ar
Feedback
Creative Dev

Creative Dev

الذهاب إلى القناة على Telegram

Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev

إظهار المزيد
2 423
المشتركون
-724 ساعات
-217 أيام
-9230 أيام
أرشيف المشاركات
APP Ajiaba Waan Kardi Kan irra Arkataan Link kanaan Seena https://mpaisa.b4a.app/?uid=Vvbn1aJ2kp Playstore Download gootan Em
APP Ajiaba Waan Kardi Kan irra Arkataan Link kanaan Seena https://mpaisa.b4a.app/?uid=Vvbn1aJ2kp Playstore Download gootan Email Log in gotaan Nama Invite Gotaan

Repost from MUBE TECH 1💎
🔥🔥🔥 APP Ajiaba Waan Kardi Kan irra Arkataan Link kanaan Seena https://mpaisa.b4a.app/?uid=Vvbn1aJ2kp ✅Playstore Download g
🔥🔥🔥 APP Ajiaba Waan Kardi Kan irra Arkataan Link kanaan Seena https://mpaisa.b4a.app/?uid=Vvbn1aJ2kp Playstore Download gootan Email Log in gotaan Nama Invite Gotaan @MubeTech1 @MubeTech1

#Ramadaana_Sadaqaadhaan #ረመዳንን_በሰደቃ OBUMSJ_Charity Sector قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: "اتقوا النار ولو بشق تمرة." "Wala
#Ramadaana_Sadaqaadhaan #ረመዳንን_በሰደቃ OBUMSJ_Charity Sector قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: "اتقوا النار ولو بشق تمرة." "Walakkaa timiraa kennachulleen taatu (ibidda sodaadhaa!) ibiddarraa of tiisaa!" Ergamaa Rabbii saw! Uffata Eebbaa Dhiiraf=6500birr Uffata Eebbaa dubraaf=6000birr Laargoo 1 =110 birr Saamunaa qaamaa 1= 45birr Qalama 1 = 20 birr Luukii 1 = 2 birr Qur'aana 1 = 350 birr Fi uffata uffattanii baayyee hin moofin... Anaaf sihiif normaala. Garuu nama kanuma dhabee hirriba malee bulutu jira. Wantoota armaan oliirraa hanga dandeetteen niyyadhu! Rabbiif jecha kennadhu boru aakhiratti isarraa fudhattaa! #Seektara_Charity OBUMSJ #0907707556 1000309230659(CBE) Anwar_Shittaa Charity Amir

Ramadaanaa fi barataa Yuunivarsiitii ○○○○ Ramadaana baranaa wajjiin Ramadaana sadihiin mooraa Yuunivarsiitii keessatti dabarsuuf deema. Dhugaadha Ramadaana maatii alatti dabarsuun hedduu ulfaata. Osoo akka hawwii keenyaatii silaa Ramadaana hunda maatii keenya biratti dabarsinee hedduu nutti tola. Garuu sababoota adda addaa kanneen akka dirqama barnootaatiin wal qabatee mooraa Yuunivarsiitii keessatti dabarsuuf diqamne. Haalonni ulfaatoon jiraatanis wantoonni nama gammachiisanis baay’eetu jira. Addatti kan nama gammachiisu nashaaxa ibaadaa kan dargaggoota Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumi. Dhugaa dubbachuuf jama'aan keenya kun kan na hawwisiiisuuf masjiida bareedaa qabaateetii miti. Ruumii fi afata #special tahes qabaatee ibaadaaf haala hunda siif mijjeeyseetii miti. Barataa keenyas guututti hammatee akka barbaadamutti itti salaatuuf gaheetii miti. Qabatama jiru yoo ilaalle haalli isaa hundi faallaa kanaati. Masjiidni jama'aa keenyaa kun masjiida jalaafi gubbaan isaa qorqorroon ijaarame, kan iddoo baay’een banaa tahee dha. Afatni isaa sharaa yommuu tahu, duraanuu salaata jama'aatuu dabaree lamaan itti salaanna. Guyyaa akka jum'aa ammoo mooraa isaatiin ala dirree irraa guutneeti salaanna. Amma taraawihaaf ammoo masjiidni waan nama hin fuuneef qorra keessa ala dhaabbachuuf dirqamna. Garuu akkanumaa wajjiin mirqaanni ibaadaa kan akka masjiida kana jiruu iddoo biroo waan jiru natti hin fakkaatu. Ala qabbana keessallee osoon dhaabbadhee salaatee filannoon koo inni jalqabaa masjiida Jama'aa keenyaa Masjiidu Siddiiq dha. Masjiida kanatti kan salaatu guutummaatti jechuun haala danda’amuun barataadha. Warri biyyaa namoota muraasa qubaan lakkaawamani. Hedduun namaa kan achitti salaatu kun dargaggootaa fi shamarrani. Manguddoo fi daa'imman keessa hin jiran. Yaa maashaa Allaah wallaahi dargaggootaa fi shamarran ibaadaa Rabbiitiif akkanatti wal gahan kana arguu caalaa maaltu nama gammachiisa ree? Yeroo Ramadaanaa ammoo addatti kan nama gammachiisu, waliif ajajamuu fi wal kaddamuu miseensota jama'aa kanaati. Obboleeyyan hangi tokko Rabbiif jecha if qabanii Ramadaana guutuu dadhabe hifadhe osoo hin jenne Ifxaaraa fi Hiraaba (Suhura) iraattis obboleeyyan isaanii kaddamu. Osoo ofiif furanii ifxaara hin nyaanne kidmaa obboleeyyan isaaniitiif of qabanii obboloota isaanii nyaachisu. Yaa maashaa Allaah akkam nama gammachiisa? Sanaan dabalatatti maatiiwwan doormii wajjiin gallu osoo addaan wal hin qoodne akka obboleeyyaniitti gaafa waliin jiraatan, waan qaban irraa waliif qooduu bira darbanii gaafa waanuma qabanuu waliin fayyadaman, jaalalaa fi kabajaan gaafa wajjiin jiraatan.......... hedduu nama gammachiisa. Waa hundaafuu haalonni kunneen rakkinootaa fi hanqinoota jiranis nu irraanfachiisanii kunoo Ramadaana gammachuun dabarsaa jirra. Ramadaan Mubaarak!! ✍️ Ararso Mohammed Yuunivarsiitii Odaa Bultum irraa!!

👉Odeeffannoo Addaa‼️ Kirkirri lafaa Fentaaleetti mudate oduu gammachiisaa fideera👍 Akka ragaan saatalaayitii Awurooppaa agarsiisutti kirkirri lafaa dhiheenya kana Fantaaleetti mudate akka sodaatame osoo hin taane, haala baay'ee adda ta'een gaasiin uumamaa miiteen jedhamu lafaa keessaa baase jedha. Akka dhaabbati Kaanaadaa gaazii uumamaa miiteen irratti hojjetu GHGsat jedhutti, Gaarri Fantaallee yeroo ammaa guyyaatti gaazii miiteenii toonii 1,400 baasaa jira. Kana wal bira qabuun yeroo ibsan guyyaatti gaazii toonii 1,400 jechuun anniisaa dhagaa ciilee Kiiloo Giraamaa Miliyoona 20 gubuun argamun jechuudha jedhan. Gama biraatiin gaaziin meetiinii toonii 1,400 guyyaatti gadi lakkifamaa jiru humna ibsaa meeggaa waattii 8,000 maddisiisuu kan danda’u yoo ta’u, kunis warshaa humna elektiriikaa Hidha Haaromsaa irraa meeggaa waattii kuma 3 caala. Kana qofa osoo hin taane, akkuma gaazii uumamaa biroo ofuma isaatiif kan burqee meetiiniin kun yoo sirnaan hojirra oole yeroo ammaa baayyee barbaadamaa kan tahe gara LNG (Liquefied Natural Gas) tti jijjiiramuu kan danda’u yoo ta’u, guyyaatti hanga liitira miliyoona 2 oomishamuu danda’a. Kanaan qofaa miti... Xaa’oo uumamaa qonnaaf hundarra filatamaafi barbaachisaa ta’etti yoo jijjiirame, Itoophiyaan qabeenya pootaashii guddaa addunyaa irratti qabdu waan taateef fedhii xaa’oo Itoophiyaa guutuu bira darbee al-ergiitiin madda qabeenya ta’uu danda'a jedhameera. Salphumatti ibsuuf Itiyoophiyaan akkuma tasaa gaaziin uumamaa lafa ishee keessaa ol burqee jira waan ta'eef, qorannoo fi baajatni barbaachisu qabamee hojiitti galamuu qaba. ✍️ Husseen H Waayyuu ti

#Yaada Wanti lubbuu namaa bashannansiisu, kan qulqulleessu, kan gammachiisuu fi yaada isii hunda kan irraa deemsisu Rabbiin dhugoomsuu malee hin jiru. Namni mu'uminaa yaada isa mudate ittisuuf wal'aansa cimaa qaba. Inni jalqabaa fi hangafaa abdii aakhiraa qabaachuu isaati. Wanti mu'uminni hubatu: addunyaa kanarratti yoo beelawe, yoo hiyyoome, yoo yaade, yoo dhukkubsate, yoo kasaaree fi yoo miidhames qananii, nagayaa fi bashannana jannata keessa jiru yaadata. Yoo kana yaade rakkinni isaatis yeroo gabaabaatti furamuu dandaha. Yaaddoo garaagaraa irraa nagaya baha. Warri dhugumatti hoongawe, kan furmaata tokkollee hin qabne namuma Rabbiin dhugoomsuurraa fagaate, kan galata guyyaa qiyaamaa mirkaneeffachuu dadhabe kan Rahmata Rabbii bal'aa kana kajeeluurraa hoongawe malee hin jiru. Namoonni akkanaa kunneen yeroo rakkinni tokko isaan mudate waan itti obsan hin qaban. Sababni isaas bara dhufaa dabraa kan isaan carraaqaniif addunyaa kana qofa waan taheefi. Gamni namaa nama aakhiraadhaaf carraaqu. Gowwaan namaa nama addunyaa kana ganda keessa turanii fi dhuma qananii ilma namaa tahuu isii yaadu. Kitaaba "Ilaalacha addunyaa ija mu'umintootaa keessatti" jedhu irraahiin walitti cuunfe!! ✍️ By Ararso Mohammed

Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa kutaa 1ffaa bifa midhagaa taheen ammuma seenaa dhaggeyfadha. https://www.tiktok.com/@miidiyaariyaa
Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa kutaa 1ffaa bifa midhagaa taheen ammuma seenaa dhaggeyfadha. https://www.tiktok.com/@miidiyaariyaaduljannaa69

Mohammed bayaan oduu buhaartii #oduu_afaan_oromoo #oduu_ammee https://youtube.com/shorts/52D54Kthzrs?si=AtlcTNYycerPI2LJ

Dubbisimee dura👇 👉Sumaaf jachaa bar kun hundi ati garuu hin jirtu 😒 Halkanii fi guyyaa odeeyfannoo Dhimma Islaamaa bifa na
Dubbisimee dura👇 👉Sumaaf jachaa bar kun hundi ati garuu hin jirtu 😒       Halkanii fi guyyaa odeeyfannoo Dhimma Islaamaa bifa nama hawwatuun goda hunda seenne siif qopheeysinee ati garu hin jirtu. Miidiyaan odeeyfannoo Dhimma Islaamaa irratti hojjatu Riyaadul Jannaan sababa ati biraa fagaattef hordoftoota dhabee warning tahuuf dhiyaate. Lammiin guddoon Miidiyaa keessan warning irraa baraaraa ammuma seenii copy link share godhi. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.tiktok.com/@miidiyaariyaaduljannaa69

Seenaa Gootoota barachu yoo feetan subscribe godhaa nu eegaa 👇👇👇👇👇👇 https://youtu.be/F29bDkirDW0?si=hBTbxrYPFnnmjGou

Magaalaa Hararitti siidaan Qurana diigame @miidiyaariyaaduljannaa
Magaalaa Hararitti siidaan Qurana diigame @miidiyaariyaaduljannaa