WAANNAAN FAYYAADHA
Channala keenya irraa 👉Jecha hayyoota 👉Gorsa maanguddoo 👉Makmaakssa oromoo 👉jechoota jaalalaa @waannaan_fayyaadha
إظهار المزيدلم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
269
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام
- المشتركون
- التغطية البريدية
- ER - نسبة المشاركة
جاري تحميل البيانات...
معدل نمو المشترك
جاري تحميل البيانات...
Ergaa si jaaladhee
An jaalala dhugaa
Gadin tenyee takka
Hogguu numan fiigaa
Jalalaan na mootee
Sitti kennee harkaa
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Si jaalachuu koo
Ati naaf hubattee
Jaalalaan siif qabu
Onneen koo miidhamtee
Ijjii too si malee tan
Biraa agartuu
Onneen too si malee
Takka nan hayyamtuu
Bakkaa jirtuu kaatee
Barartee naan dhuuftuu
Jecha hayyoota
1.osoo wanni si boochisu baay'een jiruu ati dandeessee kofluu jabeenya.
2.namoonni yaada waa'ee keeti qaban dubbatu malee eenyummaa kee isa dhugaa hin dubbatan.
3.jireenyi filannoo baay'ee qabdi garuu hundumaa al tokkotti filachuu hin danda'amu.
4.hiikni ati jireenyaaf laattu.hiika ati eenyummaa keef qabdu irraa madda.
5.baay'achuun dukkanaa mallattoo ifa biriiti.
6.namoonni biroo waa'ee kee maal akka yaadaniif hin dhiphatin. Jireenya kee seerota mataa keetiin booharsi malee.
7.Amanamummaan akka daawwitiiti. takka yoo cabe akka duriitti sin agarsiisu.
8.kophaa kee tahutti hin dhiphatin biifturraawu kophummaan faaya hin hir'isne waan taheef.
9.rooba keessa deemaa namni maalif imimmaan koo arguu dhabe hin jadhin
10.namoonni ilaalcha keetti gufuu hin taane namoota si caalan ykn qixxee kee tahan qofa.
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
Anaaf ta'ii..
Anaaf ta'ii jaalalee koo
Ishee dhugaa ishee dhumaa
Na jaaladhuu yeroo hundumaa
An si dhabnaan nan gungumaa
Anaaf ta'ii gorsituu
Gucaa ta'ii barsiistuu
Amalaa koo qajeelchitu
Jireenya koo bareechitu
Qofaa kiyya nan fokkisa
An si dhabnaan nan bososaa
Amanameen siif jiraadha
Si wajjiinan mari'adha
Ni jiraanna wal utubnee
Hanga dhumatti wal gubanne
Humn hin qabnu qofa qafa
Yoo wal taane tasa hin tanuu nama kolfaa
Wal hubannes wal dhageenya
Jaalala koos naf hubadhuu
Nan sodaatiin nan dubbadhu
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
Jireenya kessatti jachoota 4
Kan hedduu barbaachisaa.
1.dhugaa
2.jaalala
3.amanamummaa
4.kabajaa
Kanneen yoo hin qabanne jiruun kee hikkaa tokko hin qabu.
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
Makmaakssa
1.Kan soogiddi ittoo mi'eesse
Barbareen maqaa itti fudhatte.
2.alagatti garaa tiitisatti madaa hin agarsiisan
3.ganatti ni fuulchan. Gowwatti ni himan.
4.arrabni ufii gaaddisa ooltee.abbaa aduu oolchiti
5.barri hin darbaa gurri hin darbu kan abbaan ofitti fide anaa nyaatu hin qabu.
6.utuu ollaa jirruu wal hin agarru jette ijji ijaan.
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
Daa'imni beela'ee yoo daabboo hate eenyutu itti gaafatama?
Mucaa umuriinsaa 13tu daabboo hatee utuu miliquuf fiiguu ennasuma waardiyaan mana daabboo sanaa ariyee erga to'ateen poolisii magaalichaatti dabarsee kanne. Guyyaa itti aanutti poolisiin mucaa daabboo hate kana mana murtiitti dhiyeesse.
Abbaan murtiis himata abbaa alangaa erga dhaggeeffatee booda mucaa yakkamaa jedhamee dhiyaateef gaaffiwwan armaan gadii dhiyeesse.
Abbaa murtii daabboo hattee turtee?
Mucaa eeyyen jedhe leeyyoon itti dhagahamaa
Abbaa murtii maalif hattee?
Mucaa na barbaachise kaa
Abbaa murtii bituu hin dandeessu turtee?
Mucaa qarshii hin qabun ture
Abbaa murtii maatii kee irraa hin fudhattu turtee?
Mucaa haadha koo qofatu jira. Isheenis dhukkubsattee ciistee jirti.
Abbaa murtii hijii hoomaa hin qabduu?
Mucaa konkolaataa miiccuudhaanin jiraadha. Guyyaa tokko hafee jennaan hojiirraa na ariyatani
Abbaa murtii namootni biro akka si gargaaraniif hin gaafannee?
Mucaa ganamaan bahee. Namoota 50 bira deemee kadhadhus garuu hoomaa hin arganne.
Abbaan murtii Dhumarrattis murtoo fokkisaa kanan murteesse.
Erga gaffiin xumurame booda abbaan murtii mutoo armaan gadii dabarse.
Akkas jechuun jalqabe daabboo hatuun. Keesumaammoo daa'imni beela'e daabboo hatuun yakka nama qaanessudha. Kanafuu. ana dabalatee hundi keenya yakka kanaaf itti gafatamna. Namootni galma mana murtii kana keessa jirtanu hunduu itti gaafatamtu kanaafuu namni dhadacha kanarratti argame hundatti qarshii 1000 murteesseera. Namni kamuu hanga kaffalitti to'annoo seeraa jala tura abbaan murtichaa erga ofii qarshii 1000 waraqaa irratti mallatteesseen booda namootni dhaddacharratti argaman sun akka guutaniif waraqaa itti kenne. Murtoo dabalataa kan biraas akkas jedhuun itti dabale dabalataanis manni dabboo sun daa'ima beela'e dabarsee poolisitti waan kenneef qarshii kuma 20 akka adabamu murtoo dabarsuun saatii 24 keessatti qarshii jedhame kana yoo hin kaffalle manni dabbichaa akka saamsamu murtoo itti dabarse. Ammas poolisiin daa'ima beela'e mana murtiitti dhiyeessuu isaaf qarshii kuma 20 akka adabamu iti murteesse murtoo kana erga dhagaheen booda hunduu imimmaan to'achuu dhadhabe.
Sirni haqaa hawaasa keenya keessatti raawwatamaa oolu maal fakkata?
Daa'imni beela'e dabboo hatuunsaa yakkifi salphinni isaa kan daa'ima sanaa osoo hin taane kan hawaasa sanaati.
Yoo ergaansaa siif galee nama beela'e tokkoof dabboo tokko biti.
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
Telegram afaan oromoof
Liinki kana tuqaa
https://t.me/setlanguage/oromolanguage
Change Language: Afaan Oromo
Opening this link will translate the interface of Telegram to a different language. You can change the language back in Settings.
1.Ilmi namaa gaafa gad jettuuf si tuffata.garuu waaqni gaafa jinbiilfattuuf ol si qaba.
2.kan ba'atu ni ulfaata yoo je'u kan ba'achiisu salphaadha ja'a.
3.namoota nu cunqursaniif dhiifama gochuun mooyamuu osoo hin taane. Jaalala barsiisudha.
4.waan qabuuf kan jiraate. Waan dhabeef kan du'e hin jiru waan ta'eef jireenyaaf hin yaadda'in
5.yoo argatte galateefachuu hin dandeessu taanan. Waan dhabdeef booyuu hin qabdu.
6.namoota cal'isni kee hin galleef.hamma fedhe dubbattus hin galuuf waan taheef waliin falmuuf yeroo kee hin gubin
7.hanga feete bishaan daakuu dandeessus.qurxummii hin taatu.
8.akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne. Namnis yoo rakjinaan qorame malee mul'achuu hin danda'u.
9.imalli ulfaataan kan kophaa imalan tahullee. Garuu akka si cimsu ammoo hin dagatin.
10.haa tokkoomnu! Kophummaan kan bareedu mana fincaanii qofatti.
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
Jaalalaaf of-wareegeen
Dabarsee of-kannee
Waa hedduu narra gahee
Wanti nama hin mudannee
Gaddaf gaabbii malee
Gammachuu simannee.
Carraa gaarii hin qunnamnee
Jiruu keessatti takkaa
Hinbeeku waan saa
Arkuu malee daadarkaa.
Ceephoo na buufachiifte
Dhamala narra buuftee
Obsuun dadhabee laalaa
Qoricha dhabee yaala.
Onnee gubbatti nafiitee
Ba'aa jaalalaa ulfaataa
Yaadaan sammuu koo hitee
Qaamaf qalbii kiyya nyaataa
Waada koo diigdee
Maaliif nagante laata.
Garaa natti jabaattee
Sibiilaaf dhakaa caalaa
Jaalala dhugaati dhiiftee
Waadan siqabuuf malaa.
Qaqabduu laphee kootii
Michooftuu nadhi dammaa
Bareedduu hunda caaltu
Jaalallee ishee ganamaa.
Ana mucaa gawwaa
Jaalala barsiiftee
Dhangalaa jaalalaa
Nakeessatti gadhiiftee
Onnee tiyya goggooyduu
Jaalala dhugatin jiiftee.
Kennaa daa'imummaa
Hiriyaa gaafa loonii
Kennaa ishee ganamaa
Urgooftuu koo yaa loomii.
Yoomumaan maal godheen
Dharraa kankee ba'aa
Maal yaabadhee dhufeen
Bararee sibira ga'aa.
By muca kaayyoo
@waannaan_fayyaadha
@waannaan_fayyaadha
اختر خطة مختلفة
تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.