cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
358
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Yeroon ani daa'imaa midhaan sassaabamee gumbiitti yeroo naqamee qadaadamuun gahu obboleessa koo tokko wajjin gumbii seennee midhaan gad qaqqabuu irratti wal lolla turre. Ana malee waanan jedhee boo'uuf inni dabaree naaf dhiisee guyyaa biraatti dabarfata. Anis gootaraa seenuuf qoqophaa'uuttin ka'e. Osoo gootaraa kana inseeniin ammoo midhaan kuntaala afuris ta'u sadiis itti naqama. Sana booddeen seenee midhaanicha gadi qaqqaba. Isaaniif hojiidhaa, anaaf tapha. Yaa ijoollummaa! Sana haasa'uu fedhee miti gidduuttin yaadadhe. Kanarra anis nan seenee, midhaanis inuma nannaqama, anis inuman dhidhiitaa, inuma nannaqamaa anis inuman dhiitaa, gootaraan guuttee midhaan oldhiyaachuu didde. Sanaan booda, kan gaaffii natti taanaan, Abbaa koo gaafadheef ,Ababboo gumbiin kun midhaan dhugamootii? Xiqquma walakkaa oldarbe bar yoon jedhuun, akka isaanittis gaaffii uume natti himanii qaawwa gootarichaa barbaadanii argan. Edaa gumbii keenya keessaa karaa jalaatiin karaa tokkoon hantuutatu tarsaasee boolla isaatti midhaan naqata. Sana booda Abboon koo Muu Ani edaa irra keessaanin itti nannaqaa innimmoo asiin gadi naqaa?" kan naan jedhan. Dhaloonni kunis harki caalaansaa kana natti fakkaata. In Nannaqaa, in gad naqa. Barnootas inuma nannaqa garuu, ba'eetu gannaqa. Safuu! Hojii xiqqeessanii, ofxiqqeessuun maraatummaadha. Oduu guddisanii, beekaa jedhamuuf tattaafachuun immoo konkolaataa furtuu ittiin kaasan malee oofuudha. Beekaan waan baay'ee haasa'a osoo intaane, waan baaqqee, waan baay'eef haasa'a. Osoo dubbataniif hayyuu jedhamanii silaa yoona raadiyootu Piroofeesara Addunyaati. Osoo na argi, na argi jechuun infayyada ta'ee, silaa „deam light'tu badhaasa noobeelii itti fudhata ture. Fira koo oduu xiqqeessii, Hojii guddisi. Waan siifi dhaloota fayyadu hojjatta yoo ta'e, waanuma hojjattuun nama taata, namaafis taata. Kanaa achi hundatu xuuxxatee si tufa. JOIN 👇🏼👇👇👇 https://t.me/miilakaayyooko https://t.me/miilakaayyooko https://t.me/miilakaayyooko
إظهار الكل...
MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

Waa'ee biyya keenyaa kana yeroon yaadu baay'ee nagaddisiisa. Dubbii malee daabboon akkatti dhufu dhaloonni beekaa injiru. Kan sana fiduu dandaus dubbii malee daabboo nu barsiisaa injiru. Kan hojjatu qubaan lakkaa‟amaadha. Kan odeessu kumaan lakkaa'amaadha. Dhaloonni kun inbaratu garuu, eebbifamuu hawwa. Inhojjatu garuu sooromuu hawwa. Komataan kumaaf kitiladha. Hojjataan garuu, lakkoofsaan yaraadha. Kan qarshii barbaadu baay'eedha; kan qarshii argachuuf hojjatummoo xiqqoodha. Waaqayyo dhala namaa gaafa uumuu wal qixxeessee uume. Akkuma tokkotti uumame. Tokko gadameessa keessatti guddatee, inni tokko immoo somba keessatti inguddanne. tokko immoo garaatti baatamee, tokkos garaachatti inbaatamne. Nama kan wal caalchisu hojii isaati. Kan taa'ee carraa komatus, kan xaaree carraaqqii horatus ji'uma sagal baataman. Garuu, erguma dhalatanii carraaqqiin wal dabarsite. Inni tokko akka indandeenye ofamansiise; inni tokko immoo akka danda'u amane. Akka Saayikoloojiin jedhutti sammuun namaa Anniisaa balbii 20 waattii/20W/ walitti fufinsaan maddisiisuu danda'u qaba. Hangam akka ulfaatu tilmaamimee. Tilmaamtee? Gaariidha! Seelota biliyoona 100tti tilmaamaman qaba. Tokkoon tokkoon seelota biliyoona 100 kunneenis, seelota sammuu biliyoona 1000 wajjin qunnamsiifamanii argamu. Kana malees qunnamsiiftuu hedduutu jira. Akkasumas ulfaatinni sammuu namaa paawondii 3 (3lb) kana jechuunis giraama 1,300-2000 dha. Sammuun keenya ammas seelii narvii(Neurons) tiriliyoona 12 qaba. Kana jechuun uummata Pilaaneetii kanarra jiru dacha lamaafi walakkaa oljechuudha. Molokiyuulota(Ways beyond our ability compute) tiriliyoona 1000 si'a 1000 of keessaa qaba. sekoondii tokko keessattis odeeffannoo biitii biliyoona 30 pirooses godha(30 billion bit), kallattii sadiinis meeshaa hojjachuu danda'udha. Innis Darbennaa, Ammennaafi Dhufennaa(kaleessa, har'aafi boru), kan amanuufi amansiisu, jallisee, soroorsee kan yaadu, baay'ee walxaxaafi hojii baay'ee kan hojjatudha(complex and versatile)fi kan kana fakkaatan ofkeessaa kan qabudha. Namuu kana o keessaa qaba. Inni hojjatus, inni odeessus. Garuu, namni osoo hojjatee dachee jijjiiruu danda'uu, oduu bulluqsee danfisee, buna hafuuraa/invisible coffee/ wal obaasa. Biyyi hojii dhiisee, oduu guddise gaafasuma kufe jechuun nidanda'ama. Mee maatiin tokko abbaan manaa dhugduudha haajennu, haati manaa bunuma danfistee warra ollaa waliin odeessaa oolti yoo ta'ee, ijoolleen tapha malee hojii inqaban yoo ta'ee, egereen dhaloota kanaa qannoo fakkaataa? Hinfakkaatu. Maatiin tokko hojii laaffisuun deega keessatti kufee salphumatti kan miidhamu erga ta'ee, sadarkaa aanaatti, godinaatti, naannoofi biyyaatti maaltu akka ta'u tilmaamuun nama inrakkisu. Biyya keenya keessatti waan ani taajjabe dargaggoo biyyaaf abdatamanidha. Sababni isaa, duratti dubartootatu buna danfisee wal waamee isa gamaas, isa gamanaas oduudhaan bubbutaa oola. Yeroo kanammoo waan nama saalfachiisutu argamaa jira. Dubarri miidhagduun tokko buna jabanaa banattee, teessuma ofitti naannessitee teessi. Dargaggeessi biyya jijjiiruuf humna qabummoo itti naanna'ee taa'eetu waan siyaasaa, waan namaafi waan adda addaa odeessaa oola; kaanimmoo, akka nama adda waraanaatii xiyyeefatee nyaapha waraanuuf ijasaa dunuunfatuu dunuunfatee dhagaatti uleesaa/stick/ kallatteessee dhagaa tumaa oola. Dhaloonni abdii egeree qabu; dhaloota fiigee waakuusuufi waabuusuu qabu, dhagaa boolla buusaa oola. Gorsa dhabeef innuu nama gorsa; Wallaaleef isa beeku caalaa sababeessa. Kiisha abbaafi haadhaa keessaa qarshii inuma nannaqa/ni naqa/irra deddeebiin fudhata. Achiimmoo ishee abbaafi haadha rakkisee fuudhee bahe, kaan mana bunaatti, kaan mana puuliitti, kaan karambullaatti, kaan intarneetatti baasee gannaqa/gad naqa/baasa/dhangalaasa. Dhaloota nannaqaa gannaqu. Innaqataa, ingannaqa. Isaaf intaane, warraaf intaane. Akka hojiitiif, citaa tokkoo lafaatii inkaasu, akka oduutiif carraa dubbiituu namaaf inlaatu. Injedha malee, ingodhu. Akkuma gootaraa keenya duriiti.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Hordoftootni Amantaa Musliima marti Baga geessan! Eid Mubarak!
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Hordoftootni Amantaa Kiristaanaa marti Baga Jala bultii Ayyaana Faasikaatiin isiin ga'ee!
إظهار الكل...
Namni kufaatii sodaatu intarkaanfatu. Miira isaa keessas sodaa kufaatiitu gangalata; siidaa kufaatiitu keessaa cululuqa. Kanaafuu, kufaatii ilaalaa waan hojjatuuf ija mul'ataafi gubbee mul'ataa ilaalu hinqabaatu. Ija ittiin milkaa'ina ilaaluun kufaatii ilaala waan ta'eef. Atis yaa jaala koo waan ani irra deebiidhaan siif dhaamu, karaa sodaan kee jiruun milkaa’ina qabda; karuma sana buuta; karuma sana baata; karuma sana kufta, karuma sana kaata. Yoos ija kaayyoo keetii qulqulleeffadhu; hurrii ofduraa haxaa'i. “karaan dhaben argadha; Kufeen baradha” jedhi. Kufaatiif inkaroorfatiin. Garuu, waan dhufuuf ofqopheessaa deemi. “Yaallaan nan milkaa'aa” jedhi. Namoonni jajjaboon Addunyaa kana jijjiiran hedduun isaanii tokkichumaan waan addunyaa kanaaf bu'aa ta'e lafa hinkeenye. Yaalii adda addaa gaggeessaniitu, ofxaarsaniitu, ofaarsaniitus. Yoo dafqan nyaannillee namatti mi'oofti. Yoo dafqan waan dafqaniif dafaqatu1. Wanti dadhabbii malee dhufu dachee kanarra hinjiru. Qilleensumallee hargananiitu fudhatu. Bishaan rabbi uumes waraaban malee hindhugan. Hirribumtillee yoo gadi ciisan yookaan hirkatan nama fudhatti. Adeemaa hinmugan waan ta'eefi. Wanti dadhabbii malee argamu, midhaan rakasaa hinjiru. Duutiyyuu salphaatti hinargamtu. Waa ta'uuf, waa ta'uu gaafata. Waa nyaachuuf waa kaachuu gaafata. Abdiin jiraadhu. Xiiqiin sin xiqqeessiin xinqishaa taasisii dhiiga isaa keessaa xuuxxadhu malee. Yaaluu indadhabiin yaaltee dadhabuu siif wayya. Akkuma konkolaataan gaara sigigaachuuf boba'aa barbaadu, atis hojii kee keessatti abdii inqabdu taanaan taakkuu tokko tarkaanfachuu indandeessu. Gufuulee si mudataniifi aartee banbanuu inqabdu. Obsumaan tarkaanfatuu qabda. Obsi dhagaa affeela jedhama mitiiree? JOIN 👇🏼👇👇👇🏾👇🏼👇🏾👇🏼 https://t.me/miilakaayyooko https://t.me/miilakaayyooko https://t.me/miilakaayyooko
إظهار الكل...
MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

#Yaalaa! Jireenyi mataan isaa gatii guddaa nu kaffalchiisa, garuu wanti lafa kana irratti qaaliin waan yaadne galmaan ga'uuf homaa gochuu dhiisuudha. Tilahun Gesese onnee namootaa seenee hanga mootii muuziqaa jedhamutti sirboota 300 ol hojjeteera. Toomaas Edisan osoo ampuuliin tokko hin ibsin ampuulii ibsaa kumaatamaan lakkaa'aman keessaa gube. Nama waan barbaade argachuuf carraaquuf dhimma yeroo qofa. JOIN 👇🏼👇👇👇👇🏾 https://t.me/miilakaayyooko JOIN 👇🏼👇🏾👇🏼👇🏾👇🏼👇 https://t.me/miilakaayyooko
إظهار الكل...
MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

#ODUU_HIN_DHAGGEEFATIIN Hantuutotaafi adurrootatu jira jedhama. Adurroonni karaa hantuutotni keenyaaniin yaabanirra taa'aniitu warra keenyaan yaabbachuu dadhabanii kukkufan qabanii nyaatu. Hantuutotni hedduun keenyaan yaabuudhaaf gaafa itti rarra'an adurroonni immoo lafaa harka reebanii “kufte, kufte!” ittiin jedhu. Gaafa hantuutni ofirra gara galtee isa isaan jedhan ilaaltu lafatti ofargiti. Sana booda qabanii nyaatu. Ammas hantuutonni hedduun bifuma sanaan nyaataman. Dhuma irratti gamni hantuutaa keenyaan yaabuudhaaf dhufte. Adurroonnis akkuma dura baran sanatti “kufte kufte” jedhanii harka osoo itti reebanii baatee galma baateef geesse jedhama. Namni oduu yookaan olola mandaraa yookaan mana bunaa hundumaaf xiyyeeffannoo laataa deemu kufaatiin isaa fagoo miti. Wantoonni abjuu namaa malaasan, haamilee namaa tuqan, humna nama buusan, mul‟ata namaa gabaabsan, namaan wal nama jibbisiisaniifi kan kana fakkaatantu achii madda. Kanaafi oduu mandaraa dhaggeeffachuu dhiisuun barbaachisaa kan ta'eef. Waan itti jirtu taatee inhaftu. Jaarsi nidu'a; dargaggeessi nijaarroma/jaarsoma. Garuu, waan dhageessuun waan guutamtuuf, waan siguute ta'uun kee immoo dirqama. Gurbaan/daa'imni fiilmii dhaanichaa/reebichaa/boksii yeroo hundumaa ilaaltu tokko akkuma sana fakkaachuuf yaalti. Yeroo guddatte maal ta'uu barbaadda?‟ yoo jettaniin, John Cenafi fakkaattotasaa maqaa dhoofti. Maaliif yoo jettaniin waan achirraa ishee hawwate isiniif himti. Wanti ishee hawwate sunimmoo waan isheen argitee, dhageessee ittiin guutamtedha. Waanti isheen guutamte immoo waan isheen ta'uu feetudha. Wanti nuti ta'uu feenu/ednu/barbaadnu hundimmoo nun fayyadu. Wanti nuti oduurraa argannu waan lama. Jaalannees jibbinees sanaa alata‟uu indandeenyu. Innis waan gaariifi waan yaraadha. Waan gaariin nuti oduurraa argannu keessaa tokko odeeffannoolee garaa garaati. Karaa waan tokkorraa argannus ta'u mala. Miira namni nuuf qabu yookaan duubdeebii (Feedback) beekuufis nu gargaara. Hawaasa keessatti fakkii qabnu(Approach) keenya nibarra. Kunimmoo daqiiqaa yartuun gahaadha. Innis nama odeessisuudhaan bifa dhaggeeffachuutiin yoo ta'e gaariidha. Erga fixachiifnee booda, hanqina fooyyessuuf ofamansiisuufi nama oduu nuuf kenne sanammoo galateeffachuu qabna. Kun waan lamaaf ta'a. Waan yeroo isaa nuuf gubeef jecha galatoomfachuufi lammatammoo, yeroo gara biraa hanqinaalee akka nuuf himuuf. Yoo wanti hanqina ta'ee nu irratti ka'e suni nun ibsu ta'emmoo, ofqulqulleessuun namichichaaf ifa gochuu qabna. Dabalees, oduun nutti himamu hangam gaarii yoo ta'eyyuu kan yeroon keenya itti qisaasa'u ta'uu inqabu. Sa'aatii laanneefitti fayyadamnee gabaabsinee dhaga'uu qabna. Akkasumas waan hamaa dhageenye yoo ta'es hafuura biroo keessa gallee of qisaasessuun gaarii miti. Inni lammaffaaf inni dhumaa, wanti nuti oduurraa argannu tokko waan yaraadha. Waan nama odeessu sanas ingargaarre, waan nus in gargaarredha. Waan isa dhaggeeffatus infayyadnedha. Fakkeenyaaf hamii yoo ilaalle isa ijoodha. Hamiin uqqubii warra hojii in qabneeti. Namoonni hojii inqabnes afooshaa qabu. Afooshni isaanii akka isa kaanii galmee maqaan namaa/miseensaa irratti galmaa'uufi maallaqa waliin kaawwachuu yoo dhabeyyuu, afoosha jabaa miseensa baay'ee, garee adda addaatti horatee qabudha. Namni hojii qabu, hojii waan qabuuf, yeroo isaa inqisaasessu. Hojii qabakaa. Yeroo hojiisaa itti hojjatu malee, yeroo itti ejjennaa, fakkii, uffannaa, nyaataafi dubbannaa namaa itti ilaalu inqabu. Abbaa hiriyaa koo tokkotu yeroo rabbiin kadhatan, “Yaa Waaqayyo warra nama hamataniif hojii laadhuuf!” jedhu. Osoo hojii qabatanii yeroo isaanii oduu irratti infixankaa. Miidhaan hamiin qabu keessaa inni guddaan nama ajjeesuudha. Foon namaa nyaachuudha. Macaafni guddichi namni nama hamatu ajjeesaadha jedha. Hamachuun tokkoffaa akka waan balleessaa inqabnetti ofilaaluufi balleessaa obboleessa ofii barjaa irratti kaasanii ilaaluudha. Lammataammoo qabeenya humna namaa qisaasessuudha. Humni hojjatee biyya jijjiiruu danda'u, hojii dhiisee gaafa wantoota xixiqqoo ta'an irratti yeroo isaa gubu jalqabatti mataa isaa irratti dhiibbaa fida.
إظهار الكل...
Maatii irratti, ollaadhaa hanga biyyaatti ba'aa ta'a jechuudha. Nama hubataa tokkotu gaggeessaa Piroojeektii Compassion ti. Ijoollee isaanii yeroo gorsan maatii keetti, biyya keetti, garee keessa jirtutti ba'aa inta'iin bu'aa ta'i malee jedhanii gorfatu. Hamiitu kana qaba egaa. Waan namaa dubbachuun miidhaa karaa adda addaa waan qabuuf callisanii hojii ofii hojjachuun gaariidha. Bu'uurri hamannaa immoo waan baay'ee ta'uu mala. Yoon indandeenya ta'ee bu'uurumaan dhabamsiisuu qabna. Yoo indandeenyu ta'emmoo, irraa ofqusachuun beekumsa jabaadha. Jaarsi qaawwuma arge maraaf wandaboo salphinaa maatii isaatti uffisu mana isaa inbulfatu. Kan gurraan ala fiigu, ija dhugaa addaan baafatus inqabaanne miiltummaan isaa hamma safartuu taakkuu tokkooti. Yoo sitti tolee guubboo nyaateetu jedhamta; yoo sitti bademmoo, cubbuu kanaaf sanaati jedhamta. Yoo furdattee Kiniina HIV nyaata jedhamta. Yoo huqqattee dhukkubicha jedhamta. Yoo arjoomtee maallaqa balleessa jedhamta. Yoo doqnoomte waraabessa jedhamta. Yoo kokkolfitee,kashalabbee jedhamta. Yoo calliste bineensa jedhamta.Yoo dafqattee, yoom nyaataa jedhamta. Yoo teessee yoom kaataa jedhamta. Yoo dhoksattee jiraattee qofa galeessaafi ofjaalataa jedhamta. Yoo himattee; yoo dubbatattee, odeessituu jedhamta. Yoo namatti siquu baay'iftee hiriyaa infilatu jedhamta. Yoo namarraa siqxe ofawwaldiigessa jedhamta. Kanaafuu, dheerattus, gabaabbattus, beekkattus, wallaallattus namni waan jedhu waan indhabneef oduurraa gurra kee qabi. Filadhuu dhaggeeffadhu. Nama jechuun bar yoo dhadhaa obaaste summii itti naqee/naqxee na obaasuufi kan siin jedhudhaa. Yoo osoo qabduu callistemmoo, waraabettii kan siin jedhudhaa. Kanaafuu, ati akka gootuu, kan si afarsus, kan si faarsus haa jiraatuu eenyuuf osoo intaane jalqaba sammuu keef jiraadhu. Isaaf amanami; innis siif haa amanamu. Jalqaba ofii keef jiraadhu. Oduu/hamii/waraansa/cogoo namaa indhaggeeffatiin, kaacha kee dhugeeffadhu. #kitaaba_Fanaa_Of_Dha'uu irraa kan fudhatamee JOIN 👇🏼👇👇🏾👇🏼👇🏾👇🏼 https://t.me/miilakaayyooko JOIN 👇🏼👇👇🏾👇🏼👇🏾👇🏼 https://t.me/miilakaayyooko
إظهار الكل...
MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

Hin dhaabbatiin! Abjuu kee galmaan ga'uuf karaa irra deemuu erga jalqabdee booda wantootni tokko tokko gidduutti dhufanii daandii kee irraa si dhorkuu danda'u! Akka gaariitti deemaa turte, garuu amma qofa kee dhaabatte jirta.Amma booda akkamitti akka jalqabdu hin sodaatin bakka dhaabbattee jirtu irraa ka'ii karaa kee itti fufi! JOIN 👇🏼👇🏾👇🏼👇👇🏾👇🏼👇👇🏾 https://t.me/miilakaayyooko JOIN 👇🏼👇🏾👇🏼👇🏾👇🏼👇👇🏾👇🏼 https://t.me/miilakaayyooko
إظهار الكل...
MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

Yeroo tokko tokko yeroo wanti haala hin eegamneen deemaa jiru argitan taa'aa waan deemaa jiru madaaluu, sana booda namoota dhimmichaan walqabatan mariisisuuf yaalaa, yoo dhabdan kitaabota dubbisaa! Rakkoo kee furuuf uumaa kee jala kan jirtu si qofa waan ta'eef jabaadhu dursa of tasgabbeessi! JOIN 👇🏼👇🏾👇🏼👇👇👇 https://t.me/miilakaayyooko JOIN 👇🏼👇👇🏾👇🏼👇🏾👇🏼 https://t.me/miilakaayyooko
إظهار الكل...
MIILA KAAYYOO@

Miilli kaayyoo yoo gufateyyuu hin cabu!

اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.