cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

VISION TO DO!

√Namni rakkina qabu ija hindhabu; namni ija qabus rakkina hindhabu! √Carraa leenjii fi bizinesiif √Jechoota uum_suuraa √Onnachistuwwan #Personal_development_training √Qaaman du'u irra Yaadan du'uun Sabboonummaa biyyeef laachuudha. @dugo6436

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
2 198
المشتركون
-224 ساعات
-77 أيام
-7830 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

https://t.me/hamster_komBat_bot/start?startapp=kentId963956809 Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop! 💸 2k Coins as a first-time gift 🔥 25k Coins if you have Telegram Premium join gochuun itti fayyadamaa hin shawadaminaa
إظهار الكل...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Join gochuun hojjadhaa
إظهار الكل...
إظهار الكل...
Dotcoin

Everything starts from a DOT

https://t.me/dotcoin_bot?start=r_963956809 🏆+1.5k Dotcoins as a first-time bonus 💎+30k Dotcoins if you have Telegram Premium
إظهار الكل...
Dotcoin

Everything starts from a DOT

Buufachuun ittifayyadamaa kitaabota barbaaddan nu biraa argachuu dandeessu
إظهار الكل...
Repost from N/a
seena ganame.pdf71.52 MB
Sakatta`a Ogbarroo Oromoo-Handout - Copy-1(1).pdf9.08 KB
Sakatta’aa Ogbarruu Itoophiyaa-1-1.ppt1.40 MB
ⒿⒺⒸⒽⓄⓄⓉⒶ ⒷⒺⒺⓀⓉⓄⓉⒶⒶ ➴➴➴➴➴➴➴➴➴➴ —Kadhataan filataa ta’uu hin danda’u. —Hiriyaan dhugaa hiriyaa gaafa rakkooti —Namni mana daawwitii keessa taa’u dhagaa namatti darbachuu hin qabu. —Hanga yaaltee argitutti beekuukee hin beektu. —Yeroo kofaltu adduunyaatu siduukaa kolfa. Yeroo boossu garuu qofaakee boossa. —Utaaluukee dura hubadhu. —Namni hin balleessine nama hojii hin hojjennedha. —Seera uumamaa irraa kan hafe biyya lafaa irraa kan hin jijjiiramne hin jiru. —Kan dagalee tokko nama hin gargaarre manakee jabeessii ijaarradhu namaan jedha. —Beekaa jechuun nama wallaalummaasaa beekudha. —Baayi’ee dubbachuurra baayi’ee dhaggeeffachuun bu’aa qaba. —Guyyaa tokko odeessuurra sa’atii tokko hojjechuutu faayidaa qaba. —Of jaallattuun of hin beektu. —Furtuun warqeerraa hojjetame waan hundaa bana. (Jecha Amaaraa) —Sareen mana ishee biratti dutti (Jecha Oromoo) —Nama tokko eenyummaa isaa beekuu yoo barbaadde galfata itti kennii ilaali (jecha Yuugozlaaviyaa) —Yoo hiriyaakee natti agarsiifte eenyummaakeen sitti hima (jecha Xaaliyaanii) —Sareen halaalaan iyyitu nama hin ciniintu (Jecha Jarmanootaa) —Adurreen Adurreedha kan jedhamtu hantuuta qabachuu irratti dandeettii qabduunidha. (Jecha Chaayinotaa) —Ol kaattus gadi kaattus duuti allaattii lafuma (Jecha Oromoo) —Mirgaan yaabbattus bitaan yaabbattus walga’iin kooraadhuma. (Jecha Oromoo) __Jecha yeroo tokko afaani bahe fardaa afuriin ari'ani hinqaqqaban.( Jecha Jaappanota) 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @visiontodo
إظهار الكل...
1
WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN! ▬▬▬▬▬▬▬▬ 1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu. 2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu. 3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha. 4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti. 5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba. 6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaa karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu. 7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. 💓💓💓💓💓💓💓💓💓 @visiontodo
إظهار الكل...
Jechoota(Quote) Jajjaboo Billy Girham Kudha Lamaan.
1. "Qabeenyi yeroo badu wanti badu hin jiru; fayyaan yeroo badu wanta xiqqootu bada; amalli  yeroo badu hunduu ni bada." 2. "Manni koo Waaqa keessa jira. Karaa Addunyaa kanaan gara isaa dhaqa. 3. "Ija jabinni namootatti  daddarba. Namni jabaa tokko yeroo ejjennoo fudhatu yeroo baayyee lafeen  dugdaa namoota biroo ni jabaata." 4. "Jaalala dhugaa malee wanti miira nageenyaa dhugaa gara manaatti fiduu danda'u hin jiru." 5. "Imimmaan ofiif dhangala'u imimmaan dadhabbiiti, imimmaan namootaaf dhangala'u garuu mallattoo jabinaati." 6. "Mucaan warra isaaf kabaja dhabuun hayyamameef kabaja dhugaa eenyuufuu hin qabaatu." 7. "Jireenyi waggaa dheeraa yeroo kennamu umuriin dulloomuun waanuma jiruudha, ayyaanaan dulloomuun garuu filannoodha." 8. "Jechi 'jaalalaa' jedhu akka galmeen jechootaa jedhutti gammachuu, gammachuu, fi waan garmalee dhugaa ta'e jechuudha jedha. Ta'us Jaalalli umurii guutuu turuu qaba." 9. "Nama biraa sababii sanyii ykn sabaan ofirraa gadi ta'ee ilaaluun cubbuu natti fakkaata, wanti guddaan gochuu qabdu Waaqayyo jaalala isaaniif akka siif kennu kadhachuudha jedheen yaada, anis nan godha."  10. "Kristaana ta'uun battalumatti jijjiiramuu qofa osoo hin taane - adeemsa guyyaa guyyaa itti guddachuun caalaatti Kiristoos fakkaachuudha." 11. "Fuula macaafa qulqulluu isa dhumaa dubbiseera. Hundi isaa gaarii ta'uuf jira." 12. "Yeroo dhihootti jireenyi koo akka xumuramu nan beeka. Waaqayyoon nan galateeffadha, kanaafis, jireenya kana keessattis waan inni naaf kenne hundumaaf...Garuu waaqaa hawwiidhaan eeggadha."
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ @Visiontodo
إظهار الكل...
VISION TO DO!

√Namni rakkina qabu ija hindhabu; namni ija qabus rakkina hindhabu! √Carraa leenjii fi bizinesiif √Jechoota uum_suuraa √Onnachistuwwan #Personal_development_training √Qaaman du'u irra Yaadan du'uun Sabboonummaa biyyeef laachuudha. @Mi62_bot @mich3853

1
Addunyaa sirraa maal eegdi? Addunyaa uumamteef, gatii kennaa jirta moo gatii kee awwaalaa jirta? Yoom dhalatta? Guyyaa dhaloota kee kaawwatteettaa? Akka dhalattee lafa jirtu nan arga. Dhalachuun dhalachuu jijiiramaafi milkaa’inaa miti. Ofitti amanamummaa ati waa'ee jireenya keetiif qabdu, dhugaa eenyummaa kee uumuuf humna qaba. Har'a dhalattee lafarraa jiraatteef, dhaladhee ra yoo jette sun deebii egaalee hirkataa ta'a. Deebii guutuu ta’uu kan danda’u waan dhalateef raawwattee, bu'aa fi bu’uura jijiirama dhalootaa taatee yoo darbite, dhuguma dhalatteetta. Waan dhalatteefis, qarree fiixaan ba'iinsaa taateetta. Yoo hanga ammayyuu abjuu kee hin arganne, maaltu sitti dhaga'amnaan jireenya hawwita? Jireenyi abjuu fi kaayyoo malee jireenya miti, fakkeessummaa jireenyaati malee. Fira ko, na hubattaa laata? Abjuu kee barbaaddadhu, addunyaan nama of dagataafi of gataaf gatii yeroo laattu hin qabdu. Gatiin kee Harkuma kee jira. Addunyaan kun namoota miira sodaatiin guutaman hedduu qabdi. Warreen yaada jijjiiramaafi milkaa’inaa uumanii, naatoo fi simboo isheef ta'an immoo muraasa qofaa qabdi. Garuu dhiibbaa guddaa uumuus warreen danda’anis isaanumadha. Addunyaan dhiibbaa Qajeelaa akka ati uumtu, malee kufaatii sodaattee, holqa maddiifi bakkisaa hin beekamne keessa akka dhokattu hin feetu. Bakka dhokattee jirtuu, gara addunyaatti bahuuf, jalqaba eenyu akka taate of iyyaaffadhu. Waan addunyaan sirraa barbaaddu beeki; gatii Dhugaa isheef kennii darbi. Yoos gatiin kee gatii isa guddaa fi yoomiyyuu kan hin dagatamne ta'a. Ofii keef hiika kenni. Wantootaaf hiika gad-fagoo barbaaduurra, ofiif hiika sirriifi bakka si kaawwadhu. Iyyaafannoo jireenyaa itti fufi. Waan barbaaddu cufa ni argatta. Addunyaan sammuu kee keessa jirti. Sammuu namaa keessa jiraachuuf, hoj-manee qixa sirriin hojjedhuu fiixaan baasi. Gatii kee qaalomsadhu. Bor of hin komatin. Na qunnamuuf 👇👇👇👇🌹 👇👇👇👇👇 @dugo6436
إظهار الكل...