cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )️

مشاركات الإعلانات
4 193
المشتركون
+524 ساعات
+2547 أيام
+96830 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Garbummaa sammuu Jalaa ba'uuf ✅Kalessa keef beekamtii kenni garuu har'a Kee Itti jiraadhu.( Value yesterday but live today). Har'aan Kee garbummaa sammuu akka sitti hin taaneef mul'ata keef Itti jiraadhu. Garbummaa sammuu jalaa ba'uuf har'aan Kee baay'ee murteessaadha. Baay'een namootaa garbummaa kaleessaa keessa jiraatu. ➡️"Yesterday ended last night".(Dr. John Max Wel). ➡️"Kaleessi eda galgala xumurame" jedha. Waan hundumaa akka injifattu kan si gargaaru, mul'ata guddaa ati Jireenya keessatti qabduudha. Mul'atni xiqqoon garbummaa sammuu natti taati. Har'a tarkaanfii ofirratti fudhachuu jalqabi. ➡️Garbummaa sammuu keessaa ba'uuf wantoonni nama gargaaran sadii jedheen yaada. ✍1. Mul'ata Guddaa: Hanguma mul'ata kee hubattee irratti hojjette, mul'ata keef bitamta. Yeroo sana garbummaa sammuu kee jalaa baata. ✍2. Yaada Qajeelaa Ofiikeef Qabaachuu: Yaadni ati ofirratti yaaddu garbummaa sammuufis ta'ee birmadummaa sammuu kee labsachuufis ni murteessa. Kanaafuu yaada keef of eegannoo taasisi. ✍3. Kaleessatti Qabamuu fi Borii Keetti Abdii Kutachuu Keessaa Dafii Ba'i. Gonkumaa waan darbeen hin injifatamin. Borittis abdii hin kutatin. Kaleessaaf beekamtii kenni. Boriikee abdiin eegadhu. Irrattis hojjedhu. Garbummaan sammuu kee birmadummaa sammuun keetiin bakka bu'uu qaba! (Pr. Miratuu Shaanqoo Giddii:Gita kee fi Gatii kee)   # Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!      #Join and Share       👇👇👇👇 ➡️https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_ ➡️@Icciitii_Milkaainaa ➡️@Jaalala_Dhugaa_irraa
إظهار الكل...
👍 2 1
Gatii kee Beektaa? ✅Gatiin kee ilaalcha gad bu'aa namni waa'ee keef qabuun hin murtaa'u." ➡️Gatii kee fi gita kee jechuun hanga kee fi bakka siif ta'u beekuu jechuudha. Biyya lafaa kanarra yeroo jiraattu gatii kee fi gitakee beekuudhaan jireenya jiraachuuf uumamte tokko jiraatta. #Gatiin kee gita kee murteessa. Gita kee akka beektuuf gatii kee dursitee beekuun barbaachisaadha. #Ati hangam geessa yoo siin jedhan, hanga gatii ofiif kennitee geessa jechuudha. Gatiin kee eenyu wajjin akka si dhaabu ni hubatta. Ati eenyu gaaffii jedhuuf deebiin isaa, gatii ati ofii keef qabduudha. #Ati gatii keeti! ➡️Ati gatii kee osoo hin beekin, gita kee beekuun sitti ni ulfaata. Gatiin kee iyya keessoo keetii dhaggeeffachuu irraa jalqaba. Mee gurra itti kennii iyya keessoo keetii dhaggeeffadhu.   ➡️Iyyi ati gurra itti kennitee hin dhageenye si keessaa kan ganamaafi galgala iyyu jiramoo hin jiru? Mul'atni keessoo keetii osoo nyaattuu si beelessu,osoo dhugduu si dheebossu, maaliif yaadaan badda? Dhuguma lafa gahuu qabdu geesseettaa? Bakki amma jirtu kun si madaalaa? Kan siif kaffalamaa jiru dhuguma gatii keetii? Iyya keessoo keetii sitti iyyu hin tuffatin, gurra kenniifii dhaggeeffadhu. Inni immoo gaafa bahee hojiirra oolu gatii siif kennaatii. ➡️Waa'een Kee yeroo tokko tokko siifiyyuu hin galu. Waa'een Kee deebisee siif gaaffii yeroo Itti ta'u qaba. Maaliif natti gaaffii ta'e jettee hin dhiphatin. Gaaffiin maaliif jedhu gara eenyummaa keessoo keetii barbaaduutti si geessuu ni danda'aatii. Maaliif jechuun ka'umsa gatii kee fi gita kee argachuutiif si fayyadaatii. (Pr. Miratuu Shaanqoo Giddii :Gatii kee Fi Gita kee)            #Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!            #Join #Share godhaa         ➡️https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_              ➡️ @Icciitii_Milkaainaa ➡️@Jaalala_Dhugaa_irraa
إظهار الكل...
4👍 2
👇 👉See More 👉See More 🖕
إظهار الكل...
👍 10 5
#Gara Tulluutti(olka'insaatti)!   #Namni Gamoo dheeraa ijaaruuf yaadu bu'uura isaa gadi fageessee qotuu qaba. Nutis Jireenya keenya keessatti waan guddaa hojjechuuf yoo yaadnu akkuma gamoo oldhaabuuf lafa gadi fageessinee qotuun dirqama ta'ee fi lafti ammuma gadi fagaataa deemu qotuun isaas #cimaa akka deemu,   #Jireenya keenya keessattis kufnee qormaanni yeroo nu mudatu,waanta heddu yaallee yeroo dafee nuuf milkaa'uu didu yeroo nutti jabaatu  bu'uura cimaa ol ba'ee dhaabatuufi  dogoggora keenya irraa barannee gammachuu fi galataan Jiraachuuf akka ofqopheessaa jirru haa yaadnu! #Galatoomaa #Yeroo Gaarii Isiniif hawwina! @Icciitii_Milkaainaa
إظهار الكل...
👍 3 3
"Ani waantota ati hojjechuu hin dandeenye hojjechuun danda'a, ati immoo kan ani hin dandeenye dandeessa, waliin taanee waantota gurguddoo hojjechuu dandeenya" Maazer Tireezaa @Icciitii_Milkaainaa
إظهار الكل...
12👍 5💋 3
✅Sababa qabaadhu! ➡️Hundi keenya sababa jiraachuu keenyaa hanga beeknutti humna keenya guutuu hin fayyadamnu.  Kanaaf warri kaan dadhabina keenya arganii dadhaboo ykn nama dhimma hin qabne nun jedhu. ➡️Hiriyaa koo ati sababa jireenya keetii dagatteeti malee, ati nama kamiiyyuu gadi taatee miti. Obboleettii koo dandeettii ajaa'ibaa qabda, garuu sababa jiraattuuf beekuu qabda !  #Yeroo Gaarii isiniif hawwina! @Icciitii_Milkaainaa
إظهار الكل...
5👏 3👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
إظهار الكل...
🏆 16 4👍 3🎉 2
sticker.webp0.25 KB
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.