cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

BOQONNA SAMMU,JECHOTA KAKA'UMSA Gorsa Jireenya dhaloota qubeetif

𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗸𝘂𝗳𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂 𝗸𝘂𝗳𝘂𝘂𝗻 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗺𝗼'𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝘁𝗮𝘁𝘁𝗮𝗮𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂. @Boqonna_sammu_idea_bot

إظهار المزيد
فنلندا1 658لم يتم تحديد اللغةعلم النفس5 205
مشاركات الإعلانات
3 632
المشتركون
+524 ساعات
+237 أيام
+8330 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

#Dammaqi! Boriikeetiif har'akeetu murteessaadha. Gaabbii borii jalaa ba'uuf har'akee irratti hojjedhu. yeroo baay'ee waa'een yeroo erga bira darbanii kan namaaf galuudha. Siif garuu har'uma akka siif galu nan barbaada. #Yeroo ofii kunuunsuun, #Jireenya ofii kunuunsuu waan ta'eefan siif dhaama. Waa'ee #Yeroo Beektootni Maal Jedhu? 1, "kaayyoon kee kan fiixaan ba'u #yeroo lafa irratti siif kenname qofaattidha."       #Maayelsi_Munroo 2,"#yeroo kee hin qisaasessin, baay'ee gabaabaa, gati-jabeessaa fi kan bakka hin buufamnedha."       #Maayik_Maardok 5, "Argitee, Wanti ani #yeroo fi qabeenya koo itti baasu maal akka ani barbaadu argissisa."       #Maayik_Maardok 6, "Egeree keenya kan sodaannu #har'a keenya qisaasessaa waan jirruuf."           #Maazer_Tereezaa 7, "Tarkaanfiin Mul'aata hin qabne #yeroo gubuu qofa, mul'anni tarkaanfii hin qabne abjuu akkanumaaniiti, tarkaanfii waliin garuu mul'anni addunyaa jijjiruu danda'a." @boqona_sammu
إظهار الكل...
👍 15 3
👉Waan jaallattu argachuudhaaf waan hin jaalanne keessa darbuu qabda. 👉Bakka mukni goolii jiru hin beektu taanan callistee kubbaa dhiituun kee faayidaa hin qabu. 👉Namni nama jijiruu hin danda'u. Garuu namni tokko akka namni jijiiramuuf sababa ta'uu danda'a. 👉Dukkanni ati amma keessa jirtu humna guddaa qabaatee miti.Situ ifa guddaa sirka jiru dhaamsee keessa dhaabbataa jiraaf malee. 👉Namni irra daddeebiin waan hin qabne lakka'aa oolu,Waan qabu dagata. 👉Nama hunda biratti fudhatama dhabuu dandeessa, garuu kan jijjiirama fidu ofuma kee biratti fudhatama qabaachuufi dhiisuu keeti. 👉Bololli Mootii gabra yoo taasisu.Obsi immoo gabra mootii taasisa. Hiriya kessanif #SHARE godhaa Galatooma🙏
إظهار الكل...
👍 18 2
Hordoftota boqonna sammu akkam jirttan ani nagaya kooti. Har'aa wanta haraha tokkon qabadhe dhufe inis malii yoo jeettan akkata gaafi filanno 4 qabu deebisun itiin coin hojachu dandesanidha kanaf mee yaala bayye salphadha erga $200 hojjatte booda kara paypal accoun akkasumas kara bankin bafachu ni dandessan galma'uf link kanan seena start godha. Carra gaari!! ShamshedinmohammedusmanDo quizzes to earn US dollars, easily earn 1 US dollars in 1 minute, and anyone who logs in to our website will get 10 US dollars. https://m.payquiz.top/76243823384836481/?s=tg @boqona_sammu @boqona_sammu
إظهار الكل...
🕖Take quizzes to make money. 🕚

Answer the questions and challenge to earn one dollar per minute.

👍 3🙏 3
Abshaalummaa fi doofummaa Haadha manaafi abbaa manaa tokkotu wajjiin jiraachaa ture. Haati manaa kun, “Otuun abbaa manaa koo dhiisee deemee akkam ta'aa laata?” jettee teessee itti yaadde. Akkamitti akka aaru baruu barbaadde. Gaaftokko yommuu inni manaa ba’u xalayaa barreessitee minjaala bakka ciisicha isaanii jirurra keesse. Xalayichis akkas jedha; “Siif obseen dhadhabe. Anaafi ati walii galuu hin dandeenye. Kana booda obsa koo fixadheera. Si wajjiin gubachaa jiraachuu hin fedhu. Nagaan turi, ani deemeera,” jettee ofii immoo siree jala seentee dhokattee waan ta'u ilaalaa turte.    Abbaan manaa yeroo ol seenu haati manaasaa hin jirtu. Kutaa ciisichaa isaaniitti yommmuu ol lixu, xalayaa isiin barreessitee minjaala irra keesse sana argee dubbisuu jalqabe. Erga dubbisee fixee booda gammachuudhaan ol utaale. Bilbila isaa saffisaan fuudhee nama tokkotti bilbile. “Helloo damma koo eessa jirtaa? Uffee...isiin siin jedhe sun ni sokkiteem. Eessatti wal agarraa? Baga narraa deemte. Duruma iyyuu sitti himee jira. Anatu dogoggore, jalqabuma si fuudhuun qaba ture. Ariifadhuu bakka dur wal agarru sanatti koottu damma koo. ‘Bye” jedhee bilbila cufee kutaa ciisichaa keessaa ba’e    Haati manaa isaa waan kana hundaa siree jala ciistee afaan isii ukkamsitee dhaggeeffachaa turte. Waan gurri isii dhaga’e kana amanuu dhadhabde Hirqinfattee booche, Imimmaan fuula isiirraa dhangala’e “Dhiira amanuun kanumaa?” jettee gaddaa fi aariidhaan gubatte. Siree jalaa baatee kutaadhuma ciisichaa sana keessa fajajjee dhaabatte    Yeroo abbaan manaa isii balbala mooraa banee gadi ba’u, kutaa ‘saaloniitti’ achi dabartee waraqaa wayii kan abbaan manaa isii barreessee kaa’ee bahe argite. Waraqichas fuutee dubbisuu jalqabde. Akkas jedha; “Atillee na dhokachuuf yaaddee, ani garuu miila kee siree jalatti argee jira. Nan sobe eenyuuf iyyuu hin bilbille. Daabboo bituufan gadi bahe nin deebi'a. Tapha fokkisaa akkasii dhiisii ka’ii irbaata nuuf qopheessi. Sin jaalladha,” jedhee barreessee deeme.   “Osoo hin hubatiin qubaa hin gubatiin,” jedhama mitiiree waliif hubatuun bareedaadha Kan Dubbise Isiniif Qoode! Yeroo gaarii qabaadha
إظهار الكل...
👍 14
Jibba irra jaalalli; Fudhachuu irra kennuun; Kuffisuu irra harka qabuun; Miidhuu irra gargaaruun; Dheekkamuu irra gorsuun; Dubbachuu irra dhaggeeffachuun; Yeroo kamillee gaariidha! @boqona_sammu #JOIN #SHARE
إظهار الكل...
👍 12👏 1
Onneen🫀 Jaalala feeti, Sammuun🧠 Milkaa'ina barbaaddi, Qalbiin Garuu Nageenya barbaaddi!. Jireenyi garuu boqonnaa barbaada saniifuu boqonnaa jireenya kessani argachuf chanala kessan @boqona_sammu #JOIN #SHARE godhu hin dagatinaa
إظهار الكل...
👍 13 3
Gufuulee Milkaa'inaa... 1. Ofittummaa. 2. Sodaa kufaatii. 3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu. 4. Galmaawwan beekamoo qabaachuu dhabuu. 5. Jijjiirama haala jireenyaa. 6. Waan har'a hojjechuu dandeenyu yeroo biraatti dabarsuu. 7. Hanqina karoora/qarshii. 8. Ittigaafatamummaa maatii. 9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu. 10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu. 11. Qofaa keenya hedduu hojjachuu. 12. Humna ofii ol yaaduu. 13. Kutannoo qabaachuu dhabuu. 14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu. 15. Sabrii dhabuu. 16. Filannoo beekama ykn qabatamaa dhabuu. @boqona_sammu
إظهار الكل...
👍 6 1
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨𝗙 -Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin. -Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin. -Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin. _Bu'aa hatattamaa hin eegin. _Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin. _Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin. _Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin. _Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in. _Milkaa'ina namoota birootti hin aarin. _Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin _Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin. _Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin.
إظهار الكل...
👍 23
Photo unavailableShow in Telegram
#Kutaa_12ffaa Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 3 hanga 5tti barattoota saayinsii hawaasaa; Adoolessaa 9 hanga 11/2016tti barattoota saayinsii uumamaaf toora interneetii fi waraqaan Yuunivarsitii keessatti akka kennamu ibsame. Barattoonni saayinsii hawaasaa waraqaa irratti qoraman waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, Barattoonni saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 hanga 7, 2016tti mooraa ni seenu.
إظهار الكل...
👍 7
WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN..! Karoora kee. Dadhabina kee. Kufaatii kee. Iccitii kee. Sochii kee kan fuul-duraa. Galii kee yookiin (qabeenya) kee hin himin.        JAHAN KANA AMMOO HUBADHU!   Yaadi malee hin dhiphatin! Nama irraa baay'ee hin eeggatin! Dandeettii keetti fayyadami! Dogoggora kee irraa baradhu! Ofitti amani! Dandeettii kee beeki!
إظهار الكل...
👍 16👏 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.