cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Garee Tajaajila Seeraa Inistitiyuuti Pilaanii Magaalota Oromiyaa

Oromia Urban Planning Institute Legal service Group

إظهار المزيد
فنلندا2 862لم يتم تحديد اللغةالقانون7 123
مشاركات الإعلانات
477
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
+27 أيام
+2130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Amajjii 8, 2016 COM . OUPI. Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota Oromiyaa Raawwii Hojii isaa baatii jaha kan bara 2016 Qooda Fudhattoota Waliin Gamaggamaa Jira. Kaayyoon gamaggamichaa hojiiwwan baatiwwaan jahan darban keessatti inistiitiyuutichaa fi Dameelee isaa afraniin hojjetamaa turan keessatti hanqinootaa fi ciminoota adda baasuu fi kurmaanota itti aananitti ciminoota hojii argaman qabachuun hanqinoota hojii mul’atan maqsuuf ta’uu itti Aanaan Daayirikteera Olanaa fi Qindeessaan Damee qophii pilaanii Magaalota Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa Obbo Shillimaa Abbabaa dubbataniiru Dabalataanis gamaggamichaan hojiiwwan qophii fi pilaanii magaalotaa, akkasumas qophiiwwan pilaanii gidduu galeessa guddina Baadiyyaa, Hordoffii fi kenni deeggarsa teekinikaa pilaani magaalotaa, Qo’annoo fi qorannoo dhimmoota pilaanii magaalotaan wal qabatanii hojjetamaa jiran daraan dabaluun magaalota Oromiyaa fi gidduu galeessota guddina baadiyaa Oromiyaa pilaaniin hooganuu fi jiruu fi jireenya hawaasaaf mijaawaa taasisuuf Inisheetivota garaagaraa Inistiitiyuutichaan hojjetamaa jiran keessatti hanqinootaa fi ciminoota hojii adda baasuuf gamaagamichi kan barbaachise ta’uu obbo shillimaan dubataniiru. Gamaggamicha irratti gabaasnni raawwii hojii baatiiwwan jahan darban dameelee inistiitiyuutichaa afraniin hojjetamaa turan dhiyaatanii kan irratti mar’atamaa jirann yoo ta’u gamaggamichi guyyoottan laman itti aananiif kan gageeffamu ta’uu sagantaa bahe irraa hubatameera
إظهار الكل...
Kabajamtotaa Hoggansaa fi Hojjatootaa IPMO Wajjiraa Olaanaa fi Dammeewwani Hundaaf! Durani dursa baga Ayyanaa Qiilee geessaan jechuun fedha! Ayyaanni kun aadaa fi duudhaa ummataa keenyaa keessaattis tapha qiillee dargaggoonni taphatanii fi sirnotaa adda addattiin kabajame oola. Araarri , dhiifamni , jaalalli , riqicha tokkummaa fi hariiroo waliin jireenyaa ummata keenyaa guyyaa itti cimudha. Kannaf akka IPMOtti ayyanaa kana yoomuu kabajnu duudhaalee gaggaarii qabnu daran cimsinee karaa ijaaramee fi qindaa'een karoora qabane galaman gahuuf shoraa hojjatotaa fi hoggansa sadarkan jiru ta'a! Irra deebi’ee baga ittin isiin ga’e, baga geessaani yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama. Waggotaan darban akka IPMOtti karoora imaala badhadhinaa waggaa 10 qabannee keessaattu raawwiin hojilee taarkaanfilee haarwaa baayinaa fi akkakuun dabala kan itti dhufne fi kana irras milka’inootaa fi muxxannoo irra argachaa kan dhufne dha, Gama birootiin qorannoo fi qo’annoo rakkoo qophii fi raawwii pilaanii  irratti gaggeeffameen galteen hojii irra qindaa’a  kan turame, leenjiin dandettii humna raawwachisuma hoggansaa, oggeessota magaalaa fi IPMO ba'linaan  itti kennamaa kan ture, Magaalotaa pilaanii lafa irra buusuun  modela ta’an adda bahanii  muxxanoo qinda’e magaalota  biroof  babal’cha kan itti ture , Galii keessoo cimsuuf  qajeelfamni kafaltii kennata tajaajilaa magaalotaa qopha’ee hojiiti jijjiruun sasabi galii keessoo kan itti jalqabnnee , Carraa hojii dhaabbii hojii dhabaaf uumuuf qajelfamni heyyama hojii oggummaa pilaanii qopheessuun waldalee IMX 47 kan miseensotaa 235n gurma’an hojii qabatamati galu, oggeesota  qorannoo , qo’anoo fi qophii  pilaaniif  gargaran  jijjiraa keessaa fi alaa gaggeessuun humna  namaa  guttachuuf hojjin hojjatama tureera.  Bara 2016 Keessa rifoormii kenna tajajila ammayyeessuuf rakkooleen ijoo  keessaa fi alaa adda bahanii hojii hojjatama tureen jijjiramni guddan kan itti argame dha Hojii kenna tajajila ammayeessuuf ( digitalization) hojii irra olchuuf mosaajii shan misoomee hojiiti galama kan turame fi keessaattu qabinsa ragaa ammayyeessuun walqabate raga ‘hard copyn  jiru ‘softcopytti  jjjiiruu  fi ragaa soft copy jiru  mosaajii qabinsa ragaaf haala mijaa’uuf qopheessuun danda'ameera. Gama birootiin hojjilee dabalataan gama motuummaan IPMO tti kennaman magalotaa walti makkaman dangaa dangeessuu fi pilaanii kayyoo waltimakkisaa sana dhugomsuu sadarka barbadamen qopheessuun xumuruun , kun immoo beekamti fi fudhatamumaan IPMO motuummaa birati qabu yeroo gara yerootti dabala akka dhufu taasisee jira, Hojiilee akka IPMO wajjira olaanaa fi dameewwanit hojjataman qixaa barbaadamuun beeksisuuf hojiin kominikeeshinii guddan hojjatama turuun  beekamitiin  IPMO  qaama sadarkaa sadarkaan  biratti akka dabalaa  dhufu hojilee ijoo  Waggoottan Darban Keessa hojjatamani fi hojjatama jirani dha. Ayyanaa qiillee bara kana yommuu  kabajnu wanti adda isaa gidhu karoora xiiqqii bara 2016 qabane keessaa kan kurmannaa 2ffaa xumuree yoomuu ta'u , raawwii kana keessatti ciminoota argane daraan cimsinee itti fufsisuu fi muxxanowwan arganne babal’isuun karooraa kurmannawwan laman hafani (kur 3ffaa fi 4ffaa) kaaraa kallaqaan deggaruun, Saafisaan xumuruu, hundaa ol  hojii piirojeektii hunda keessaatti Qulqullinaan  raawwachuun mootoo keenya ta’u qaba. Ayyanni kan milkii, kan injifannoo fi badhaadhinaa nuuf haata’u. Shallamaa Abbabaa I/Aanaa /Daayreektaraa Olaanaa  Inistiitiyuutii Pilanii Magaota Oromiyaa  fi Qindeessaa Damee Qophii Pilaanii. Muddee 28/2016         Finfinnee
إظهار الكل...
👍 2
Hordoftoota Amantaa kiristaanaa chanalii telegiramii keenyaa hundaaf...!! baga Ayyaana Qillee isinii fi Maatiin keessaan nagaan geessan. Ayyaanichi kan nagaa fi kan gammachuu isiniif haa ta'u!
إظهار الكل...
Inistiitiyutichatti Leenjiin  "Idaa Irraa Gara Miindaatti jedhu" Hojjettoota Mootummaaf Kennamaa jira =============== Inistiitiyutii Pilaaniii Magaalota Oromiyaatti Leenjiin mata duree "Idaarraa Gara Miindaatti' jedhu hojjettoota inistiitiyutichaatiif kennamaa jira. Inistiitiyutichatti daayirekteera Olaanaa kan ta'an Obbo Margaa Oliiqaa barbachisummaa leenjichaa yoo ibsan dandeetti raawwachistummaa hojjettoota inistiitiyutichaa cimsuuf ta'u eeruun, hojjettonnis dhimmoota leenjiin irratti kennaman xiyyeeffannoon hordofuun mariin gabbisaa akka deeman kallatti kennanii jiru. Leenjichis mata dureewwan : 1.Qabeenyaa fi Badhaadhina 2.  Seenessaa  fi Seenaa 3.Siivil Sarvaantii ammayyaa'aa fi tajaajiltummaa jedhu irratti guyyoota sadiif kan kennamu ta'a.
إظهار الكل...
👍 1
📎Murtii Mana Murtii waliigala Oromiyaa dhaddacha ijibaataa galmee lakk 437085. 📎Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha ijibbaataa gaafii mirga wabii ilaachisee Adeemsi manni murtii olaanaa fi Manni Murtii Aanaa dhimma yakka shoroorkeessummaa ilaaluuf Aangoo hin qabu jechuun galmee cufuun bu'uura seeraa kan qabuu miti jechuun murtii kenneera. Credit to judge kidane shifara
إظهار الكل...
MurtiiManaMurtiiwaliigalaOromiyaadhaddachaijibaataagalmeelakk_437085.pdf2.11 MB
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.