Kuta 2ffaa
Qoosaaf
Akkuma Maanchiister Yuunaayitid geeba Piriimeerliigii baayyee injifachuun seenaa gaarii qabu sana, ishee wajjin minyaa jaalalaa hedduu dhamdhameera. Hanga kam yoo wal-mufanneyyuu, akkuma Maancheester Siitiin galchiidhaan durfames goolii galchuurraa abdii hinkunne sana lubbuunkoo isheerraa abdii hinkuttu. Ishee wajjin yoon wal-dhabes akkuma Liverpool waggaa 30 booda Waancaa Liigii dhungate sana, erga isheen heerumtee ilmaan Shan horteeyyuu ani ofitti qabeen ishee dhungadha jedheen yaadan ture.
Jaalalli koo fi jaalalli ishee akkuma Siir Aleex Feergisanii fi Maancheester Yuunaayitid walitti urgaa’ee ture. Kaayyoon keenyis akkuma Arsenaalii fi Arseen Wiingar waggoota 20 booda wal- fuunee ilmaan walirraa dhalchuu ture.
Jaalallishee keessa kootti akka impaayera guddicha warra Kaataaloon Baarseloonaa keessa kootti guddatee ture; sababa miidhaginasheetiif jecha dhiirota biroo wajjin walitti dhufeenyi keenyi darbii Eel-Kilaasikoodha. Olaantummaa ani dhabuu hinbarbaanne dirree kana ture.
Garuu, dhiheenya kana waan isheen taate naaf hin galle. Akkuma waltajjiin Champiyoons-Liigii Awurooppaa Arsenaaliin balfetti jireenyakoo balfite.
Yeroo beellama keenyaatti argamuun hafee, akkuma moo’ichi Maancheester Yuunaayitidiin baqate jireenyakoo baqatte. Isheen Cheelsiidha; dhaabbii hinqabdu. Amala ishee keessaa kun waanan jibbuudha. Torbee yoo na dhungatte torbee boodammoo na ciniinti.
Anis yeroo kanatti baayyee waanan ishee jaalladhuuf akkuma Buruunoo Fernandeez imimmaan buuseen boo’an ture. Akka Deeviid Diyehaa aarees yeroon lolu jira. Isheen garuu, akka Antooniyoo Ruudgeer balleessaa hojjetee kolfu sanatti natti kolfiti. Ani dhugaattin ishee jaalladha; isheen garuu akkuma Haarii Maaguweer dirree keessatti koomeedii hojjetu sana na gooti.
Ani isheef N’Gooloo Kaanteedha; bu’ee ba’ees ‘Nan dadhabe’ hinjedhu. Calliseeman ishee jaalladha. Kaariim Beenzeemaa ta’een, jaalala isheef oomisha; garuu isheen akkuma FIFA beekamtii na dhorkatte. Keevaan Debriyuunii ta’een addunyaa jaalalaa isheef mijeessa. Ani garuu carra-dhabeessa; milkiin koo Eedan Haazardi ta’e.
Isheen galata hinqabnee akka Liiverpuul, isa qabaa Saadiyoo Maanee wallaale sanadha.
Akkuma Haarikeen waggoota dheeraaf Tootnahaam wajjin aarsaa kaffale, anis ishee wajjin aarsaa baayyee kaffaleera.
Akka Beenjaamiin Meendii fi Maasan Giruun-Wuud intalattii godhan sana gochuuf wallaalee utuu hintaane seera sodaadheeman dhiise.
Isheen kana hundumaaf kabaja hinqabdu. Jaalala koo balleessaa Kaaliiduu Kulibaalii gootee kaardii diimaadhaan onneeshee keessaa na baafte. Argasii qor-qalbiinkoo akkuma Barnimaawuuz daaraa botoroo ta’e😭. Ani ammayyuu ishee hinobsu; jaalallishee akkuma Arsenaal mataa liigichaa irra jiru onneekoo gubbaa Jira.
Siif haa dhiisu Qashti!
Qoosaadhaaf!🤣🤣
Gada sport press 👏🙏