cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Sagalee misiraachoo

Channel'n Kun Faarfannaa Afaan Oromoo , kitaabilee Hafuura fi xinsammuu guyya guyyaan kan isiniif maxxansudha.Yaadaaf➡️ @Amanueljembere. Or @SagaleemisirachooBot

إظهار المزيد
فنلندا2 417لم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
215
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Deemsi itti fufa
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
He did it again! Maal Jedhu Maal egaa maal jedhu, nadhiiga, nanboo’a, nan iyya caraane, Maal egaa maal jedhu, sijalaa hindhokanne arfiin nawaraane. Maal egaa maal jedhu, eessatti baqadhu miixuu dhalootakoo.. Maal egaa maal jedhu waanan gurraa hinqabnen argekaa barakoo. 1.Dhukkubanii himachuun akka yakka ta’ee Miindeffamanii sobuunis erga buddeen ta’ee Walii-itti galtemoo karaakee hin dabarre Naanoo hundumatu dhibee Siin maaltu dhibaree... Naabot dhaalasaarraa gaafa ajjeefamu, Gabaa dukkanaatti haqni daldalamu Dhaloonni abdii kutee beekaan qalbii dhabu, Harkikee diriire sun nurraa ol-haqabu. Siin maaltu dhibaree.. Caba Sabakootii, Diigumsa badiisaa Harkakeen abdadha, Isatu cabsee fayyisa,; Siin maaltu dhibare. Siin maaltu dhibaree.. Beenyaa wagga dhibbaa, Joora marsaa kumaa Haqa abboota kootii Nuuf maraaci gumaa; Siin maaltu dhibaree. 2.Haqni godaaneera michootasaa faana, Dhaloonni harca’ee akka baala bonaa. Kun maaf ta’e jedhees kan gaafatu hinjiru; Ilbiisa funaanu tikseen garaa hiru. Gaagurree gabbataa gaagurtuun abdatu, Alaan yandoo baachaa keessatti damma baatu. Ilmoon namaa maaliif garaansaa manca’e Waan uumameef dhiisee haqaan diina ta’e? Siin maaltu dhibaree, ilaal Obsa fixachiisaa Daba daangaa darbe Ulfina namummaa Toora uumamaa cabe; Siin maaltu dhibare Siin maaltu dhibaree, Addunyaa maallaqaa, Dhaloonni ganame; Dudhaa hoboof coora Itti wal’aalame, Siin maaltu dhibaree 3. Ol-adeemaa jigu, anagafa cal’isu Haadha hiyyeessaa boossu, hayyuu murtii dabsu Harka harkumasaatiin miillasa naaffisu Dhiiga, dhiiga yakkee foon foonsaa salphisu.. Bara warqeen kufee, supheen gabaa qabu, Meetiin barbaadamu fi barbaadaan wal-dhabu Hojjetaan beela’ee, hattuun quufee gubu Ijakoonan arge daba haqa reebu... Siin maaltu dhibaree... Hinhafu gadaankoo jeeqamaa Akkan of-abaaretti Waaqayyo humnakoo Kooluun gala sitti, Siinmaaltu dhibaree Siin maaltu dhibaree ... Tuuta kakuu eegu Imimmaansaa hamargu Qe’ee abdii jaarraa Diigame karakaraa, nuuf ijaarta haaraa... Warri har’a beela’an bor in quufu Kanneen miidhamanis bor in kolfu Waaqayyo hin geeddarta bara hamtuu Gadi qabdee tulloota of tuultuu Aduu birmadummaa finiinsitee Gurmuu cunqurfamaas ililchiiftee Ol ol jedhu warri boquun cabe Gooftaa si miti nama kan nu sobe. #Maal_Jedhu… #Addisuu_Waayimaa akkama maqaakee waa himaa jirta dhagahuun nurraa eegama eebbifami Link kunooti 👇🏿👇🏿👇🏿 https://youtu.be/w-hcIi_9eac
إظهار الكل...
Addisu Wayima | Maal Jedhu | New Official Gospel Music

#AddisuWayimaOfficial #SUBSCRIBE SUBSCRIBETO OUR YOU TUBE CHANNEL TO GET NOTIFICATIIONS OF NEW POSTS Singer Addisu Wayima Music Gemechis Bulti Maal Jedhu, Maal egaa maal jedhu, nadhiiga, nanboo’a, nan iyya caraane, Maal egaa maal jedhu, sijalaa hindhokanne arfiin nawaraane. Maal egaa maal jedhu, eessatti baqadhu miixuu dhalootakoo.. Maal egaa maal jedhu waanan gurraa hinqabnen argekaa barakoo. 1.Dhukkubanii himachuun akka yakka ta’ee Miindeffamanii sobuunis erga buddeen ta’ee Walii-itti galtemoo karaakee hin dabarre Naanoo hundumatu dhibee Siin maaltu dhibaree... Naabot dhaalasaarraa gaafa ajjeefamu, Gabaa dukkanaatti haqni daldalamu Dhaloonni abdii kutee beekaan qalbii dhabu, Harkikee diriire sun nurraa ol-haqabu. Siin maaltu dhibaree.. Caba Sabakootii, Diigumsa badiisaa Harkakeen abdadha, Isatu cabsee fayyisa,; Siin maaltu dhibare. Siin maaltu dhibaree.. Beenyaa wagga dhibbaa, Joora marsaa kumaa Haqa abboota kootii Nuuf maraaci gumaa; Siin maaltu dhibaree. 2.Haqni godaaneera michootasaa faana, Dhaloonni harca’ee akka baala bonaa. Kun maaf ta’e jedhees kan gaafatu hinjiru; Ilbiisa funaanu tikseen garaa hiru. Gaagurree gabbataa gaagurtuun abdatu, Alaan yandoo baachaa keessatti damma baatu. Ilmoon namaa maaliif garaansaa manca’e Waan uumameef dhiisee haqaan diina ta’e? Siin maaltu dhibaree, ilaal Obsa fixachiisaa Daba daangaa darbe Ulfina namummaa Toora uumamaa cabe; Siin maaltu dhibare Siin maaltu dhibaree, Addunyaa maallaqaa, Dhaloonni ganame; Dudhaa hoboof coora Itti wal’aalame, Siin maaltu dhibaree 3. Ol-adeemaa jigu, anagafa cal’isu Haadha hiyyeessaa boossu, hayyuu murtii dabsu Harka harkumasaatiin miillasa naaffisu Dhiiga, dhiiga yakkee foon foonsaa salphisu.. Bara warqeen kufee, supheen gabaa qabu, Meetiin barbaadamu fi barbaadaan wal-dhabu Hojjetaan beela’ee, hattuun quufee gubu Ijakoonan arge daba haqa reebu... Siin maaltu dhibaree... Hinhafu gadaankoo jeeqamaa Akkan of-abaaretti Waaqayyo humnakoo Kooluun gala sitti, Siinmaaltu dhibaree Siin maaltu dhibaree ... Tuuta kakuu eegu Imimmaansaa hamargu Qe’ee abdii jaarraa Diigame karakaraa, nuuf ijaarta haaraa... Warri har’a beela’an bor in quufu Kanneen miidhamanis bor in kolfu Waaqayyo hin geeddarta bara hamtuu Gadi qabdee tulloota of tuultuu Aduu birmadummaa finiinsitee Gurmuu cunqurfamaas ililchiiftee Ol ol jedhu warri boquun cabe Gooftaa si miti nama kan nu sobe. #new_ethiopian_afaan_oromo_music #faarfannaa_afaan_oromoo_haaraa_2022 #live_worship_afaan_oromoo #protestant_worship_song_2021 #Amharicworship #worshipsong #amharicsong #ethiopianSong #WORSHIP #GOSPELSONG #AMHARICWORSHIP #MEZMUR #AMLEKO #ETHIOWORSHIP #ETHIOPIANSONG #AMHARIC #AMHARICMEZMUR #GREATART #EPHRAIMAMARE #comedianeshetu #zemayared #ዜማያሬድ #newyear #newyearprogram #donkeytube #comedianeshetu #dinklejoch #dinklejoch #dinqlejoch #comedianeshetu #father #google #tiktokers #Blogging #Twitter #Ethiopiancomedy #ebstv #bbcnews #Ethiopian #ethiopianmusic #paralyzed #motivationalspeech #amharicmovies2022 #መድረክ #lovestory #lovestorymovie #official #comedian #drama…

Maariyaam Ofii Isheetiif Amantootaa Wajjin Dubartii Jilgeenfattee Kadhata gootuudha Malee Na kadhadhaa, Nama Jette miti.( Hoji. Erga.1:14). Egaa Waa'ee Sagaele dubbii Waaqayyo Geggeeffama Hafuura qulqulluutiin Akka Caafame Kan dubbatame Macaafa Qulqulluu duwwaadha, Macaafa Qulqulluuti Ala Warra Waaaqayyon Amanataniif Caaffanni Biraan Kan Kenname Hin jiru, Seenaan Amantootaa Qajeelfama Nuuf Hin ta'u, Kanaafuu Utuu dhugaa arganii Diduun, Gaarii waan Hin taaneef warri Waan akkasii keessa Jiran Gara dhugaa kanatti akka deebi'an Jaalaalaan Dhaamsa kooti. Biyya Lafaa Irra Namni Jiru jireenya Mataa isaatiif Yeroo abbaa fi Haati Ofii du'an Qabeenya isaanii Ijoolleen dhaalanii hirmaachuun Waan jiruudha, Kunis Jireenya Biyya lafaa irratti Isaan fayyada waan ta'eef, Akkasumas Abbaan Yeroo du'uuf Jedhu Dhaamsa waan Lafa irraa dhaammachuun "Eegaa" Jechuun Waan jiruudha. Garuu Akkuma Qabeenya dhaalan, Amantii dhaalanii "Amantaa Warra keenyaa" Jechuun Baayyee dogoggora guddaa dha, Sababni isaa Amantiin Wa'ee Lubbuuti, Gaafa sana Warri irraa dhaalan sun Gaaffii nuuf Dhihaatuuf Nuuf falmuu hin dandaa'an, Namnuu lubbuu isaatiif Itti gaafatamaa dha. Kanaaf Amma Bara Sagaleen Dubbii Waaqayyo Afaan hundumaan Barreeffamee Jiru Kana keessa, "Lakki ani Hin Barbaadu, Hin dhaga'u" Jechuun Firdii Gaafa sanaa jalaa Nama Hin Oolchu. Kanaafuu Jaallewwan Hiriyoonni Ko Kan Garee Kana Keessa Jirtanis Ta'e Carraa Argattanii kan Kana Dubbisaa jirtan Gooftaa Iyyesuus "Karaanis Dhugaanis Jireenyis Ana, Anaan malee Gara Waaqayyo abbaa dhaquun hinjiru" Jedhaati Gooftaa Kana duwwaatti Amanaa. (Yoh. 14:6.) Waldaa Kristiyaanaas, "Waldaa Ko Nan Ijaara" Kan Jedhe Kristoosi Malee, Maariyaam, Ykn Ergamoota Waaqayyo ykn Giyoorgis, Takle Haayimaanot, Pheexroos, Yooseef, Phaauloos... Eenyuun iyyuu Miti. "Waldaa Ko nan ijaara Mootummaan dukkanaas Matumaa hin Danda'u Hin mo'us" (Maatewos 16:18-19). "Waldaa Kristiyaanaa isa Kriatoos Dhiiga Isaatiin Bitate" (Hojii erg.20:28). "Waldooliin Kristoos Nagaa isiniif Dhaamu" (Roomaa 16:16). Egaa Dhugaan jiru kanumaatii Gara dhugaatti deebi'aan Isiniin Jedha. Krisityaanonni Akka Dhugaan Kun Bira ga'uuf share yoo gootan Tajaajila guddaa dha. Kuni Akeeka gooftaatis. Barumsa macaafa qulqulluu fageenyaan Barachuu Yoo barbaaddan iddoo jirtanitti Isinii Erguudhaaf qophii dha. Maqaa Keessan. Magaalaa keessa jirtanii fi Lakkoofsa Bilbila keessanii duwwaa Naaf ergaa. Teessoon Mana Barumsa macaafa qulqulluu guutuu addunyaa. Lakk.Saanduqa Poostaa 1376 Dirree Dawaa Itiyoophiyaa. Lakk. Bilbilaa 0913611000. Email. [email protected]. Barumsa Kanaaf Kaffaltiin tokko illee isin hin barbaachisu, (Tola barattu). Waraqaa Ragaatu isiniif Kennama. Fedhii Barachuu duwwaa malee barachuudhaaf Ulaagaan biraa hin jiru. EEBBIFAMAA !!!
إظهار الكل...
WAA'EE MAARIYAAM CAAFFANNI MAAL JEDHA ? Namni Kristiyaana ta'ee Maariyaam Haadha gooftaa Keenyaa, Dubrummaan Utuu jirtuu Isa da'uu ishee fi Waaqayyos Ayyaana qabeetti godhee Humna Hafuura qulqulluutiin Waan dinqii kana gochuu isaa Kan Haalu hin jiru.(Luuqaas 1:48) Haa ta'u Malee Dhaabboliin Amantaa Keessumatti Warri Ortodooksii fi Kaatooliikii ta'an Isa Waaqayyo jedheen Ala Isa Caaffanni qulqulluun Jedheen Ala Isa Maariyaam Mataan ishee jetteen ala, Aangoo Maariyaamiif Waaqayyo biraa Kennameen Ala Aangoo biraa, Waaqummaa Kennaniifii Cubbuu Guddaa Keessa Jiraachuu isaanii Argina, (As Irratti Firoonni ko, Hiriyoonni ko, Warri kun Isin ilaallatu, Gara ballinaan Amma Maayyiitti dubbisaa malee hin mufatinaa, Nattis Hin A'aarinaa, Dhugaa baruun birmaduu nama Baasaati). Macaafa Qulqulluu Keessatti Erga Waldaan Kristiyaanaa Hundeeffamee (Hojii erga.2), booda maqaa Maariyaamiin hin Arginu, Maqaan Maariyaam Hojii Ergamootaa 1:14, booda Hin Caafamne. Dhugaa dha Maariyaam Durba Dhiiraa wajjin Walqunnamtii Saalaa Hin goone turte Amma Yesuusiin deessetti. Achii Boodas Durbummaadhaan turte Kan Jedhan Jiru, Kana Malees Aangoo Waaqummaa Warri Kennaniifii Ishee Waaqessan Warri Isheen Namaa fi Waaqa gidduutti Walitti fiduudhaan Hojjechaa jirti warri Jedhan Jiru. Garuu Dhugaan Jiru Garuu Maariyaam Kaadhimaa Yooseef turtee Utuu Isaan Wali hinqunnamin Gooftaa Deesse, Achii Booda Garuu Maariyaam Walqunnamtii Saalaa qabaachuudhaan Ilmaan Akka deessee jirtu Caaffanni Nutti hima. Inni Duraa:- "Haa ta'u malee, inni hamma isheen Ilma ishee deessutti Ishee Hin barre..." Hamma isheen deessutti... Jechuun erga Deessee Akka inni Ishee bare Sagalee kana keessatti Hubachuun In dandaa'ama. (Maatewos 1:25). Akka Maariyaam Ilmaan Qabdus Immoo sagaleen kun Akkasitti Nutti hima. " Utuu Yesuus Namootaa wajjin Dubbachaa jiruu, kunoo Haati isaa Obboloonni isaas isaa Wajjin dubbachuu Barbaadanii dhufanii ala Dhaabbatu turan, Yommuus Namni Tokko, " ilaa Haati Kee fi obboloonni kee ala dhaabbatanii jiru, si wajjin dubbachuu barbaadus" ittiin jedhe, Yesuus garuu deebisee Namicha isatti himeen, "Haati koo eenyu ? Obboloonni koos eenyu fa'i ?" Jedhe , Harka isaas gara bartoota isaatti qabee " Kunoo ti Haati koo obboloonni koos..." Jedhe. (Maatewoos 12:46-50, Maarqoos 3:31-35) Jecha Kanas Haadhaa fi Obboloota inni Jedhe Kun Bartoota isaati Warri Jedhanii Mormuu yaalan jiru Kanas dubbiin Adda nuuf baasu Jira, Innis :- " Kana Booddee Yesuus Haadha isaa, Obboloota Isaatii fi Bartoota isaa Wajjin gara mandara Qifirnahoomitti gadi bu'e " Jedheetu Obbolootas Bartootas Adda nuuf baasa.(Yohaannis 2:12). Maqaa Ijoollee Isheetiis Caaffanni Akkasitti Nutti Hima. "... Yaaqoobii fi Yooseef, Simoonii fi Yihudaan obboloota isaa mitii, Obboleettonni (dhalaa), Hundinuu as Nu bira jiru mitii ?" Jedhanii Warri Qaamaan isaan beekan dubbataniiru. (Maatewos 13:55-56, Maarqoos 6:3) " Maariyaama mataan Ishee Gooftaadhaaf Nama Ooqubaa Galchuu dha. "Garaan ko gooftaa Kootiif Hooqubaa Dhi'eessa, Hafuurri kos Waaqayyo Fayyisaa koottibin ililcha" Jetteetti. (Luuqaas 1:46-47). Maariyaam Humni Waa Gochuu Kan Yesuusiif Kenname Akka ta'e Dubbatti Kanaafitu :- "Waanuma Inni Isinitti himu Godhaa" Jettee Dubbatte, (Yohaannis 2:5). Waaqayyos "Isa Dhagaa'aa " Nuun Jedha. (Maatewos 17:5). Maqaa Ishee Waaqeffachuun, Isheedhaaf Sagaduun Waldaa Maqaa Isheetiin Ijaaruun, Ishee waamanii Nuuf Kadhadhu nuuf Falmi Jechuun Sagalee Dubbii Waaqayyootiin Mormuudha, Jall'ina guddaa dha, Sababni Isaa Sagaleen Dubbii Waaqayyo. "Waaqayyo tokkicha inni gidduu dhaabbatee Waaqayyoo fi Nama Walitti fidus tokkicha Inni immoo Kriatoos Yesuus isa nama ta'ee mullatee dha, Inni furii namoota Hundumaatiif ofii isaa dabarsee kenne, Kunis yeroo isaatti dhugaa baafame" Jedha ( 1 Ximotewos 2:5-6). "Dubbiidhaanis gochaanis wantumti isin Hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesuusiin Haa ta'u, Isumaanis Waaqayyo Abbaadhaafis galata Dhiheessaa" Jedhameera.( Qol. 3:17).
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
💻 #Cuuphaa [ #ጥምቀት ] . ➮ Cuuphaan balbala fayyinaa ti. Gooftaan keenya Iyyesus Kiristos cuuphaan balbala fayyinaa ta'uu isaa ta'e Wayita nu barsiisu :- . ✔📖 Yohannis 3:⁵ . Kanaaf Iyyesus,“Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u!” jedheera! .. ☩ Dabalataanis:- . ✔📖 Maarqos 16: ¹⁶ “Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama.” . jechuun hundeen amantaa cuuphaa akka ta'e cuuphaan akka amantaa jabeessu dubbateera! ⁻ Duuka bu'aa gooftaa keessaa tokko kan ta'e qulqulluun Pheexiros wayita Yerusaaleem keessa deddeebi'ee barsiisaa turetti “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Iyyesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu!” ✔📖 HoE. 2: ³⁸ . ◌ Fayyuuf barumsa duuka bu'ootaa dhaga'aanii Waaqummaa gooftaa amanuun kan cuuphaman akka Liidiyaa,Qernalewoos fi Waardiyyaawwan mana sirreessaa hunduu cuuphamaniiru! . ✔📖 HoE.10:⁴⁷ . ✔📖 HoE.16:¹⁵ . ✔📖 HoE 16:³³ . kanaaf ilmi namaa fayyuuf maqaa abbaa ilma hafuura qalqulluun cuubamuu qaba! . ✔📖 Maat.28:¹⁹⁻²⁰ . 💢 #Cuuphaan [ #ጥምቀት ] bakka gurguddaa lamatti qoodama! . Isaanis :- . ☨ ¹.Cuuphaa Bishaanii [የውሃ ጥምቀት ] . ☨ ².Cuuphaa hafuura qulqulluu [የመንፈስ ቅዱስ ጥምቀት ] dha. . 💻 ⓵.#Cuuphaa_Bishaanii [#የውሃ_ጥምቀት ] . Cuuphaa bishaanii jechuun jecha kakuu haaraa keessatti barreeffame kan afaan #Giriikii “#Baptizo” jedhu irraa hiikame yoo ta'u, hiikkoon isaa " Guutummaa guutuutti bishaan keessa lixanii ba'uu" jechuu dha! . ➨ namni kamiyyuu yaada garaa isaa jijjirachuun Iyyesusitti amanee erga cuuphamee booda du'a cubbuu irraa qulqullaa'ee miseensummaa Kiristos argachuu danda'a! . ✔📖 2Qor.5¹⁶ " Egaa nuyi ammaa jalqabnee, eenyuun illee akka alaan ilaalamutti hedanna miti; Kristosin iyyuu akka alaan ilaalamutti hedanne yoo ta'e, si'achi akkasitti isa hin hedannu. " . ➮ Namni wayita Iyyesus Kiristoositti amanee cuphamutti hafuura qulqulluu simate jechuu dha! . ⁻Sirni Cuuphaa bishaan keessatti liqimfamuu :- cubbuu,du'aa fi awwaalcha argisiisa! ⁻ Yeroo bishaan keessaa baanutti immoo Jireenya qulqullummaa fi hafuura qulqulluu fudhachuu keenya kan argisiisu dha! . ✔📖 Maat.28:¹⁹⁻²⁰ . ✔📖 Maat.16:¹⁶ . ✔📖 HoE.24:¹ . ✔📖 HoE.8:³⁶⁻³⁹ . ✔📖 Yoh.3:²²⁻²³ . ✔📖 Roomee 6:³⁻⁶ . ➮ #Cuuphaa_bishaanii_kan_cuuphamuu_dandaahan_eenyuufaadha ⁉ . => Namni Cuuphamu kan Fayyisuu Iyyesus Kiristos fi Gooftummaa isaa amanuun jireenya haaraa argachuu isaa beekee (#እርግጠኛ ) ta'e qofa! . ✔📖 HoE.8:³⁶⁻³⁸ . ✔📖 HoE.2:⁴ . ✔📖 HoE.3:²²-²³ . => Namni cuuphamuu qabu nama amane fi fayyuuf fedhii guutuu qabu akkasumas laphee isaa hafuura qulqulluuf kan qopheesse qofa dha! . ✔📖 HoE.8:³⁶⁻³⁸ . = Namni cuuphamuu qabu Maalummaa fi kaayyoo sirna cuuphaa hubachuun kan amane ta'uutu irra jiraata. . ✔📖 Roomee 6:¹⁻⁵ . ➮ #Cuuphaan_maqaa_Eenyuun_raawwatama⁉ . Cuuphaan maqaa #sillaasee ( Abbaa,ilma,hafuura qulqulluu) tiin kan raawwatamu! . ✔📖 Maat.28:19-20 . ➮ #Cuuphaan_bishaanii_maaliif_barbaachise? . Namni kamiyyuu fayyuuf bishaaniin cuuphaamuu qaba! namni bishaan fi hafuura qulqulluun hin cuuphamne fayyuu hin danda'u! . ⁻ Namni Iyyesus kiristoosiin amanee Kiristiyaana jedhame marti guutummaa jireenya isaa kiristositti kennuudhaan du'aa fi du'aa ka'umsa (#ትንሣኤ ) isaatti amanuun duuka bu'aa gooftaa keenya ta'uu danda'a! . ✔📖 Roomee 6:¹⁻⁴ . ✔📖 Qol.2:¹¹⁻¹² . ✔📖 Maat.28:¹⁹⁻²⁰ . ➮ ayyaanni Waaqayyoo akka nuuf baay'atuuf, cubbuutti jiraachuu keenya dhaabnee qulqullaa'uu qabna!
إظهار الكل...
. warri Kristos Iyyesusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis isatti dabalamuudhaaf kan cuuphaman! . cuuphamuudhaan du'a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kristos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan warra du'an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna. . ✔📖 Roomee 6:¹⁻⁴ . 〰 Namni Gooftaa keenya Iyyesus Kiristosiitti amane cuuphame miseensa guutuu Kiristos taa'a! . ✔📖 HoE.2:⁴¹⁻⁴² ✔📖 HoE 3:²⁶⁻²⁸ . 💻⓶. #Cuuphaa_hafuura_qulqulluu [#የመንፈስ_ቅዱስ_ጥምቀት] . Cuuphaa hafuura qulqulluu jechuun namni tokko yaada garaa isaa geddeeratee Iyyesus Kiristoositti amanuun erga cuuphaa bishaanii raawwatee booda kennaa hafuura qulqulluun guutamuu fi qaamaan Iyyesus Kiristos waliin tokko ta'uu jechuu dha. . ➨ Cuuphaan hafuura qulqulluu kan raawwatamu namni amanee cuuphame wayita hafuura qulqulluun guutamu irraa eegaleeti! . ⁻ kiristiyaanni si'a tokko qofa malee yeroo kudhan hin cuuphamu! . 💻 #TAABOTA_FI_CUUPHAA . ◌#Taaboota_fi_Cuuphaa_maaltu_walitti_fida⁉ . Deebii :- #homtuu! . ✔ Taabootni sirna kakuu Moofaa yoo ta'u cuuphaan immoo sirna kakuu haaraa ti! . ✔ Taabootni Isiraa'eelootaaf kan kenname yoo ta'u Cuuphaan immoo du'aa ka'umsa gooftaatti kan amanan hundaaf kenname! . ✔ Taabootni Meetiraan kan safaramu yoo ta'u cuuphaan immoo amantiin safarama. . ✔Taabootni kan yeroo hundaa kan baatamu yoo ta'u cuuphaan immoo yeroo tokko qofa kan raawwatamu dha. . 💯 dabalataanis Taabootni Isiraa'eelootaa tokko qofa ture. Baayinni Taaboota Itiyoophiyaa garuu hanga kan hin qabne heedduu dha! . ➨ Garaagarummaan isaanii hagana erga baayyatee cuuphaan Itiyoophiyaa fi Taabootni Itiyoophiyaa waliitti baquun (tokko ta'uun) bishaan barbaacha laga bu'un kun maaliire? . . . . #Haaromsa_Ortodoksiif Amajjii 11/2012 Irra deebiin amajjii 8/2012 ✔ #FINFINNEE
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.