cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Singer Megertu Official

Channel kanaan barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa hafuuraa akkasumas ergaalee gama hafuuraatti nama jajjabeessan guyyaa guyyaadhaan ni argattu! Yaadaf: @YaadafiGaaffii_bot

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
7 575
المشتركون
+824 ساعات
+2307 أيام
+1 12130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

JIREENYA BARABARAA “Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.”   — 1Yoh. 2:25 ➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️✝️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️ Dubbistee hiriyoota keef akka #share gootu shakkii sirraa hin qabu. Abdiin kiritaanotaa inni jalqabaa fi inni dhumaa,qabeenya qaalii argachuu fi biyya irraa gara biyya biraatti labuu otoo hin taane #jireenya_barbaraa_qabaachuu dha. Hubadhaa: Jireenyi barabaraa pheenxee(protestant) ta'u dhaan argamaa lakki,ortoodoksii ta'uudhaan argamaa lakki,Musiliima ta'uu dhaan argamaa lakki,waaqeffataa ta'uu argama lakki mana amantaa kam hordofuun jireenya barabaraa namaaf hin laatamu. Akkamitti jireenya barabaraa qabaaturee? Kunoo dubbisii... 👉👇 “Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”   — 1Yoh. 5:12 “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.”   — Yoh. 3:36 “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana;# jireenyi_bara_baraa kunis #ilma_isaa_keessatti_argama.”   — 1Yoh. 5:11 Obboloota mana amantaa keessa deddeebi'un jireenya barabaraa namaaf hin laatu;jirreenyi bara baraa waan pheenxee ykn kiristaanaa taateef siif kenama miti kiristoositti amanun itti yoo jiraatte qofa dha. Of gowwomsuun hin ta'u,dhalootni kun dhaga'uu duwwaan of gowwomsuu qabdan caqasa wangeelaa baay'ee sammuu keessaa waan qabduuf akkasumas,macaafa qulqulluu dubbisuu waan dandeessuuf jireenyi barabaraa argama miti,jireenyi barabaraa kiristoositti amanuu fi itti jiraachu keessan argama. Dhaga'uu duwwaan,lallabuu,barsiisuu,deddeebi'u duwwaa,faarfachuu duwwaan,dhuga bahuu duwwaan of hin gowwomsiinaa. “Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa!”   — Yaq. 1:22 “Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.”   — Yaq. 2:17 Singer Megertu Official @Kakuu_Studio
إظهار الكل...
👍 9 3🥰 1
Waaqayyoon Ofirratti Moosisuu. Waaqayyoon ofiratti moosisuu jechuun amala Waaqayyo nurraa barbaadu hundumaa hojjechuudh. Waaqayyoon ofirratti moosisuun , Waaqayyoof qofa amanamuudha. Waaqayyoof hin amanamtu yoota’e Waaqayyo siif hin amanamu. Yeroo baay'ee iccitiin Waaqayyoon ofirratti moosisuu dadhabuu inni guddaan; lafa Waaqayyo si kaa’e irratti amanamummaa dhabuudha. Mootichi Saa’ol waan Waaqayyo isa abboome hunda amanamummaadhaan raawwachuu waan hin dandeenyeef Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotatti isa kenne. 1Sen 10:13.
1Sen. 10 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹³ Saa'ol Waaqayyoof amanamuu waan dideef in du'e; inni eker-dubbiftuu barbaadee gaafatate malee, dubbii Waaqayyoof hin abboomamne. ¹⁴ Inni Waaqayyoon gaafatachuu hin barbaanne; kanaaf Waaqayyo isa ajjeesee, mootummaa isaa Daawit ilma Iseyitti in dabarse.
Argitee? asirratti waan hubachuu qabnu inni guddaan , sababa Waaqayyoon ofirratti hin moosifneef Waaqayyoof amanamuu hin dandeenyu. Jireenya Saa’ol mooticha irraa waan hedduu hubanna.  1ffaan Eker-dubbiftuu bira dhaquudhaan Waaqayyo irraa amanamummaa dhabe. 1Sen 10:13 irratti akkuma arginu jechuudha.  2ffaan Hojii Waaqayyo isaaf hin laanne hojjechuudhaan. 1sam 13:12-14. 3ffaan utuu danda'u Waan abboomame  raawachuu dhiisuudhaan.
1Sam. 15 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹¹ "Saa'ol na duukaa bu'uu dhiisee deebi'eera; inni akka dubbii kootiitti waan hin raawwatiniif, isa moosisuu kootiif nan gadda" jedhe; Saamu'elis dubbii dhaga'e kanaaf gaddee, halkan sana guutuu gara Waaqayyootti in iyye.  …   ¹⁸ Inni, 'Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana raawwadhuu balleessi! Hamma isaan dhumanittis isaan waraani!' jedhee si erge. ¹⁹ Egaa maaliif dubbii Waaqayyoo dhaga'uu diddee, boojuu irratti lafa dhooftee, Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjette ree?" jedhe.  …   ²² Saamu'el immoo, "Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya; ²³ abboomamuu diduun cubbuu hooda sobaa ti; xiiqeffachuunis jal'ina akka Waaqayyo tolfamaa waaqeffachuu ti; sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera"
jedheen. Waaqayyoon ifirratti moosisuuf wantoota armaan olitti ilaalaa turre irraa bilisa ta’uu qabna. Itti dabalee Waaqayyoon ofirratti moosisuuf maal gochuu qabna ? 1. Lafa Waaqayyo nu fide beekuu. Far 124:1-8 2. Waan waaqayyo hin jaallanne irraa adda bahuu. Izr 10:1-12 akkasumas 2Qor 6:14-17.
2Qor. 6 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁴ Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? ¹⁵ Kristosii fi Seexanni² attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree? ¹⁶ Manni qulqullimmaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana qulullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii, "Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebi'a;  ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u" jedheera. ¹⁷ Iddoo biraattis immoo, "Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas;wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa!
Bara keenya kanatti amala tokkotu jira. Amala sana hamma ofkeessaa baafnutti hinfayyinu. Sababiinsaa Waaqayyo jala utuu jirruu ; A) waaqolii tolfamoo waaqessuu, Fakkeenyaaf qabeenya barabaraan nama hin oolchine barbaacha Jawwee sooruu fi itti sagaduu, beekaa yookaan Eker-dubbiftuu(Xibaartota) bira dhaquu jechuudha.  B) Namoota hin amannetti hidhachuu. Tajaajilaa taanee utuu jirruu warra hin amannetti hidhachuu. Warra hin amanne wajjiin walfuudhuu fi heerumuu, wantoonni kuniyyuu Waaqayyoon hingammachiisan. Bara lubicha Izraa waan akkasii kun ta'ee ture. Izr 10:1-13.   Yeroo sanattis Waaqayyo akka adda bahaniif karaa lubicha Izraa Israa'elota abboomee ture. Nutillee waan baay'ee irraa adda bahuutu nuuf mala. Waaqayyoon ofirratti moosisuu kan dandeenyu gabaabumatti : 1. Waaqayyoof abboomamu. 2. Waaqayyoof amanamuu. 3. Waaqayyoof adda bahuu dha. Waaqayyo nu haagargaaru  🙏❤️ Ameen Singers Megertu Official
إظهار الكل...
6💯 5👍 3💔 2
Kan akka mana Qulqullummaa dhaquu nama gammachiisu hinjiru! Utuu beekte! Far. 122 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ "Gara mana Waaqayyoo dhaqna!" yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade. ² Ammas miilli keenya, balbaloota kellaa kee keessa in dhaabata, yaa Yerusaalem! ✍Kellaa yerusaalem keessa maaltu Jira? Yoo jette. Dubbii waaqayyootu keessa Jira. Daandii Kan namatti argisiisutu Jira. Isa 2:3b ³ Yaa Yerusaalem, ishee mandaraaf akka ta'utti ijaaramtee, ishee tokkummaadhaan walitti hidhamtee! ⁴ Achitti gosoonni ol in ba'u; gosoota Waaqayyoo ta'anii, Israa'eliif akkuma abboomametti, maqaa Waaqayyoof galata in galchu. ✍ Ijoolleen (gosoonni) Israa'el waggaatti si'a sadii waaqayyoof Galata akka galchan waaqayyo isaan abboomee ture. K.deebii 16:16 irratti. Gaafa dhi'aatanis kennaa jaalalaa isaaniitiin akka ta'u. ⁵ Achitti teessoowwan firdii, teessoowwan mana Daawit dhaabamaniiru. ⁶ Nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa! Warri si jaallatan itti tolee gabiitti haa jiraatan! ⁷ Nagaan masaraa kee keessa, gabiinis mana mootummaa kee keessa haa jiraatu! ⁸ Sababii obboloota koo fi hiriyoota koof, "Nagaan si keessa haa jiraatu!" nan jedha. ⁹ Sababii mana Waaqayyoo gooftaa keenyaaf, wanta gaarii argachuu kee nan barbaada! " jedha Daawit faarsaa isaatiin. 📱📲 share 👍 Like ✍️ Comment ❤️Join Singer Megertu Official @Kakuu_Studio
إظهار الكل...
👍 13🎉 3
Ogummaan jiraachuu. Ogummaan jiraachuu jechuun gorsa dhaga'anii, hojii gaarii hojjechuudha. Hojii bizinesii keessattilee ni hojjetta.  Nama balleessuuf yaaduu , hawwuu, gowwumsuuf jiraachuu irraa nama eega. Hojiin gaarii guyyaa rakkinaa nama oolcha.  Ogummaan jiraachuun Waaqayyoo wajjiin hariiroo gaarii nama qabaachisa.  Ogummaan jiraachuun gaarii gochuu nama barsiisa. Sababiinsaa ogummaa kan namaa kennu Waaqayyo dha waan ta'eef. Macaafni qulqulluun akkas jedha.  “Waaqayyo karaa ogummaatti geessu in hubata, iddoo isaas isuma duwwaatu beeka.”   — Iyo. 28:23 Akkasuma ogummaan kan kennamu hubannaanis harkumasaa irraati.  “Ogummaa Waaqayyotu kenna, beekumsii fi hubannaan dubbii afaan isaa keessaa ba'uun in argama;”   — Fak. 2:6 Walumaa galatti  ogummaan jiraachuun sodaa waaqayyyoo nama barsiisa.  “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.”   — Far. 111:10 Akkamitti Ogummaadhaan jiraatama? 1. Kadhannaa:- Akkuma Luq 11:10 irratti " kan kadhatu in fudha , kan barbaadus in argata" jedhu. Ogummaan jiraachuudhaaf waaqayyoon kadhachuun murteessaa dha. Maalif jennaan kadhannaan furtuu waan hundumaati waan ta'eef. Solomoon mootichi hubannaa fi ogummaa gaafa Waaqayyoon kadhate, Waaqayyo immoo itti gammade.  “Solomoon mootichi kana kadhachuun isaa Waaqayyoon in gammachiise.”   — 1Mot. 3:10 1Mot. 3 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹¹ Waaqayyo kana irratti Solomoon mootichaan, "Ati ofii keetii bara dheeraa jiraachuu, sooromuu, diinota kee fixuuf utuu hin ta'in, saba qajeeltootti bulchuuf, firdii qajeelaas kennuu fi ogummaa waan ana kadhatteef, ¹² kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si'achi argachuu hin. dandeenye siif nan kenna. ¹³ Akkasuma immoo wanta ati, 'Anaaf kenni!' jettee ana hin kadhatin ulfinaa fi badhaadhummaa dabalee siif nan kenna; mootota bara kee keessa jiraatan hundumaa keessaa kan siin qixxaatu hin argamu. ¹⁴ Abbaan kee Daawit akkuma godhe, atis akka jaalala kootti yoo jiraatte, seerrata koo fi abboommii koo yoo eegde, bara dheeraa akka ati jiraattu nan godha" jedhe.  Namni hubataan ykn ogeessi guyyaa rakkinaatti Waaqayyoon kadhata malee gara namaa hin ilaalu.  “Guyyaa rakkinaatti na waammadhu, ani isa keessaa butee sin baasa, ati immoo ulfina anaaf in laatta" in jedha.”   — Far. 50:15. 2. Yaada ofii qajeelchuu fi geddarachuu:- yaada ofii qajeelummaatti eeggachuun ogummaa nama barsiisa. “inni nama yaadni isaa qajeelaaf ogummaa in kenna, warra balleessaa hin qabneefis gaachana;”  📖 Fak. 2:7.   Dinqii fi jaalala Waaqayyoo arguudhaaf yaada ofii geddarachuun baay'ee barbaachisaa dha. Rom 12:2  akkasumas               Efe. 4 📖 ²³ Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa! ²⁴ Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa! 3. Arraba ofii hamaa dubbachuurraa eeguu:- Dubbiin gowwummaatiin dubbatan nama akka miidhu ykn du'aaf akka nama saaxilu macaafni qulqulluun in dubbata. “Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba'u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.”   — Lal. 10:12 “gowwaa arraba isaatu isa balleessa, wanta afaan isaa dubbateenis in qabama.”    — Fak. 18:7 Kanaafuu arraba ofii hamaa dubbachuuttii ofeeggachuun baay'ee barbaachisaa dha. Arraba ofii hamaa dubbachuuttii eeguun ogummaa guddaa dha.  Far. 34 ¹³ Yoos arraba kee hamaattii, afaan kees sossoba dubbachuuttii eegi! ¹⁴ Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu'i! Walumaa galatti "ogummaa"  fi "ogummaan" kan jedhu walitti dabalamanii Macaafa Qulquluu keenya irratti yeroo 233 caafamaniiru.  ogummaan jiraachuuf.  Waaqayyoon kadhadhu ! yaada qajeelaa qabaadhu ! Arraba kee hamaa dubbachuuttii eegi ! Waaqayyo jireenya kee haa eegu, Gara qajeelummaa beekuutti si haafidu, sodaa isaa keessatti si ha guddisu, hubannaa fi ogummaa siif haa keennu.  Mata duree kan biraatiin hanga walitti deebinutti nagaa waaqayyoon naaf turi !  @Ogummaadhaan_Jiraachuu Singer Megertu Official
إظهار الكل...
👍 10🏆 6🙏 3 2
Daily Devotional 15 | Spiritual Growth ╭═══▪▪▪▪═══╮        Faarfannaa 27:1 ╰═══▪▪▪▪═══╯ 💐 Ifa, Fayyina, Dawoo 📖 “Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree? Waaqayyo da'oo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree?” — Far. 27:1 ብርሃን፣ መድኃኒት፣ መታመኛ ======= 📖 “እግዚአብሔር ብርሃኔና መድኃኒቴ ነው፤ የሚያስፈራኝ ማን ነው? እግዚአብሔር የሕይወቴ መታመኛዋ ነው፤ የሚያስደነግጠኝ ማን ነው?”          — መዝሙር 27፥1 ❍ Dandeettiin Daawit jechoota qulqullinaan ifa godhee barreessuu irratti qabu na ajaa'ibsiisa. Yaadota baay’ee mimmiidhagoo fi ibsituu ta’aniin yaada isaa kaa’uu danda’a. Kutaa kana keessatti gocha Waaqayyoo akka armaan gadiitti ibsa: "Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree? Waaqayyo da'oo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree?" (Far. 27:1) Mee jireenya keenya har'aatiif kutaa kana irraa yaada sadii haa fudhannu. #Tokkoffaa, Ifa Daawit Waaqayyoon "ifa koo" jedhee waama. Akkuma ifni xiqqaan dukkana ibsuu danda'u, dukkanni jireenya keenya keessa jiru ifa Waaqayyootiin badu. Tarii dukkanni jireenya keenya keessa dhokate jaalala dhabuu, jibbuu, cubbuutti maxxanuu, aarii, fi kan kana fakkaatan ta’uu danda’a. Garuu dukkanni nutti ulfaataa fakkaatu kun Waaqayyo isa ifaan guutame duratti yommuu dhufan humna dhabu. Inni ifa waan taʼeef. “Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti, Waaqayyo koo dukkana koo in ibsa.” (2 Saamu’eel 22:29) akka barreeffameetti. #Lammaffaa, Fayyina Waaqayyo ifa keenya qofa osoo hin taane dhukkuba keenya hunda irraa nu fayyisa, inni fayyina keenya. Tarii waa’ee dhukkuba keenya namootatti himuu sodaannee ta’a. Iccitii koo naaf hin eegu jennee sodaachuu dandeenya. Waaqayyo Waaqa amanamaa yoo isa amante amanamuu danda'uudha. Waan namootatti himuun nutti ulfaatu hunda qabannee fuuldura isaa haa dhufnu. Dhukkuba foonii fi hafuuraa kamittillee fayyisuu itti beeka. #Sadaffaa, Dawoo Waaqayyo ifa dukkana keenya ibsuu, fi qoricha dhukkuba keenya hunda fayyisu qofa osoo hin taane, Waaqa dawoo gaarii ta'edha. Jireenyi keenya harka isaa waan jiruuf, waan boru ta'utti gonkumaa hin sodaannu. Kanaaf Waaqayyoo isa amanamaa ta'eef amanamoo haa taanu. "Garuu namni ana Waaqayyoon amanatu, ana duwwaattis kan of kennu, haa gammadu! Namni akkasii akka muka yaa'aa bishaanii qarqara dhaabamee, hidda isaa gara bishaaniitti yaafatuu ti; mukichi ho'i yommuu dhufu hin sodaatu, yeroo hundaa in lalisa, caamsaan isa hin yaaddessu, yeroo yeroottis ija in godhata." (Erm. 17:7-8) 🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo ati ifa koo, fayyina koo fi dawoo koo waan taateef sin galateeffadha. Yeroo hundumaa akkan siif amanamaa ta'uuf ayyaana keetiin na gargaari. Ameen 🙏 Soorata Lubbuu ~ MQ Daily Devotional: @Getu_Official "Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa!"   "Daily Spiritual Feeding" 👇💐👇💐👇💐👇💐👇💐 @Singer_Megertu_Official     @Kakuu_Studio
إظهار الكل...
🥰 13👍 4 3🙏 2👏 1
Photo unavailable
🥰💯 Jaalala qulqulluu waliif ibsuuf namoonni jechoota itti gargaaramuu qaban 1000 dubbisaa ,... See More 👇👇 👉 See More 👈    👉 See More 👈
إظهار الكل...
Daily Devotional 14 | Spiritual Growth ╭═══▪▪▪▪═══╮        Faarfannaa 26:8 ╰═══▪▪▪▪═══╯ 💐 Nan Jaaladha 📖 "Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee buufatus ani nan jaalladha.” — Far. 26:8 ❍ "Yaa Waaqayyo si hin jaalladhu, si jaallachuus hin barbaadu, garuu si jaallachuuf fedhii akkan qabaadhu nan barbaada." jedhee dhiheenya kana waa'ee kadhannaa namni tokko kadhate dubbiseera. Yeroon yaadicha bilchinaan irra deddeebi'ee yaadu, jaalalli Waaqayyoo hammam humna akka qabuu fi kan hawwatamu akka ta'e caalaatti hubadheera. Daawit bakki argama Waaqayyoo baayʼee jaallatamaa fi hawwatamaa akka taʼe hubatee iddoo sana ni jaallate. "Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee buufatus ani nan jaalladha.” (Far. 26:8) Bakka qulqulluu inni jiru dhaquun nama nuffisiisa osoo hin taane, gammachuu namaaf kenna. Daawit kutaa biraa keessatti mana Waaqayyoo kana iddoo gammachuu koo jedhee waama. "Gara mana Waaqayyoo dhaqna!" yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade." (Far. 122:1) Diinni nuffii malee yeroo hundumaa hojjeta, miilli keenya bakka Waaqayyo itti hin argamne akka dhaquuf hawwa. "Yoo as deemtan gammachuutu jira, yoo achi deemtan kolfatu jira" jedhee nutti hasaasa. Garuu dhugaan jiru guutummaatti adda. Bakki seexanni itti nama gaggeessu gaddaa fi du’a dha. ❍ Bakka Waaqayyo jirutti garuu jireenyatu argama. Nagaa hin boorofnetu jira. Kanaafuu iddoo kana caalaa bakki jaalatamuu qabu hin jiru. Jiraaree? gonkumaa hin jiru! Dhugaa kana yommuu hubannu, akka Daawit: "Gooftaa, iddoo mana kee fi iddoo ulfina kee nan jaaladha" jennee labsina. (Far. 26:8) 🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo, argamuu keetiin na eebbisi. Kun kadhannaa kooti. Ameen. 🙏 Soorata Lubbuu ~ MQ Daily Devotional: @Getu_Official "Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa!"   "Daily Spiritual Feeding" 👇💐👇💐👇💐👇💐👇💐 @Singer_Megertu_Official     @Kakuu_Studio
إظهار الكل...
🥰 6 4
Gammachuu dhugaan duubaa gara keessatti miti, garuu keessaa gara duubati male l, yoo kana ta'e gammachuun Kee haalaan si jalaa hin daanga'u, keessa keetti Madde waan ta'ef haalli Kam iyyuu yoo dhufe wa iyyuu siti hin fakkaatu. Gammachuun dhugaan Kan argamu yoo yooftaa yesuus itti gammadanidha. Gammachuu dhugaan bu'aa argachuu miti jireenyadha. Rakkoon yoo barbaade ni dhufa yoo barbaade ni hafa kanaafuu waan Kam iyyuu yoo ta'e yeroo hundumaa gooftaati gammaduun gammachuu dhugaadha. “Fakkeessuudhaanis haa ta'u, dhugaadhaanis haa ta'u, akkuma fedhe ta'ee, karaa fedhe iyyuu Kristos haa lallabamu duwwaa! Ani kanatti nan gammada; si'achis itti nan gammada.” — Filp. 1:18 እውነተኛ ደስታ ወደ ውስጥ አይመለስም ፣ ግን ከውስጥ ወደ ኋላ l ፣ ይህ ከሆነ ደስታዎ በሁኔታዎች የተገደበ አይደለም ፣ ከውስጣችሁ የተገኘ ነው እና ምንም አይነት ሁኔታ ቢፈጠር ምንም አያስቡም። እውነተኛ ደስታ የሚገኘው ጌታ ኢየሱስ ሲደሰትበት ነው። እውነተኛ ደስታ ትርፍ ሳይሆን ሕይወት ነው። ችግሮች ቢፈልጉ ይመጣሉ እናም ከፈለጉ ይቆያሉ ስለዚህ ምንም ነገር ቢፈጠር ሁል ጊዜ በጌታ መደሰት እውነተኛ ደስታ ነው። “በማመካኘት ቢሆን ወይም በእውነት ክርስቶስ በሁሉ መንገድ ይሰበካል። በዚህ ደስ ይለኛል; እኔም በእርሱ ደስ ይለኛል” አለ። —ፊልጵ. 1:18 Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa         SHARE AND JOIN       Singer_Megertu_Official
إظهار الكل...
💯 6🥰 5
Photo unavailable
Mallattoolee jaalala dhugaa 8 💝 Hiriyaan koo na jaalachuu fi jaalachuu dhabuu isaa adda baafachuun dadhabe kan jedhan jiru. Isaaniif deebii akka ta'uuf barruu gabaabaa kana qopheesseera. Jaalalli dhugaa mallattoolee armaan gadii kanneen agarsiisa. Isaanis: ... See More👇🏾👇🏾👌❤ 👉 See More 👉 See More
إظهار الكل...
👍 1
Photo unavailable
إظهار الكل...
🥰 7👍 3
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.