cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gubbaa Qorichaa

Kommona

إظهار المزيد
Ethiopia10 580لم يتم تحديد اللغةالقانون5 132
مشاركات الإعلانات
771
المشتركون
-524 ساعات
+237 أيام
+13330 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Share 'Qabxii Aanotaaf kenname.pdf'
إظهار الكل...
Qabxii Aanotaaf kenname.pdf3.70 KB
Photo unavailableShow in Telegram
##Cuunfaa Madaallii Marsaa 2ffaa kan bara 2016 PSMQN GHL tiin PSMQN A/M f kanname.(%10)irraa 1.Ancaar =8.53 2. Bookee =8.52 3.BMB =8.49 4.BMC =9.14 5.BMG =8.52 6.BMH =8.73 7.BMMM =8.19 8.B/Dhintuu =8.81 9.Ciroo =8.99 10.D/Labuu =8.85 11.Doobbaa =9.14 12.Gammachiis =9.57 13.G/Qorichaa =9.86 14.G/Bordoddee =7.64 15.Habroo =8.02 16.H/Guddinaa =8.22 17.Mi`eesso =8.53 18.O/Bultum =9.10 19.Sh/Dhuuggoo =8.76 20.Xuullo =8.81 ##Hub:- Madaalliin kun Cuunfaa Adeemsa/Garee 9n akka WPSMQNGHL tti qabnuuti waan taheef hubannaa keessa galfadhaa.
إظهار الكل...
CamScanner 06-26-2024 17.37.pdf2.80 KB
Adeemsa Madaallin Raawwii Itti Gaggeeffamu Ulaagaa Madaallii fi Ulfaatina Manneen Hojii Sadarkaan Jiranii 👍 Buaan Madaallii Manneen hojii KPI fi Qulqullina Kenna Tajaajilaa giddugaleessa taasisee kan raawwatamu taee; Ulaagaalee dabalataa; Manni hojii sadarkaa tokko ol siqee jiru caasaa isaa gara gadii jiru akka dhimmamaatti itti madaaluu, 👍 Manni Hojii sadarkaa Naannoo jiru Qindeessaa Kilaastaraatiin akka dhimmamaatti itti madaalu 👍 Manni hojii Caasaa Sadarkaa Godina/Magaala/Kutaa Magaalaa/Aanaa jiru caasaa bulchiinsa sadarkaa isaatti argamuun akka dhimmamaatti itti madaalamu 👍 Ulfaatinni Ulaagaalee Madaallii KPI fi Qulqullina Tajaajila Mootummaatiif kennamu Amalaa fi Eragama Manneen hojii giddugaleessa taasisee kan raawwatamu taee; Manneen Hojii Qoodiinsa (category) gurguddoo 3tti (A,B,C) qoodamee kan raawwatamu taa. 👍 Manneen hojii Qoodiinsa A jedhamanii qoodaman ulfaatinni Ulaagaa KPItiin 70% fi Ulaagaa Tajaajilaatiin ammoo 30% keessaa kan madaalaman tau. Qoodiinsa Manneen Hojii A" Sadarkaa Aanaa fi Magaalaa Waajjira Qonnaa Waajjira Mis, Jalallisii fi Hor. Bulaa Waajjira Daandii fi Loojastiiksii Waajjira Aadaa fi Tutiizimii Waajjira Dargg. Fi Ispo Waajjira Dhimma Dub. Fi Daaimmanii Komishinii Karooraa fi Misoomaa Abbaa Taayiitaa eegumsa Naannoo Abbaa Taayitaa Misoo Albuudaa 👍Manneen hojii B jedhamanii qoodaman ulfaatina Ulaagaa KPItiin 60% fi Ulaagaa qulqullina tajaajilaatiin ammoo 40% keessaa kan madaalaman tau. Manneen Hojii Sadarkaa B Sadarkaa Aanaa fi Magaalaa W/Bulchiinsaa Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Waajjira Bishaanii fi Inarjii Barnoota Waajjira Bul.Nageenya Waajjira Maallaqaa Waajjira Galii Waajjira Fayyaa Waajjira Misooma M/fi Manneenii Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Og. Waajjira Investimantii fi Industirii Waajjira Daldalaa Waajjira Gonofaa Ejansii Babalina Waldaa Hojii Gamtaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Waajjira Hawaassummaa 👍 Manneen hojii C jedhamanii qoodaman ulfaatina Ulaagaa KPItiin 50% fi Ulaagaa Tajaajilaatiin 50% keessaa kan madaalaman tau. Qoodiinsa Manneen Hojii Sadarkaa C” Sadarkaa Aanaa fi Magaalaa Waajjira Alangaa Waliigalaa Waajjira lafaa Waajjira Komunikeeshinii Komishinii Manneen Sirreessaa Komishinii Poolisii Waajjira Milishaa Ejensii Geejjibaa Ee/Galmeessa Siivilii ❤ Manni hojii sadarkaa tokko ol siqee jiru Caasaa isaa gara gadii jiru akka dhimmamaatti ulaagaa taae irratti hundaauun 10% keessaa kan madaalu taa; 👍 Haaluma kanaan Madaallii Manneen hojii Sadarkaan jiranii:- Mannii hojii sadarkaa Naannoo jiru KPI fi Qulqullina tajaajilaatiin 90% keessaa erga madaalamee booda Madda Kilaastara isaa irraa ammoo10% keessaa kan madaalamu taa. 👍 Manneen hojii sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa/Kutaa Magaalaa/Aanaa jiru KPI fi Qulqullina tajaajilaatiin 80% keessaa erga madaalamee booda Maddoota madaallii dabalataa Caasaa isaa gara olii jirun 10% fi Caasaa Bulchiinsa sadarkaa isaatti argamuun 10% keessaa kan madaalamu taa. 👍 Dhaabbileen caasaa gara gadii irraa hin qabne yoo taan KPI fi Qulqullina tajaajilaatiin 85% keessaa erga madaalamanii booda Madda madaallii caasaa isaanii gara olii irraa 15% keessaa kan madaalaman ta'a. 👍 Agarsiiftuwwan KPI raawwii imammataa fi tarsiimoo mootummaa gurguddoo dhimmoota galtee/imput, Adeemsa, buaa duraa (output) fi Buaa Boodaa (outcome) kan safaramu taa. ulfaatinni buaalee kanneenif kennamu akkaatuma dabalaa deemuun kan dabalu taa. 👍 Madaalliin Qulqullina tajaajilaa agarsiiftuwwan qulqullina tajaajilaa shan (Qabatamummaa (Tangiblity), Sirrummaa (Reliability), Deebii Hatattamaa Kennuu (Responsiveness), Abdii (Assurance) fi Miira Tajaajiltummaa (Empathy)) irratti hundaaee kan gaggeeffamu taee, agarsiiftuwwan kanneen iddoowwan gurguddoo 3tti qooduun ulfaatina kennuun kan raawwatamu ta'a. 👍 Haluma kanaan amala manneen hojii fi tajaajilamaa irratti hundaa'uun Adeemsa tajaajilli itti kenname, sadarkaa itti quufiinsa yaada tajaajilamaa fi yaada ummanni qabu irratti hundaa'e kan gaggeeffamu ta'a.
إظهار الكل...
✔️Sirna Dorgommii fi Sadarkeessuu 👍 Manni Hojii tokko kan dorgomuu danda'u Buaan madaallii isaa olaanaa fi daraan olaanaa yoo ta'edha 👍Manneen hojii bu'aan madaallii isaanii olaanaa fi daraan olaanaa ta'an qofaatu badhaafama. 👍Dorgommiin kan gaggeeffamu caasaa bulchiinsaa Naannoo, Godina, Aanaa fi Magaalatti ta'a. 👍Dorgommiin sadarkaa Aanatti gaggeeffamu manneen hojii Sadarkaa Aanaa, Gandootaa fi dhaabbilee sadarkaa kanatti jiran ta'a. 👍Dorgommiin Sadarkaa Godinaatti Gaggeeffamu Manneen hojii Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Aanaalee, Gandoota Akka godinaatti raawwiin isaanii Caalmaa qaban, dhaabbilee itti waamamni isaanii sadarkaa Godinaa ta'anii fi dhaabbilee sadarkaa Aanaa jiran keessaa kanneen sadarkaan raawwii isaanii caalmaa qaban ta'a. 👍Dorgommiin sadarkaa Magaalatti taasifamu Manneen hojii sadarkaa magaalaa,Kuataa magaalaa, gandootaa fi dhaabbilee sadarkaa kanatti gaggeeffamuun ta'a. 👍Dorgommiin sadarkaa Naannootti gaggeeffamu manneen hojii sadarkaa naannoo, Bulchiinsa Godinaalee, Magaalootaa, Aanaalee fi gandootaa irratti ta'a. ✔️Qaama Waliin Dorgomu Magaalli Vs Magaala Godinni Vs Godina Anaan vs Aanaa waliin #Sadarkaa hundatti Manni hojii Vs Mana hojii sadarkaa isaatti argamu waliin dorgoma. 👍Hojjetaan mootummaa mana hojii isaa keessattii fi sadarkaalee caasaa bulchiinsaa jiranitti ulaagaa buaa madaallii fi ulaagaalee dabalataa(Naamusa, kalaqa, fi kkf) irratti hundaa'udhaan kan waliin dorgomu ta'a.
إظهار الكل...
👍 Ulaagaalee madaallii qulqullina tajaajilaa Biiroona Pabliik sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa yeroo yeroon qophaaee hojiirra kan oolu taa. 🤺 Ulaagaa Madaallii Raawwii fi Ulfaatina Caasaalee Bulchiinsaa Sadarkaan jiranii. #Buaan Madaallii Caasaalee Bulchiinsaa (entity) maddoota madaallii lama irraa kan raawwatamu taa; A,Raawwii inisheetiivootaa, Sassaabbii Galii, Liqii Deebisiisuu, Qusannaa, Kenna Tajaalila, Buusaa Gonifaa,Kenna Tajaajila Lammummaa fi ijaarsa Pirojektootaa (85%) B, Buaa raawwii (KPI) Manneen hojii Murteessoo taan (15%) Buaan madaallii Caasaalee Bulchiinsaa idaama (a) fi (b) tiin 100% keessaa kan madalamu taa. 👍 Buaan Madaallii Gandootaa Baadiyyaa fi Magaalootaa guutumatti Raawwii inisheetiivootaa, Sassaabbii Galii, Liqii Deebisiisuu, Qusannaa, Kenna Tajaalila, Buusaa Gonofaa fi Kenna Tajaajila Lammummaa (100%) keessaa kan raawwatamu taa ✔️Haaluma kanaan Madaalliin caasaalee bulchiinsaa akka armaan gadiitti dhiyaatee jira. ✔️Ulaagaalee Madaallii Caasaa Bulchiinsa Godinaalee/Aanaalee Galii=15 Liqii Deebisiisuu=10 Inisheetivoota Inisheetivoota Misoom Baadiyyaa=8 Inisheetivoota Misoom Magaalaa=8 Inisheetivoota Misoom Hawaasummaa=7 QHB Investimentitti ceesisuu=5 Kenna Tajaajilaa=10 Humnoota Waloo Kenna Tajaajila Lammuummaa=5 Buusaa Gonoofaa=5 Mana Murtii Aadaa=3 Gaachana Sirnaa=3 Pirojeektoota=7 Qusannaa=5 Kaadaastara=5 Galmee raayyaa ittisa biyya=4 👍Ulaagaalee Madaallii Caasaa Bulchiinsa Magaalootaa/kutaa Magaalaa/Aanaalee Magaalaa Galii=15 Liqii Deebisiisuu=12 Raawwii Inisheetivootaa Inisheetivoota Misooma Magaalaa=10 Inisheetivoota Misoom Hawaasummaa=8 Inisheetiivii Qabeenya Uumamaa=5 Kenna Tajaajilaa=10 Humnoota Waloo Kenna Tajaajila Lammuummaa=6 Buusaa Gonoofaa=6 Mana Murtii Aadaa=3 Gaachana Sirnaa=3 Pirojeektoota=7 Kaadastara=6 Qusannaa=5 Galmee rayyaa ittisa biyya=4 ✔️Ulaagan madaallii Gandoota Baadiyyaa Galii=12 Liqii Deebisiisuu=12 Raawwii Inisheetivotaa Inisheetivoota Misoom Baadiyyaa=12 Inisheetivoota Misoom Hawaasummaa=12 QHB Investimentitti ceesisuu=6 Qusannaa=10 Kenna Tajaajilaa=10 Humnoota Waloo Buusaa Gonoofaa=7 Kenna Tajaajila Lammuummaa=7 Mana Murtii Aadaa=4 Gaachana Sirnaa=3 Galmee raayyaa ittisa biyya=5 ✔️Ulaagan madaallii Gandoota Magaalaa Galii=12 Liqii Deebisiisuu=12 Raawwii Inisheetivotaa Inisheetivoota Misooma Magaalaa=12 Inisheetivoota Misoom Hawaasummaa=12 Inisheetiivii Qabeenya Uumamaa=4 Kenna Tajaajilaa=12 Qusannaa=10 Humnoota Waloo Kenna Tajaajila Lammuummaa=7 Buusaa Gonoofaa=7 Mana Murtii Aadaa=4 Gaachana Sirnaa=3 Galmee rayyaa ittisa biyya=5 ✔️Hubannaaf akka tahu janneeti kan haxeerarre. Waan dubbistaniif Kuma Lama. 🔚🔚🔚🔚🔚🔚🔚🔚
إظهار الكل...
Madaallii Aanootaa 10 irraa Bara 2016 kan waggaa.pdf3.81 KB
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.