cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Sagalee Fayyinaa(MARPE)

▶️Kaayyoon Chaanaalii Keenyaa 👉Karaa Sagalee waaqayyoo 👉Karaa Faarsaa 👉Karaa Walaloo 👉Karaa fakkeenyota gara garaa sagalee kristoostti wal jabeessudha. ▶️Kanaaf Chaanaalii keenya https://t.me/Sagaleefayyinaa share nuuf godhaa! ▶️Yaadaaf 👉@Marpeeee_bo

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
6 492
المشتركون
+524 ساعات
+147 أيام
-1530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Kaleessa na gargaartee Kan borimmoo situ beekaa Yaaddoo tokko hin qabu Jireenyi koo si harka . Maal ta'inna waa'een koo Jedhee shakkii hin qabu Kaasuu harka keerran jira Jabeessee anaan kan qabi🙏
إظهار الكل...
👍 9👏 3
“Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.” — 1Yoh. 1:9
إظهار الكل...
13
ErGaa Ganamaa! 👉Isa. 40 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ² Garaa saba Yerusaalem kan rukutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyo keessaa adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef, itti himaa!" jedha. ³ Sagaleen nama lafa onaa keessaa lallabu tokkoo, "Waaqayyoof karaa tolchaatii haraa, lafa duwwaa keessattis karaa gooftaan keenya irra adeemu qajeelchaa! … ¹¹ inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.
إظهار الكل...
👍 9 2
Abiy Yadeta - Yesuus 2024 @weedduu 🔜 @weedduunation 🌐
إظهار الكل...
👍 1
#of_eeggannoon_dubbisaa! Dubbartiin tokko Bineensa mana keessatti guddifattu tokko qabdi turte.Bineensi kun m2 fi walakkaa dheerata.Guyyoota muraasa booda bineensi kun nyaata nyaachuu dide.Dubartiin kun yaaddoftee nyaata akka nyaatuuf nyaatota filatamoo gosa adda addaa dhiyeessiteef,garuu nyaachuu ni dide. Furmaata yoon argadheef jettee,gara Doktora bineensootaa bira fuutee deemte. Doktoriin kun gaaffii tokko tokko gaafachuunii jalqabe.Akkas jechuun gaafate; "Bineensi kun haala kamiin ciisa?" jedheeni,isheenis jalqaba irratti gaafan irribaa ka'uu bukkee/cina ko ciisaa ture,guyyaa itti aanu immoo guutummaa guututti dhaqna koo irra diriiree isaa rafuun arge.Guyyaa biraa immoo utuu inni naannoo mataa kootii diriiree ciisuun arge"jettee tokko tokkoon waan ta'e hunda isaa itti himte. Doktorichiis ajaa'ibsiifannaan erga dhaggeeffateen booda,akka isheen rakkoo keessa seenaa jirtuu fi akka isheen bineensa kana dhaabbata warra bineensa kunuunsanitti dabarsitee bineensicha kennituuf gorseen. "Bineensi kun nyaata nyaachuu kan dhaabeef garaa isaa keessatti bakki bal'aan(Free space)akka hafuuf yaadeeti.kan inni immoo kallattii addaa addaan si bira ciisaa ture akkamittiin akka si liqimsu beekuuf jedhee hanga kee safaraa ture"jedheen. @ Dhaamsan isiniif qabu 👉Gochi jaalala fakkeessuun namoonni sirratti raawwatan hunduu jaalala ta'uu dhiisuu danda'u.Jaalalli hundi jaalala miti.Hariiroon hundis hariiroo gaarii miti. Tokko tokko hiriyaa gaarii of fakkeessee sitti siqatee si miidhuuf roga hanqina keetii qorata. Tokko tokko immoo hiriyaa gaarii fakkaatee sitti siqatee iccitii kee guuruun rakkoo keessa si buusuuf si basaasa. Diinni kee si miidhuuf fira fakkaatee sitti siqachuu danda'a.Yeeyyi gogaa Hoolaa uffattee Hoolaa nyaattu akka jechuuti. Kanaafuu hariiroo eenyuunuu waliin qabaattu keessatti wantoota hunda abshaalummaa fi ogummaan xinxaltee hubachaa deemuu qabadhu!! @Sagaleefayyinaa
إظهار الكل...
👍 5
“Ani lubbuu koo urursee cal jechisiiseera; akkuma mucaan erga harma gu'ee iyyuu haadha isaa yommuu argatu calluma jedhu, lubbuun koos isa argattetti calluma in jetti.” — Far. 131:2
إظهار الكل...
8🥰 2
“Yesus, "Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna.” — Yoh. 10:11 Jaalala Dhugaa🙏
إظهار الكل...
9
FANNOO IRRATTI! Dirrakee urate keessaan Coccobuu dhiigakee ilaalee Wargama keettan gatee Sossodaachaa deemuu kalee Gollikoo seenaa hin beeku Seenaa golgootaa malee Eyyee.. Yeessoon golgoota oole Golgaa golaa godhee galee Kanaaf jechi nan geenye Uffee... yoon jedhe malee Yeessoo!!!.. Utuu si dhukkubuu Obsitee rukkuttaa gaafichaa Cobdee dafqa xuruurte Dirqama waamichaa Tulluuti hollachaa ijaarte Olfageenyi gaarichaa Gindiiti gangalchite Ulfaatinni jirmichaa Waaqaaf lafa gidduudhaa Xumuruunkee dhimmicha Utuu si ta'uu baatee Maaltu mo'aa lolicha! Ulfaadhu tokkichakoo Ati dhuguma mooticha   TOKKICHA KOO.... Gaarummaa keen daddarbaakoo Qajeelummaatti jijjiirtee Afaan du'aarraa na buufte Alaanfataasaa miccirtee Barbaraan akkan jiraadhuuf Seerrata dachee jijjiirtee Naaf baattee godaannisa Dirmammooftee dhiiga roobdee Harka garaa laafu dhabdee Bakkakoo boossee gadooddee Akkamittan dagadha oolmaakee Tulluu lafee mataa kaleessaa Siidaa dhugaa ijaarrattee Jiraatta malee na keessa Hireekoo hiraarfamtee Daddarbamaa orma tarree Tokkicha naaf of wareege Fakkaataa keen agarre Abba keetti gaafa iyyattu Nuffitee alangaa reebichaa Qoonqoo kee gogaarratti Si unachiisan eebicha Anaaf taate kana mara Na oolchuuf dararamte Daddarbamaa tulluu golgootaa Bitaaf mirgaan kabalamtee Sababbii kee lubbuun kan koo Tolootatti dabalamte Oolmaakee maal siif laadheen Dadhabbii kee ofirraa baasaa?! Qumbii galatakoo buqqiseen Kuusaa ililleekoo Jilbakeetti dhagalaasaa. TOKKICHA KOO....🙏🙏 @Sagaleefayyinaa
إظهار الكل...
6🥰 2👍 1
“Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa!” — Mat. 28:6
إظهار الكل...
7
👉Yesus Nuuf du'eetu malee, ajjeesanii miti.
إظهار الكل...
13