cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Siif Galeeraa?

#Creator @jechootahayyu ✅walaloo babbareeda ✅kitaabota adda addaa ✅JechootaHayyoota ✅Jechootajaalalaa ✅WalalooJaalala Asirra argadhu dandessa ➡join our chanel ➡ @jechootahayyu Kabajamtoota hordoftoota Maatii channeli keenyaa Yaada qabdaniif @muddebot

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
432
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Jechoota mimmidhagoo hubanna irraa argattan • waan gootu duraa hiika isaa beeki • jireenyi kee abba qaba abban isaa Waaqayyoo gatii ta'eef hin dhiphatin • daanga kee barii yookin guyyaa sadii jiraachuf guyyaa afur hin dhiphatin • nama yaada dhaabbata qabu ta'ii bakka hundaa hin dhabbatin • mo'ichi gatiidhan dhufaa kanaf jabeessi qabadhu • beekumsi barumsaan dhufaa ,ogumman garuu kennadha,muuxannodhaanis ni dhufaa • dargaggumma akka qabeenyatti qabadhu • of tuulummadhaf iddo hin kennin ogummadhaf iddo dhabda Waan dubbistanif galatooma👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @Jechootahayyu @mudde2G
إظهار الكل...
🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁 #Waadaa_kee 👌👌 🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋 Jaalala kee hamaa san Laphee koorratti baadhee Waadaa kee kan jaalalaa Sammuu keessa ol kaadhee Mallattoo jaalalaa kee Harka kootirra kaadhee Imaanaa kee hin nyaadhu Rakkoodhaaf harka laadhee 🦋🦋🦋🦋🦋🍁🍁🦋🍁🦋🍁 Roorron natti hammaattus Siifan eega waadaa kee Goomattuun natti gamtus Hin kaaftu madaala kee Hantuutaaf mixii hundaaf Hin dhiisu jaalala kee Rabittin siif kakadhaa Hin diigu an waadaa kee 🦋🍁🦋🍁🍁🦋🦋🦋🦋🦋 ✍️ by @mudde2G @QAROOJAALALA💚 @JAALALTI_JIREENYA💚
إظهار الكل...
Jawar, Baqqalaa fi Hamzaa Booranaa amma bahanii jiru! Baga gammanne!
إظهار الكل...
Miseensonni Hooggansa KFO Mana Hidhaa Turan Akka Hiikaman Murtaa’uu Mootummaan Beeksise   https://www.voaafaanoromoo.com/a/6387527.html Miseensota hooggansa paartii Koongirasii federaalistii Oromoo obbo Jawaar Mohammad ,Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa fi kanneen galmee obboo Jawaar Mohammad jalatti waamaman kanneen biroo akka bahan murtaa'eera, jedhe ibsi galgala kana Tajaajila Toomunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Bahe.  Miseensa hooggansa KFO keessaa ammatti obbo Dajanee Xaafaa  bahuunis mirkanaa'ee jira. Gaazeexeessaa Mallasee Dirribsaa fi Shamsaddiin Xaahaas bahanii jiru. Haata'u malee Obbo Jawaar Mohammad, Obboo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa fi  kanneen biroon akka hiikaman murtaa'uun ibsa sana keessatti himamus akka maddaan adda addaa jedhanitti hanga yoonaa garuu mana hidhaa irraa hin baane. Gama biraatin dura taa'aan paartii Baalderaas obbo Iskiindir Naggaa fi hooggansi paartichaa hidhaa irra turan har'a galgala hiikamuu isaanii duubi-himaan paartichaa obbo Baqaaluu Axinaafuu Raadiyoo sagalee Ameerikaatiif ibsaniiru. Dhiyeenya kana kan to'ataman Obbo Sibaat Naggaa fi namoonni 6 galmee isaanirratti himatamaan akka mana hidhaatii bahaniif murtaa'era, jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii  Mootummaa Itoophiyaa galgala kana ibsa baaseen ifoomse jira.  
إظهار الكل...
Miseensonni Hooggansa KFO Mana Hidhaa Turan Akka Hiikaman Murtaa’uu Mootummaan Beeksise

Miseensota hooggansa paartii Koongirasii federaalistii Oromoo obbo Jawaar Mohammad ,Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa fi kanneen galmee obboo Jawaar Mohammad jalatti waamaman kanneen biroo akka bahan murtaa'eera, jedhe ibsi galgala kana Tajaajila Toomunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Bahe....