_5ffaa:
Yeroo barreeffama dhedheeroo dubbifnu daataa keenya balleessuu(off data) dhaan Baasii interneetaa qusachuu ni dandeenya
👏👏👏Egaa haala kanaan baasii humnaa ol isinitti lakkaayu hirdhisuun ni danda'ama jechuudha.
Galatoomaa🙏🙏🙏🙏
channel keenya join fi share gochuu hin dagatina.
@Mogor_Software
@Mogor_Software
@Mogor_Software
