cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

QAROO BOHAARTII

Channel keessan Qaroo join godha!!! "Waan ofii afaan ofiitiin" jechuun gumaacha isaa baha jira!

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
266
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-47 أيام
-530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Jirraaaàaaa!
إظهار الكل...
Warra qarooooo
إظهار الكل...
#ODAA_BULTUM_KUTAA_1FFAA Guyyaan isaa Sambata xiqqaadha. Koolleejjii Fayyaa Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar irraa ganamaan kaanee gara magaalaa Ciroo (Yuunivarsiitii Odaa Bultum)tti qajeelle. Deemsa sa'aatii hedduu erga deemnee booda gara galgalaa achi geenye. Yeroo mooraa Yuunivarsiitiichaa fuuldura geenyee konkolaataa keessaa buunu roobni hamaan tokko nu qabate. Gara doormii deemuuf daandii kamtu akka nu geessu hin beeknu. Dhaabbachuuf roobichi hamaadha. Doormiifi balballi bahumsaa baay'ee akka wal irraa fagaatu nutti himameera. Osoo akkanaan jirruu barattoota mooraa kanaa baratan keessaa tokko gara doormii osoo deemuu argannee isa wajjiin gara doormiitti qajeelle. Yeroo doormii bira geenyu immoo kutaa kamitti akka nu ramadan wallaalle. Daqiiqaa muraasa booda garuu Doormitarri dhufee kutaa tokko banee nuuf kenne. Kutaan sun doormii osoo hin taane daree barnootaa fakkaata. Hamma ibsamuu danda'uu olitti guddaadha. Baay'ee bal'aa waan ta'eefis siree saddeet kan nama kudha ja'a (16) qabatu of keessaa qaba. Barattoonni warri duraan walitti dhiyaannu hundi keenya iyyuu bakkuma tokko buufanne. Jireenya doormii keessatti nama afuriin dabarsuu irraa gara nama 16n dabarsuutti guddifanne jechuudha. Siree sisirreeffannee hundi keenya iyyuu gara magaalaa Cirootti baanee Irbaata nyaachuuf karoorfanne. Yeroo nuti mooraa keessaa gara alaatti baanu Poolisoonni Feederaalaa kan mooraa kanaa dur immoo kan Harar nu bira turan keessaa tokko "Mooraan inni kun akka Haramaayaa miti. Sa'aatii 12:30 taanaan namni kam iyyuu ol seenuu hin danda'u waan ta'eef dafaatii dhimma keessan xummuradhaa ol deebi'aa!" nuun jedhe. Nuyis seera isaanii kabajuuf dhimma keenya dafnee xummurannee deebine. Gaafas hundumtuu karaa irra waan oolleef dadhabnee dafnee rafne. Halkan sun bari'ee ganamaan kaanee gara handhuura magaalaatti deemaa jirra. Osoon bilbila haasa'aa jiruu hiriyootni koo baajaajii seenanii bakki na jalaa dhume. Anis baajaajii kan biraa eeggadheen ittiin deemaa jira. Yeroon bilbila haasa'u konkolaachisichaan baajaajii sun hubateetu na ilaala. Anumaaf isa qofaatu Baajaajicha keessa jira. "Namichi kun maal yaadee?" Jedheen keessa kootti of gaafachaan deema. Saffisni baajaajiichas baay'ee miti. Suuta jedheetu oofa.... #Kutaa_2ffaan_itti_fufa
Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.
Share 👉🏿@golaorobook Share 👉🏿@golaorobook
إظهار الكل...
1
Asoosama #Odaa_ Bultum_ kutaa_1ffaa #LOADING Share @golaorobook
إظهار الكل...
إظهار الكل...
Gola Oromootaa Official Channel

Gola Oromootaa Official keessatti Kitaabota xiinsammuu, Walaloo, Asoosamoota, Seenaawan gaggabaaboofi Haasawan Onnachiisoo hedduu argattu. Yaada keessaniif ✍️ @Traveller_1022 January 27, 2023

2
SABBOONTUU + HAADHA MARSII + HIN KOLFAMU + KAN BIROO👇👇👇👇
إظهار الكل...
Sabboontuu + HAADHA MARSII + Seenaawan gaggabaaboo nama kofalchiisan bakka tokkotti. PDF'n dhufaa jira. Share @golaorobook
إظهار الكل...
👍 4
#HAADHA_MARSII_KUTAA_18FFAA Hamman Harar ga'utti yeroo meeqa deddeebitee naaf bilbilaa turte. Samisteerri dheeratus, gabaabbatus dafee akkan ishee bira ga'uu qabu yaaddi. Anis yaadni koo ishee wajjiin yeroo dheeraa dabarsuudha. Harar ga'een guyyoota sadi booda barnootan eegale. Barnootni boqonnaa na dhowwatee akkam na nuffisiisus "Wanta jaalataniif yeroo hin dhaban" waan jedhamuuf ani Haadha Marsii wajjiin bilbilaan haasa'uuf yeroo dhabee hin beeku. Ji'oota muraasa akkasuma walii bilbilaa dabarsine. Torban osoo hin ga'iini kan isheen kaardii bilbilaa naaf guuttu. Barnoota kootti cimee akkan xummuruuf na jajjabeessiti. Hawwiin ishees milkaa'ina koo arguudha. Buna ittiin dhugda jettee yeroo hundumaa maallaqa anaaf ergiti. Kan jaalala ishee irra Oolmaan ishee narra baay'ate. Kunis gatii jaalalaa kan kanfalu jaalala mataa isaa waan ta'eef jaaladheen itti agarsiise. Guyyaa tokko garuu waan ani hin eegnetu ta'e. Bilbila wajjiin haasa'aa jirra. Osoo wajjiin haasa'aa jirru sagaleen ishee achumaan bade. Heloo jedhee inuman iyya. Na jalaa qabuu didde. Deddeebisee yoon bilbila ishee yaalus hin dalagu. Nan rifadhe. Hattuutu bilbila irraa fudhate jedheen yaada. Guyyoota sadiif akkasitti naasuufi garaa shakkiin guute tokkoonin dabarse. Guyyaa 4ffaa irratti hiriyaan ishee kan Qaallittii jirtu naaf bilbilte. Bilbila irraa kaaseen yoon itti dubbadhu "Haadha Marsii balaan konkolaataa ishee mudateetu Hospitaala galtee jirti naan jette. Yeroon kana dhaga'u bakkan taa'ee jirutti hadoodeen hafe. Bilbilicha cufuu koo hin yaadadhu. Yoon of baru garuu Kilinika Balaa tasaa Harmeetti Gulukoosii harka koo irra jiru wajjiin ofin arge. Hiriyootni koo baay'atanii na bira jiru. Fayyee gara doormiitti gallee waan uumame yoon gaafadhu homtuu natti himuu dide. Bilbila dura naaf bilbilamee ture sana dagadheera. Guyyaa biraa message'n ani hin eegne tokko naaf barreeffame. "Wanti hundinuu fedha rabbii waan ta'eef jajjabaadhu siin jechuu malee waanan siin jedhu hin qabu" kan jedhu ture. Yeroon bilbilicha deebisee bilbiluuf hiriyaa Haadha Marsii kan guyyoota muraasa dura naaf bilbiltee turte sana. Yeroon isaa yeroo nuti qormaata xummura samisteeraa qoramaa jirru ture. Haati Marsiis balaa uumame kanaan akka boqotte gaafan Kilinika sana jiru hiriyoota kootti himteetti. Hiriyootni koos akkan na'ee yaalamaa jiru itti himaniiru. "Sirni Awwaalcha ishee gaggeeffameera" naan jette. Osoon hin beekiin imimmaan fuula koo balleesse. Boo'ee hirmii baafachuu malee awwaalcha ishee hin qaqqabne. Jaalalli keenya kan waggaa lakkoofsisuuf guyyootni qubaan lakkaa'aman hafan; guyyaa tokkotti duuti wal irraa addaan nu baaste. Xummurameera Turtii keessaniif galatoomaa🙏
✍Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Harar, Oromiyaa irraa!
Share 👉@golaorobook Share 👉@golaorobook
إظهار الكل...
👍 2
#HAADHA_MARSII_KUTAA_17FFAA Birbirsa Gooroo akkuman ga'een wal arganne. Sa'aatiin kun sa'aatii laaqanaa ture. Ani laaqana manaa nyaadheen ba'e. "Koottu deemnee wajjiin laaqana nyaanna" yoo jettu diduun natti ulfaate. Garuu akkan nyaadhe itti himeera. Kaaffee tokko seennee laaqana ajajannee nyaachuu eegalle. Nyaata nyaannee osoo buna dhugaa jirruu ture kan Haati Marsii sababan bilbila koo cufadhee ture sana irra deebitee na gaafatte. Anis jette jedhanii kana baay'ee waan hin jaalanneef akka shakkiitti dubbicha itti himuufin murteesse. Itti fufeen ati Abbaa manaafi mucaa osoo qabduu "hiriyaa iyyuu hin qabu" naan jette kanumatu na aarsee bilbila koon cufadhen jedheeni. Fuulli ishee ni jijjiirame. Dha'annaan onnee ishees dabalee jecha tokko dubbachuuf sagal hafuura baafatti. "Dubbii kana namni sitti himeetu malee waan callistee yaadde miti. Ani garuu dhugaadha ammas ta'ee gara fuulduraatti hiriyaa si malee hin qabu" naan jette. Waanan dhaga'e sanaaf osooman shakkuun amanee fudhachuuf dirqame. Guyyaan isaa Kibxatadha. Mana Haadha Marsiifaa deemaan jira. Yeroon Massaalamaa Bakkee ga'u na eegdee wajjiin mana isaanii deemne. Manni isaanii kanuma dur natti himameefi kanan arge ture. Yeroo mana seennu nuyi malee nama saditu ture. Abbaa Haadha Marsii, Harmee isheefi mucaa sana. Maatii isheen wal nu barsiistee wajjiin osoo teenyee haasofnuu mucaan sun gara koo dhufe. Anis ofitti qabeen haasaa jalqabne. Maqaa kee natti himi jennaan "Hundaa'ol Caalchisaa" naan jedhe. Maqaan haadha kee hoo? Jennaan "Daraartuu Guddataa jedhamti" jedhe. Eessa jiru jedhee yoon gaafadhu Abbaan isaa lubbuun akka hin jirreefi Haati isaa biyya Arabaa akka jirtu natti hime. Xiqqoo hafuurri natti deebi'e. Wanti jedhameefi inni dhugaan isaa garagara. Oolmaan koo gaafasii gammachuu addaa naaf uumus; dubbii namaatiin hamma kana Haadha Marsii cufuu kootti baay'een aare. Wanta hundumaaf iyyuu dhiifama ishee gaafadheen gara manaa akkan deemuu qabu itti hime. "Asuma buli" jennaan dideen galuuf murteesse. Maatii isheettis nagaa dhaammadheen mana isaaniitii ba'e. Hanga Massaalamaatti na gaggeessitee Baajaajii na yaabbachistee deebi'uuf yeroo jettu; suuta jedhee haammadhee ofitti qabeen dhungadhe. Isheenis akkasuma. Jimaata waanan deemuufis Kamisa wal argina jenne. Kamisa sanas wal arginee nagaa walitti dhaammanne. Jimaata bariin ka'een gara Mooraa (Harar) deeme........ #Kutaa_18ffaan_itti_fufa ✍Olbaanaa Caalaa Hirphasaati. Share 👉@golaorobook
إظهار الكل...
👍 2 2