cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Kitaabota Afaan Oromoo

Dubbisuun nama guutuu taasiisa!!

إظهار المزيد
فنلندا2 869لم يتم تحديد اللغةالكتب
مشاركات الإعلانات
423
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
+67 أيام
+4630 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Yeroon kee daangeeffamee jira; kanaafuu jireenya namni biraa jiraatuun yeroo kee hin  qisaasessin! (Your time is limited, so don’t waste it living someone else’s life)” ─ Steve Jobs “Ani hiyyeessa qarshii argadhuunis kitaaba bitadha; kan irraa hafeen uffataa fi nyaataan bitadha.” ─ Erasmaas “Ati ifa qofa ibsi; dukkanni yeroo isaatti ni bada.” ─ Erasmaas ️“Namni dogoggora hin uumne, waan haaraa uumuu hin danda’u.” ─ Albert Aayinistaayin “Injifannoon guddaan jireenya keessatti gonkumaa kufuu osoo hin taane yeroo kufan  hunda bakka kufanii ka’uu dha.”  ─ Nelson Mandela ️“Yoo wanta ati qabdu ilaalta ta’e yeroo hunda isa caalaa qabaatta; garuu yoo wanta ati  hin qabne ilaalta ta’e isaa gadi qabaatta.” ─ Ooppraah Wiinfreey "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. " — (Thomas Takias) "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!" — (Jecha warra Ingilizii) "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama." — (Wiiliyaam Sheekispir) "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha." — (Maaksim Troobey) "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu." — (William Shekispir) "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru." — (Jecha warra Morookoo) . "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha." — (Jecha warra Arabaa) "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha." — (Jecha warra Chaayinaa) "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!" — (Jecha warra Ingilizii) "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha." — (Jecha warra Aayilaandii) "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti." — (Maataammaa Gaandii) "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha." — (Abrahan Liinkan) "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu." — (Abraham Liinkan) "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna." — (Rey Liiman Wiilber) "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu." — (Maaliif Waaltoo Imarsan) "Maallaqni: √ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu! √  Qoricha malee fayyaa hin bitu! √ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu! √ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu." — (Heenriik Ibsan) https://t.me/KitaabotaAfaanOromoo
إظهار الكل...
Kitaabota Afaan Oromoo

Dubbisuun nama guutuu taasiisa!!

👍 3
☞Nama addaa ta'uun ni danda'ama. _Nama jaalatamaa ta'uu fi nama gatii qabu ta'uun tokko miti. Namoonni hedduun si jaallachuu danda'u Garuu hedduunsaanii gatii siif hin kennan. Kanaaf nama gati qabessa ta'uuf yaali!. _Namni tokko yeroo hunda akka si yaadatuuf hin dirqisiisin! Cali'isii yeroo ati hin jirretti akkamitti akka Inni jiraatu taajjabi/maalali!. _Jireenyi nama ati barbaaddu safartee siif hin kennitu. Garuu nama: si gargaaru, si miidhu, si jaalatu, si gatee deemu akkasumas nama gaarii akka ati nama guddaa taatuuf karaa sii mijeessu siif kenniti. _Wonti si dhibu kamiiyyuu si dhibaa miti. Akka ati obsa horattu si barsiisaa jira malee. _Namoonni si duukaa deemanii kan si hamataniif akka isaan dursitee jirtu sitti garsiisuu fi. _ol jirta yoo ta'eyyuu waan barbaaddu argachuuf dirqama gad jetta waan ta'eef yeroo hundaa oluman jira jettee hin yaadin. _Namni qofaatti si gatee deemu kamiiyyuu si gatee deeme miti. Akka ati of dandeettee luka kee lamaaniin dhaabbattee deemtu si barsiisaa jira malee. _Namni humna sirratti agarsiifatu kamiiyyuu gadi si qabe miti. Humna kee akka ati beektuu fi too'attuuf si barsiisaa jira malee. _Wonti jibbitu kamiiyyuu si jibbisiise miti. Haalduree tokko malee akka ati jaalattuuf si barsiisaa jira malee. _Wonti sodaattu kamiiyyuu si sodaachise miti. Akka sodaa injifattee of duratti sochootuuf si Barsiisaa jira malee. _Wonti too'achuu dadhabde kamiiyyuu sitti ulfaatee jira miti. Akka ati gara waan too'achuu dandeettuutti garagaltu si barsiisaa jira malee. _Haalonni ulfaatoo fi dhiboon jireenya kee keessatti si mudatan si balleessuuf ykn duubatti si hanbisuuf qophaa'an miti. Humnaa fi dandeettii dhokataa waa dandamachuuf si gargaaru kan keessa ketti argamu si hubachiisuuf qophaa'an malee. _Rakkoowwan kee kan si rakkisaniif, kan isaan rakkina sitti ta'an caalaatti Ati rakkina isaanitti ta'uu akka dandeettu si hubachiisuufi. _Jireenyi boqonnaa fi gammachuu qabu jireenya milkaa'inaa ni caala. Sababni isaas milkaa'inni kee namoota birootiin kan madaalamu yoo ta'u gammachuu fi boqonnaan kee garuu lubbuu keetiin, sammuu keetii fi onnee keetiin madaalama. _Wontoonni guguddaa ta'an mijjaa'inaan argamu miti. Qindaa'inaan argamu malee. _Itti gaafatamummaa fudhadhu!. Yoo injifatte gammadaa taata. Yoo injifatamte immoo qaruutee taata. _Osoo namni siif hin jajin wontoota haala sirriitiin hojjachuun ulfaachuu mala. Yeroo kanatti ofumaa keetii waan hojjattu ofiif jaji. Deeggaraan kee nama biraa osoo hin sima mataa kee ta'uu qaba. _Dureessa dhugaa ta'uuf Eenyummeessa (account) baankii kee irratti maallaqa guddaa kuufachuu osoo hin taane wonti murteessaan Eenyummeesa keessa kee jiruudha. _Yeroma hundaa jaalalaa fi milkaa'ina faana hin dhahin!. Ati eenyummaa kaleessaa irra fooyy'aa ta'e qofa ijaari! Kana goonaan jaalalaaf milkaa'inni ati barbaaddu ofiisaaniitii faana si dhahu. _Yaadaan kan nuti dararamnu qabatamaan kan nuti dararamnu caaluun jireenya keessatti guddaa nu miidheera. Kanaaf yaadi malee hin yaaddai'in!. Akka a isinitti tolee fi irraa barattan hin shakku!. Galatoomaa!! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/KitaabotaAfaanOromoo
إظهار الكل...
Kitaabota Afaan Oromoo

Dubbisuun nama guutuu taasiisa!!

👍 1
"Harka namaa ilaalluurra, halkan ka'anii hojjechuu wayya," jedhu Chaayinoonni. Dhuguma, ofii cimanii yoo hojjetan, kan argatanis gundunfachuun dirree hojii biraatti yoo ce'an milkaa'ina. Walitti fufinsaan jabaatanii yoo hojjetan, mallaqa furdaa kuufatu; mallaqni sunimmoo, ..Mana akkamii keessa akka jiraattu murteessa ..Gosa nyaataa akkami akka soorattu murteessa. ..Hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an murteessa. Milkaa'ina ijoollee keef qooda qaba; ....Fayyaa fi umurii keessaallee harka qaba. ...Tarii yoo dhukkubsattes, eessati akka yaalamtu fi dawaa akkami akka fudhattu murteessa. Kanaafuu aadaa hojii cimaa gabbifadhu; Sooromuuf murteessi; Hiyyummaa hadheeffadhuu; Jabaadhuu hojjedhu.
إظهار الكل...
👏 3
𝗔𝗕𝗗𝗜𝗜 | 𝗛𝗢𝗣𝗘 Jireenyα kee keessαtti ABDII dαbαlαtαα αkkαmitti αkkα horαttu tαrkααnfiiwwαn 10n gurguddoo. ❶. 𝗬𝗮𝗮𝗱-𝗿𝗶𝗺𝗲𝗲 𝗮𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗵𝘂𝗯𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 Abdiin hααlα xiinsαmmuu bu’αα gααrii tokkotti αmαnuu fi kαkα’umsα gαrα isααtti hojjechuuf wαlitti fidudhα. Dαndeettii dαndαmαchuu, kαkα'umsαα fi fαyyαα wαliigαlααtif wααn bαrbααchisαα dhα. ❷.𝗔𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗵𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂 Hαwwiin kαn hin hojjenne fi cαrrααqqii kαn hin qαbne tα’us, αbdiin gαruu dαmmαqinααn hirmααchuu fi gαlmα bαrbααdαmu birα gα’uuf kαroorfαchuu of keessαα qαbα. Gαlmα yeroo bααfαttu yααdα qαbαtαmαα fi gochα irrαtti xiyyeeffαte qαbααchuuf cαrrααqqii. ❸.𝗚𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝗳𝗮 𝘁𝗮'𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝘁𝗮'𝗲 𝗸𝗮𝗮'𝘂𝘂 Gαlmi kαllαttii fi xiyyeeffαnnoo kαn kennu yoo tα’u, kunis αbdii guddisuuf murteessααdhα. S.M.A.R.T hundeessu.  (Addα, Sαfαrαmuu dαndα’u, Gαlmα gα’uu dαndα’u, Bαrbααchisαα, Yeroodhααn kαn murtαα’e) gαlmootα tαttααffii kee qαjeelchuuf. ❹.𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂 Abdii yoo ilααlle jijjiirαmα gochuun furtuudhα. Gαlmα kee birα gα’uuf tooftααlee αddα αddαα sαmmuutti qαbαdhuu kαroorα duwwαα qopheessi. Hααlα kαnααn, yeroo gufuun si mudαtu mαdαquuf qophooftα. ➎.𝗢𝗳 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 Dαndeettii kααyyoo kee gαlmααn gα’uu kee αmαnuun qααmα αbdii murteessααdhα. Milkαα’inα dαrbe irrαtti xiyyeeffαchuudhααn, yααdα bαrbααduu fi of-hααsα’uu gαdhee mormuudhααn of-gα’umsα ijααruu. ➏.𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂: Dαndeettii fi sαmmuun hojii cimαα fi of kennuudhααn guddαchuu αkkα dαndα’u αmαntαα fudhαdhu. Yααdni kun qormααtα keessαtti ciminα jαjjαbeessuun αbdii guddisα. ➐.𝗗𝗲𝗲𝗴𝗴𝗮𝗿𝘀𝗮 𝗵𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂: Nαmootα biroo kααyyoo fi gαtii kee qooddαtαn wαliin wαl qunnαmuun sαdαrkαα αbdii kee guddisuu dαndα’α. Dhiibbαα gααriitiin of mαrsi, αkkαsumαs sochiiwwαn wαltα’iinsαα fi wαl-deeggαrsα guddisαn irrαtti bobbα’i. ➑.𝗚𝗮𝗹𝗮𝘁𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 𝘀𝗵𝗮𝗮𝗸𝗮𝗹𝘂𝘂: Jireenyα kee keessαtti wαntootα gααrii taʼαn irrαtti xiyyeeffαchuun kee ilααlchα αbdii gααrii qαbααchuuf gαrgααrα, kunis αbdii guddisuuf bαrbααchisαα dhα. Joornααlii qαbαchuudhααn ykn dinqisiifαnnαα kee wαrrα kααnitti himuudhααn gαlαtα horαdhu. ➒.𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂: Mαlα rαkkoo furuu fudhαchuu fi yααdα ijααrsαα bαrbααduun duubαtti deebi’uu bαrαdhu. Yeroo rαkkisαα keessαtti αbdii eeguuf dαndαmαchuun bαrbααchisαα dhα. ➓.𝗞𝘂𝘁𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝘁𝘂𝗿𝘂𝘂: Abdiin kααyyoo keetif yeroo dheerααf of kennuu gααfαtα. Yeroo hundα guddinα kee gαmααggαmuudhααn, injifαnnoo xixiqqoo kαbαjuudhααn, yeroo bαrbααchisαα tα’etti tooftααlee kee sirreessuudhααn kαkα’umsα kee guddisaa. 👍      ❤         🗨️         ♂️ 𝒍𝒊𝒌𝒆    𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕   𝒄𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕  𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆
إظهار الكل...
👍 2
Hojjechuu • Milkaa'uu • ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Namni hunduu, biizinasii eegaluuf fedhii ni qaba. Garuu baay'een namootaa maalif akka yaadanitti eegaluu fi milkaa'uu hanqatan, kun gaaffii nama hundaati. Ogeeyyonni diinagdee (Economist) hedduun, “yaada biizinasii gaarii yoo qabaatte, maallaqni rakkoo hin qabu” jedhu. Anis yaada kana ittan walii gala. Garuu biizanasii akkamitti eegalla? Maallaqni Eessan dhufa? Kan jedhu gaaffii nama hundaati. Biizinasii eegaluuf; 1. Fedhii qabaadhu:-  Wanti hundi fedhiirraa madda. Fedhiin ati waan tokko gochuuf qabdu milkaa’ina keetif murteessadha. Dhugumaan biizinasii eegaluu barbaaddaa? 2. Kutannoo qabaadhu:-  gara daldalaa yoo seentu qormaanni hedduudha. Bu’aa-bahii baay’etu jira. Keessattuu biizinasichaaf haaraa yoo taate wanti hundi tarii ni ulfaata. Rakkoolee akka qulqullina omishaa (product quality), hidhata gabaa (Market linkage), dorgommii (Competition), baasii (cost of production) fi kanneen biroo hedduun ija baasanii si eegu. Kun akka jiru beektee, kutannoo guutuudhaan gara biizinasii seenuu qabda. 3. Obsa qabaadhu:- Hudhaalee armaan olitti ka’an irra aanuf, obsi (patience) akkaan barbaaachisaadha. Rakkoolee hundaaf furmaata laachaa, nama mariisisaa deemun jala darbuuf yaaludha malee abdii kutachuun hin barbaachisu. 4. Cichoomina qabaadhu:- Cichoominni (perseverance) biizinasiis ta’ee jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa ol’aanaa qaba. Waan fedhii keetin itti amantee eegalte gufuu xiqqoofis ta’ee guddaaf jettee hin dhiisin, itti cichi, hanga dhumaatti deemi! 5.  Filannoo Biraa (plan B) qabaadhu:- Gaafa daldala eegaltu waan tokko qofa irratti hin xiyeeffatin! Wantoota lama yookiin isaa ol akka filannoo biraatti qabadhu! (Business Diversification). Fakkeenyaaf, Yoo mana rifeensa dhiiraa yookiin dubaraa banuu barbaadde, cinaatti dibata garaa garaa, urgooftuwwan (shittoo) banii daldali! Yoo qonna jal’isii qotuu barbaadde, loon furdisuu, lukkuu horsiisuufaa akka filannoo biraatti qabadhu! 6. Galteewwan (Inputs) eenyurraa akka argattu beeki: Daldala keessatti, waa oomishuuf yookiin tajaajila (service) wayii kennuuf madda galteewwanii (Sources of Inputs) keetii haalan beekuu barbaachisa. Galteewwan na fayyadan maal fa’a? hangamtu na gaha? Eenyurraayin argadha? Gaaffilee jedhan deebisuun dirqama. Inni biraa galteewwan kana haala itti gatii salphaan argachuu dandeessu yookiin karaa ofuma keetii ofii dhiyeessuu dandeessu irratti itti yaadi! Fakkeenyaaf, Mana Nyaataa (Hotel) qabda yoo ta’e horii qalmaa gabaa irraa bituu moo sangaa isa xiqqaa bittee erga gabbistee booda qalmaaf dhiyeessuu wayya kan jedhu irratti “Cost-benefit” isaa itti yaaduu barbaachisa. 7. Fedhii fayyadamtootaa (demands) beekuu:- Bu’uurri biizinasii hundaa maammila ofii waan ta’eef fedhii maammilaa addaan baastee beekuu barbaachisa. Wanta hawaasni tokko hin feene yoo eegalte hin ta’u. Fakkeenyaaf Hawaasa alkoolii hin dhugne keessatti mana dhugaatii banuun faayidaa hin qabu. 8. Waan addaa (Unique) ta’e jalqabi: Asirratti baay’ee yaadun barbaachisaadha. Waan addaa yoo jennu waanuma haaraa qofa jechuu miti. Waanuma jiru bifa adda ta’een dhiyeessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, buna jabanaa gurguruu yoo barbaadde, waanuma namoonni biroo kana dura godhan hin godhin! Xiqqoo waa fooyyessii koottu! Qulqullina bunaa, filannoolee garaagaraa kan akka buna aannaniin, shaayii, bunaa fi shaayii walitti (Ispiriisii), aannan duwwaa, nyaata dafee qaqqabu (fast food) kan akka Saambusaa, Chiipsii, qoqarii fi kan kana fakkaatan cinaatti jalqabi! 9. Maamiloota kee yaada gaafadhu (feedback): Yeroo hundaa nama waa sirraa fayyadamee deemu maaltu akka fooyya’uu qabu gaafadhu. Namoonni baay’en fedhii isaanii sitti himuu dhiisuu danda’u, garuu dandeettii fuula isaanii irraa waa hubachuu horachuu danda’uu qabda. Fedhiin maamilaa dugugguruu dugdaa biizinasii keetii waan ta’eef, haaluma kamiinuu fedhii isaanii guutuu qabda. Fedhii waan biraa hin jenne ani! Maddii odeeffannoo fuula leadership jedhu irraa
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
3C Choice • Chance • Change Jireenyi guyyaa guyyaan filannoo nuuf dhiheessiti. Filannoon keenya immoo gara murtiitti nu geessa. Addunyaa kana irratti tarkaanfiin kamuu murtoo irraa eegala. Osoo hin murteessin dura, waan murteessitu sana haalaan hubachuun isa hangafadha. Yeroo ga'aa fudhattee itti yaaduudhaan dhimmicha gadi fageenyaan xinxali! Jireenya kee keessatti murtoon tuffatamu hin jiru. Murtoon xiqqoo hin qabdu. Murtoon dogogoraa xiqqoon gatii hin barbaachifne si baasisuu waan dandeessuuf, murtoon ati tuffattu tokko illee jirachuu hin qabu. Yeroo miirri kee ol ka'ee jiru baay'ee gammaddee yeroo jirtu waadaa kamuu seenuu irraa of qusadhu! Yeroo miirri gadi bu'ee jiru, Yeroo gadditee jirtu immoo murtoo kamuu hin murteessin! Murtoo kamuu murteessuuf miira madaalamaa si gaafata. Namoonni milkaa’inoo yeroo hundumaa gochaa isaaniif itti gaafatamummaa fudhachuun beekamu. Namoota akkan ani yaadu qofatti yoo yaadde ati sirriidha jedhu irraa of eeggannoo godha.
إظهار الكل...
Barreessaan #RoobertKoyaasaakiidha. Dhugaa dhumatti, gaaffii armaan dura ka'aa tureefi kanneen biroof deebii quubsaa qaba. Garaagarummaa hojjetaafi hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa. "Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha. Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani. "Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti. Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha. ●Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Akkuma jara olii kana, gaaffii hedduuf akka deebii argattan hin shakku. Yaadichi mata duree guddaafi dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabu ta'uu eddan hubadhee booda, siniif qooduun filadhe. Via Abdisa Ejeta  kitaaba
إظهار الكل...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
HOW TO BE ALWAYS HAPPY IN LIFE. READ THIS AWESOME LIFE TIPS. . 1. Always remember that there is nobody on this earth that does not have problems. You are not the only one that has problems. . 2. Challenges is part of life. It is only a dead man that has no challenges. . 3. There is no problem that has no solution. There are solutions to the pains you are passing through. . 4. The way you picture yourself in your mind can affect your happiness. Picture yourself as a valuable and beautiful person. Avoid low self esteem and inferiority complex. . 5. Do not mind about what people say about you. Some people are sadists. They can just say somethings just to make you feel sad. . 6. Make friends with reasonable people who make you happy. Do not make friends with people who make jest of you or laugh at you over your challenges. . 7. At your leisure time, keep yourself busy with your favorite hobbies like sports, games, watching movies, surfing the internet, playing computer games, etc. . 8. Do not allow anyone to intimidate you with money and material things. A poor man today can become rich tomorrow. Change is constant. . 9. No matter what you are passing through today, do not give up. As long as there is life, there is hope. . 10. Be very prayerful. Pray without ceasing. Prayer is a catalyst that can speed up your blessings to come to you on time. . 11. Be courageous to go for what you want. Life is all about risk. If you don't take a risk, you will not get the desires of your heart. Never change your originality for the sake of others. Because no one can play your role better than you. You are the best. So be yourself... HAVE A NICE LIFE.
إظهار الكل...
👍 1
Yaadni keessoo keetitti dhokatee si wajji jiraatu suni, yookaa sagalee keetiin,yookaa jechoota keetiin,yoo hin taane immoo,fuula kee irraan bahee si doorsisaa beeki,yaada kee ukkaamsitee osoo deemtuun,eddoo hin taanetti si harkaa dhoohee si gubuu malaa,yaada kee ol baastee dubbachuu baradhu. ila Ati eenyuufuu heeyyama kennituuf malee,eenyuu si jeequu,eenyuu si qeequu,si miidhuu,si tuffachuu,si hamachuu,si komachuu,si hatuu,si basaasuufi maqaa si balleessuu hin dandahuu laali,ufii hulaa mana keetii bantee,yaada sammuu keetii itti himtee,fedha lubbuu keetii daangaa malee itti argisiistee jennaan,cubbuun sirratti dalagamaa xiinxalli. Namana Dhiisi,hin dandeettu,siin hin malu,nama hin amanin, gadi taa’i,godhuu hin qabdu,rakkotti galata,nagaa miti,hin taane,umriin kee deeme,hinjifachuun kee hedduu dhibaadha,bu’aa hin qabdu nama siin jedhu arginaan,inni sun,moohamaa namaatii,kufaa namaa jalaa,kottoonfadhuu dheessi,ufii kifee,sillee kuffisuuf deemaa argi,manatti si duuka galuu malaa jalaa gorii baqadhu. Hey Fardi ufiin uf sakaale,gulufee moohuu hin dandahuu, ufii uf sakaaltee,nama kufaatii keetiif sababa gootu barbaacha naannawaa hin oolinii,balbala manaafi onnee teetii cufadhuu hojjadhuu,ufitti amanii,nama tahii gadi bahi.
إظهار الكل...
👍 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.