cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

☪Ifaa Islaamummaa🔊

📞🕌Ogummaafi jechoota gaggaariin karaa Rabbii(SW) keessatti Namoota haa yaamnuu🤲🧠🧠

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
208
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙞 𝘼𝙠𝙠𝙖 𝘿𝙖𝙖𝙬𝙬𝙞𝙩𝙞i𝙩𝙞👇 ━━━━━━━━━━━ Daawwitii cinaattis mallattoon: "Namni guddina kee irratti daangaa kaa'uu kan danda'u tokko qofa: Inniis "ATI"  matuma keeti jechuudha.  Jireenya kee warraaqsa fiduu kan dandeessu mataa keetiin qofa.  【】Gammachuu kee, 【】dhugoomsa kee fi 【】milkaa'ina kee irratti dhiibbaa kan godhu si qofa.  Of gargaaruu kan danda'u si qofa.  ❁Jireenyi kee 【】yeroo hogganaan kee jijjiiramu, 【】yeroo hiriyyoonni kee jijjiiraman, 【】yeroo hiriyaan kee jijjiiramu, 【】yeroo dhaabbanni kee jijjiiramu hin jijjiiramu. ❁Jireenyi kee kan jijjiiramu 【】yeroo ATI jijjiiramte, 【】yeroo ati amantii kee isa daangeffame bira darbitu, 【】yeroo ati jireenya keetif itti gaafatamummaa kan qabu si qofa ta’uu hubattudha.  ✪"Hariiroon ati qabaachuu dandeessu inni guddaan isa ofii keetii wajjin qabdudha" . Kanuma dubbiin adeeroo!👈               from : علي احمد على
إظهار الكل...
👍 1
𝗪𝗮𝗹𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗱𝗵𝘂❗❗🔑 𝙠𝙤𝙛𝙖:- Hardhaan Tana wanti Ilmi Namaa walitti qabachuu dadhabe kofa isaati. Kofni Bakka haraamaatti banamu, Jalqaba balbala kufiinsaa siif baname ta’uu hubadhu. Kofaa fi Arraba Nagahaan godaanetu Jannatas dhaala. 𝘽𝙚𝙚𝙠𝙠𝙪𝙢𝙨𝙖 :- Beekkumsi yeroodhaan walitti qabatte waan Lamaaf si gargaara. Atii fi biyyis irraa fayyadamtan. Gaafa Ati Itti Fayyadamuu hin dandeenye immoo biyyatu ittiin fayyadama. Sababa Dhiisii baradhu 𝙄𝙗𝙖𝙖𝙙𝙖𝙖:- Osoo Lubbuudhaan Dachii Tana Irra Jirtu Hojii gaggaarii walitti qabadhu. Gochaa fi jecha kee tolchii walitti qabadhu. Caaltuu Rabbitti Boohii  Akka gala kee tolchu kadhu. 𝙌𝙖𝙗𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙃𝙖𝙡𝙖𝙖𝙡𝙖𝙖:- Halaalaa:- Addunyaa Qabeenya halaalaa walitti qabachuun ibidda harkatti qabachuu caala Itti ulfaate keessatti, Xiqqaattus dafqa halaalaa kee walitti qabadhu. 𝙍𝙖𝙜𝙖𝙖:- Haasaa fi Gocha Kee hunda kee duratti Ragaa Walitti qabadhu. Ilma namaa fi Rabbiin birattis wanti ittiin mindeeffamtu kanuma lamaan waan ta’eef. 𝘼𝙛𝙖𝙖𝙣:- Afaan Kee yeroo Sadi qofa bani. Gaarii nyaachuuf, Haasa’uu fi Hafuura Baafachuuf. Yeroo birootti immoo walitti qabadhu. 𝙐𝙛𝙛𝙖𝙩𝙖:- Ilmi Namaa uffataan tola. Osoo Qullaa Akka deemtu Rabbiin barbaadee  Horii Godhee Si Uuma Ture. Uffata Waan jedhamus hin uumu ture. Uffata Rabbiif jecha malee addunyaa jaldeessaatiin dorgomuuf hin uffatin. 𝙉𝙖𝙢𝙖 𝙃𝙖𝙢𝙖𝙖:- Nama Hamaa dhaloomaanis Naannomaanis Yoo walitti dhiheenya qabaattan hidhadhaa. Balaan ibidda Nama hin hanqatu Waan ta’eef. 𝙎𝙖𝙣𝙮𝙞𝙞:- Sanyii Kee Bakka Rabbiin Facaasi jedheen maletti hin facaasin. Isa Karaa Halaalaatiin Facaafte immoo walitti qabadhuu Abbaa gaarii itti ta’i. 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐮 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐃𝐮𝐫𝐬𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐝𝐡𝐮 .https://t.me/Ifaaislamuma
إظهار الكل...
☪Ifaa Islaamummaa🔊

📞🕌Ogummaafi jechoota gaggaariin karaa Rabbii(SW) keessatti Namoota haa yaamnuu🤲🧠🧠

Itti Yaadi ••••••••• Doktora tokkotu ariifataa gara Hospitaalaa seene. Sababni isaatis nama haalaan dhukkubsatetu jira koottu jedhanii itti bilbilan. Innis akkuma itti bilbilameen saffisaan dhufe. Uffata isaa jijjiiratee gara kutaa baqaqsanii hodhuu osoo deemaa jiru, abbaa ilmi jalaa dhukkubsate waliin walitti dhufe. Yeroo kana abbaan dallansuudhaan “Maal jechuu keeti? Maaliif turte? Ilmi kiyya rakkoo hamaa keessa akka jiru hin beeytuu? Bar dalagaa kana nama haa tajaajiltaniif isin qaxaran?” jedhaa iyyaa doktoricha gaafate. Doktorichis seeqataa, “Dhiifama naaf godhi. Hospitaala keessa hin turre. Akkuma natti bilbilaniin haga danda’een saffisaa garana dhufe. Tasgabbaahi, ilma kankee siif yaala” jedheen. Namichis deebisee, “Tasgabbaahi?! Osoo ka siree irra ciisee du’aa fi jiruu jidduu jiru sun ilma kee ta’ee, ni tasgabbooftaa?” jedheen. Doktorichi ammas irra deebisee, “Tasgabbaahi, haga humna keenyaatiin tajaajila ilmi kee argatuu qabu ni kenninaafi. Ilma keetii ammoo du’aa’ii godhi. Du’aa’iin kee dalagaa keenya irratti gargaarsa guddaa nuuf ta’a” jedheen. Namichis deebisee, “Namuu yoo rakkoon isa mudachuu baatte, nama gorsuu irratti jabaadha” jedhee taa’ee waan mudatu eeguu jalqabe. Sa’aatii muraasaa booda, mucaa dhukkubsate baqaqsanii hodhan. Wanti hundi nagayaan raawwatame. Kana booda doktorichi gad bahee, “Rabbiin galanni haa gahu! Ilmi kankee amma nagaya jira. Yoo wanti barbaaddu jiraate warra narsii dubbisi” jedhee, osoo namicharraa dubbii takkallee hin dhagahin ammas akkuma dhufe sanitti saffisaan bahee deeme. Namichi ilmi isaa nagaya ta’uu isaatti gammadeera. Garuu namichi saffisa saniin deemuun isaa ajaa’iba itti ta’e. gara Narsii takkaa deemee, “Doktorichi maaf akkanatti fiiga. Haguma galata isaaf galchuufuu maaf dhaabbatee na hin eegne. Nama tuffata moo?” jedhe gaafate. Narsiin sunis imimmaan ija isii keessa maraa, “Ilmi isaa kaleessa balaa konkolaataatiin du’e. harra awwaalaaf osoo deemuuf ta’an itti bilbille. Awwaala dhiisee ilma keetiif jecha garana dhufe. Amma dalagaa kana waan ofirraa geesseef ilma isaa geggeessuuf deemaara” jetteen. Namichis rifatee teessoo kooriidara hospitaalaa keessa jiru irra gad taa’e. Waan tokko murteessuun dura haalaan itti yaadi. Waan hunda ija kankee qofaan hin ilaalin. Yeroo tokko tokkos bakka namoota biroo bu’uutii ilaali. Rabbi obsa nuuf haa kennu. © Osama Jemal @JTINH8 @JTINH8 @JTINH8
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
✍ Sooranni keenna guddaan zikrii Rabbii keessa jira. guyyaa kankee gammachuu fi raahaadhaan dabarsuu yoo barbaadde salaata subhii fi Azkaara sabaahaatiin eegali.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Kabajamtoota ummata koo! kan Afaan tokko waliin dubbannuu fi biyya takka waliin qabnu, kanneen amantaa biroo hordofuu irratti argamtan jaallatamoo!. Mee isin waama! Koottaa Islaamummaa qabadhaatii muslima ta'aa. -Islaamummaan amantaa; amanamummaadhaan, haqummaadhan, seeraa fi dambiin bulmaataa sammuu dhala namaa wajjiin walsimuudha. Amantaa Rabbii tokko qofa gabbari, isaaf shariika hin godhin, Hin hatin, hin ajjeesin, miskiina hin miidhin, dhugaatii macheessaa hin dhugin, sagaagalummaa hin dalagin, Dharaan ragaa namarratti hin ba'in, dhalaan hin nyaatinii fi kanneen kana fakkaatan raawwachuu nama daangessitee fi Hojimaata gaggaarii akka; Rabbitti amanuu fi Nabi Muhammad [S.A.W] ergamaa isaa ta'utti amanuu, Salaataa, Soomaa, zakaa kennuu, jireenya du'aan boodaatti amanuu, haqa dalaguu, dhugaa dubbachuu fi kanneen kana fakkaatan raawwachutti amantaa nama qajeelchituudha https://t.me/Ifaaislamuma
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Waldeeggaruun Islaamummaa keessatti hedduu jajjabeeffamaadha:- Rasuulli Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namni obboleessa isaa fayyaduu danda,e haa dalaguu(haa faayyaduu)". Muslimitu Gabaase: 2199
إظهار الكل...
Seenaa Umar Ibnu Khaxaab(RA) Kutaa 2ffaa “yoo ati isa ajjeefte gosti isaa banii Haashimif baniin Abdimanaaf si dhiiftii yaaddaa?.” Jedheen. Umaris dallanee “Atiin kunuu isa jala deemuu hin ooltu.” isaan jedhe. Namtichis “sila obboleettiin tee Faaximaafi jaarsi isiillee Seid binu Zeyd islaamawanii, jiranii yoo ajjeesun kee hin oolle ofirraa eegalii.” jedheen. Yeroma san gara mana Faaxumaatti qajeele. Yoo mana obboleetitti dhihaatu sagalee qur’aanaa namni mana keessaa qara’utti jiru dhagahe. Sagaleen dhagahes sahaabdicha Kabbaab jedhamu, obboleettii isaatiifi jaarsa isii qaraasisutti jira ture. Umar mana seennaan Kabbaab jalaa dhokate. “maali sagaleen ani dhagahe?.” jennaan obboleettiin “nuti homaa hin dhageenne.” jetteen: “isin lamaan islaama taatan jechaa dhaghee jira. Dubbiin kun dhugaadha jedheen?.” Battalumatti jaarsi Faxumaa akkana isaan jedhe “atuu osoo islaamoytee, towbattee, waan ormi kee gabbaru kana dhiiftee.” jennaan Umar dhahaa jabduu dhahee lafatti kuffise. Faaxumaanis jaarsarraa dhoorguudhaaf kaatee jennaan: isis dhahee dhiiga fuularraan garagalche. Dhiiga isii argee heedduu rifatee garaa nyaatte. Waraqaa qur’aanaa tan harkaa qabdu askenni jedheen. “Nicicirtaa sitti hin kennu!.” jennaan Umar hamtuu takkaanillee akka hin tuqne isiif kakate. Faaxumaaniis dallansuu isii irraa tasgabooftee “Ati najisaa ka’ii dhiqadhu.” jetteenn. Ka’ee dhiqatee xalayaa qur’aana kan suuraan Xaahaa itti barreeffame; haga Ayaata 14tti qara’e. طه (1) مَا أَنْزَلْنَا عَلَيْكَ الْقُرْآنَ لِتَشْقَى (2) إِلَّا تَذْكِرَةً لِمَنْ يَخْشَى (3) تَنْزِيلًا مِمَّنْ خَلَقَ الْأَرْضَ وَالسَّمَاوَاتِ الْعُلَى (4) الرَّحْمَنُ عَلَى الْعَرْشِ اسْتَوَى (5) لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَمَا تَحْتَ الثَّرَى (6) وَإِنْ تَجْهَرْ بِالْقَوْلِ فَإِنَّهُ يَعْلَمُ السِّرَّ وَأَخْفَى (7) اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا هُوَ لَهُ الْأَسْمَاءُ الْحُسْنَى (8) وَهَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ مُوسَى (9) إِذْ رَأَى نَارًا فَقَالَ لِأَهْلِهِ امْكُثُوا إِنِّي آنَسْتُ نَارًا لَعَلِّي آتِيكُمْ مِنْهَا بِقَبَسٍ أَوْ أَجِدُ عَلَى النَّارِ هُدًى (10) فَلَمَّا أَتَاهَا نُودِيَ يَا مُوسَى (11) إِنِّي أَنَا رَبُّكَ فَاخْلَعْ نَعْلَيْكَ إِنَّكَ بِالْوَادِ الْمُقَدَّسِ طُوًى (12) وَأَنَا اخْتَرْتُكَ فَاسْتَمِعْ لِمَا يُوحَى (13) إِنَّنِي أَنَا اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا أَنَا فَاعْبُدْنِي وَأَقِمِ الصَّلَاةَ لِذِكْرِي (14) “maalumatu qur’aana kana akkanatti tolchee isa kabaje?.” jennaan sahaabdichi duraan mana keessatti dhokate Kabbaab binu Arattii itti bahe “gammadi yaa Umar!.” isaan jedhe. “Ergamaan Rabbii kan du’aayii kadhatuu dhagahee: akkana jedhee; ‘Yaa Rabbi islaamummaa tana jabeessi. Umarii fi Abu Jahli irraa tokkoon’ jedhe. “Sunis ani sitahuun kajeela.” yeroma san “gara Muhammad jiru na akeeki, dhaqee islaamaya.” jennaan akka gama mana Gaara Safaa san jiru itti hime. Umar seeyfii isaa fannifatee dhaqee balabla itti dhadhahee: jennaan; sahaabdichi tokko qaawwaan laale. Umarii seyfii fannifatee dhaabbatu argee rifatee kara Rasuulaa s.a.w deebi’ee; “Umartu seyfii qabatee balbala dhaabbata.” jedheen. Yeroma san Hamzaan binu Abdul Muxxalib “yaa Rasuula Rabbii s.a.w hayyamiif, yoo kan nagahaaf dhufu taate, isa kabajna: yoo inni hammeenyaaf dhufe immo seyfima isaatiin isa ajjeefna. Jennaan ergamaan Rabbii s.a.w hayyama isaaf godhe akka seenuuf. Umar akka seeneen ergmaan Rabbi s.a.w mormoo isaa qabee hargufaa “maaltu sifide?.” jedheen “Rabbiif Rasuula s.a.w isaatti amanuuf dhufe.” jennaan eregamaan Rabbii s.a.w gammadee “Allahu Akbar!.” jedhe.muslimttnnis akka inni amanuu dhufe beekanii jennaan gammadan umaris achumatti islaamahee hojii eegale. Umar yeroma san; “gadi baanee islaamummaa teenna haa mul’ifnunnuu jedhee sahaabota sarara lamatti qoode. Sarara tokkoffaa, ofii hogganee sarara lammaffaa Hamzaan hogganaa, haala saniin islaamummaa yeroo dheeraaf dhokatte ifatti baasan. Mushriktoonni Makkaa humna jabeeffatuu islaamummaa arginaan hedduu rifatanii gaddan. Keessaahuu islaamawuun Umariifi Hamzaa hamilee isaanii tan islaamuummaa bariin balleesina jedhanii dhaadataa turan hamilee cabsite. Itti fufa...https://t.me/Ifaaislamuma
إظهار الكل...
☪Ifaa Islaamummaa🔊

📞🕌Ogummaafi jechoota gaggaariin karaa Rabbii(SW) keessatti Namoota haa yaamnuu🤲🧠🧠

Namni duniyaafi aakhiratti namaafi rabbiin birattille kabajamuu barbaade qur'aana lafa haa kaasu. (Hasan al basrii) Lafaa kaasu jechuun isa qara'uu waan inni itti ajaje dalaguufi waan inni irraa dhooweirraa dhoowamuudha. meeqa keenyatu lafaa isa kaase jira?yaa rabbi nuu laffisi Sallualanabi Jumua jemil https://t.me/Ifaaislamuma
إظهار الكل...
☪Ifaa Islaamummaa🔊

📞🕌Ogummaafi jechoota gaggaariin karaa Rabbii(SW) keessatti Namoota haa yaamnuu🤲🧠🧠

👉"Irra dooyni ykn qorqodaan namaa nama salaamtaa namaan jechuu irraa dooynoome" jedhan. #Abuu Hureyraa -Rabbiin irraa haa jaallatu- Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhu. https://t.me/Ifaaislamuma
إظهار الكل...
☪Ifaa Islaamummaa🔊

📞🕌Ogummaafi jechoota gaggaariin karaa Rabbii(SW) keessatti Namoota haa yaamnuu🤲🧠🧠

😁 1
Gaaffii Amantiiwwan hundi bu’uuraan hordoftoonni isaanii hojii gaarii akka hojjetan barsiisu. Maaliif namni Islaamummaa qofa hordofa? Amantii biroo tokko illee hordofuu hin danda’uu?jedhuuf Deebiin 1. Garaagarummaan guddaan Islaamummaa fi amantiiwwan biroo gidduu jiru Amantiiwwan hundi bu’uuraan hordoftoota isaa hojii gaarii akka hojjetan barsiisu, garuu garaagarummaan Islaamummaa fi amantiiwwan biroo jidduu jiru Islaamummaan Rabbii Tokkicha qofa ibaaduun alatti akkamiin wanti gaariin akka ta'u karaa nutti agarsiisa , haala gaarummaa sana galmaan geenyu nutti agarsiisa. 2. Fakkeenya - Islaamummaan saamicha dhoowwuu qofa osoo hin taane maloota saamicha dhabamsiisuu danda’an qeenxee adda baasee ajaja. Islaamummaan mala saamicha dhabamsiisu ni ajaja, Amantiiwwan gurguddoon hundi saamichi gocha hamaa akka ta’e barsiisu. Islaamummaan barsiisa walfakkaata. Kanaafuu garaagarummaan Islaamaa fi amantiiwwan biroo maali? Garaagarummaan jiru Islaamummaan, saamichi hammeenya akka ta'e barsiisuu bira darbee... hammeenya, haala namoonni keessa jiran sana,akkamitti akka dhiisan karaa qabatamaa agarsiisa Kanaaf hin saamu. b. Islaamummaan Zakaa ni ajaja Islaamummaan sirna Zakaa (sadaqaa waggaa dirqamaa) ni ajaja. Islaamummaa sooressi kamiyyuu qusannoo isaa ol akka qabu seeraan tumaa sadarkaa ni hisaaba. warqee giraama 85 ol, sana keessaa %2.5 kennuu qaba waggaa ji’aa hunda tola ooltummaa keessatti qusachuu. Sooressi addunyaa kanarra jiru hundi yoo kenne Zakaa garaadhaa(dhugaan), hiyyummaan addunyaa tanarraa ni bada. Tokkollee osoo hin taane ilmi namaa silaa beelaan ni du'a ture.
إظهار الكل...
👍 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.