cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

إظهار المزيد
فنلندا1 813لم يتم تحديد اللغةالطب6 761
مشاركات الإعلانات
2 924
المشتركون
+1624 ساعات
+757 أيام
+29130 أيام
توزيع وقت النشر

جاري تحميل البيانات...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
تحليل النشر
المشاركاتالمشاهدات
الأسهم
ديناميات المشاهدات
01
Media files
6370Loading...
02
Nama MAAGAA Argetu bofa Baqata? ``¯``¯``¯``¯``¯``¯````¯``¯``¯````¯``¯``¯`` Raammoo Maagaa ykn Wosfaatii "Rammoon Maagaa raammoo dheerina hanga 40cm qabaatuu danda'u ta'ee, kan inni wal-horu marrumaan xiqqaa keessatti dha." Raammoon Maagaa Maal Irraa Nama Qaba? "Rammoon Maagaa bishaanii fi nyaata qulqullina hin qabamne irraa nama qabuu danda'a. Namni raammoon wasfat garaa isaa keessa jiru fuulaan daalachata, hidhiin isaa ni goggoga,funyaan isaa ni ququnca'a. Lolloojjii itti uuma, garaa kaasaa itti fiduu danda'a. Daa'imman Raammoo Maagaa garaa keessaa qaban garaan ciniinuu, garaan bokokuu fi albaasuus danda'a. Kanaraa ka'anii daa'imman dhukkuba kanaan qabaman yeeroo hedduu miira aarii ykn of-loluu, booyuu fi ilkaan woliin riguun sagalee dhageessisu. Raammoon maagaa dhalaafi kormaa waan qabuuf marrumaan qadhaa keessatti wal-horuu danda'a. Garaa keessatti yemmuu baayyate sagaraa wajjiin ykn darbe darbee afaaniinii fi funyaaniin bahuu danda'a. Daa'imman Baay'een Raammoo Kanaan Maliif Saaxilamu? " Maagaan dhaltuun yeroo tokkotti hanqaaquu hedduu buusuu dandeetti. Hanqaaquun maagaa ammoo sagaraa wajjiin alatti baati. Daa'imman yemmuu biyyee hanqaaquu raammoo maagaatiin faalame harkaan tuqan harka daa’immanii irratti maxxantee qeensha quba isaanii keessa lixxi. Daa'imman Harka osoo hin dhiqatin yemmuu nyaatan ykn afaanifu funyaan isaanii tuttuqan garaa keessa seenuun ammas wal-horuu jalqabdi. Furmaanni Maali? Mala1 ▰ Sanaafica sinii tokko ibidda laafaa irratti hoo'isuun bulleessitanii daaktu. Aannan baaduu ykn areera kubbaayya tokko waliin bulbultanii halkan guutuu bulchitu. Mala kana guyya 2 qofa fayyadamtu. Mala 2 ▰ Baala makkonniisaa fi jirma mokkonniisaa irraa quuncee isaa fuutanii erga goggogsitanii booda sirritti daaktu. Daakuu sana irraa maankaa shoorbaa 2 fuutanii aannan baaduu/areera wajjiin bulbultanii bulchuudhaan ganama garaa duwwatti dhugdu. Mala kana Guyyaa tokko qofa fayyadamtu. Mala 3. ▰ Harma Guusa(Ajuga remota) baala isaa ganaa tokko ykn cumm'aa tokko qopheessitu. Xalataam/sunkurtaa/xeenaddaam/ceeraddaam ganaa tokko ykn cum'oo tokko qopheessitu. Shunkurtii adii/Qullubii hidda giddu galeessa tokko qopheessitu. Waan kanneen sadan(Harma guusa, xalataama fi qullubbii) bishaan burcuqqoo tokkootti danfistu. Waan danfe kana irraa sinii tokko fuudhanii dhadhaa hin baqfamin maankaa tokko itti dabaltu. Ganama garaa duwwatti dhugdu. Hubachiisa: Malleen olitti isiniif eerre kun daa'imman: - Garaan ciniinu - Garaan iyyu/wacu - Garaan bokoku - Garaan albaasu - Garaan ajaayu fi - Huqqina daa'immaniif haalan fayyada. Nama irraa fayyadama jettanii yoo yaaddan #Share Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
6335Loading...
03
Media files
5700Loading...
04
Mallattoolee Budaa ykn Summii ijaa fi waanyoo ykn hisdii Gurguddoo fi Furmaata Isaa Kutaa 1ffaa. الحسد،والحقد،والعين, وعلاجه ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ 1. Dhiphina: Sababa tokko malee naasisuu, boochisuufi dhiphinna gar-malee 2. Sammuun Doomu: Sammutti waa qabatuu ykn qayyabatuu dadhabuu, qo'achuu dadhabuu, waa dagachuu baayyisu 3. Of-gatuu: Dantaa ofiif dhabuu, qandhafuu jibbisiisuu, uffata tolfachuu dhiisuu, dabbasaa sirreeffachuu jibbuu fi qaama dhiqachuu ceem'uu. 4. Hirribni Jeeqamuu: Halkan hirriba dhabuu, ganama hirribaa ka'uu dadhabuu, gugurtaayuu, yeeroo lafi bariitu gammachuu dhabuu. 5. Hamoommii itti baayyisuu, imimmaan ijaa yaa'uu, ijji gubachuu. 6. Madaan xixiqqoon qaama irratti mudhachuu, finniisni badaa deddeebi'u qaama irratti uumamuu. 7. Nyaara ol-qabachuu dadhabuu, mataafi ceekuutti nama ulfaachuu. 8. Woyanna, aaduu, kurruufuufi qaamni sababuma malee namatti ulfaatuu 9.Obsa dhabuu, abdii kutachuu, ofitti amanamummaa dhabuu. 10. Daldalli sababa malee kasaaraaf saaxilamuu, bultiin namaa (jaarsaaf jaartiin) diigamuu. 11. Idooteen dhabamuu(intalti heeruma dhabuu, dhiirri fuudha dhabuu) 12. Of-jibbuu, qaamni kee foolii hin beekne sitti dhahuu. Fooliin afaanii fi qaamaa jijjiiramuu. Qaamni haala dura hin turreen dafqisiisuufi qaamni foolii hin baramne fiduu. 13. Qaamni kee usuma nyaattu huqqachuu. 14. Fuulli kee daaraa dhaluu/bifa si balleesse si daalacheessuu 15. Gogaan qaama keetii quunca'uu, keessumattuu naannofni bobaa harka keetii fi teessuma kee irratti luqqa'uu. Akkasumas madaan xixiqqaan, finniisnii fi dhullaan sitti babbahuu. 16. Ofitti amanamummaa dhabuu, waa sodaachuu, nama biratti dubbachuu sodaachuu. 17. Namaan woliif galuu dadhabuu. Nama shakkuu Waan hojjattan irratti nama biraa galata dhabuu. Namni akkuma wol bartaniin waan isin jibbu isinitti fakkaachuu. 18. Dallansuu, aarii gar-malee qabaachuu. Waanuma nama hin aarsinetti aaruu. 19. Dhahannaan onneen tasuma ol ka'aa gadi bu'uu. Dhikksni onnee al-tokko tokko saffisaan dhikkisuu, yeeroo biraa dadhabuun hafuura baafachuu rakkisuu. 20. Hoo'i qaamaa tasuma ol ka'uufi gadi bu'uu. Yookaan ammuma sitti hoo'ee ammuma sitti qorruu 21. Arraabaafi hidhii ofii irra deddeebiin of ciniinuu. 22. Ijji diddiimachuu fi ija keessa gubuu. Nyaara/gaara irratti ulfaatuu fkk. Yaala Dhukkuba Budaa/Ijaa akka sunnaatti. Falli kun namoota qara'uudanda'anii fi Muslimaaf ta'a. Namoota qara'uu hin dandeenyee fi worroota amantaa biroo hordoftaniif ammoo yaala biqilootaa fi alboodota dhukkuba budaa balleessan yeeroo biraa isiniif dhiheessina. ➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨ 1.Namni budaa/summii ijaa qabu sun yoo beekkame: Namni summii ijaa qabu sun harkaafi fuula isaa akka dhiqatu ajajama. Bishaan inni ittiin dhiqate sanaan qaama nama dhukkibsataa sanii dhiqu. Bishaan namni ijaa waa qabu dhiqate sana, dhukkubsataa gara duubaatiin mataa irraa hanga miilaatti yoo itti buusan fedha Rabbiitiin ni fayya. Namni ija irraa waa qabu akkaataa dhiqannaa isaa irratti haasaan waan jiruuf badhinnaan itti isiniif deebina. 2. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "باسم الله أرقيك, من كل شيء يؤذيك، من شر كل نفس، أو عين حاسد، الله يشفيك باسم الله أرقيك" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 3. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "باسم الله يبريك، ومن كل داء يشفيك -ومن شر حاسدإذا حسد، ومن شر كل ذى عين" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 4.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "اللهم رب الناس، أذهب البأس، وشف أنت الشافي، لا شفاء الا شفاءك شفاء لا يغادر سقما" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 5.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: الإخلاص ولفلق والناس Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 6. Dhukkubsataan mataan isaa ykn ogeessi, maloota 2—5 jiran bakko tokkotti bishaan irratti yeeroo 3 qara'uun dhukkubsataaf kenna. Dhukkubsataan garattis ni dhuga qaamaanis ni dhiqata. Fedha Rabbii Guddaatiin Ni Fayya. Malli yaala biqilootaan godhamuu badhinnaan isiniif qabannee dhufna.
6086Loading...
05
Obboleewwan keessaniif #share godhaa. 092 879 5750 Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like
5600Loading...
06
Media files
6730Loading...
07
Sababoota nyaanni garaacha keessatti akka hin bulloofne/akka hin daakamne godhan keessaa muraasa! ```````````` 1. Dheebuu malee bishaan dhuguu: Kunis ho’a uumamaa (abidda) qaama keenya keessa jiru gara qorratti jijjiira; Akkasumas yeroo malee akka bullaa'uu fi nyaanni garaacha keessaa akka bahu taasisa. Haalli kun yeeroo hedduu haakimoota biyya keenyaatiin "namni tokko fayyaa guutuu argachuuf bishaan L3-4 guyyatti dhuguu qabu" jedhamee waan gorfamuuf namoonni rakkoo kanaaf saaxilamaa jiru. 2.Walqunnamtii saalaa baayyisuu: Sochii qaamaa kan yeeroo wolqunnamtii saalaa godhamu keemikaalota bullaa'ina soorataa (pancreatic enzymes, including chymotrypsin and trypsin) waan saffisiisaniif nyaanni qaama keessa hamma turtii isaatii gaditti dafee akka baafamu taasisa. Ammas akkuma nyaatanii ka'aniin saal qunnamtii gochuun sooranni garaacha keessatti akka hin tasgabboofne gochuun jeequmsa garaachaa uuma. 3.Alkoolii dhuguu: Alkooliin asiidii garaachaa fi maashaalee naannoo garaachaa irratti dhiibbaa qaba _ Sochii keessatti gufuu uuma. 4. Akkuma nyaataniin buna dhuguu : Qorannoon tokko tokko akka agarsiisanitti bunni garaacha irratti dhiibbaa adda addaa gochuu akka danda’u, bullaa'inni soorataa akka jeeqamu mudhisu. Kunis sochii garaacha keessatti kakaasuun, sooranni bulbulamee bifa baasaatiin alatti yaa'uu danda'a 5. Yeeroo nyaannu gar-malee quufuu: • Garmalee nyaachuun garaan keenya hamma idilee isaa ol akka babal’atu taasisa, nyaata baay’ee wajjin akka walmadaalu taasisa. Garaan bal’ate qaamolee biroo irratti dhiiba, miira akka hin qabne si taasisa. kunis garaachi qilleensaa fi eddoo/space bullaa'ina soorataaf barbaachisu dhabuun akka cinqamu taasisa. 6.Yeroo hunda nyaata wal fakkaatu nyaachuu: Yeroo hunda nyaata walfakkaataa nyaachuun anniisaa gadi aanaa, awwaara sammuu fi rakkoo bullaa'insa nyaataa fiduu danda'a. 7. Sigaaraa/Tamboo xuuxuu: Tamboo xuuxuun sirna bullaa'insa nyaataa keessan karaa hedduudhaan miidhuu danda'a. Namoonni tamboo xuuxan namoota tamboo hin xuuxne caalaa yeroo baay’ee garaa kaasaa fi madaa garaachaa qabaachuu danda’u. Tamboo xuuxuun carraa dhukkuba madaayuu garaacbaa fi udhagaa garaachaa dabaluu danda'a. Follow, share, like gochuu hin dagatinaa. #WhatsAppNo Telegraamaatiin nuuf ergaa.
6981Loading...
08
Media files
8350Loading...
09
Fincaan sawwanii qorsooma qabaa? Akkam jirtu kabajamtoota hordoftoofa Fuula Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa Biyyoota akka Hindii, Chaayinaa fi biyyoota Aafrikaa heddutti fincaan saawwanii dhukkuboota adda adda yaaluuf dhimma itti bahu. Qaruuraan saamsamee gabatti dhiyaataa jira! Karaa ammayyaatiinis Qorannoon tokko tokko godhamee waan mirkaneesse qaba. Faayidaa fincaan saawwaa fayyaa namaatiif qabu karaa aadaa fi qorannoon ammayyaas maal akka mirkaneesse badhinnaan wolitti deebina! Hangasiif: Mee biyya keenya Naannawa keessanitti hoo fincaan saawwanii dhukkuba akkam akkamii woldhaanuuf itti fayyadamuu? Haala fayyadama isaa wajjiin yaada keessan nuuf qoodaa!!! #follo_share_like_godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel
8040Loading...
10
Media files
9421Loading...
11
Furmaata Gogaa dubartii shuntuuruuf(stretch marks) ```````````````````````````````````` mallattooleen shuntuuruu jibbisiisaan qaama keessan irratti mudhatee isin rakkisaa jira yoo ta'e: Zayitoota kanneen keessaa kan barbaaddan filattanii, naannoo gogaan shuntuure sanaan sukkuumuu/masaajii gochuu qofaan fayyuu dandeettu! Zayitii kokonaataa(coconut oil) Zayitii muka shaayii(tea tree oil) Zayitii ejersaa/zeytuunaa(olive oil) Zayitii Qobboo(custor oil) Zayitii loozii(almond oil) Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follo_share_like_godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel
9004Loading...
12
Media files
1 2071Loading...
13
Hubachiisaa: Maloonni nuti asii olitti eerre kun dhukkubni FANXOO sadarkaa jalqabaa irra yoo jiraate qofa fayyada. Sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa irra yoo gahe ykn torbee 6 bira yoo darbe qaamaan ogeeyyii keenya qunnamtanii yaalamuu qabdu. "CITTOO irraan FANXOO" jechuun maal jechuudha? Koomentiin deebii nuuf kaayaa Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follo_share_like_godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
1 0311Loading...
14
Dhoksaan FANXOO hin FAYYISU! Dhukkubni FANXOO dhukkuba karaa qunnamtii saalaatiin daddarbu ta'ee, irra caalatti , dargaggoota umuriin isaanii waggaa 15 hanga 30 gidduu jiran irratti baay’inaan kan mudhatuudha. Sababni isaas dargaggoonni umrii kana keessa jiran, garee baay’ee saalqunnamtii raawwachuu fi hiriyoota adda addaa qabaachuu danda’an waan ta’aniif. Akkuma dhukkuba Cophxoo, karaan ijoon dhukkubni FANXOO ittiin babal’atuun nama duraan dhukkuba kanaan qabame waliin qunnamtii saalaa raawwachuun yoo ta'u, dabalataan karaa dhalootaan haadha irraa gara daa'imaatti darbuu danda'a. Dubartiin ulfaa tokko dhukkuba FANXOO yoo qabaatte dhukkuba kana daa'ima ishee garaa keessa jirutti dabarsuu dandeessi. Kunis du’a ykn hir’ima qaama daa’imaa fiduu danda’a. Dubartoonni ulfaa dhukkuba FANXOO qabaachuu fi dhiisuu isaanii qoratamuu qabu. Sababiin isaas yoo dhukkubni kun argamee yaalamee rakkoon daa’ima garaa keessa jiru irra gahuu danda'u guutummaatti ittisuun ni danda’ama. Mallattoolee dhukkuba FANXOO Dhukkubni FANXOO sadarkaa 3 qaba 🔹FANXOO SADARKAA JALQABAA Fanxoon sadarkaa jalqabaa madaa salphaa fi dhukkubbii kan hin qabnee ta'ee, bakka jalqaba tuttuqqiin uumametti kan mudhatuudha. Yeeroo baay’ee fiixxee qaama saalaa dhiiraa irratti, seensa(hulaa) qaama saalaa dubartii irratti,keessoo qaama saalaa dubartii bakka ijaan hin mul’annetti, hidhii ykn afaan keessatti mudhachuu danda'a. Madaan kun torban tokkoo hanga shanii turuu kan danda’u yoo ta'u sadarkaa kanatti yaalamnaan ni bada. 🔹FANXOO SADARKAA LAMMATAA: Madaan Fanxoo sadarkaa jalqabaa erga mul’atee usuu hin yaalamin tilmaamaan torban jaha booda namni tokko sadarkaa dhukkubichaa isa lammaffaatti seena. Sadarkaa kana keessatti mallattoon baay’inaan mul’atu finniisa cittoo fakkaatu(rash)dha. Mallattoowwan biroo kanneen akka: ▰ dadhabbiin namatti dhagahamuu ▰ qaama/dhaqna gubaa ▰ dhukkubbii qoonqoo ▰ dhukkubbii mataa ▰ sagaleen cufamuu(hoarseness) ▰ fedhii nyaataa dhabuu ▰ rifeensi ciccituu(patchy hair loss) ▰ mudaamuddiin dhiita’uu Mallattoon dhukkuba kanaa torban lamaa hanga jahaa kan turu yoo ta’u, irra caalatti yaala malees baduu ni danda'u. Mallattoon dhukkubichaas yeroo baayyee hin mul’atu ykn dhukkuboota xixiqqaa beekamoo biroo kanneen akka ho’a qaamaa, qorraa fi qufaa fakkaatee nama keessa tura. Kanarraa kan ka'e namoonni mana yaalaa hin dhaqan. Dhukkubicha usuu adda hin baaafatin yeeroo dheeraa qaama keessa turuun gara sadarkaa 3ffaatti kan guddatu ta'a. FANXOO SADARKAA SADAFFAA Dhukkubni FANXOO woggaa afurii ol qaama namaa keesaa yoo ture rakkoo cimaa fi duubatti deebi’uun hin dandeenye, kan milkaa’inaan yaalamuuf ulfaatu fida. Qaamota akka gogaa keenyaa, lafee, sirna narvii giddugaleessaa(centeral nerve system) fi dhukkuba onneef nama saaxiluu danda’a. FANXOON sadarkaa 3ffaa irra yoo gahe: ▰ Rakkoo dhageettii fiduun hanga sadarkaa gurri duuduu cimuu danda'a. ▰ Rakkoo ijaa ykn qaroo keenya dadhabsiisuun hanga jaamsuutti ▰ Dugdaan ol jechuufi gadi jechuu dhoogguu ▰ Qaamni namaa qabbana/qorra dadhabuu ▰ Qaamni namaa dadhabbii hamaaf saaxilamuu ▰ Dhala dhabuu ykn sanyiin kormaa keessaa firii ilmoo ta'u dhabamuu ▰ Hir'ina dhiigaa cimaadhaaf saaxilamuu ▰ Dhukkubbiin lafee fi caphsata lafee(joints) nama qabuu. ▰ Sammuun namaa suuta suutaan dadhabsiisuu. Dhukkuba kana sadarkaa jalqabaa irra yoo jiraate: 🔹Hargiia gogee daakkame(Sibrii) Hargiisni(Aloe vera )Qabiyyee farra baakteeriyaa(polyphenols)jedhamu waan ofkeessaa qabuuf dhukkuba kanaaf qoricha gaariidha. Maankaa shaayii tokko bishaan burcuqqoo tokkootti kuranii ganama garaa qullatti guyyaa 7 fudhachuu 🔹Baala Xooshinee(thyme) akka shaayitti danfisanii guyyoota torbaaf ganamaaf galgala dhuguu 🔹Qumbii/karbee(myrrh) maankaa sukkaaraa tokko bishaan burcuqqoo tokkootti bulbulanii bulchuun ganama garaa qullatti dhuguu. 🔹Eddoo madaan jirutti dammaaf Irdii wolitti laaqanii bakka madaan jirutti dibachuu. Hanga madaan sun badutti irra deddeebiin itti fuufuudha.
1 0205Loading...
15
Media files
1 1191Loading...
16
Fincaan qabachuu dadhabuu fi Furmaata isaa. ፧፧፧÷፧፧፧፧÷፧፧፧፧÷፧፧፧፧፧÷፧፧፧፧÷፧፧፧፧÷፧፧፧÷፧፧፧፧ Rakkoon fincaan qabachuu dadhabuu kun kan uumamu yeeroo fincaan afuuffee fincaanii keessatti usuu hin kuufamin fedhiin ala humnaan bahuuf nama rakkisuudha.Sababni dhibee kanaa afuuffeen fincaanee dhiyuun yokn qorri guddaan yoo namatti bu'u kan uumamuudha. Fincaan qabachuu dadhabuun fincaan osoo itti hin yaadin dhangala'uudha. Rakkoon kun namoota hedduu miidhuu irratti argama. Rakkoo fayyaa qofa usuu hin taane, xiinsammuu miidhuun hawaasummaa keessaa baqachuu fiduu irratti argama. Fincaan qabachuu dadhabuun gosa hedduu qaba, isaan keessaa: 1.Dhiphina garmalee ykn sammuun kan wolqabate(stress) 2. Xuuchaan ujummoo fincaanii laafu.(functional) 3. Ujummoon fincaanii dhiibbaa akka: axxifannaa, qufaa, kolfuu hamoommatuu too'achuu dadhabuu. Miirota lama wolbiratti too'achuu dadhabuu.(overflow) 4. Narviin kan wolqabate. Maaltu mala❓ 1🔹 Shumburaa guyyaa 3f cuunfaa dhangaggoo (ኮምጣጤ) ykn acheto jedhamuunis kan beekamu keessa tariisuun, eegasii dhimbiibanii shumburaa nyaachuu cuunfaa dhangaggoo dhuguu. 2🔹Lafee re'ee ykn hoolaa keessaa dhuka dhuguu(nyaachuu). 3. 🔹Harmal(African rue) 🔹 Zanjabiila daakamaa 🔹 Qarafaa daakamaa 🔹Arab-barbari(ቆንዶ-በርበሬ) daakkamaa. wantoota kanneen wol-qixa goonee sirritti wolitti makuun nyaata galgalaa nyaatuun dura daqiiqaa 30 dursinee maankaa tokko nyaachuu. 4🔹Aannan horii kubbaayaa tokko qurunfudii daakamaa maankaa shoorbaa tokkoon wojji dhuguu. Odeeffannoo dabalataaf +251928795750 YAALA AADAA HIKMAA Fincaan osoo itti hin yaadin nama irraa dhangala'uun maali? Namoota dhukkuba kanaan dhiphataa jiraniif share godhaafi. Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follo_share_like_godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel
1 1635Loading...
17
Media files
1 4531Loading...
18
Mallattoolee Dhukkuba Simbiraa/Raaree/Tiruu ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ Faayidaa barbaachisaa tiruun jireenya namaatiif qabu yoo ilaalle, fayyaa tiruu eeggachuu fi hordofuun guutummaa fayyaa qaama keenyaaf haalaan barbaachisaa ta'uu hubanna. Nyaanni gaariin, sochii qaamaa fi hirriba gahaa rafuun fayyaa tiruutiif baayyee barbaachisoodha. Tamboo xuuxuun, Alkoolii dhuguu fi buna garmalee dhuguun fayyaa tiruu keenyaa balaadhaaf saaxila. Yeroo tiruun keenya dhukkubsatu dhukkubbiin kun kutaalee qaama keenyaa hedduu keessatti calaqqisuu danda'a. Yeeroo kana mallattoolee kanniin agarsiisuu jalqabu: Mallattoolee Dhukkuba Simbiraa ~~~~~ 1. Fedhii nyaataa dhabuu 2. Qaama nama dadhabsiisuu 3. Hafuura kutuu/harganuu dadhabuu 4. Lafti namaan maruu/magartoo 5. Ija ykn nyaara ijaa irratti nama ulfaachuu 6. Ija keelloo/boora gochuu 7. Qaama hoo'isuu/qaama fuursuu 8. Nyaanni laphee irratti ulfaachuu 9. Nyaanni dafee daakkamuu diduu 10. Lolloojjessuu/hooqqifachiisuu 11. Fincaan bifa jijjiiruu/daalchatuu 12. Qomaafi qoorrara gubuu ykn hoo'isuu 13. Gogaaan namaa daaraa dhaluu 14. Laphee irratti waan akka bishaanii kuufamuu. 15. Qaama keenya gara mirgaatiin woraansa qabaachuu. Waa'ee dhukkuba Simbiraa/tiruu, gara fuula duraatti badhinnaan kutaalee garagaraatti qoonnee isiniif dhiheessina. Ammaaf mallattoolee asii olitti eerre kun yoo isin irratti mudhate daftanii tiruu keessan akka ilaallamuuf isin fayyadutti gabaabsinee isiniif eerre. Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follo_share_like_godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel
1 3033Loading...
👍 9
Nama MAAGAA Argetu bofa Baqata? ``¯``¯``¯``¯``¯``¯````¯``¯``¯````¯``¯``¯`` Raammoo Maagaa ykn Wosfaatii "Rammoon Maagaa raammoo dheerina hanga 40cm qabaatuu danda'u ta'ee, kan inni wal-horu marrumaan xiqqaa keessatti dha." Raammoon Maagaa Maal Irraa Nama Qaba? "Rammoon Maagaa bishaanii fi nyaata qulqullina hin qabamne irraa nama qabuu danda'a. Namni raammoon wasfat garaa isaa keessa jiru fuulaan daalachata, hidhiin isaa ni goggoga,funyaan isaa ni ququnca'a. Lolloojjii itti uuma, garaa kaasaa itti fiduu danda'a. Daa'imman Raammoo Maagaa garaa keessaa qaban garaan ciniinuu, garaan bokokuu fi albaasuus danda'a. Kanaraa ka'anii daa'imman dhukkuba kanaan qabaman yeeroo hedduu miira aarii ykn of-loluu, booyuu fi ilkaan woliin riguun sagalee dhageessisu. Raammoon maagaa dhalaafi kormaa waan qabuuf marrumaan qadhaa keessatti wal-horuu danda'a. Garaa keessatti yemmuu baayyate sagaraa wajjiin ykn darbe darbee afaaniinii fi funyaaniin bahuu danda'a. Daa'imman Baay'een Raammoo Kanaan Maliif Saaxilamu? " Maagaan dhaltuun yeroo tokkotti hanqaaquu hedduu buusuu dandeetti. Hanqaaquun maagaa ammoo sagaraa wajjiin alatti baati. Daa'imman yemmuu biyyee hanqaaquu raammoo maagaatiin faalame harkaan tuqan harka daa’immanii irratti maxxantee qeensha quba isaanii keessa lixxi. Daa'imman Harka osoo hin dhiqatin yemmuu nyaatan ykn afaanifu funyaan isaanii tuttuqan garaa keessa seenuun ammas wal-horuu jalqabdi. Furmaanni Maali? Mala1 ▰ Sanaafica sinii tokko ibidda laafaa irratti hoo'isuun bulleessitanii daaktu. Aannan baaduu ykn areera kubbaayya tokko waliin bulbultanii halkan guutuu bulchitu. Mala kana guyya 2 qofa fayyadamtu. Mala 2 ▰ Baala makkonniisaa fi jirma mokkonniisaa irraa quuncee isaa fuutanii erga goggogsitanii booda sirritti daaktu. Daakuu sana irraa maankaa shoorbaa 2 fuutanii aannan baaduu/areera wajjiin bulbultanii bulchuudhaan ganama garaa duwwatti dhugdu. Mala kana Guyyaa tokko qofa fayyadamtu. Mala 3. ▰ Harma Guusa(Ajuga remota) baala isaa ganaa tokko ykn cumm'aa tokko qopheessitu. Xalataam/sunkurtaa/xeenaddaam/ceeraddaam ganaa tokko ykn cum'oo tokko qopheessitu. Shunkurtii adii/Qullubii hidda giddu galeessa tokko qopheessitu. Waan kanneen sadan(Harma guusa, xalataama fi qullubbii) bishaan burcuqqoo tokkootti danfistu. Waan danfe kana irraa sinii tokko fuudhanii dhadhaa hin baqfamin maankaa tokko itti dabaltu. Ganama garaa duwwatti dhugdu. Hubachiisa: Malleen olitti isiniif eerre kun daa'imman: - Garaan ciniinu - Garaan iyyu/wacu - Garaan bokoku - Garaan albaasu - Garaan ajaayu fi - Huqqina daa'immaniif haalan fayyada. Nama irraa fayyadama jettanii yoo yaaddan #Share Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
إظهار الكل...
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
Mallattoolee Budaa ykn Summii ijaa fi waanyoo ykn hisdii Gurguddoo fi Furmaata Isaa Kutaa 1ffaa. الحسد،والحقد،والعين, وعلاجه ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ 1. Dhiphina: Sababa tokko malee naasisuu, boochisuufi dhiphinna gar-malee 2. Sammuun Doomu: Sammutti waa qabatuu ykn qayyabatuu dadhabuu, qo'achuu dadhabuu, waa dagachuu baayyisu 3. Of-gatuu: Dantaa ofiif dhabuu, qandhafuu jibbisiisuu, uffata tolfachuu dhiisuu, dabbasaa sirreeffachuu jibbuu fi qaama dhiqachuu ceem'uu. 4. Hirribni Jeeqamuu: Halkan hirriba dhabuu, ganama hirribaa ka'uu dadhabuu, gugurtaayuu, yeeroo lafi bariitu gammachuu dhabuu. 5. Hamoommii itti baayyisuu, imimmaan ijaa yaa'uu, ijji gubachuu. 6. Madaan xixiqqoon qaama irratti mudhachuu, finniisni badaa deddeebi'u qaama irratti uumamuu. 7. Nyaara ol-qabachuu dadhabuu, mataafi ceekuutti nama ulfaachuu. 8. Woyanna, aaduu, kurruufuufi qaamni sababuma malee namatti ulfaatuu 9.Obsa dhabuu, abdii kutachuu, ofitti amanamummaa dhabuu. 10. Daldalli sababa malee kasaaraaf saaxilamuu, bultiin namaa (jaarsaaf jaartiin) diigamuu. 11. Idooteen dhabamuu(intalti heeruma dhabuu, dhiirri fuudha dhabuu) 12. Of-jibbuu, qaamni kee foolii hin beekne sitti dhahuu. Fooliin afaanii fi qaamaa jijjiiramuu. Qaamni haala dura hin turreen dafqisiisuufi qaamni foolii hin baramne fiduu. 13. Qaamni kee usuma nyaattu huqqachuu. 14. Fuulli kee daaraa dhaluu/bifa si balleesse si daalacheessuu 15. Gogaan qaama keetii quunca'uu, keessumattuu naannofni bobaa harka keetii fi teessuma kee irratti luqqa'uu. Akkasumas madaan xixiqqaan, finniisnii fi dhullaan sitti babbahuu. 16. Ofitti amanamummaa dhabuu, waa sodaachuu, nama biratti dubbachuu sodaachuu. 17. Namaan woliif galuu dadhabuu. Nama shakkuu Waan hojjattan irratti nama biraa galata dhabuu. Namni akkuma wol bartaniin waan isin jibbu isinitti fakkaachuu. 18. Dallansuu, aarii gar-malee qabaachuu. Waanuma nama hin aarsinetti aaruu. 19. Dhahannaan onneen tasuma ol ka'aa gadi bu'uu. Dhikksni onnee al-tokko tokko saffisaan dhikkisuu, yeeroo biraa dadhabuun hafuura baafachuu rakkisuu. 20. Hoo'i qaamaa tasuma ol ka'uufi gadi bu'uu. Yookaan ammuma sitti hoo'ee ammuma sitti qorruu 21. Arraabaafi hidhii ofii irra deddeebiin of ciniinuu. 22. Ijji diddiimachuu fi ija keessa gubuu. Nyaara/gaara irratti ulfaatuu fkk. Yaala Dhukkuba Budaa/Ijaa akka sunnaatti. Falli kun namoota qara'uudanda'anii fi Muslimaaf ta'a. Namoota qara'uu hin dandeenyee fi worroota amantaa biroo hordoftaniif ammoo yaala biqilootaa fi alboodota dhukkuba budaa balleessan yeeroo biraa isiniif dhiheessina. ➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨ 1.Namni budaa/summii ijaa qabu sun yoo beekkame: Namni summii ijaa qabu sun harkaafi fuula isaa akka dhiqatu ajajama. Bishaan inni ittiin dhiqate sanaan qaama nama dhukkibsataa sanii dhiqu. Bishaan namni ijaa waa qabu dhiqate sana, dhukkubsataa gara duubaatiin mataa irraa hanga miilaatti yoo itti buusan fedha Rabbiitiin ni fayya. Namni ija irraa waa qabu akkaataa dhiqannaa isaa irratti haasaan waan jiruuf badhinnaan itti isiniif deebina. 2. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "باسم الله أرقيك, من كل شيء يؤذيك، من شر كل نفس، أو عين حاسد، الله يشفيك باسم الله أرقيك" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 3. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "باسم الله يبريك، ومن كل داء يشفيك -ومن شر حاسدإذا حسد، ومن شر كل ذى عين" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 4.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "اللهم رب الناس، أذهب البأس، وشف أنت الشافي، لا شفاء الا شفاءك شفاء لا يغادر سقما" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 5.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: الإخلاص ولفلق والناس Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 6. Dhukkubsataan mataan isaa ykn ogeessi, maloota 2—5 jiran bakko tokkotti bishaan irratti yeeroo 3 qara'uun dhukkubsataaf kenna. Dhukkubsataan garattis ni dhuga qaamaanis ni dhiqata. Fedha Rabbii Guddaatiin Ni Fayya. Malli yaala biqilootaan godhamuu badhinnaan isiniif qabannee dhufna.
إظهار الكل...
👍 8
Obboleewwan keessaniif #share godhaa. 092 879 5750 Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like
إظهار الكل...
👍 3
Sababoota nyaanni garaacha keessatti akka hin bulloofne/akka hin daakamne godhan keessaa muraasa! ```````````` 1. Dheebuu malee bishaan dhuguu: Kunis ho’a uumamaa (abidda) qaama keenya keessa jiru gara qorratti jijjiira; Akkasumas yeroo malee akka bullaa'uu fi nyaanni garaacha keessaa akka bahu taasisa. Haalli kun yeeroo hedduu haakimoota biyya keenyaatiin "namni tokko fayyaa guutuu argachuuf bishaan L3-4 guyyatti dhuguu qabu" jedhamee waan gorfamuuf namoonni rakkoo kanaaf saaxilamaa jiru. 2.Walqunnamtii saalaa baayyisuu: Sochii qaamaa kan yeeroo wolqunnamtii saalaa godhamu keemikaalota bullaa'ina soorataa (pancreatic enzymes, including chymotrypsin and trypsin) waan saffisiisaniif nyaanni qaama keessa hamma turtii isaatii gaditti dafee akka baafamu taasisa. Ammas akkuma nyaatanii ka'aniin saal qunnamtii gochuun sooranni garaacha keessatti akka hin tasgabboofne gochuun jeequmsa garaachaa uuma. 3.Alkoolii dhuguu: Alkooliin asiidii garaachaa fi maashaalee naannoo garaachaa irratti dhiibbaa qaba _ Sochii keessatti gufuu uuma. 4. Akkuma nyaataniin buna dhuguu : Qorannoon tokko tokko akka agarsiisanitti bunni garaacha irratti dhiibbaa adda addaa gochuu akka danda’u, bullaa'inni soorataa akka jeeqamu mudhisu. Kunis sochii garaacha keessatti kakaasuun, sooranni bulbulamee bifa baasaatiin alatti yaa'uu danda'a 5. Yeeroo nyaannu gar-malee quufuu: • Garmalee nyaachuun garaan keenya hamma idilee isaa ol akka babal’atu taasisa, nyaata baay’ee wajjin akka walmadaalu taasisa. Garaan bal’ate qaamolee biroo irratti dhiiba, miira akka hin qabne si taasisa. kunis garaachi qilleensaa fi eddoo/space bullaa'ina soorataaf barbaachisu dhabuun akka cinqamu taasisa. 6.Yeroo hunda nyaata wal fakkaatu nyaachuu: Yeroo hunda nyaata walfakkaataa nyaachuun anniisaa gadi aanaa, awwaara sammuu fi rakkoo bullaa'insa nyaataa fiduu danda'a. 7. Sigaaraa/Tamboo xuuxuu: Tamboo xuuxuun sirna bullaa'insa nyaataa keessan karaa hedduudhaan miidhuu danda'a. Namoonni tamboo xuuxan namoota tamboo hin xuuxne caalaa yeroo baay’ee garaa kaasaa fi madaa garaachaa qabaachuu danda’u. Tamboo xuuxuun carraa dhukkuba madaayuu garaacbaa fi udhagaa garaachaa dabaluu danda'a. Follow, share, like gochuu hin dagatinaa. #WhatsAppNo Telegraamaatiin nuuf ergaa.
إظهار الكل...
👍 7
👍 8
Fincaan sawwanii qorsooma qabaa? Akkam jirtu kabajamtoota hordoftoofa Fuula Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa Biyyoota akka Hindii, Chaayinaa fi biyyoota Aafrikaa heddutti fincaan saawwanii dhukkuboota adda adda yaaluuf dhimma itti bahu. Qaruuraan saamsamee gabatti dhiyaataa jira! Karaa ammayyaatiinis Qorannoon tokko tokko godhamee waan mirkaneesse qaba. Faayidaa fincaan saawwaa fayyaa namaatiif qabu karaa aadaa fi qorannoon ammayyaas maal akka mirkaneesse badhinnaan wolitti deebina! Hangasiif: Mee biyya keenya Naannawa keessanitti hoo fincaan saawwanii dhukkuba akkam akkamii woldhaanuuf itti fayyadamuu? Haala fayyadama isaa wajjiin yaada keessan nuuf qoodaa!!! #follo_share_like_godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel
إظهار الكل...
👍 4 3
3
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.