cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

إظهار المزيد
فنلندا916لم يتم تحديد اللغةالطب3 488
مشاركات الإعلانات
6 530
المشتركون
+324 ساعات
+647 أيام
+40130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
👍 9
Gamaaggamni
raawwii hojii garee hooggansa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa kilaastara Lixaa geggeeffamaa jira Ebla 22/2016/Amboo...!!!
===================================== Sagantaa kana irratti sadarkaa H/I/Atti gorsaan biiroo fayyaa Oromiyaa. obbo Abdulrazaaq Ahimad haasaa taasisaniin akka kilaastarichaatti gamaaggama hojii geggeessuun dhiyeenyatti raawwii qabatamaan jiru beekuun deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kan dandeessisu akka ta'e ibsuun haala mijataa hin taanee fi rakkoo nageenyaa keessatti akka kilaastara kanaatti dhimmoota raawwatamaa turaniin kenna tajaajila fayyaa fi riiformii dhaabbilee fayyaa bu'uraa hojiirra oolchuurratti hojjettootaa fi ogeessota of kennuun hojjechaa turan maqaa biirootiin galateeffataniiru Daayrektarri daayrektoretii hooggansa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa obbo Qamaraddiin Shifaa gama isaaniitiin .akka kilaastara Lixaatti gamaaggama raawwii hojii kenna tajaajila dhaabbilee fayyaa bu'uuraa, hojiirra oolmaa riiformiiwwan, roodmappii fi aanaa ceessisuu yeroo dheeraaf osoo hin geggeessin turrus dhimmoota hojjetamaa turaniin bu'aa abdachiisaan galmaa'aa jiraachuusaa eeruun kaayyoon waltajjii gamaaggamaa kanaas ciminoota jiran caalmaan itti fufsiisuu fi harcaatiiwwan jiran irratti xiyyeeffannoon hojjechuuf akka ta'e himaniiru. Sagantaa kana irrattis itti gaafatamtoota waajjira fayyaa, qindeessitootaa fi ogeessota garee hooggansa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa fi ekisteenshinii fayyaa godinaalee fi bulchiinsa magaalota kilaastara Lixaa hirmaachaa jiru Waltajjicha irratti dhiyeessiiwwan raawwii hojii sagantichaa ji'oota saglan bara 2016 darbanii erga dhiyaatanii booda dhimmoota hojii sagantichaa milkeessuu irratti hudhaalee turanii fi rakkoolee mudataniif furmaata akka argatu taasisuu irratti marii bal'inaan geggeeffamuu fi kallattii hojii kennamuun guyyaa boruu kan goolabamu ta'a.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 9
Ragaa qulqulluun murtoo sirrii fi kenniinsa tajaajila fayyaa fooyya"aaf murteessadha. Dr. Mangistuu Baqqalaa Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa. Ebla 21, bara 2016 Adaamaa.
========================≈============== Torbeen ragaa fayyaaa akka Oromiyaatti kabajamee jira. Torbeen ragaa fayyaa kun mata duree' hooggansa cimaa fi itti gaafatamummaa ce'uumsa sirna ragaa bu'uura godhate mirkaneessuuf' jedhuun kabajame . Sagantaa kana irratti hoogganaa Biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqqalaa argamuun haasaa taasisaniin ragaan seektara fayyaatiif lubbuudha waan ta'eef akka seektara fayyaatti hojii ragaa ammayeessuu fi dijitaalessuu irratti dhimmoota raawwatamaa turaniin dhaabbilee fayyaa olaanoo fi bu'uuraa biratti bu 'aa jajjabeessaa galmeessuu fi kellaa fayyaa immoo jalqabbii gaariin jiraachuu isaa dubbatanii jiru. Ragaan seektara fayyaa keessatti fooyya'aa dhufuun isaa karoora qabatamaa karoorsuu, raawwii hojii xiinxaluun murtoo ragaa irratti hundaa'e kennuuf haala mijataa uumuu akka dandeessise kaasanii jiru. Dr. Mangistuun itti dabaluun, qabeenya qabnu, cimina jiru, rakkoo fi hanqinaalee keenya kan adda itti baafnu ragaa waan ta'eef ragaan keenya sadarkaa hundatti digitaalawaa taasisuun murtoo sirrii fi tajaajila qulqulluuf hojii irra oolchuun barbaachisaadha jedhanii jiru. Daayreektarri daayrektoreetii qophii karoora, baajata, hordoffii fi gamaaggamaa hojii biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Lammeessaa Taaddasaa gama isaanitiin akka jedhaniitti, kaayyoon kabaja torbee ragaa fayyaa ragaan seektara fayyaatif bu'uura waan ta'eef hojii ragaa ammayyeessun walqabatee hojjatamaa jiru xiyyeeffanna akka argatuuf jedhanii jiru. Seektara fayyaa keessaatti karoorsuuf, raawwii gamaaggamuu fi xiinxaluuf ragaa ammayeessuu fi dijiitaalessuun murteessa waan ta'eef sirna ragaa keenyaa cimsuun mortoof oolchuu qabna jedhanii jiru. Sagantaa kana irratti dhiyeessin adda addaa dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamee jira. Waltajjicha irratti hooggantoonni biiroo fayyaa Oromiyaa, waajjira fayyaa godiinaalee, bul. Magaalotaa, dhaabbileen deeggartootaa fi qaamoleen dhimmi ilaalatu hirmaatanii jiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 14👎 2
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
👍 13👏 6 2
Gamaaggamni hojìi barnoota fayyaa fi kominikeeshiinii baatii sagalii gaggeeffame Ebla 14 bara 2016.
================================= Kaayyoon gamaaggamaa kana raawwii hojii baatii sagalii keessatti ciminootaa jiran daran itti fufsiisuu fi hanqinoota jiran adda baasuun kallatti fuula duraa keessatti xiyyeeffannaan irratti hojjechuu akka ta'e sagantaa kana irratti daayreektoreetin daayreektara barnoota fayyaa fi kominikeeshiinii Sr. Sa'aadaa Ahimad eeraniiru. Akksumas qabiinsa ragaa keenya ammayyeessuun hojii hojjetamu galmeessuun gabaasa qulqulluu harcaatii malee gabaasuu barbaachisaadha jedhaniiru Waltajjii kana irrattis qindeessitoonni barnoota fayyaa fi kominikeeshinii godiaanlee fi B/magaalotaa akkasumas hospitaalotaa kan hirmaatan yoo ta'u gabaasni erga dhiyaatee booda marii geggeessuun kallattii hojii kennameen saganticha goolabuun danda'ameera.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 5
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
👍 12 1
Leenjin itti fayyadama miidiyaa hawaasaa dhimma fayyaa irratti ogeessota miidiyaa fi aktiivistootaaf kenname Ebla13 bara 2016
===≈==============≈================ Odeeffannoo dhimma fayyaa irratti hawaasaa kennuun hawaasni fayyaa ofii akka ofiin tikfatu taasisuun murteessadha. Biiroon fayyaa Oromiyaa hubannoo dhimma fayyaa irratti hawaasni akka argatuuf ogeeyyii miidiyaatii fi aktiivistoota dhimma fayyaa irratti hojjataniif leenjii kennee jira. Daayreektarri daayreektoreetii barnoota fayyaa fi kominikeeshiinii Sr. Sa'aadaa Ahimad saganticha irratti argamuun kaayyoo leenjichaa akka ibsaniitti. imaammanni fayyaa biyya keenyaa %80 ittisa irratti xiyyeeffata. Hawaasni iddoo jiruutti, filannoowwaan adda addaa fayyadamanii odeeffannoo sirrii dhimma fayyaa irratti akka argatuuf biiroon faýyaa Oromiyaa hojjachaa jira. Kanaaf immoo odeeffannoon fayyaa karaa miidiyaa hawaasatiin hawaasa bira gahan kan maddi isaa mirkanaa'ee fi qabatamaa ta'ee hawaasa bira akka gahuuf leenjiin kana kennuun akka barbaachise dubbatanii jiru. Itti dabaluunis hojiin fayyaa qindoomina kan barbaaduu fi dhimma lubbuun walqabatu waan ta'eef hubannoo fi beekkumsa gahaan hojjatamu waan qabuuf ogeeyyiin dhimma kana irratti hojjatan xiyyeeffannoo fi naamusa ogumichi barbaadu gonfachuun hojjatamuu qaba jedhanii jiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

🍾 4
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
👍 12
Torbee Talaallii Afirikaa sababeeffachuun sagantaan advookeesii gaggeeffamee jira. Ebla 12 bara 2016 Adaamaa
================================= Torbeen talaallii Afirika bara kana mata duree " hawaasni talaalame hawaasa fayya qabeessa" jedhuun Ebla 16 bara 2016 irraa eegalee daa'imman gonkuma talaallii hin argannee fi jalqabanii adda kutan talaallii akka fudhatan taasisuuf hojjatama. Sagantaa kana irratti Sadarkaa hoogganaa Itti Aanaatti Gorsaan hoogganaa biiroo Obbo Abdurazaaq Ahimad haasaa taasisaniin biiroon fayyaa Oromiyaa du'aatii daa'immanii hir'isuun dhaloota fayyaalessa, humna oomishaafi abdii egeree biyyaa ta'an heddumminaan horachuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhanii jiru. Kanaafis, daa'imman fayyaa guutuu qabaachuun boru dhaloota fayyaalessaa fi humna oomishaa ta'e horachuuf talaalliin daa'immanii murteessaa ta'uu ibsanii jiru. Itti dabaluun, daa'imman abdii egeree biyyaa waan ta'aniif qindoominaan dhimma talaallii daa'immanii irratti hojjechuun murteessaa ta'uus kaasanii jiru. Daayreektarri daayreektoreetii barnoota fayyaa fi kominikeeshinii biiroo fayyaa Oromiyaa Sr. Sa'aadaa Ahimad gama isaanitiin akka jedhanitti, fayyaa irratti hojjachuun biyyi keenya dhaloota fayya qabeessa ta'e akka horattuuf murteessaa ta'uu ibsuun, akka Oromiyaatti sababa adda addaan daa'imman talaallii hin argatinii fi addaan kutan hedduu waan ta'aniif daa'iimman talaalchisuun gahee haadhaa qofa osoo hin taane kutaan hawaasaa hundi daa'imman talaalchisuu irratti qooda fudhachuu akka qaban kaasanii jiru. Qindoodominaan hojjachuun talaallii daa Talaslliin daa'iman boruu kunuunsanii misooma biyyaaf qopheessuu. iiru. Gabaasni dhiyaate akka ibsutti sadarkaa addunyaatti daa'imman talaallii hin argatiin miliyoona 18 ol akka ta'aniifi sadarkaa Afrikaatti ammoo daa'imman miliyoona 8 ol akka hin talaalamnes ibsameera. Har'a talaalamuun yaaddoo boruu hir'isa waan ta'eef daa'imman dhalatanii hanga waggaa tokkoo fi ji'a sadii guutanitti talaalliiwwan wal duraa duubaan kennaman hunda fudhatanii xumuruun dhibeewwan daddarboo talaalliin ittifaman irraa baraaruun ni danda'ama. Hirmaattonni waltajjichaas yaada kennaniin hojii talaallii daa'immanii fi hojii fayyaa fayyaa biroo irratti gahee isaan irraa eegamu akka bahatan kaasanii jiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 5
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
إظهار الكل...
👍 5 2