ar
Feedback
Creative Dev

Creative Dev

الذهاب إلى القناة على Telegram

Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev

إظهار المزيد
2 423
المشتركون
-724 ساعات
-217 أيام
-9230 أيام
أرشيف المشاركات
✨Website kanaa fakkaatu tolchee obboolleeysi kessaani ilaalaafi mee jzk👇👇👇👇 https://www.huzeyf.tirushop.com/

#Waamicha #Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum #OdaBultumUniversity Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota idilee buleeyyiif galmeen F
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum #OdaBultumUniversity Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota idilee buleeyyiif galmeen Fulbaana 8 fi 9 bara 2018 akka ta'e ibseera. Barnoonni Fulbaana 12 bara 2018 ni eegalama. Bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddan, akkasumas bara 2018 barattoota haaraa ramdamtaniif waamichi gara fuulduraatti kan taasifamu ta'a. 👉 @obumsj1

Repost from Fu'ad Abdi
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum #OdaBultumUniversity Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota idilee buleeyyiif galmeen F
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum #OdaBultumUniversity Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota idilee buleeyyiif galmeen Fulbaana 8 fi 9 bara 2018 akka ta'e ibseera. Barnoonni Fulbaana 12 bara 2018 ni eegalama. Bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddan, akkasumas bara 2018 barattoota haaraa ramdamtaniif waamichi gara fuulduraatti kan taasifamu ta'a. 👉 @obumsj1

Addunyaa tanarra hanga jirtutti jireenya hiika qabu jiraachuuf tattaafadhu. Hanga dandeessetti wantoota jireenya keetii fi kan nama biroollee jijjiiran irratti xiyyeeffadhu. Addunyaa micciiruuf osoo hin taane, addunyaa jijjiiruuf carraaqi. Carraa argattettis fayyadamii carraaqqiis cimsii nama cimaa godhii of ijaari.

Story

.

Dargaggootaa fi shamarran islaamaa 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹 Nuti dargaggootaa fi shamarran islaamaa ibaadaatti jabaachuu qabna. Baratas taanu, hojjataas taanu jabaannee tattafachuutu nurraa eegama! Haala fi amala bareeda irratti lubbuu teenya leenjisuu, akkasumas nama fakeenya godhannuu fi hiriyaa filachuun haalaan nu barbaachisa!! Yoo hojjannu hojii teenya warra bareechu, yoo haasofnu dhugaa warra dubbatu, yoo daldallu amanamaa namaa tahuu qabna!! Anaa fi atis dargaggoo islaamaa ykn shamarree islaamaati. Dargaggeeysa ykn shamara qaroo kan hawaasa fayyadu tahuu qabna!! Yeroon dargaggummaa tan amma keessa jirru tun lammata hin deebitu. Kanaaf haa saammannu. Warra gaaritti nama ajajee hamtuu irraa nama dhoorku ; nama waan diin Rabbii faalleeysu yeroo arge yoo dandahe harka isaatiin sirreeysu, yoo dadhabe arraba isaatiin sirreeysu, yoo kana hunda dadhabe ammoo kan qalbii isaatiin jibbu tahuu qabna!! @ararsomd

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu Namoonni Telegram Group bara 2023 keessa ykn sana dura baname qabdan isinirraa binnaa @creativegx irratti nu dubbisaa!!

Repost from Furtu Technology
Ejjannoo cimaa qabaadhu!! Gaaf tokko barataa biyya Muslimaa irraa dhufe tokkootu sababa barnootaatiif gara London deeme. Dandeettii afaanii akka guddifatuufis maatii Ingilizii tokko bira akka turu taasifame. Dargaggeessichi ajaja amantii isaatiif guutummaan guututti nama bitamu waan ta'eef salaata Subhiitiif halkaniin hirriibaa ka'a. Bakka salaataa deemee, ibaadaa isaa geggeeffatee, Rabbii isaatis faarsee galateeffata. Manguddoo takkaatu maatii sana keessa ture. Dalagaa isheef haaraya taate kan gurbaan kun dalagu kana ilaaltee hordofaa turte. Guyyoota muraasa booda "Maal godhaa jirta?" jechuudhaan dargaggeessa kana gaafatte. Innis "Dirqama amantii kootiin raawwachaa jira" jedheen. Manguddittiin sunis "bakka qabbana kanaan salaattu hanga barfatutti maaliif hin tursiifne?" jetteen. Dargaggeessichis "Sa'aatii irra yoo kan darbu tahe Rabbiin ana irraa hin fuudhu" je'ee deebiseef. Manguddittiin dinqisiifachuudhaan mataa isii raasaa "Jaalalti sibiila cabsiti" jetteen. Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha: رِجَالࣱ لَّا تُلۡهِيهِمۡ تِجَٰرَةࣱ وَلَا بَيۡعٌ عَن ذِكۡرِ ٱللَّهِ An-Nur 24:37 "Dhiirti Mu'uuminaa kan bittaa fi gurgurtaan addunyaa faaruu Rabbii irraa isaan hin dhowwine......" An-Nur 24:37 Yaa obboleessa koo yaa obboleettii too namni muslimaa nama jabaa ejjannoo akkanaa qabu tahuu qaba. Wanti kamiiyyuu ajaja amantii isaa raawwachuu irraa isa danquu hin qabu. Akkasumas nuti dargaggootaa fi shamarran muslimaa kaayyoo keenya irratti ejjannoo cimaa qabaachuu qabna. Fedhii lubbuu tii fi ajaja sheeyxaanaatiin gowwoomfamnee kaayyoo keenya yoo daganne, ajaja Rabbiitis lakkifnee nafsiyyaa yoo hordofne booddeen teenya kasaaraadha taati. Kanaaf of eeggannoo cimaadhaan suuta tarkaanfachaa, ejjannoo cimaadhaan amantii keenyaa fi kaayyoo keenyarratti jabaachaa haa deemnuun dhaamsa kooti. ✍️ Ararso Mohammed July 08, 2025

Mana barumsaa deemtee barachuu fi of barsiisuu......!!! Barnoonni ani har'a irraa dubbachuuf deemu barnoota teekinooloojiin wal qabatu. Biyya teenya dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti barattoonni hedduun barnoota teekinooloojii mooraa yuunivarsiitii fi kolleejjii garagaraa keessatti ni baratu. Barattooni hedduunis muummeewwan barnootaa teekinooloojii kanneen akka software Engineering, Computer Science, Computer Engineering, Information System, Information Technology fi kkf haalaan filatu. Garuu kan nama dhibu irra hedduu barattootaa maqaadhaaf ogummaa kanneen baranne jechuu malee isaanii ogummaalee kanneen keessatti haalaan cimee urjii tahee mul'atee kalaqoota haarayaan gad bahu hin argitu. Isaan caalaa warri kalaqoota haarayaan gad bahuun beekamu warra barnoota teekinooloojii fi programming ofiif of barsiise (self-taught) dha. Namoota ofiin of barsiisanii fi leenjisan muraasa yoo ilaaltu haalli isaan itti of qopheessan nama ajaa'iba. Warroota silaa kutaa 12 xumuranii san booda waggaa 4 hanga 5 mooraa Yuunivarsiitii keessatti barumsa hordofan irra ogummaa, muuxannoo fi dandeettiin isaanii dachaa hedduun caala. Namoonni ofiif of barsiisan kunneen ammoo yoo akkam guddate turtii hanga waggaa 3 itti fudhata. Garuu turtii kana keessatti qaroo ajaa'ibaa tahanii gad bahu. Mooraa Yuunivarsiitii (addatti Yuunivarsitoota biyya keenyaa) keessatti barumsi baratamu irra baay'inaan tiyooriidha. Dhugaa dubbachuuf yoo tahe koorsiiwwan tiyoorii isaanii qofti barsiifamanii qabatamni (practical part) isaa osoo barataaf ifa hin taane bira darbamanis baay’eedha. Kun kan mudatuuf rakkinoota garagaraatiif tahuu mala. Tarii hanqina meeshaa, ykn hanqina ogeessaa, ykn hanqina yeroo fa'a tahuu mala. Kanaan dabalatatti haalli barataan kun jalqaba irra deemaa dhufes waan hedduu nama ajaa'ibaati. Yeroo sadarkaa lammaffaa baratan manneen barnootaa haala mijataa qaban - yoo manneen barnootaa magaalota irra jiran muraasa tahe malee - waan jiran nattin fakkaatu. Nama baay’eetu gaafa department Computer Science seene booda akkaataa itti Computer #Switch on/off godhan bara. Wal nama hin gaafachiisu!! Namni duraanis haala kanaan dhufe, gaafa waan haarayaan wal eegale hanqina meeshaa, kan ogeessaa fi hanqina yeroo kan jiruu waliin walirratti dabalamee turtii mooraa Yuunivarsiitii keessa turutti tiyoorii barumsa kanaa qofa leenji'ee kan bahu lakkoofsa hin qabu. Kun ammoo gad bahee maal ittiin haa hojjatu jenna mee? Ammaas irra hedduun barataa qabxiif je'eeti shaakala dhiisee yeroo hedduu osoo tiyoorii dubbisuun dabarsa. Barataan akkanaa qabxii gaarii galmeessisuu mala, garuu ogummaan yoo sirnaan hin hubataminiif kunis maal bu'aa qaba ree? Amma mee warra ofiif of barsiisu kaniin je'e sanitti haa deebi'u. Namoota muraasaatu jiru - warra haalli mijateefii - waa'ee teekinooloojii fi programming ofumaaf manatti of barsiisuu fi shaakaluu eegalu. Kunneen warra Computer dhaas of biraa qaban warra barsiisaatti hin haajamneedha. Hanga danda’ameef online irraa roadmap isaanii hordofanii san booda ofiif harka isaaniitiin shaakalu. Isaan tiyoorii waan jedhamu maqaa hin dhahan. Shaakala (practical part) qofarratti xiyyeeffatu. Waa'ee ogummaa qofa baratu. Qabxiin isaan reeban hin jirtu. Practically ogummaadhaan of gahoomsu. Namoota hojiiti. Project adda addaa shaakalanii hojjatu. Adeemsa keessa waan addaatiin gad bahu. Akkasitti addunyaaf furmaata tahu. Dhiira jechuunis kana. Yeroo warri digrii barnoota sanaatiin eebbifaman certificate qabatanii deemanitti isaan ammoo Project fi kalaqa garagaraa qabatanii addunyaan dorgomu. Osoo haalli mijatee akki tahuu qabnu ofiif of leenjisuu kana. Garuu kanaafis namni haalli mijatuuf nama muraasaa maal goonaree? Waa hundaafuu nama ogummaa baratee ofii isaa, hawaasa isaa fi addunyaa tanaafillee furmaata tahu Rabbi nuhaa godhu!! ✍️ Ararso Mohammed

Repost from Furtu Technology
Bereket Engida jedhama, Developer dha. Dhiyeenya kana App “Better Auth” jedhamuu kan Developerootaaf furmaata gaarii ta’e ifo
+2
Bereket Engida jedhama, Developer dha. Dhiyeenya kana App “Better Auth” jedhamuu kan Developerootaaf furmaata gaarii ta’e ifoomsee ture. Hojiin isaa kunis akka addunyaatti fudhatamummaa guddaa argatee jira. Kanuma sababeeffachuunis dhabbatoota Peak XV, YC, P1 ventures, chapter one jedhaman irraa, Doolaraa Miiliyoona 5 (Birrii Itophiyaa miiliyoona dhibba torba 😎) funded ta’ee jira. Bereket nama umurii 23ti, mucaa finfinneeti, asuma jiraatas; Coding waggaa 3 ofiisaa of barsiisee. University irraa yks mana barumsaa dhuunfaa irraa miti; har’aa kunoo addunyaa ajab jechisiisaa jira. Of irratti hojjennaan, galmi bira hin ga’amne hin jiru! Addunyaan dhaloota akkanaa kanatti haajamti ❤️👏 Keessattuu nuti hawaasni muslimaa Developer-oota ciccimoo nu feesisa. Biyyi nu biraa fagaattee, dargaggoonni islaamaa haa jabaannuu!! Odeeffannoo teekinooloojii waliin wal qabatu argachuuf @furtutech hordofaa!!

Umriin dargaggummaa umrii bu'aa bahii heddummaattuudha. Rakkinootaa fi gufuuwwan hedduun akkaataa fi bakka ati hin eegnetti si mudachuu danda'u. Cinqii fi gidiraan wal yaammattee xaxaa ati keessaa bahuu hin dandeenye sirratti ijaarrachuu malti. Ati garuu abadan nama harka kennu hin tahin. Kufaatii fi gufaatiin kamiiyyuu si mudattuus of duuba deebitee hin mil'atin. Hariiroo sii fi Rabbii kee jidduu jiru tolfachaa, Rabbii keetirratti irkadhuu hanga dandeesse deemsa kee gama fuulduraattiin itti fufi......🏃‍♂️ Inshaa Allaah ni milkooyta!! Join👇 @ararsomd @ararsomd

Maqaan isaa Bilisaa Gosa Mohammed jedhama. Barataa Management yoo tahu eebbifamaa bara kanaati. Amiira Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum kan bara 2024-2025 ture. Nama addaa kan kutannoo hojii qabu, nama akkaataa itti nama hoogganan beeku, kan beekkumsaan namayyu bakka isa fakkaattu kaahee akka hojjatan taasisuudha. Jama'aa keenya utubee fuulduratti oofuu keessatti gahee hangana hin jedhamne nama qabu, dhiira jabaa fuulduree hawaasa islaamaatiif haalaan abdatamuudha. Xiqqaa fi guddaas, beekhaa fi wallaalaas haala inni beekuun itti dhihaatee gorsuudhaan akka roga dandayaniin diinal islaam kaddaman taasisuun kan beekkamu Bilisaan akkaataan inni itti namatti dhihaatu haala nama hawwatuu fi qalbii namaa booji'uu danda’uuniidha. Wal barnoota keenya: Anaa fi Bilisaa dhimmi wal nu barsiises dhimmuma diiniiti. Isaanumaa diinal islaam kaddamu argeen achumatti wal barre. Achumaan anilleen gama Jama'aa as dhihaadhee rogaan dandahuun akkan diinal islaam kaddamu kan na taasise isaani. Muudannoon isaan waliin qabu keessaa: Gaafaan jalqaba Freshman dhaaf gara gibbii dhufu ani doormii obboleeysa kiyya Amiira Jama'aa keenyaa kan ammaa Fu'aad Abdii fa'aa wajjiiniin gala ture. Akkasuma yeroo mara Fu'aad wajjiin addaan hin bahu. Masjiida, library, gibbii keessa, kaaffee, yeroo ala baanuu fi iddoo hunda walumaan deemna turre. Ganama tokko ammoo akka carraa tahee ani masjiida deemeen subhii salaatee gara doormii deebi'e. Fu'aad ammoo masjiidumatti na jalaa hafe. Amma eega hoggas adda baanee Fu'aad akkuma masjiidaa dhufeen osoo doormitti hin gorin kaaffee deeme. Anis boodarra yeroo sa'aan achi siqxu kaaffeen deema je'een manaa bahe. Amma karaa irratti ana, Fu'aad fi obboleessi kiyya Bilisaan walitti dhufne. Isaan lamaan kaaffee dhaqanii gala deeman. Animmoo ammaan achi deema. Bilisaan akkuma na argeen naan lolee....."ati sheek Fu'aad jalaa haftee maaliif kophaa deemta? Akkam tahuu barbaadda sa? Hadaraa kee saahiba Fu'aad malee nama biroo akkan godhanne, gibbii tana keessatti qaamota hin taane hunda akka hin saahibne" naan je'e. Dubbiin isaa sun haalan natti dhagahamte. Lola inni naan loles akka gorsaatti qeebaleen yeroo sanirraa eegalee gorsa isaa hojiitti hiike. Dhaamsi isaa sun jireenya kiyya kaniin hanga ammaa mooraa tana keessatti dabarse keeysatti haalaan na fayyade. Wallaahi akkuma inni je'e mooraa Yuunivarsiitii keessatti saahibni hedduu murteeysaadha. An eegas boodallee saahibban kiyya Fu'aad Abdiitiin hangafee obboleeyyanuma kiyya warra Jama'aa keeysa wajjiin hojjannuudha. Alhamdulillaah haala kanaan toltutti wal ajajaa hamtuurraa wal dhoorkaa waliin deemna!! Kun muudannoon ani obboleessa kiyya Bilisaa waliin qabu keessaa isii takka. Tan birootis hedduutu jira.....tan nama kofolchiistus, tan nama rifachiistus baay'eedha. Yeroowwan ulfaattuu hedduus waliin dabarsine. Waa hundaafuu gurbaan jabaan kun waa hedduu nu barsiise. Muuxannoo hedduu nuuf qoode. Hawaasa islaamaa kaddamuu irratti nu leenjise. Waa’ee isaa himee hin fixu. Ammaaf asumatti haa gabaabsu. Isaan amma warra eebbaaf qophaawaa jiru irraahi, warra Exit exam dhukkee irraa kaasee irra aanee qabxii gaarii galmeesse irraahi........mee Congratulations naaf ja'aan!! Mabruuk Aleeykum, Congratulations habiibii 🎊 👏 💐 Obboleessa kee ✍️ Ararso Mohammed Fadis, Oromiyaa irraa!! @ararsomd

photo content
+3

Story

Creative Dev - إحصائيات وتحليلات قناة تيليجرام @creativedev_lab