cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

ABJUU

ABJUU... Chaanaaliin Kun kan odeeffannnoo barnootan walqabatan kan itti argattaniidha keessattu barattoota kutaa 9 - 12 tiif

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالتعليم109 647
مشاركات الإعلانات
287
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
+27 أيام
+1230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 qoruumsa seensa dhaabilee Barnoota olaanaa fudhataniif mirgaafi dirqama isaanii irratti ibsi iddoo jiranitti kennameefii jira .Ibsi kun ijoollee keenya akka onnachiisufi naamusa barbaachisu akka hubachiise abdiin qaba. Barattootni keenya wayita gara Yuunivarsiitootaa geejibaman konkolaataan rakkoo teeknikaa qabu ,konkolaachisaan safisaan oofu ykn naamusa gaarii hinqabne akka hinjiraanne of-eegannoon godhamuu akka qabu Godinaaleefi Aanota keenya gorsuun barbaada . #Dr Tola barisoo Hogganaa Biiroo barnoota oromiyaa ABJUU... 👇👇👇👇 https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
😁 1
Qormaanni #onlaayinii hin hafne. Kan tamsa'aa jiru odeeffannoo sobaati" - Ministeera Barnootaa Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 toora interneetii fi waraqaa irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture. Haa ta'u malee akka waan qormaanni intarneetii haqameetti odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa akka jiru ibsaniiru. Ministeerichis, kun gonkumaa #soba ta'uu beeksiseera. Qormaanni baranaa waraqaa fi toora interneetii irratti kan kennamu ta’uu mirkaneessaniiru. Barattoonni kana hubatanii qophii isaanii akka itti fufan dhaamaniiru. Ministeerri Barnootaa "qormaata kana milkeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jirra" jedheera. ABJUU... 👇👇👇👇 https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
#Keeweata20-Ta'e jedhamee ragaa sobaa kennuun qormaata si'a sanii akka hin fudhanne taasisa. #Keewwata21- Barreeffamaan yaadannoo adda addaa harkarratti, waraqaa xixiqqaarratti, huccuu uffatan irratti, qaama isaanii kamirrattuufi waraqaa sooftii, teessoo irratti, keeyya kutaarratti(wall) barreessuun qormaata si'a san kennamaa jiru irraa ariisisa. #Keewwata22- Nama qormaata lennu qaamarratti miidhaa geessisuun qormaatni hunduu akka haqamu taasisa. #Keewwata23- Qormaata hatuuf nama/namoota kan gurmeesse qormaata hin fudhatu, #Keewwata24- Meeshaalee kutaa qormaataa akka hin seenne dhoorkaman kamiyyuu, teeknikaafi elektirikaala ta'an, walitti suphuun itti fayyadamuufi yaaluun akka hin qoramne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata25- Kompitara itti fayyadaman qormaataaf qofa waan ta'eef, faayiloota hin heyyamane keessa galuun, ragaa qaama biraatiif erguu yaaluun qormaata akka hin fudhanne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata 26- Haala kamiiniyyuu qormaata hatuun qormaata irraa ariisisa; seeranis ni gaafachiisa. #Keewwata 27- Qindeessaan qormaataa tokko naamusa qormaataa kabajsiisuuf yeroo socho'u irratti ololuu yaalun qormaata irraa nama ariisisa. #Keewwata 28- Barattootni qormaata akka hin fudhanne kan kakaasu qormaata hin fudhatu, seeranis ni gaafatama. #Keewwata 29- Sanadoota, chaappaa, waraqaa eenyummaa sobaa qabatee kan argame qormaataa irraa ni ari'ama, dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata 30 - Qormaata akka hatamuufi qisaasamu matta'aa kennuu kan yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata 31 - Barataa biraatif gargaarsa barbaachisaa hin taane kennuu yaaluun, kennuun, qaamaan mallattoo adda addaa dabarsuu yaaluun barattoota lachuu qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatamu. #Keewwata 32- .Waraqaa qormaataa hatuufi dhoksuun qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatama. #Keewwata 33- Barataa birootiif 'passward' fi maqaa dabarsanii kennuun qormaata irraa ariisisa. Seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 34 - Waliin gurmaa'un qormaata hatuun, hatuuf kakaasuun qormaata hunda hin fudhatan, seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 35- Gareen qindoomuun barattootni biroo akka jeeqan, jeeqsisan, qormaata hatuufi hachisiisuu yaale qormaata kennamaa jiru irraa ni ari'amu. Seeranis ni gaafatamu. #HUBACHIISA:- Barattootni keenya seeraafi naamusa qormaataa kabajuun hojjachuu akka qabdan ergaa biiroo keenyaati #Tasgabbiin_yaadaafi_qalbiin_ofitti_amanamummaan,_olola_sobaatiin_otuu_hin _eeqamin_qormaata_keessan_qofa_irrsatti_yoo_xiyyeeffattan qabxii olaanaa galmeessisuu akka dandeessan dhaamsa keenya dabarsuu barbaadna. #BBO ABJUU... https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
ABJUU

ABJUU... Chaanaaliin Kun kan odeeffannnoo barnootan walqabatan kan itti argattaniidha keessattu barattoota kutaa 9 - 12 tiif

Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada! ----------------------- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya Bu'a Qabeessa Taasisa. Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha. Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru. #Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu. #Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman. #Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha. #Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu, #Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a. #Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama. #Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u. #Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha. Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama. #Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata10-Barataan qormaata erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama. #Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama. #Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a. #Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf yaalun dhoorkadha. Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf. #Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha.
إظهار الكل...
Bu’aan qormaata Rimiidiyaalaa Ifoomeera. Barattoonni bu’aa isaanii karaa https://result.ethernet.edu.et ilaallachuu dandeessu. ABJUU... 👇👇👇👇 https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
ABJUU

ABJUU... Chaanaaliin Kun kan odeeffannnoo barnootan walqabatan kan itti argattaniidha keessattu barattoota kutaa 9 - 12 tiif

Bakka qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 itti kennamu ifoomera. Gabatee armaan olirra jiru iraa argachuu dandeessu. ABJUU.... 👇👇👇👇 https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
3
4_6041976081513189569.xlsx2.02 KB
#BEEKSISA. (Waxabajjii 17/2016) 1- Barattoota #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhatan Hundaaf 2- Barattoota Kutaa12ffaa #Dubartii_Ulfaafi_Harma_Hoosisan Hundaaf ----------------- Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattoota kuma 700 oliif kennamu keessaa barattootni kuma 240 ol (35%) ol kan Oromiyaa ta'uun beekamaadha. Kanuma bu'uura gochuun barattootni keenyaa gara iddoo(Yunivarsiitii) qormaataa deemun dura seeraafi naamusa qormaataa beekuu qaban gamanumaa hubachuun barbaachisaadha. Barataan qormaataaf gara Yunivarsiitii deemu hundi:- - Moobaayilii harkaa, - Meeshaalee qara qaban kamiiyyuu, - Meeshaalee elektirooniksii (sagalee waraaban, suuraa kaasaniifi )kkf. qabatanii gara iddoo qormaataa seenuu yaalun guutumaa guututti qormaatarraa kan haqsiisuufi battalumatti to'annaa seeraa jala kan oolchu ta'uu, - Qormaata walirraa ilaaluufi garagalchuunfi qormaata hatuun yakka ta'uu, -Turtii guyyaa sadiitiif qofa kan ta'u uffata guyyaafi halkanii qabatanii seenuu, (baay'isuu hin qabdan), - Rakkoo mooraa Yunivarsiitii keessatti isin qunnamuu danda'uuf sodaa tokko malee battalumatti qaama dhihootti argattaniif beeksisuun furmaata argachuu dandeessu, - Manatsirii ijaa (eye glass) rakkoo ijaatiif isiniif ajajame kaawwattanii seenuu ni dandeessu. Kanas dursitanii qaama isin simatuuf beeksisuu qabdu. -Iddoo qormaataa/Yunivarsiitii keessatti, wacuun, iyyuun, sagalee namoota biroo jeequun fayyadamuun dhoorkaa ta'uu beekuu, - Ajajaafi qajeelfama giddu galli qormaataa baasu kabajuun dirqama ta'uu beekun barbaachisaadha. - Barattootni '#online'n qoraman mana isaaniitii deddeebi'anii waan qormaniif yeroo qormaataa kabajuun xiyyeeffannoo kennuufii qabu, - Qormaaticha yaadaafi qalbiin tasgabbaa'anii hojjachuuf gamanumaa of qopheessuu qabu. GUYYAAN QORMAATAA #Barnoota Saayinsii Hawaaaa Adoolessa 3-5/2016 #Barnoota Saayinsii Uumamaa Adoolessa 9-11/2016 kan kennamu ta'a #BBO ABJUU...👇👇👇👇 https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
إظهار الكل...
DREAM

የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ብሔራዊ የፈተና ዲሲፕሊን መመሪያ ፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡፡ ትምህርት ሚኒስቴር የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ብሔራዊ የፈተና ዲሲፕሊን መመሪያ ያለው ሲሆን አጠቃላይ ዓላማውም በበየነ መረብ የፈተና ሂደት የሚሳተፉ ተፈታኞች የፈተና ህግጋትን አክብረው እንዲፈተኑ በማድረግ ፍትሃዊነት፣ ታማኝነት እና ወጥነት ያለው አሰራር መዘርጋት ነው። በዚሁ መመሪያ ላይ በተማሪዎች በኩል የሚታዩ የዲሲፕሊን ጥሰቶችና የሚወሰዱ እርምጃዎች የተጠቀሱ ሲሆን በሚከተለው መልኩ ተቀምጠዋል፡፡ .በፈተና ጥፋቶች ውስጥ የተማሪዎች ተሳትፎ፣ የስርቆት ይዘቶችና የማዕቀብ ሁኔታዎች ፡- • አንቀጽ 1፡ ዕጩ ተፈታኝ ተማሪ አልኮል ጠጥቶ ሰክሮ ወደ ፈተና ግቢ መግባት፤ እየተሰጠ ያለውን ፈተና መፈተን አይችልም፣ • አንቀፅ 2፡ የፈተና ፈታኙ ግዴታውን ሲወጣ ማስፈራራት፤ እየተሰጠ ያለውን ፈተና መፈተን አይችልም። • አንቀፅ 3፡ ባልተፈቀደለት የፈተና ማዕከል መገልገያዎች ወይም ንብረቶች ውስጥ መገኘት/መግባት፤ የሚሰጠውን ፈተና መፈተን አይችልም፣ • አንቀጽ 4፡ የመታወቂያ ካርድን በአጋጣሚ ወይም በግዴለሽነት መጣል፤ የሚሰጠውን ፈተና መፈተን አይችልም፣ • አንቀፅ 5፡ ተፈታኞች ማንነትን የሚገልፅ መታወቂያን ለማሳየትም ሆነ ለማስፈተሽ ፈቃደኛ ያልሆነ ተግባራትን በሚፈጽሙ፣በፈተና አስተዳዳሪዎች ሲጠየቁ ፍቃደኛ ካልሆነ ፈተናውን እንዳይፈተኑ ይከለከላሉ፣ • አንቀፅ 6፡ የፊት መሸፈኛን ገልጦ የአንድን ሰው ፊት ለሴት ፈታኝ ወይም ለማንኛውም ሴት የፈተና ተቆጣጣሪ እና በወንድ ፈታሽ ወይም ለፈተና ጣቢያ ኋላፊው/አስተዳዳሪው የፈተና በር ላይ የተሸፈነውን የተፈታኝ ተማሪ ፊት ማንነት እንዲያውቅ አለመፍቀድ/ፈቃደኛ…

• Keewwata 19: Yeroo qorannootti meeshaalee ykn meeshaalee qaama dhimmi ilaallatuun hin mirkanoofne kan akka dabtara, shallaggii, bilbila harkaa, dabtara, teeppii waraabbii fi kkf fayyadamuun qormaata akka fudhatu ni taasifama, bilbillis ni ni qabamuu. • Keewwata 20: Itti yaadanii kan jijjiirame yookiinDaataa adeemsifame dhiyeessuun qormaanni akka hin kennamne ni taasisa; • Keewwata 21: Harka, laphee, uffata ofii, waraqaa lallaafaa, waraqaa eenyummaa, meeshaalee hayyamaman, dallaa, minjaala fi teessoo irratti yaadannoo gabaabaa barreessuu fi/ykn fayyadamuu qormaata irratti gowwoomsuu isaatiin akeekkachiisni barreeffamaa ni kennamaaf, yoo gowwoomse sirreessuu osoo hin taane, osoo hin qoratamiin kutaa qormaataa keessaa ba'uuf dirqama. • Keewwata 22: Qormaataan yeroo dirqama isaa ba’u miidhaa qaamaa irratti raawwatamu qormaata gosa hunda irraa dhorkamuu fi eegumsa seeraa jala ta’ee qorannoon yakkaa ni gaggeeffama. • Keewwata 23: Hanna qormaataaf jecha nama yookiin namoota kamiyyuu waliinQormaata fudhachuun shirri/waliigaluun dhorkaadha. • Keewwata 24: Meeshaaleen teeknikaa, elektirikii fi kanneen biroo hayyama hin qabne kutaa qormaataa keessatti fayyadaman ykn itti fayyadamuuf kaa’aman kamiyyuu qormaata fudhachuun dhorkaadha, eegumsa seeraatiin qorannoo yakkaa ni taasifama. • Keewwata 25: Faayidaa fi qabeenya kompiitaraa karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu Faayila tokko qabiyyee isaa fayyadamuu, dubbisuu ykn jijjiiruuf argachuun ykn faayila hayyama hin qabne kaayyoo biraatiif fayyadamuun, dabarsuu, meeshaalee fi qabeenya kompiitaraa fayyadamuun qormaata gowwoomsuu dhorkaadha, yakkaan qoratama. • Keewwata 26: Qormaata karaa kamiinuu hatuun qormaata fudhachuu dhorkaadha, akkasumas akka yakka xiqqaatti ni himatama. • Keewwata 27: Qondaaltonni qormaataa barattoonni akka hin gowwoomsine ykn sarbama naamusaa akka hin raawwanne gochuuf yaalan kamiyyuu qormaata akka hin fudhanne dhorkamuu fi akka yakkaatti qoratama. • Keewwata 28: Barattoonni qormaata akka fudhatan hin jajjabeessinaa. • Keewwata 29: Sanada sobaa, mallattoo, chaappaa yookiin bifa kamiinuu eenyummaa fi kkf qabachuu.Itti fayyadamni qorannoo irraa kan dhorkamee fi qorannoo yakkaaf kan saaxilamu ta’a. • Keewwata 30: Gochi hannaa, malaammaltummaa ykn gochi dhiyeessu, kennuu, fudhachuu ykn gaafachuu kamiyyuu qormaanni osoo hin kennamin kan raawwatamu yoo ta’u, akka yakkaatti qoratama, akka hin qoratamneef. • Keewwata 31: Namoonni yeroo qormaataa gocha biroo raawwatan, gargaarsa hayyama malee nama biraaf ykn namoota biroof kennuu, barataan biraa qormaata irraa akka waraabu hayyamuu, ykn namoonni biroo afaan mallattootiin ykn karaa biraatiin deebii akka kennan ykn akka fudhatan haala mijeessuu dabalatee, ta’uu qabu qormaata akka hin fudhanne dhorkamee, akka yakkaattis ni himatama. • Keewwata 32: Yeroo qormaataaKoppii qormaataa karaa kamiinuu hatuu fi/ykn dhoksuun qormaata akka hin fudhanne si dhorka; • Keewwata 33: Jecha icciitii/maqaa fayyadamaa/lakkoofsa fi jecha icciitii/lakkoofsa barataa biraa fayyadamuun qormaata akka hin fudhanne isa dhorka, yoo fudhate bu'aan qormaataa ni haqama, seeraan ni gaafatama, hin danda'u qormaata marsaa sadii walitti aansuun fudhachuu. • Keewwata 34: Hanna waloo keessatti hanna kakaasuun qormaata gosa hundaan qoratamuu hin danda’u, seeraan ni barbaachisa. • Keewwata 35: Barattoonni biroo akka gang up godhan, akka hatan, qormaata akka gowwoomsan fi kkf godhan. Qormaata kennamaa jiru qorachuu hin danda'u.Akkasumas seeraan ni barbaadamu. ABJUU.... 👇👇👇👇 https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel https://t.me/Abjuu_channel
إظهار الكل...
ABJUU

ABJUU... Chaanaaliin Kun kan odeeffannnoo barnootan walqabatan kan itti argattaniidha keessattu barattoota kutaa 9 - 12 tiif

اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.