cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

MIJUU SAMMUU

•Mijuun sammuu....sammuun hinsoomin;sammuun samii yaadaati! √•Yaada yaadan yaaluun sammuu soomeetti sansaka horuudha.Yaada yabbuun yayyabami! #Personal_Development_training @Mich3853bot π.Yaadaafigaaffii @Mich3853

إظهار المزيد
فنلندا447لم يتم تحديد اللغةالموسيقى5 498
مشاركات الإعلانات
12 764
المشتركون
+6824 ساعات
+4457 أيام
+2 16630 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

HORDOFTOONNI @Mijuu_sammuu Channeelii nagaan sinif haa baayyatu! @Namoonni isiin ilaallatu qofti kitaabilee Jireenya hafuuraaf isin fayyadan #Channeelii kanan gadiin nu hordofaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/KiristoosAmanuunJireenyaf https://t.me/KiristoosAmanuunJireenyaf
إظهار الكل...
KIRISTOOS JIREENYA!

“Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; 1qor1:23 *Kiristoos amanuun jireenyaf *Dubbiin fannoo jireenya *Yoomiyyuu Waaqayyoo sirriidha. #Kitaabilee Hafuuraa bifa PDF n ni argama.

👍 3
Falaasamoota.       ** 1.#SOOSHAALIZIMII:- Ati sa'a lama yoo qabaatte takka ollaaf kennuu qabda. 2.#KOMIYUNIZIMII:- Ati sa'a lama qabda, mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan siif kenna. 3.#FAASHIZIMII:- Ati sa'a lama qabda Mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan sitti gurgura. 4.#NAZI:- Mootummaan saawwan kee fudhatee si ajjeesa. 5.#KAAPPITAALIZIMII:- Ati sa'a lama qabdu keessaa tokko gurgurtee mirgoo(jibicha) bittee loon kee baay'isuudhaan gurgurachaa bu'aa jalaa argattuun jiraatta. 6.#KAAPITAALIZIMII_AMMAYYAA:- Sa'a lamaan keessaa tokko gurgurtee mirgoo bittee loon kee horsiifatta. Qarshii argattuun saawwan ollaa keetii irraa bitta. Ollaan kee hojjataa gootee mindeessita. Ollaawwan kee kun akkuma hiyyoomanitti du'u. 7.#HAWAASA_AMEERIKAA 🇺🇸:- Sa'a lamaan kee keessaa takka gurgurtee sa'a aannan oomisha olaanaa qabdu bitta. Saani kun humnaa ol aannan kennuu irraa kan ka'e sijalaa du'a. Duuti kun akka siif qoratamu gorsaa seeraa mindeessita. 8.#HAWAASA_FARANSAAY 🇫🇷:- Sa'a lama qabda sa'a sadaffaa yoo barbaadde mootummaa irratti hiriira baata. 9.#HAWAASA_JARMAN 🇩🇪:- Sa'a lamaan qabdu qorannoodhaan waggaa dhibba akka jiraatan, ji'atti al tokko qofa akka sooratan, Aannan saawwan kudhanii akka oomishan taasifta. 10.#HAWAASA_CHAAYNAA 🇨🇳:- Aannan sa'a lamaanirraa argatte lammii keetiif gurgurtee, Aannan plaastikarraa oomishtee biyyoota ollaatiif gurgurtee qabeenya kee ol kaafta. 11.#HAWAASA_GURRAACHA_AFRIKAA:- Sa'a lamaan qabdu gurgurtee ykn qaltee ji'a tokkotti nyaattee fixxa. Achi booda dhaabbanni gargaarsaa sa'a baay'ee naaf kenna jettee eeggatta. Sun ta'uu yoo baate gara mana amantaa deemtee kadhatta. Saawwan akka samii irraa siif roobu, guyyaa 40 fi halkan 40 ni soomta. Osoo akkana jettuu hiyyummaa gadadootiin addunyaa irraa du'aan dhabamta!  @Mijuu_sammuu
إظهار الكل...
👍 13
Jechoota(Quote) Jajjaboo Billy Girham Kudha Lamaan.
1. "Qabeenyi yeroo badu wanti badu hin jiru; fayyaan yeroo badu wanta xiqqootu bada; amalli  yeroo badu hunduu ni bada." 2. "Manni koo Waaqa keessa jira. Karaa Addunyaa kanaan gara isaa dhaqa. 3. "Ija jabinni namootatti  daddarba. Namni jabaa tokko yeroo ejjennoo fudhatu yeroo baayyee lafeen  dugdaa namoota biroo ni jabaata." 4. "Jaalala dhugaa malee wanti miira nageenyaa dhugaa gara manaatti fiduu danda'u hin jiru." 5. "Imimmaan ofiif dhangala'u imimmaan dadhabbiiti, imimmaan namootaaf dhangala'u garuu mallattoo jabinaati." 6. "Mucaan warra isaaf kabaja dhabuun hayyamameef kabaja dhugaa eenyuufuu hin qabaatu." 7. "Jireenyi waggaa dheeraa yeroo kennamu umuriin dulloomuun waanuma jiruudha, ayyaanaan dulloomuun garuu filannoodha." 8. "Jechi 'jaalalaa' jedhu akka galmeen jechootaa jedhutti gammachuu, gammachuu, fi waan garmalee dhugaa ta'e jechuudha jedha. Ta'us Jaalalli umurii guutuu turuu qaba." 9. "Nama biraa sababii sanyii ykn sabaan ofirraa gadi ta'ee ilaaluun cubbuu natti fakkaata, wanti guddaan gochuu qabdu Waaqayyo jaalala isaaniif akka siif kennu kadhachuudha jedheen yaada, anis nan godha."  10. "Kristaana ta'uun battalumatti jijjiiramuu qofa osoo hin taane - adeemsa guyyaa guyyaa itti guddachuun caalaatti Kiristoos fakkaachuudha." 11. "Fuula macaafa qulqulluu isa dhumaa dubbiseera. Hundi isaa gaarii ta'uuf jira." 12. "Yeroo dhihootti jireenyi koo akka xumuramu nan beeka. Waaqayyoon nan galateeffadha, kanaafis, jireenya kana keessattis waan inni naaf kenne hundumaaf...Garuu waaqaa hawwiidhaan eeggadha."
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ @Mijuu_sammuu
إظهار الكل...
👍 9
#Baga_Geessan Hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa maraan baga ayyaana Faasikaa nagaan geessan jechaa, ayyaana kana yemmuu kabajjan inni qabu isa hin qabne gargaaraa waliin kabajuu akka qabdan isiniif dhaamna. Ayyaanni kun:-   Kan gammachuu   Kan jaalalaa   Kan tokkummaa   Kan bilisummaa Isiniif haata'u. @Mijuu_sammuu
إظهار الكل...
👍 27 8🖕 1
Dubbiilee Hayyoota Addunyaa 16: ▬▬▬▬▬▬▬
1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. " — (Thomas Takias) 2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!" — (Jecha warra Ingilizii) 3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama." — (Wiiliyaam Sheekispir) 4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha." — (Maaksim Troobey) 5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu." — (William Shekispir) 6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru." — (Jecha warra Morookoo) 7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha." — (Jecha warra Arabaa) 8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha." — (Jecha warra Chaayinaa) 9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!" — (Jecha warra Ingilizii) 10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha." — (Jecha warra Aayilaandii) 11. "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti." — (Maataammaa Gaandii) 12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha." — (Abrahan Liinkan) 13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu." — (Abraham Liinkan) 14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna." — (Rey Liiman Wiilber) 15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu." — (Maaliif Waaltoo Imarsan) 16. "Maallaqni: √ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu! √  Qoricha malee fayyaa hin bitu! √ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu! √ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu." — (Heenriik Ibsan)
@Mijuu_sammuu
إظهار الكل...
👍 23🕊 1
YAA ARRABAA! 👅 ▬▬▬▬▬▬▬▬ Ati lafee hin qabdu garuu lafee cabsita Ilkaanuma soddomii lama gidduu teessee haqaaf dhugaa dabsita.     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Qaamni miiraa hundinuu aarii keetiin finiinee Maal fidda laata? utuu ilkaan soddomii lamaan sun wolii galee si ciniinee!     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Gadi fuutee salphifta beekaa namaa fi hayyuu Madaan ati madeessite bara baraan hin fayyu.     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Yoo feete ol fuutee faarsita hattuu fi gantuu namaa Ati tokkittiidha yaadnii fi bifti kee lama.     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Ijji, gurrii fi funyaan sababa kee yakkama Qaama namaa guutuuyyuu situ taasisa shakkamaa!     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Keessi kee summiidha gubbaan kee fooniin haguugame Sababa keetiin nama meeqatu lafarraa daguugame!     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Si too’achuu dadhabee gad si dhiise namatu Qaama miiraa keessaa si’i kan nama hamatu.     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Isa kaanitti damma biiftee faaruu sobaatiin sirbisiifta Obbolaa wal jaalatan ilmaan haadha tokkoo wal jibbisiifta.     ┈┈┈••❖••┈┈┈ Badiin ati qabdu baay’eedha yooman danda’ee barreessa Akka hojii keef silaa mureen of keessaa si balleessa. @Mijuu_sammuu Share and Join
إظهار الكل...
👍 21 5
Itti fayyadama Miidiyaa hawasaa.! Bara addunyaan gara diijitaalaatti jijjiiramte kana keessatti namni hundi abbaa miidiyaati jechuun ni danda'ama. Sababni isaatis hunduu bilbila harka isaatii qabuun akka barbaade itti fayyadamuu danda'a Miidiyaan hawaasaa haala jireenya ilma namaa salphisuu, ammayyeessuu fi jiruuf jireenya mijeessuun keessatti iddoo guddaa qaba. Haa ta'u male guddina teeknooloojii kanaa akka carraatti fayyadamuudhaan miidiyaa hawaasaa dhimma qajeelaaf oolchuu fi  galii irraa argaachu ni danda'ama. gaaffiin jiru, meesha guddaa harkaa keessan jiru maal godhanii itti fayyadamaa jiruudha..? TikTok koo kunooti tiktok.com/@magelan62
إظهار الكل...
Michuu Galaan on TikTok

@magelan62 1562 Followers, 2841 Following, 184 Likes - Watch awesome short videos created by Michuu Galaan

3
Ati Burqaa kitaabileeti!! 👍Manni maddi kitaabilee hedduun: 1,Keessa bahee ture 2,keessatti argamuufi 3,keessa bahuuf maxxaansarra jiran Hundumtu isaan Sammuu Dhala namaa keessatti argama. 👍Sammuun nama kun warshaa kitaabilee hedduu Oomishuufi Kuusuudha. 👍Kitaabileen kun jalqaba yooqabateeyyuu dhuma maxxansa hinqabu. 👍Ati Sammuun kee kitaabilee dhalli nama dubbisee bira hingahamne of keessa qabda waan taheef gara waarshaa Sammuu keetitti deebi'i hojjedhu! 👍Madda kitaabilee kana Sammuu keessatti saamsine gara biyyeetti deemuun abaarsakeefi dhaloota dhufuutti fiduudha. 👍Kuusaa kitaabilee kana furtuusaa situ harkaa qaba waantahef hinsaamsin. 👍Du'uuf kuusaa kitaaba kana baatte hinkaadhimamin Kanaf,waarshaa kitaaba oomishuu kana furtuu keetin bani. 👍Waaqayyoo Kuusaa Kana akka ofkeessa baasnuf Nu haagargaaru . @Mijuu_sammuu
إظهار الكل...
👍 7 2
👉Lafa deemtu hundumaatti Jaalala namaaf onneenkee'Online'yootahe,namoonni hedduun jaalalaakee'Download'godhatu.Ati 'WIFI'Jaalala isa cimaadha jechuudha. 👉Addunyaa kanarra karaa sirri kanbeekan namoota danuu haatahuyyuu malee,karicha irra kan adeemuu namoota muraasa.karicha beekani irra deemu dadhabuun karicha wallaaluu wajjin gargar miti.
👇👇👇👇👇👇👇 Join us this channel. @Mijuu_sammuu @Mijuu_sammuu @Mijuu_sammuu @Mijuu_sammuu
إظهار الكل...
👍 2
Repost from N/a
Share 'THOMAS EDISON(1) Mijuu sammuu.pdf' @Mijuu_sammuu @Mijuu_sammuu Join godha kanneen biroos ni argattu!
إظهار الكل...
👍 7👏 1