ar
Feedback
Mindset Study

Mindset Study

الذهاب إلى القناة على Telegram

إظهار المزيد
3 480
المشتركون
-224 ساعات
-337 أيام
-13930 أيام
أرشيف المشاركات
Gaafa firri awwaalanii Laadiikoo natti cufan Yeroo Nakiriif Munkar Didichaa natti dhufan Miliqee jalaa bahuuf Anoo hin qabuu tooftaa Akkaman ta’a laata? Sodaadheera yaa Gooftaa Fuuldurakee dhaabbachuuf Anoo hin qabuu galaa Eessa Abbaakoon lixaree? Fitnaa qabirii jalaa Badiinkoo adada dhabee Homaa na dhorkatee sabrii Yoon yaadu na yaaddessa Gaaffiin su’aala qabrii Akka jiruu zalaalamaa Biyya lafaatiin hatamee Jiruu har’aatoo nu joorsaa Kan aakiraa dagatamee Lafa dhi’ee nuuf bari'uun Gochaaf jechi keenya shiraa Anaan baayyee na yaaddessa Isin hin yaaddeessuu firaa? Akka waan duuti hin jirree Wal hamanna, wal jibbina Guddina walii gaddinee Kufaatii walii sirbina, Akka waan kanirraa citee Umriin nu’iif ida’amuu Jireenyarraa wal gaggeessuuf Kunoo waliif hin ta'amu Guddummaa Rabbii morminee Aangoo Rahmaan baafnee birkii Maasiyaa dhiifama-n qabne Katabataa oolla shirkii Rizqii harka Rabbii jiruuf Mooraan jiruu wal sallabna Har'a bullee quban qabnu Sheeyxaana hiinee qallabna Gola cubbuu sagal lixna Dabalachuuf horii keenya Gammachuu har’aan dagamnee Daganneerra borii keenya Kalaamakee tarkaanfatee Namuu dhoksee jala diba Of nu yaadachiisi malee Waa’een keenya nama dhiba! Barreessaan Riyaad Raayyaa. @GAADDISA_SABAA2|JOIN GODHAA