cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Gaddisaa waqaayyo♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️

Jesus love you

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
196
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Happy sabbath
إظهار الكل...
#Gaabbii fi #Dhuma isaa !!! Seexanni ofii isaatii meeshaa nu taasifatee deebi'ee immoo nu gaabbisiisuun nu gaalafachuu barbaada. YESUUS akka bakka jirutti qabamu taasisuuf Seexanni Yihuudaa fayyadame. Qarshii fi dhimmoota hinaaffaan wali qabate biroos fuulaa Yihudaa dura fi Sammuu Yihuudaa keessa oofuun wanti inni yaadeef isaaf gaarii akka ta'e akka Yihudaan amanu taasise. Ee Yihuudaans amanee fudhate. Yeroo sanaaf gammachuun guutuun gara Yihudaa waan dhufe fakkaata. Gammachuun qarshii argachuu fi abbootii amantii wajjiin walii galuu Yihudaa garuu miti waggoota,guyyaa tokkoyyuu cee'uu hin dandeenye. Gaabbiin cimaan sammuu isaa waan qabeef,Yihuudaan filannoon dhumaa tokkoo fi tokko qabu ofi ajjeessuu akka ta'e amanee fudhate. Fudhatee hin bulfannes ofi rarraase. Gaabbiin waan hamaadha;baayyee baayyee hamaadha. Yihuudaan tarkaanfiin inni fudhate hamma sadarkaa kanaa waan Isa geessu itti hin fakkaanne ture. Salphaadhumatti rakkoo furamu itti fakkaate. Hammuma Hinaaffaan fedha foonii guutachuuf hinaafnu sirrii hin taane,Hojii waaqaa milkeessina sababii jechuun hojii Waaqayyoofis waaqaa oli waan hinaafne fakkachuu hin qabnu. Dogongorri cimaan hundaa olii dogongora keenya amannee fudhachuu dhabuudha. Dogngoroota keenya baayyeef sababiin dogongora yeroo jalqabaa hojjannee amannee fudhachuu dhabuu keenya. Haadha tiyyaa,Abbaa kiyya,obboloota kiyya,obboleetota kiyya,hiriyyoota kiyya.....kanneen biroos anaa miti ykn isin miti kan uume. Waan jala muramaa tokko isinitti himuu ?? Namoota samitti arguuf yaaddan kamiiniyyuu yoo achii dhabdaniyyuu imala gara SAMII itti fuufuuf yoo hin kutannee rakkoo cimaa FIRDII WAAQAA amannee fudhachuu irratti qabna jechuudha. Yihuudaa samiti arguu YESUUS ni barbaada ture. Garuu,Yihudaan hin barbaanne. Samiin immoo iddoo jaalalaan seenan malee akka mana hidhaa iddoo dirqiin seenan miti. Ee. Nutis namoota waliin dhalanne maatii fi firoottan,akkasumaas namoota umurii keenya....kan hafeef coomentii ilaalaa.....
إظهار الكل...
#Hinnaaffaa fi #namni maali #naan jedhaa !! Akka addunyaatti biyyoota gara garaa keessatti manneen hidhaa ykn amala sireeessaa ulfaatoon,sasalphoon fi jiddu galeeyyiins akka jira ni dubbatama ni beekkamaas. Garuu,namoota baayyeef hubatamuu haa baatuu malee,qaamaan hidhamuu Caalaa sammuun hidhamutuu baayyee cimaadha. Mana hidhaa Isa qaamaa keessaa ba'uun baayyee ulfaataa miti. Yoma ulfaataa ta'ellee. Ofiins ta'u namaan,diqiins ta'u fedhiin ba'uun ni danda'ama. Manaa hidhaa keessa sammuu banamaa qabattee yoo jiraattee kun ayyaanomuudha. Garuu mana baayyee miidhagaa keessa jiraattee yaada hidhamaa yoo qabaatte gatii maali qabaa ??? Namoonni baayyee amma haala akkana keessa jiru. Manneen hidhaa gurguddoo sammuun itti hidhamuu danda'u keessaa lamaan immoo #hinaaffaa fi #NAMNI #maali naan jedha jechuudha. Ee isaan lamaan kunneen namoonni jireenya gammachuu hin qabne kan gadda fi gaabbii qofaan guute akka jiraatan taasiseera. NAMNI hinaafuu fi yeroo hundaa nama gammachiisuu yaadu baayyee baayyee ofi miidha jira. Nama gammachiisuu yaaduun fi NAMNI maali naan jedha jedhanii yaaduun waan mishaa yoma ta'ellee,garuu,nama gammachiisuuf jechaa seera waaqaan faallaa ta'uun waan hamaadha seera waaqaanis yaada saammuu ofiins faallaa ta'uun qajeela miti. NAMNI manni hidhaan ulfaataan keessa seenuu danda'u #HINAAFAA FI #NAMNI MAALI NAAN #JEDHAA jechuudha. " Hinaafuu haa dhiifnuu,NAMNI maali nuun jedha jedhaa dhiphachuus haa dhiifnuu. Hundaa oli waaqni maali naan jedhaa jedhaa. Haa jennuu. Yoo manner hidhaa sammuu lamaan kanneen dabarre Waan gaarii namaa gochuuf NAMNI waan gaarii hamma raawwatuuf hin eegnu. Waan itti amannes jaalalaan ifatti raawwanna. Milkiin nama biraas hinaaffaa nutti hin bulchu. Mana hidhaa ofiin itti ofi ganne keessaa ba'uuf YEROON amma. Yeroo dabalataa eegnaa ree ?? Hin eegnu.

FANNOON HAMMAM AKKA WAAQAYYO CUBBUU BALAALEFFATU QOFA OTOO HIN TAANE HAMMAM AKKA WAAQAYYO SEERASAAF IDDOO KENNUS NI MUL'ISA Seerrisaa cabuu irra Waaqayyo tokkicha ilmasaa du'atti dabarsee kennuu filate. Kana jechuun waaqayyoof, seerri isaa cabuu irra yesuus du'uutu salphaadha jechuudha. “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate..." Yoh. 3:16 heertuun kun waaqayyo biyya lafaa akka jaalatu ragaadha. Garuu gaaffiin deebi'uu qabu, Waaqayyo biyya lafaa jaallachuu fi yesuus du'uu maaltu walitti fida? Kan jedhudha. Erga biyya lafaa kan jaalatu ta'ee akkasumatti otoo yesuus hin du'iin cubbuu namootaa dhiisuu hin danda'u? Gaaffiin kun yoo sirriitti deebi'e iddoo hammamii akka waaqayyo seera isaaf kennuu fi hangam cubbuu akka balaaleffatu sirriitti hubachuun ni danda'ama. Deebiinsaa akkasi:- “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a..." Rom. 6:23. “Seera malee jiraachuun hundinuu cubbuu dha..." 1Yoh. 5:17 heertuun kun kan nuuf ibsu namni gaafa seera waaqayyo cabsu cubbuu waan hojjeteef du'uu qaba. Seerri samii kana dha. “ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta" jedhe.” Uma. 2:17 kanaafuu namni jalqabuma gaafa seera waaqayyo cabse duuni itti murtaa'e. Furmaatni waaqayyo kenne jaalala irratti kan hundaa'e yoo ta'es seerri isaa akka cabuuf karaa hin kennine. Tarkaanfiin waaqayyo fudhate bakka namni du'uu qabu, yesuus du'ee, seerri isaas otoo hin diigamiin, dhalli namaas akka hin badneef fala kenne. "Ana nama gadadamaa, foon isa gara du'aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa? Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa ta'u!" Rom. 7:24,25 Kun ergaa akeekkachiisaa cimaa of keessaa qaba. Har'as taanaan waaqayyo seerasaaf iddoo ol aanaa qaba. Kanaafidha kan inni "Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu.”Yoh. 14:15 jedheef. “Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu si'achi hin jiru.” Ibr. 10:26 . Cubbuun waaqayyoo fi nama garaa gara baasa " Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga'uu hin dhabne; yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise" Isa.59:1,2 Kan Qulqulleessu waaqayyo yoo ta'es nuyis jireenya qulqullummaa jiraachuuf dhama'uu qabna. “...Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!” — Ibr. 12:14 “Cubbuudhaan wal'aansoo qabuu keessan keessatti ammuma iyyuu dhiigni keessan hamma dhangala'uu ga'utti jabaattanii hin dhaabanne.” — Ibr. 12:4 “Guyyaa gooftaan keenya Yesus qulqulloota isaa wajjin deebi'ee dhufutti, garaa keessan cimsee warra hin komatamne godhee qulqullummaadhaan fuula Waaqayyoo abbaa keenyaa dura isin haa dhaabu!” — 1Tas. 3:13
إظهار الكل...
“Mikaa'el angafni ergamootaa iyyuu, yeroo reeffa Musee irratti Seexanaa wajjin walitti falmanii wal qoccolan, "Gooftaan sitti haa dheekkamu!" jedhe malee, #arrabsee itti #faraduudhaaf ija hin #jabaanne.”— Yih. 1:9 Namoonni baayyeen eertuu kana akka hin beekne beeka. Namoonni beekan immoo akka sirritti hin beekne beeka. Mikaa'eel akki itti Seexana isa carraa fayyinaa hin qabne wajjiin gadi ofi qabuun dubbiis toluun dubbate ilaalla. ila miti nama carraa qabu tuffataa amantii fi ilaalcha isattis miira tuffii baayyee makateen kolfuu,Mikaa'eel guddichiyyuu suuta amala toluun dubbate. Namoota amantii sirrii keessa hin jirre gara amantii sirrii fiduun sirriidha;barsiisuu,gorsuun fi waan gochuu qabnu hundaas gochuun. Garuu yoomillee waanuma fedhettiyyuu haa amananii miira tuffiin makameen isaan faana dubbachuu hin qabnu. Akkasumaas kitaabota isaanii kan jennee yaannu yoma sirrii ta'uu baataniis miira jaalala qabuun mareef dhiyeessuu qabna. Kana keessa immoo wanti garaa nama nyaatu namoota kanneen barsiifnee,gorsinee hin beeknu ta'uu mala kanaan dura. Isaans waanuma beekan kan keessatti dhalatan hordofaaru. Kanaafuu garaa nu nyaachuu qabu. Osoo dhakaafuu sagadaniyyuu,yoo Waaqni baayyeedha jedhaniyyuu akka warra #Hindootaa,#Roomotaa,#Baabiloonitaas......yoma karaa irraa akka malee jallataniis,isaan jaalalaan moo'achuu qabna. Mee Daani'eeli fa'a yeroo haala rakkisaa akka sanaa Waaqolii tolfamoon marfaman hoggantoota fi Abbootii amantaa bara sanaa akkamiin simataa turanii ? Mootiin Meedonii fi Faaris yeroo Boolla leenotatti gachisiise Daani'eeli maali jedhee ? “Daani'el immoo deebisee mootichaan, "Yaa mootii, bara baraan jiraadhu!” — Dan. 6:21 ila Daani'eeli nama boollatti gachisiise kanaan barabaraan jiraadhu jedhee hawwii gaarii ibseef malee du'aa fi rakkoo tuffiis hin hawwineef. Eegaa nullee namoota karaa badiinsaa irra jiranii fi amantii sirrii hin taane hordofaaran jaalalaan qabuu qabna.Dhugaan ibidda;akka itti qabnu beekuun dirqama.Sheeri yoo taasiftan baayyee misha. 🙌Kayyon kenyaa👉 waqaaf hojjaachuu haa ta'uu
إظهار الكل...
#maaloo amantoota hin rafinaa yeroo jedhame in gahe, #kana immo kan nuuf mirkaneessu waan hedduudha, #yeroon kun yeroo kamiinuu caalaa yeroo itti dammaqnu ta'ee otoo jiruu yeroo kamiinuu caalaa rafneerra(hafuuraan). #maaloo mee ilaalaa waldaa keessatti waan ta'u! #mee ilaalaa miidiyaa hawaasaa irratti waan ta'u! #mee ilaalaa hawaasa addunyaa keessatti waan ta'u! #ajab na hin jechisiisu kana jalqabuma dhaga'eera, #maal ta'e kaa! namn kun haga nama jechisiisutti namn of dagateera, #kun waldaa irraa nu fageessuu hin qabu, #waaqa irraa nu fageessuu hin qabu, #amantii irraa nu fageessuu hin qabu. #fakkeessitoota bara kanaatiif wayyoo...woyyaoo.. woyyoo
إظهار الكل...
Yaa goofta araraa ketiin nuu miladhuu.maloo nuu yaadadhuu.goofta nuu fo'aadhuu.......
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.