cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

🪷Řihu ORO ISLAMIC POST🪷

Sagantaalee keenya √ afeeraa qur'ana √ hadisa sahih √Seenaa gara garaa √Gorsa gabaabaa fi √ Baacoowan islaamaa √fataawaa ulamaa'ii fikkf as irraa argattu. Yaadaaf. @Nagaaditti

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
3 595
المشتركون
-324 ساعات
-237 أيام
-11230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailableShow in Telegram
Muslimoonnii hunduu Eid Mubarak isiniin jedhee jira.... Baga geessan.... تقبل الله منا ومنكم صالح الاعمال
إظهار الكل...
👍 1
اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته عيدكم مبارك وكل عام وانتم بخير تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال 🌹 ✍️ʀɪʜᴜ
إظهار الكل...
Seenaa akkaan gaddisiisaa kana argee  isinitti himuu male bira darbu hindandeenye... mee sirnaan dubbisaa. - nitiin Da'umsaaf kutaa baqaqsanii itti yaalan galchaniin. Dhira bareedaa deesse isin garuu adunyaa kanarraa boqatte. Abbaan mana baay'ee gaddee. Daa'ima kana ofiin kunuunsee guddisuu waan hindandeenyeef adaadaa isaatiitti kennee erga ji’oota hadhaawo torba dabarsee booda haadha manaa biraa fudhe. Haadha mana haaraa kanarraas Rabbiin daa'ima dhira tokko fi durba tokko kenneef. ilma isaa waggaa sadiin dura adaadaa isaatiif kenne of bira guddisuuf fideen. Yeroo kana haalli haadha manaan isaa jijjirame. Daa'ima ganna afuur hingeenye kana midhu eegalte. Irra deddeebiin badii male daa'ima kana tumti. Yaaddoon isi hundu ilmaan isi lamaaniif male daa'ima haati irraa dute kanaaf dhimma hinqabdu. Nyaata ilmaan isirraa adda baaftr qophaatti kennitif. Gaaf tokko nitiin kun maatiiwwan isi irbaata affeerte. Nyaanni addaddaa dhihaate ture. Daa'imni ganna afuur hingeenye kun nyaata kanarraa dhandhamuuf harka isaa hennaa hiixatu... baay'ee itti iyyitee lolaanii manaa fudhatte baate.  Ala baafate haga keessummoonni bahaanitti akka mana hinseenne akeekkachifte daabboo muraa harka keesse alatti dhifteeni mana seente. Halkan baay'ee qorraa tahe ture. Daa'immaniif miti nama guddaatifillee ni ulfaata. Qorrii itti haammaate mana seene akka hin rafneef haati manaa abbaa isaa akekkachifteeni jirti. Daa'imichis mana isaa kessatti alagaa tahe daabboo muraa keenniteef nyaataa achuumatti marfatee hirribni fudhateen. Yeroon deeme keessummoonnis bahan. Nitiinis daa'ima ala jiru dagatte  ilmaan isi qabatte kutaa ciisichaa isitti seente. Yeroon deemera  abbaan hojii irraa barfate dhufe. Irbaata sif dhiheessu jennaan... alaa akka nyaate itti himee  mucaan isaa essa akka jiru gaafateen. "Kutaa ciisichaa kessa rafeera" jetteen. ala Qorra sana kessa akka dhifteen dagatteetti. Namichis ni rafe. Battalumatti haatii manaa isaa duraanii manaamaan (Abjuudhaan) itti dhufte..." ilma keetif dhaqqabi" jetten.  Namichis hirriba irraa rifate ka’e "mucaan koo essa jira?" jedhe gaafannaan... " siree irra ciiseera sin jedhe miti?!" Jetten. Namichis deebi'ee ciise. Haatii manaa isaa duraani amma yeroo lammaffaaf abjuudhaan deebite dhufte. " ilma keetiif dhaqqabi" jetten. Namichis isa duraa caalaa hirriba isaarraa rifate ka’e. "mucaan koo essa jira?" Ammas gaafateen. Nitiinis  "maaliinni aati Calliftee kan rifattu!? Mucaan rafeera sinjedhe miti.calliisi rafii" jetteen. Namichis yeroo sadaffaaf deebi'ee rafe. Akkuma xiqqoo hirribni fudhaten haati manaa isaa duraani haala adda taheen fulli isi jijjirame abjuudhaan deebite dhufte " dhisii baqqaa mucaan na bira dhufeera" hennaa jeettun baay’ee rifate hirriba irraa dammaqe. ariitidhaan Kutaa mucaan kessa rafu sana hennaa dhaqee argu mucaan hinjiru. Rifate mucaa barbaadu eegale. Kutaa hunda kessa barbaade dhabe. Balbala bane gama alaa hennaa bahuu... mucaan qorra diilallaa'aa kessa qorri gogseeni argateen.  Mataa isaa mila lamaan isaa gidduu galche maratee...daabboo muraa nitiin itti kennite garii irraa nyaate gariin cinaa isaatti kufe lafarratti argateen. Abbaan naasuudhaan hennaa sochosuun homaa hinjiru. Hennaa ol qabuun mucaan dunyaa kana kessaa godaanera. Mucaan jaalala haadhaan male guddate kun harme isaatiin walgahuuf gara isitti godaane. Nutii kan Rabbiiti gara isaattis deebitoota! Waan ilmaan kessan irratti akka gahu hinfeene tokko ilmaan namoota biroo irratti akka gahu hin heyyaminaa. Join & Share 👇 @Rihu_islamic_posts @Rihu_islamic_posts
إظهار الكل...
🔥 2
Photo unavailableShow in Telegram
ያማል‼ ====== ✍ አንድ ፍልስጤማዊ ህፃን እንዲህ ይላል፦ «በቀን 6 ሶላቶችን እንሰግዳለን። ①) ፈጅር፣ ②) ዙህር፣ ③) ዐስር፣ ④) መጝሪብ፣ ⑤) ዒሻእ፣ ⑥) የጀናዛ ሶላት!» ♠ አላህ ሆይ! እርዳታህን አቅርብላቸው። በጠላቶቻቸው ድልን አቀዳጃቸው! || @ibnu_misbah0
إظهار الكل...
👍 3
✍️ Suuraa Anbiyaa keessatti Anbiyoonni dubbataman meeqa____?Anonymous voting
  • A) Anbiyoota 16
  • B) Anbiyoota 17
  • C) Anbiyoota 18
0 votes
★. Sunnaaleen kurna zul-hijjaa sunnaalee kurna boodaa ramadaanaa irra caaltuudha. Akkasuma Fardiileen kurna Zul-hijjaa dachadachaa godhamuu Fardiilee yeroo biraatirra daddachaa hedduu godhamti. "💜🍀 Haafiz Ibn Rajab Rahimahullaah💛
إظهار الكل...
👍 1
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂. 𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+ 𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
إظهار الكل...
𝐉𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐗𝐢𝐢𝐧-𝐒𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮
𝐉𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚
𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐈𝐬𝐩𝐨𝐨𝐫𝐭𝐢𝐢
𝐉𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐭𝐨𝐭𝐚𝐚
𝐖𝐨𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐌𝐢𝐦𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐠𝐨𝐨
𝐉𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐌𝐢𝐦𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐠𝐨𝐨
𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚
𝐃𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚𝐚
𝐆𝐨𝐫𝐬𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚
𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐭𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚
𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚
𝐇𝐚𝐝𝐢𝐢𝐬𝐚
𝐙𝐢𝐤𝐢𝐫𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢𝐢 𝐆𝐨𝐫𝐬𝐚
Zikriiwwan Ganamaa fi Galgala jedhaman الْحَمْدُ لِلَّهِ وَحْدَهُ، وَالصَّلاَةُ وَالسَّلاَمُ عَلَى مَنْ لاَ نَبِيَّ بَعْدَهُ Faaruun kan Rabbii tokkichaati. Rahmanniifi nageenyi, Nabiyyii xumuraa irra haa jiraatu. اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ ۚ لَا تَأْخُذُهُ سِنَةٌ وَلَا نَوْمٌ ۚ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ مَنْ ذَا الَّذِي يَشْفَعُ عِنْدَهُ إِلَّا بِإِذْنِهِ ۚ يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ ۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَيْءٍ مِنْ عِلْمِهِ إِلَّا بِمَا شَاءَ ۚ وَسِعَ كُرْسِيُّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ ۖ وَلَا يَئُودُهُ حِفْظُهُمَا ۚ وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ Shayxaana rahmata Rabbii irraa fageeffamaa ta’e irraa Rabbittin maganfadha: Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Inni jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu. Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu. Inni ol ta’aa guddaadha. {قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ (1) اللَّهُ الصَّمَدُ (2) لَمْ يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ (3) وَلَمْ يَكُن لَّهُ كُفُوًا أَحَدٌ (4) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin. Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha. Allaahn hirkoo waa hundaati. Hin dhalle hin dhalannes. Wanti tokkollee fakkaataa Isaaf hin taane. {قُلْ أَعُوذُ بِرَبِّ الْفَلَقِ (1) مِن شَرِّ مَا خَلَقَ (2) وَمِن شَرِّ غَاسِقٍ إِذَا وَقَبَ (3) وَمِن شَرِّ النَّفَّاثَاتِ فِي الْعُقَدِ (4) وَمِن شَرِّ حَاسِدٍ إِذَا حَسَدَ (4) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin. Jedhi: "Gooftaa bariittin maganfadha. Hamtuu waan Inni uumee irraa, Hamtuu dukkanaa yeroo dukkanaa’e irraas, Hamtuu guduunfaa keessatti tuftu irraas, Hamtuu haasidii yeroo inni hassadu (waanyu) irraas (Rabbittin maganfadha jedhi. قُلْ أَعُوذُ بِرَبِّ النَّاسِ (1) مَلِكِ النَّاسِ (2) إِلَٰهِ النَّاسِ (3) مِن شَرِّ  الْوَسْوَاسِ الْخَنَّاسِ (4) الَّذِي يُوَسْوِسُ فِي صُدُورِ النَّاسِ (5) مِنَ الْجِنَّةِ وَالنَّاسِ (6) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin. Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha. Mootii namaatti, Gabbaramaa namaatti, Hamtuu waswaasii dhokatuufi mul’atuu irraa, Isa qoma namaa keessa waswaasu irraa, Jinniifi nama irraa kan ta’e (irraan maganfadha).” (Hundaawuu si’a sadii qara’a) اللَّهُمَّ بِكَ أَصْبَحْنَا، وَبِكَ أَمْسَيْنَا، وَبِكَ نَحْيَا، وَبِكَ نَمُوتُ وَإِلَيْكَ النُّشُورُ Yaa Rabbi siin bariisifannee siin dhiisifanne. Siin jiraannee siin duuna. Deebiinis garuma keeti. اللَّهُمَّ أَنْتَ رَبِّي لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ، خَلَقْتَنِي وَأَنَا عَبْدُكَ، وَأَنَا عَلَى عَهْدِكَ وَوَعْدِكَ مَا اسْتَطَعْتُ، أَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا صَنَعْتُ، أَبُوءُ لَكَ بِنِعْمَتِكَ عَلَيَّ، وَأَبُوءُ بِذَنْبِي فَاغْفِرْ لِي فَإِنَّهُ لاَ يَغْفِرُ الذُّنوبَ إِلاَّ أَنْتَ Yaa Rabbi ati gooftaa kiyya. Situ na uumee ani gabricha keeti. Ani hangan danda’een baallamaafi waadaa keerran jira. Hamtun hojjadhe irraa Rabbittin maganfadha. Qananii ati natti oolte nan mirkaneessa. Yakka kiyyas nan amana. Kan yakka araaramu si qofa waan ta’eef naa araarami. بِسْمِ اللَّهِ الَّذِي لاَ يَضُرُّ مَعَ اسْمِهِ شَيْءٌ فِي الْأَرْضِ وَلاَ فِي السّمَاءِ وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ (ثلاثَ مرَّاتٍ) Maqaa Rabbii isa wanti tokkollee samiifi dachii keessatti maqaa Isaa waliin hin miineetiin. Inni argaa beekaadha. (si’a sadii jedha) رَضِيتُ بِاللَّهِ رَبَّاً، وَبِالْإِسْلاَمِ دِيناً، وَبِمُحَمَّدٍ ﷺ  نَبِيّاً (ثلاثَ مرَّاتٍ) Rabbiin gabbaramaa ta’uu, Islaamni amantii kiyya ta’uufi Muhammad (saw) Nabiyyii naaf ta’uu jaaladheera. (si’a sadii jedha) @Rihu_islamic_posts @Rihu_islamic_posts @Rihu_Tube @Rihu_Tube
إظهار الكل...
Akka tartiiba calendari hijraattii Zul-Hijjaan baatii meeqaffaadhaa?Anonymous voting
  • A. 1ffaa
  • B. 12ffaa
  • C. 10ffaa
  • D. 9ffaa
0 votes
👍 3🏆 1
Repost from N/a
اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته كيف حالك يا شباب Dhaloota gaarii oomishuun dirqama muslimoota maraati! ODUU GAMMACHIISAA BARATTOOTA MUSLIMAA MARAAF! Akkuma beekamu shuuraan najjaashii gaggeessa barattoota kutaa 12 f aarsaa kafaluu fi BAALLEE (AMAANAA) kana dhalootatti dabarsuuf arras qophii ajaa'ibaa magan nama jachisiisu qabatee dhihaachaa jira. qophii sanirratti akka argamtan kabajaaf jaalalaan isin beeksifna.🙏🙏🙏 Kanaafu wanti isinirraa eegamu yeroodhaan achitti nuuf argamtanii gammachuu adda tahe akka walii qoonnuudha. Guyyaan isaa yoomii jettee akka narraa hin dhiphanne kunoo furmaanni isaa jiraa... Guyyaa 2/10/2016/ dilbataa (guddaa) Iddoon; MASJIIDA NAJJAASHII 🕌🕌 ganama sa'aatii 3:30 irraa eegala barfachuun safuudha! @Nejashi_jemea
إظهار الكل...
👍 2