cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Yeroon Tolassa

I miss Justice⚖️

إظهار المزيد
فنلندا715لم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
2 399
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
-730 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailableShow in Telegram
Iccitiin osoon boo’uu gammaduu Diina lammii kootin arge yeroo inni gaddu!🤍🕊
إظهار الكل...
INJIFANNOO:Isaan buqqa’aa jiru;nuti ijaaramaa jirra!🦁 Kan injifanne har’a osoo hintaane gaafa tulluu shiraa fi gidiraa barootaf tuulamee dhibee nyaqarsaa caalaa biyya tana rakkise, iija isaatti xiyya darbannee iyyisiisuu fi gadoochuu eegalle sani. Hattuu haqa keenyaa agarreerra, adii fi gurraacha adda baafanneerra. Eegalamuun waan kanaa qofti uummata Oromootif boqonnaa qabsoo haaraa fi injifannoo guddaadha. Kan kanarraa hafe eenyu wajjin wal’aansoo akka eegalle daqiiqaf dagachuu hinqabnu. Qabsoon eegalame qabsoo bu’aa ba’ii hedduu, tooftaa fi tarsiimoo humna namaa, qabeenyaa, beekumsaa fi yeroo gaafatudha. Sochiin gidduu kana godhamaa jiru olola jechaatin caalaa gochaan kan deeggaramedha. Lafarratti kan gad qabatedha. Isaan buqq’aa jiru, nuti dhaabbachaa, isaan coolagaa jiru, nuti biqilaa jirra. Isaan ololatti jiru, nuti hojiitti jirra. Jara kanatu maraachaa jira. Shira guddaa fi xaxamaa umrii jaarraa meeqaa qabu kan namuu itti bu’uuf sodaatu san daaraa botoroo goonee, torban takkatti qofa hanga kana deemnee, caasaa keenya diriirfachaa jirra. Dhaloota itti ijaaraa jirra. Hidda isaanii cirree buqqisaa jirra, kan keenya gad dhaabaa jirra. Sochiin eegalame ilaa fi ilaameedhan akka lamuu hinsochoonetti lafaa fi lafee dhalootarra dhalootan dhaabbachaa jira. Sochiin gidduu kana godhamaa jiru waan tokko ragaa nuuf ba’a. Manneen murtiis ta’ee qaamoleen nageenyaa nurraa fagoo hinjiran. Ammaan tana dhimma kanarratti hordoftoota amantichaa qofa osoo hintaane Uummanni Oromoo bal’aa fi mootummaan waliin hojiitti jira. Kanarratti olola osoo hintane hojii eegalametu ragaadhan nu fuuldura jira. Jara santu maraachisa. Addatti wanti guyyaa har’aa ta’e lamaanuu injifannoon keenyuma. Jarri masaraa keessaa akeekkachiisan ba’an. “Dhimma keessan keessumatti fixadhaa, gara hiriira hokkoraa fi jeequmsaatti seennan obsi hinjiru” yaada jedhuun ba’an. Kan mana murtiitis tarsiimoo salphaadha. Kan baramuu qabu nuti amma sadarkaa maglacaatirra osoo hintaane qe’ee keenya qabannee kan buqqa’uu qabu buqqisaa, kan ijaaramuu qabu ijaaraa, sadarkaa hiddaa fi damee dagaagfachuutirra jirra. Saniif deeggarsa uummataa fi mootummaa qabna. Jalqabbii gaariirra jirra. Kana booda isaanii miti nutuu of duuba deebina osoo jennee hindandeenyu! Amma kan nurraa eegamu sagantaa fi tarsiimoodhan socho’uu qofa. Olola diinaa osoo hintaane dhaamsa firaa qalbifachuu qabna. Madda odeeffannoo fi ajajaa, Eenyu akka deeggaruu, dhaga’uu fi hordofuu qabnu beekuu qofa. Hojjannee agarsiisuu qofa. Isaan buqqa’aa jiru, nuti ijaaramaa jirra, Injifannootti jirra! Yaa Oromoo jabeeffadhu irree, duubatti deebin waanuma hinjirre!🦁
إظهار الكل...
Dubbii guddoon tan masaraa sani. Jarri masaraa mootummaatti kan yaamamaniif dhimma marii amantiitif osoo hintaane, dhimma “Hiriira maal maal” jedhanii ololaa jiranirratti…”obsi takka akka hinjirre, akeekkachiisa dhumaa dhaga’uufi… Dura “Mmummichaa Ministeeraa waliin ye macarrashaa haasatti jirra nu eegaa, ibsa kennina” jechuun dhaadachaa turan. Booda dhufanii kan ibsa kennan waayee oolmaa muummicha waliinii osoo hintaanee waayee oolmaa mana murtiiti;)
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Wanni biyya tana keessatti adeemaa jiru gosa siyaasaa osoo hintaane adeemsa badanii balleessuti. Dogoggora siyaasaa qofa osoo hintaane cubbuudha. Ergaan kun ergaa qaamota siyaasaa caalaa sagalee ijoollee fi haadholii lammiilee nagaa ibiddaa fi dukkana keessa jiraniiti. Iji madaa dhalootaa argu;gurri boo’icha qulqullootaa dhaga’u ilmi namaa sammuu fi miira qabu yoo biyya tana keessa jiraatef haa qalbifatu!
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Qeerrooo biyyaa;Ilma Aayyaa! Obsaa keenya!
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
-Hundaafuu ifa ta’uu kan qabu; dhimmi JaalMarroo fa’aa ammaan tanatti dhimma dhalootati. Dhimma haadholii fi abboota Oromooti. Dhimma obboloota keenya kumaatamaan hacuuccaa fi gidiraa suukaneessaa qe’eetti itti dhufte ofirraa qolachuuf gatii gita hinqabne kaffalaa jiraniiti. Dhimma Miliyoonota qote bulaa fi ilmaan qote bulaa Oromooti. Dhimma dhiigaa fi lafeeti, dhimma lubbuuti. -Yeroon kun yeroo itti kaleessa qofa ilaallee deemnuu fi dubbannu osoo hintaane yeroo itti waan har’a qabatamaatti jiru baay’ee isaa dhaabannee itti ilaalludha. Jechi dubbannus ta’e gochi goonu akka kana duraa olola nama dhuunfaarrattii osoo hintaanee lubbuu dhalootaarratti akka ta’ee hundi keenya beekuu qabna. -Kana wallaalla taanan dogoggora qofa osoo hintaane seenaa keessattis, fuula rabbii durattis gatiin dhiiga qaroowwanii fi kichuuwwan gaaraa fi lagatti roorroo diddaaf kufaa jiran sanaa cubbuu fi abaarsa nutti ta’uun waan hin oolle. -FURMAATA:As biratti akkuma jedhame furmaanni qaama tokkoon kaa’amu hinjiru. Furmaanni marii Obbolummaa Oromummaa qofa. Furmaanni Marii Abboota qabsoo dhimmichi ilaallatuu qofa. Kunimmoo qeeqaa fi xiinxala deeggartootarraa walitti darbatamuun caalaa; hayyootaa fi hooggantoota qabsoo siyaasa Oromootirraa kallattii kaa’amuun dhufa. -Walumaagalatti dhimmi Obboloota keenya gama qabsoo hidhannootin jiranii kun; qaamota mootummaa birattis ta’ee mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhimma akka salphaatti ilaalamuu hindandeenyedha. Dhimma hiree dhalootati, dhimma lubbuu dhaloota kanaa ta’uun isaa beekamee of eeggannoo fi xiyyeeffannoon waliin waliif hojjachuu; tarkaanfachuun hundaafuu dirqama ta’edha. -Ergaan kun qaamota mootummaa dabalatee hooggantootaa fi hayyoota qabsoo Oromoo bitaa fi mirga, alaa fi keessa, magaalaa fi baadiyyaa jiran, akkasumas ilmaan Oromoo quuqama miidhama saba keenyaatif dhukkubsataa jiraatan maraaf haata’u! Galatoomaa!💌
إظهار الكل...
Odaan hooda!🕊♥️
إظهار الكل...