cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

HUMNA JABAA

Chanalii kanaan waantota fayyadamaa taanu👇 KALLATTII WAANTOTA HEDDUU ARGACHUU DANDEESSA. @HUMNA_JABAA Na quunnamuu 👉 @HumnaJabaa SUBSCRIBE GODHAA 👇👇👇👇👇👇 https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
18 444
المشتركون
+3424 ساعات
+2667 أيام
+2 38530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

🍃° Jireenya keessatti eenyu waliin akka wal argitu yerootu murteessa. Eenyuun akka barbaaddu onneekeetu murteessa. Amallikee immoo eenyu akka jireenya kee keessa turu murteessa.
إظهار الكل...
👍 13 6
Meerre SAMMUUN? . Dur Durii Leencatu beela’ee sardiidaan, deemiitii wanna nyaataaf ta'u naaf fidi," jedheen. Sardiidnis, harree tokkoo argitee leenci mootii bineensotaa si gochuu waan fedhuuf na waliin koottu jetteen. Harreen dhugaa seetee faana buute. Leenci harrittii utaalee yoo qabatu, akka taatu taatee miliqxe. Waliin morkii keessatti gurra irraa kute. Harreenis aartee sardiidaan, sobdee na nyaachisuuf as na fidde mitii jettee ittiin lolte. Sardiidni garuu, ati gowwaadhaa? Leenci bar akka gonfoon mo'ichaa haalaan sirra taa'uuf gurra sirraa kute malee si nyaachuuf miti jetteen. Harreenis dhugaa seetee faana deebite. Leenci ammas utaalee qabachuuf yoo jedhu eegee irraa kute. Harreenis miliqxee sardiidaan, ati ammas na kijibde; eegee koo kuchisiiste, na ajjeesisuufi mitii jetteen. Sardiidnis, teessoo mo'ichaarra haalaan taa'uu akka dandeessuuf eegee sirraa kute maleessa si-ajjesuuf miti jettee amansiiste; harreen haqa seetee; deebiste. Dhumarratti, leenci harree qabatee ajjeese. Sardiidaanis akkas jedhe, harree deebistee fiduu keef hojii gaarii hojjateetta; amma harree kana qaliitii sammuu, somba, kalee fi onnee ishii naa fidi jedheen. Sardiidnis harree qaltee, sammuu harree ofii nyaattee somba, kalee fi onnee fiddeef. Leencis aaree, "Meerre Sammuu?" jedhee gaafate. Sardiidnis, gooftaa koo harrichi sammuu hin qabu jetteen. Itti dabaltees, osoo sammuu qabatee akkamitti yeroo kun cufti irratti raawwatu baduu dhiisee deebi'a jetteen. Leencichis seeqee, "kuniwoo dhugaadha!" jedheen jedhama. Keessatti of haa ilaallu🤔🤔
إظهار الكل...
👍 33 9🔥 1🥰 1
#Iddoo si hin madaalle #gatii Kee rakkisisaa!!🙏 ☆☆☆☆☆ #Manguddoo tokkotu #Dulloomanii yommuu lafa kanarraa darbuuf gahan ilma isaanii ofiiti waamanii “yaa ilmakoo sa’aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne, isaaf immoo Abbaa isaatu kenneefii ture. Amma sa’aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera anis ilmin qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan ta’eef siifan kenna, Garuu dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna’ii hangamiin akka sirraa bitan gaafadhu” ittiin jedheen . Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna’ee gaafachuutti ka’e,Daldaltoonnis sa’aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu ammoo ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne nuuf hin baasu jedhaniinii baay’ee rakasiisani. #Daldaltoota jijjiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gatii isaa rakasiisu malee Kan gatii madalawaa kennuuf dhabe . Sana booda deebi’ee Abbaa isaatiin “Abbaakoo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru jedheeni . Abbaan isaas “amma immoo gara god -hambaa yookan muuziyeemii biyyoolessaa dhaqitii gaafadhu ” jedheen. #Mucichis gaafa hooggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin .Mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi’ee, “abbaakoo kunoo reefan bakka ta’u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi ” naan jedhan jedhee itti hime.Isaa booda taa’anii ajaa’ibsiifataniitu gorsan siif laadha jedhaniin . Egaa yaa ilma ko bakka sin madaalleefi eenyummaa Kee yookiin gatii Kee hin beekne yoo oolte ati rakkasa taata. Kanaaf Yaa #ilma koo bakka Oolmaa keefi gatii Kee hin madaalle hin ooliin warra sin beekne biratti akkuma sa’aatii kana rakkasadha taata, warra si beekan birattis akkuma sa’aatii kana qaalii taata jechuun gorsa ajaa’ibaa Umurii dhumtetti galaa taasisaniifii darban....Jedhama
إظهار الكل...
👍 33 4🔥 1😍 1
Of gaggeessuu (Self leadership) Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa isa tokko kan tahe of gaggeessuu dha. Kun ammoo gosoota gaggeesummaa keessaa ulfaata kan tahedha. Ogeeyyiin gaggeesummaa hedduunis of gaggeessuu akka tahe ibsu. Of gaggeessuun imaammata mataa ofii dandahe qaba. Isaan kana gabbiffachuun ammoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis: 1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate. 2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha. 3. Of sissi'eessuu/ self motivation/ Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha. Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha. 4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa. 5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa. Akka waliin galaatti dandeetti #of_gaggeessuu kana guddisuuf #tooftaaleen fayyadan 1. Muldhata fi galma ofi haala SMART tahen kaayyachuu 2. Yeroo keenya #matrix_of urgent and important fayydamuun sirnaan hoggannuu 3. Bilchina mirraa ofii guddisuu 4. Nama hardhaa irra dhaabbatani boriitti eessa gahu akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha.
إظهار الكل...
👍 16 5
Seenaa Ajaa'ibaa kana Dubbissaa! Isin Yeroo Rakkinni isinitti jabaatu Abdii kutattanii achii gad bu'aa Adeemtumoo? Akka joobiraa achii ol ka'aa Adeemtu? Mee Imaltoota Xiyyaaraa Imala isaanii keessatti waan isaan mudate dubbisaa irraa baradhaa! ✍️Guyyaa tokko imaltoonni xiyaaraan imalaa osoo jiranii waan isaan hin yaadne tokko isaan mudate. Mudannoon kunis eessaa dhufteen isaa kan hin beekamne bofti summii hamaa qabu tokko utuu isaan olkaiinsa guddaa irra balali'aa jiranii kutaa balalisaa/pilot/ keessatti argame. Bofti kun kallattii balaliisaa kanaatiin hidduuf kan itti deemaa jiru ta'uu isaa yeroo argu balaliisaan sun dhimma kana imaltootaaf ifa godhe. Hunduu kan ta'aa jiru gaafa dhaga'an baayyee na'an. Iyyuu jalqaban. Balaliisaan sunis fala barbaaduu jalqabe. Lafa akka hin qubanne fageenya hedduuurra waan jiraniif utuu isaan lafa hin ga'in bofichi bira ga'ee hidda. Isumaafuu bakka mijataan waan jiru hin fakkaatu. Akka tasaa yaadi tokko itti dhufe. Ogeessota bineensaa waliin bilbilaan mariachuu. Dafee bilbile jara bilbilee fudhatee ogeessa bineensaa/ zoologist/ tiif haala keessa jiru ibseef. Ogeessichis amma olkaiinsa meeqarra jirtu jedhee gaafate. Balaliisaan sunis deebiseef.ogeessichis gad bu'uun furmaata miti. Amma olkaiinsa amma irra jirtu kanaraa ol dabalii. Kanaan booda qilleensi achii bofichaaf waan hin mijanneef si hiidduuf humna dhabaa jedheen. batalumati balalisaan kun waan namichi jadhen raawwate olka'iinsa isaa lafaraa qabuu dabalee gara qilleensa cimaa keessa galee haalli qilleensa sanaa bofichaa gaari hin turre bofichis baay'ee itti ulfaate atimosferin isaa yommus battalumatti humna dhabee suuta suutaan ni du'e Balaliisaan sunis ofiisaaf imaltoota oolche. Firoota koo haala amma isin rakkiseef furmaati gadi bu'uu miti. Olkaiinsa keenya dabaluudha. Kana gochuudhaan rakkinatti karaa cufta! Inni si hiidduuf sitti ariifatu sun si hin danda'u humna  dhabaa deema. Waan dubbiftaniif galatoomaa! #Share waliif godhaa
إظهار الكل...
17🥰 15👍 11🔥 1
إظهار الكل...
ULFINA CAALU

ILMA ISAA KANAAN FURAMUU,DHIIFAMU CUBBUUS ARGANNEERRA! Ayyanichi ammayyuu in fayyisa 📢Mootummaa Waaqayyoo Labsuu. 📢Wangeela Fayyinaa labsuu. 📢Beekumsa sammuu 👉Siyasa Irraa Bilisa 👇👇👇👇👇👇

https://www.youtube.com/@JABAATUBE-

Baga Ayyaana du'a ka'umsa Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos nagaan geessan Ayyaana milkii
إظهار الكل...
29👍 3🥰 1
⚜WAVE TIME ADMIN DON't POST!! መመዝገብ የምትፈልጉ ማሟላት ያለባቹ መስፈርት .....! ➛| ጥሩ VIEW ሊኖረው ይገባል ቻናሉ Above 10+ ➾ 👆 ይሄንን ያሟላ በ ያናግረኝ @Mirgowaver
إظهار الكل...
Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5 kana godhi! 1. Jechoota namaa "Maal naan jedhan" sammuu kee ol otuu hin ta'in miila kee jala kaa'i. 2. Rakkina amma keessa jirtuu fi cinqii sitti jirtu kana kaleessa kee yaadachuun, Fuul-dura kee Abdachuun bira kuti. 3. Ogummaa keetii fi cimina kee namatti himuu osoo hin ta'in hojjachuun agarsiisi. 4. Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin odeessin. Maalif yoo jatte? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijjeessa waan ta'eef. 5. Taatee argamuu, (Ofitti amantummaan hojjachuu).
إظهار الكل...
30👍 13🥰 4😭 1
#Leenjii dhugaatti namni eenyummaa isaa beekuu fi abjuu isaa argatee fulduratti imaluuf garagaruuf leenjii Eenyummaa keenya gabbisuu fi caalaatti jabaanne akka tarkaanfannu nu godhudha. #Jijjiiramaaf: ana caalaa namni sirriin, amma caalaa yeroon sirriin, addana caalaa bakki sirriin hin jiru!_ Daandii Mo'attootaa The Five major areas of Personal Development Training are. Social Personal Development Emotional Personal Development Mental Personal Development Spiritual Personal Development Physical Personal Development Namoonni barabaadan
إظهار الكل...
👍 18 9🔥 5