cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

MEDIA HAQAA

BAGA NAGAAN GARA CHANNEL @mediahaqaa NAGAAN DHUFTAN CHANNEL KUN ODEEFFANNOO WAYITAAWWAA KAN ISIN BIRAAN GAHUDHA 💬NU QUNNAMUUF💬 @MediaHaqaaDm 📚Odeeffannoo Barnootaaf📚 @MEDIA_HAQAA 💬BAKKA MARIIF💬 @BAKKA_MARII_MEDIA_HAQAA

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
11 383
المشتركون
+624 ساعات
+167 أيام
+17430 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Guyyaa har'aa konkolaataan Finfinnee irraa imalaa ture tokko aanaa Waanaagoo Zoonii Gedeoo keessatti sigigaate kufee sarara humna ibsaa waliin wal qunnamee konkolaataan ibiddaan gubate. Namoonni konkolaataa kana keessa turan miidhaan irra hin geenye. Lakkoofsi gabatee eeyyama konkolaataa inni biraa '#ORO 27555' ta'e karaa irraa Maqee garagalee balaa mudateen namoonni sadi madaa'anii Hospitaala Dillaatti yaalamaa jiru. Poolisiin balaan kun sababa roobaatiin kan ka’e sigigaate ta’uu eeruun, yeroo qorraa waan ta’eef konkolaachiftoonni of eeggannoo akka godhan waamicha dhiyeesse. #Kominikeeshinii Zoonii Gedeo @MEDIA_HAQAA
إظهار الكل...
👍 6
00:13
Video unavailableShow in Telegram
#Viidiyoo : Yeroo yaaliin ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti taasifamu isnaayiparoonni "Secret Service" jedhaman iddoo duula filannoon itti gaaggeffama jiru mana gubbaa bahuun nama yaalii ajjeechaa kana raawwateef deebii yeroo kennan mul'ataniiru. Namichi yaalii ajjeechaa erga raawwatee sekondii muraasa keessatti isnaayiparoota kanaan rasaasaan rukutamee ajjeefame. Yaalii ajjeechaa kana eenyutu raawwate? - FBI yakka ajjeechaa kana kan raawwate nama dhuunfaa ganna 20 Toomaas Maatewoos jedhamu ta'uu adda baaseera. - Manni jireenyaa isaa bakka duulli filannoo fi yaalii ajjeechaa itti raawwatame irraa konkolaataan sa'aatii tokkoo deemsisa. - Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Beeteel Park irraa bara 2022 eebbifame. - Dargaggeessi kun Inishiyeetiivii Herregaa fi Saayinsii Biyyaalessaatiinis badhaafameera. - Deeggaraa Rippabilikaanota akk tures ibsameera (paartii Donald Trump jechuudha). - FBI maaliif akkas gochuu akka barbaade qorachaa jira. @mediahaqaa
إظهار الكل...
5.62 KB
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
#Amaaraa #Intarneetii Ji'oota hedduu booda naannoo Amaaraatti tajaajilli intarneetii deebi'ee jira. Naannoo Amaaraa magaalota hedduutti qunnamtiin intarneetii ji'oota hedduudhaaf addaan citee turee, har'a tajaajilli intarneetii naannichatti deebi'ee eegalameera. Hanga ammaatti magaalota 14 keessatti tajaajilli intarneetii deebi'ee eegalameera. Intarneetii addaan kutuun walitti bu’iinsa ittisuu fi nagaa itti fufiinsa qabuuf kan hin mijoofne ta’uu fi uggurri kun akka kaafamu irra deddeebiin waamichi godhamaa turuun ni yaadatama. @mediahaqaa
إظهار الكل...
Walgahiin Idilee Marsaa 3ffaa Koree Jiddugalaa KFO Magaala Finfinnetti Gaggeefamaa Jira. Walgahiin idilee  Koree Jiddugalaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo marsaa 3ffaa Adoolessa 6-7 2016 ALI, guyyoota lamaaf gaggeefamu kaleessa magaalaa Finfinnee waajjira muummee dhaabaa keessatti eegalee jira. Walgahii kana irratti dhimmoota ijoo biyyaa fi dhaaba ilaallatan irratti baldhinaan mari'achaa kan jiru yoo ta'u, leenjiin gahumsa hooggansaa mataduree adda addaa irrattis hirmaattotaaf ni kennama. Xumura walgahii irratti ijjannoo miseensota Koree Jiddugalaa KFO Ibsa pireesii miidiyaaleef ni kenna jedhamee eeggamaa jira. @mediahaqaa
إظهار الكل...
👍 2
𝗗oonaa𝗹𝗱 𝗧𝗶𝗿𝗮𝗮𝗺𝗽𝗶 irratti y𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 a𝗷𝗷𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺e Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi duula na filadhaa kutaa Peenisilveeniyaa , Kaawuntii  Baatileer keessaatti waltajjiirraa haasaa osoo gaggeessaa jiranu itti dhukaafameetu jedhama. Sadaasa keessa Paartii Rippabilikaan bakka bu’uun pirezidaantummaaf kan dorgoman Donaald Tiraamp madaa’anii gara hospitaalaatti geeffamuu isaa gabaafameera. Gareen duula filannoo gama isaatin, Tiraamp miidhaan salphaan irra gahuu fi amma nagaa ta'uu beeksiseera. Pirezidaanti Joo Baayiden yaalii ajjeechaa pirezdaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame jedhamee shakkame ''namni hundi balaaleffachuu qaba'' jechuun, morkataa isaanii bara 2024 kana dubbisuuf akka karoorfatan ibsan. (VOA) @mediahaqaa
إظهار الكل...
👍 2
#NEWS ✅Guyyaa 5/11/2016 halkan sa’a 2:30 tti wanta sagalee dhukaasaafi kakawweessa guddaa qabu Godinaalee Jimmaa guutuu , Beddellee, Iluu Abbaaboor, Naqamtee, Gimbii, Dodolaafi bakkeewwan garaa garaatti Samii irraa iyyaa lafa uree seenuun akkasumas rifaasuu guddaa akka uume miidiyaan @mediahaqaa odeeffate. Taateen kun maal akka ta’e kan hin qoratamne yommuu ta’u suuraaleen hanga yoonaatti arganne kana fakkaata. Suuraan Godina Jimmaa Aanaa Maannaa Ganda Hundaa Qananii iddoo addaa Abaaloo jedhamu irraa. @mediahaqaa
إظهار الكل...
👍 16 3
#SagaleeItoophiyaanotaa "Nuti Itiyoophiyaanota Sudaan keessa jiraatudha. Kunoo Sudaan keessatti gidiraa argaa jirra." Itiyoophiyaanonni magaalota adda addaa irraa walitti qabamuun akka hidhamanii fi dirreetti darbataman ta'eera. Biyya waggootaaf keessa jiraannee, haala nuti homaa hin beekne keessatti waliti qabani nu hidhaniiru. Warri waggaa 30 fi 40 ol jiraatan illee hidhamaniiru. Sababa yeroo gaafannu 'Ajajni gubbaadhaa' nuun jedhu. Namoonni kun kan Lt. Gen. Alburhanii ti. Namoonni Jeneraalota akka odeessanitti 'RSF'f odeeffannoo kennitu' waan jedhan dubbatu. Hanga ammaatti lakkoofsi namoota hidhaman 600 ol ta’u.  Daa'immanii fi dubartoota, dubartoonni ulfaa, maanguddootaa fi  dhukkubsattoota hedduutu jira. Bakka mijataa hin taane, dirretti baanee jirra. Ho'a itti dabalamee gidiraa hedduu argaa jirra.  Dubartoonni of wallaalanii turanis jiru. Wal'aansaaf jedhanii erga fudhatamanii eessa akka geessan hin beekkamu. 'Asi jiraachuu hin dandeessan' yoo jedhan qabeenya keenyaa fudhannee gara biyya keenyatti nu haa deebisan. Mootummaan Itoophiyaa, Ministeerri Dhimma Alaa iyya keenya dhaga'ee gidiraa kana jalaa nu haa baasu." Itophiyaanota Suudaan jiraatan @mediahaqa
إظهار الكل...
👍 7
Photo unavailableShow in Telegram
"Bara 2016tti Galii birrii biliyoona 14.7 walitti qabeera":- TIL Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa bara baajatichatti galii Birrii biiliyoona 14.7 walitti qabuu daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa aadde Salaamaawiit Daawwit ibsaniiru. Galii argame keessaa miiliyoonni 148 sharafa alaarraa kan argame ta’uu dubbataniiru. Tajaajilichi Kenniinsa Paaspoortiin fi hojii maamiltoota simatanii keessummeessuu akka saffisuu taasisu ibsaniiru. Dhaabbatichi hojii jijjiramaa hojjechaa jiruun, bara 1986 irraa eegale murtoowwan garaagaraan lammiilee ugurarra turan kuma 10 bilisa baasuun akka danda’ame eeraniiru. Lammiilee biyya alaa kuma 34’f eeyyamni jireenyaa yeroo fi dhaabbii kennamuu kaasaniiru. @MEDIA_HAQAA
إظهار الكل...
👍 7
Photo unavailableShow in Telegram
#Qormaata_Biyyoolessaa Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa  marsaa jalqabaa har'a xumurama. Qormaanni marsaa jalqabaa barattoota saayinsii hawaasaa waraqaa fi toora interneetii irratti Adoolessa 3, 2016 irraa eegalee kennameera. Qormaata guyyaa sadaffaa har'aa irratti qormaanni barnoota seenaa(#History) sagantaa ganamaatti kennameera; Waaree booda qormaata #Economics ni kenna. Qormaanni marsaa lammaffaa barattoota saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016tti akka kennamu beekamaadha. ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📡 @MEDIA_HAQAA 📡
إظهار الكل...
👍 6
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.