cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

ULFINA CAALU

ILMA ISAA KANAAN FURAMUU,DHIIFAMU CUBBUUS ARGANNEERRA! Ayyanichi ammayyuu in fayyisa 📢Mootummaa Waaqayyoo Labsuu. 📢Wangeela Fayyinaa labsuu. 📢Beekumsa sammuu 👉Siyasa Irraa Bilisa 👇👇👇👇👇👇 https://www.youtube.com/@JABAATUBE-

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
2 899
المشتركون
+124 ساعات
-77 أيام
+45730 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Repost from N/a
👉•••Olmaa Kee gaafasii••• Olmaa Kee gaafasii Kessii koon dagattu Sii dhisee sammukoo Boqonnaan argaattu ••••••••••••••••••••••• Hunda madaleeraa Haala darbee laalee Enyuu nan marara Abba koo simaale •••••••••••••••••••••••• Situ na dabarsee Dachaa du'a kessaa Adunis Nan gubne Goofta ati gaddisaa ••••••••••••••••••••••• Of teelaa hin ilaalu Lammaata deebi'ee Lafee koo ijaaree Dhigni kee lolaa'ee ••••••••••••••••••••••• Na marsiftaa Ormatti Nan amanatu Dadhabina kottin Si'ii kan na battuu •••••••••••••••••••••• Hururuffamen rafaa An qomaa kerratti Tola Kee naf taate Soora lubbuu kotti ••••••••••••••••••••••••••• Barruu kerraa nyaadhen Harkaa kerraa raafa Sassabama hundumatu Situ namaatti haafa ••••••••••••~••••••••••• Qabsoo hin hirmaatin Duula ijjiffaadhee Bilisa baasa koo An sittaan baqaadhe ••••••••~•••••••••••••• Madaa ganda firaa Hin fayyuma salphaatti Sammuf godaannisa Madaa dhalootattii •••••••••••~•••••••••••• Dira kee yon arguu Madaa'ee hundisaa Sii ilaaleen obsaa Hundaa sinan dhisaa •••••••••••••••••~••••••• 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏Ulfaadhuu yesus••• koo ✝️❤️
إظهار الكل...
👍 2 1👏 1
Repost from N/a
Fira koo àngaafa Ano sinan argee Dirre duwwaarratti Ulfina ken dhufte Anaf sussuphitee Madaa koo kalessaa Dhugaa an argeera Ati garaa lafeessaa Kanaaf sii jajaatu Seeloni qaama koo Simmi na fudhadhu Hoquba garaa koo Ba'aa keenya baatte Furmaata nuf laatte Xofo dhangaga'aa Unurraa mancastee Waadaa keenya haalte Takka jijjiraamne Akka nama sobde Nut fakkeessiinee Takka nun jallaanne Jalalaa sobaatin Nut argisiftee Garummaa dhugaattin ✝️Jalaalii Isa addaa❤️
إظهار الكل...
👍 1 1
ODUU Gammachiisaa❗️❗️ Channel guddaa kan  dargaggoota dhugaaf hidhachiisu, leenjii murteessaa kennuun kan dargaggoota Wangeelaaf kakaasu kana hiriyoota keessaniif share godha. #Youth4Christ1 Channel kanarraa kan sin argattan👇 ✅ Barumsa dargaggootaa ✅Lallabaa sagalee Waaqayyoo ✅Barsiisa wangeelaa ✅Wal dorgommii gaaffii fi deebii kan wangeelaa kan badhaasa qabu🎁 ✅Luqisii guyyaa guyyaa📖 ✅Faarfannaa Haaraa🎼 ✅Faarfannaa durii🪕 Akkasumas ergaawwan gara garaa kan sin barsiisan argattu. Kanaafuu #Join godhadhaa👇 t.me/Youth4Christ1 👆👆👆👆👆👆👆👆👆
إظهار الكل...
YOUTH FOR CHRIST MINISTRY

Engaged for Christ

Repost from N/a
Firan ittin of jajuu Àante Du'a gararraa Hin qabu ano simaale Ardif dachee kanarraa ❤️Dhugaadhaam!🙏
إظهار الكل...
2
Repost from N/a
WAAQAYYO JIRA ________ Nama Waaqayyoo tokkotu rifeensa sirreefachuuf gara mana rifeesaa deemee jedhan. Namni rifeensa sirreessu kun utuma sirreessa jiruu " nagaadharee obboo? akkam jiruuf jireenyi ? " Jechuun maamila isaa sana haasofsiisu eegala. namni waaqayyoo sunis " galanni waaqayyoof ha tahu,hunduu baayye gaaridha waaqayyo irraa kanka'e" jechuun deebisaaf . Namichi Rifeensa sirreesu sun "waaqa waaqa hin jedhina, Waaqayyo eessa jira? Waaqayyoo hin jiru,utuu waaqayyo jiraate silaa maaliif rakkinni akkas baayyata?  silaa maaliif lolli, beelli ,gidiraan akkas maaliif baayyata ture? kanaaf waaqa kan jedhamu hin jiru" jechuun miira aariidhan guutameen deebiseef jedhan. namini rifeensa sirreefatu sun isa amansiisu yaada dandahu yeroof isaa hin dhufne, callisee utuu rifeensa sirreefatu daawitii keessan asi achi daandii irratti namicha rifeensi mataa isaa garmalee gurguddate, garmalee irratti mancahe tokko argee battalumatti yaadni dhufeefi " namni rifeensa sirreesu jira jettu malee biyya kana keessa namni rifeensa sirreessuu dandahu hin jiru, utuu namni rifeensa sirreessu dandahu jiraate silaa namichi sun akkamitti rifeensi isaa isarratti garmalee mancaha ture, kanaaf namni rifeensa sirreessu hin jiru " jedhee isa rifeensa sirreessutti dubbatte. Namni rifeensa sirreessu sunis erga hamma dandahu isatti kolfee booda ," maal kunoo ani siif sirreessan jira mitii? sababan rifeensa sirreessuu dandahuuf nabira dhufte miti?  namichi kunis utuu dhufee nan sirreessaf,garuu isatu gara warra rifeensa sirreessanii hin dhaqne malee nama rifeensa sirreessutu dhibe miti" jechuun deebiseef. Namni waaqayyo sunis "egawoo atumtuu jetteka, kunoo akkasuma. nama gara isaa dhufutu dhibe malee waaqayyoos jira, namoonni rakkoo isaani ,haala ulfaataa isani qabatanii wajjin ta'uu barbaadaniif ,sababa waaqayyoon barbaaddachuufi gara isaatti dhufuu hin barbaanneef malee waaqayyoos jira." jechuun deebiseefi jedhan. baay'ee namatti tola.dhugaadhuma dubbachuuf taanaan waaqqayyo jira.warra isa barbaaddataniif ,warra gara isaa dhufaniif,warra yaada isaani gara isatti deebisaniif waaqayyo jira. fagoo dhaabatanii waaqayyo hin jiru,utuu jiraate silaa akkas maalif ta'a ture?' jechuun ragaa quubsaa tahuu hin dandahu. konkolaataa tokko keessatti afaan amaarifaatin wanta barrefamee maxanfame tokko isin yaadachiisu? akkas jedha " yaltekefelebetina lalterekebnew ika teteyaki ayidelenim" jedha. Meesha itti hin kaffalamneefi meeshaa nutti hin kennamnetti itti hin gaafatamnu ' jedha. Waaqayyonis kan nutii itti gaafatamaa gochuu dandeenyu wanta isatti kennineefi wanta inni karaa dhiiga ilma isaa yesuus Kiristoos gatii itti kanfale sana qofaa irrattidha.lafaa kaanee waaqayyoon hammeessun bu'aan isaa humaa tokkoyyuu miti. Mataa dhukkubbi qofaadha.kanaaf waan hundaa waaqayyoon komachuu dura me dura isaatti ha fidnu,ofiis gara isaa ha dhufnu. ●~~~~~● Subscribe my YouTube Dirree Intertainment Walaloo Hafuuraa Jaalalli Ni Caala
إظهار الكل...
👍 2
Repost from N/a
Far 34 5 Gara Isa ilaala, fuulli keessaanis ha ifu! Deebitaniis qaaniidhan lafa hin ilaaltan 6 namichi gadadaman Kun yommu iyyate waqayyoo isaf dhaga'e rakkinaa Isa hunduma keesaas Isa in oolche 7 Ergaaman Waqayyoo nannoo warra waqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in olchas* 👉Ammeeen 🙏✝️💟
إظهار الكل...
👍 2
Repost from N/a
#_ akkanaaf mitti akkaasaf maale❤️ Mo'ichaaf na baase Bo'ichaafi mitti Karaa korraa kaase Fakkata Arbaaf mitti Ani boonye hin bo'u Kanas mitti carraan koo Karaattin lafa ka'u Gooftadha Abdikoo Yoom kanaaf na waame Haalan Keessaa jiruf Biyaaa lafaarraatti Rakkina na dararuuf As gahee dhabbaattu Dherinni kakuu koo Haala ilaallee Cituu Lallaaffee hidhaan koo Yesusii dursan koo Asifis na waamne Kanaafis Nan baafne Humna isatti humni koo Kanaaf mogolle Dhabu Kanasadha maalee mitti Ogummaa inni ol na qabu Garaa koo dagate Laafuu Abbaan koos na dhisee Raafuu ✝️I am a Good Shepherd Yoh 10: 11 ✝️I am the way the Truth and the life Yoh 14:6 ✝️👉✝️👉✝️👉✝️✝️
إظهار الكل...
👍 3
"YAADA GARAA ISA KRISTOS YESUS QABA TURE QABAADHAA!" — Filp. 2:5 YESUS KRISTOS: 1. Gadi of deebise (Filp. 2:8) 2. Dhiifama godhe (Qol. 3:13) 3. Jaalala argisiise (Yoh. 3:16 4. Miila Bartootaa dhiqe (Yoh. 13:5) 5. Utuma isatti tufanii, utuma isa miidhanii, utuma fannisaniiyyuu, "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!" jedhe; (Luq. 23:34) ┈┈┈┈┈ ⁶ Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. ⁷ Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame. ⁸ Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e. ⁹ Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irraiyyuu caalu kenneeraaf. ¹⁰ Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. ¹¹ Arrabni hundinuus,ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta'e beeksisuuf jiru. (Filp. 2:6-11) "Namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha;...” — 2Qor. 5:17 Ameeen🙏
إظهار الكل...
👍 1
AKKAN SIRRAA ADDA HIN BAANETTAN SI WAJJIN JIRA __ Gaaf tokko Nama waaqayyoo tokkotu waaqayyon kadhata ture , haalli inni yeroo sana keessa jiru xiqqoo rakkisaa fi sodaachisaa waan ta'eef  "yaa waaqayyo nan dhiisin! yaa waaqayyo narraa adda hin bahin!" jedhee kadhata sodaadhan guute kadhata ture. Guyyaa  biraa  utuma kadhatuu mul'ataan miilla namoota lamaa utuu adeemani arga. mul'ata sana keessa taa'ee hiika wanta argaa jiruu sana gaafa waaqayyoon gaafatu,waaqayyos "kottee namoota lamaa argitu kanaa argita miti? kotteen inni kan nama tokkoo sun kan kooti inni kaan immoo keeti, ani kunoo haala ati keessa darbaa jirtu kana keessatti akkan sirraa adda hin baanetan si wajjin jira” jedheen. Namni waaqayyo sunis mul’ata arge sanaaf  jajjabaatee kadhata isaa xumuree ka’e. Haalli inni keessa jiru sun ammallee baay’ee wal-xaxaafi rakkisaa ta’uu irrayyu darbee hamma inni to’achuu hin dandeenyeti ga’e! Namni waaqayyoo sunis ammas kadhachuutti ka’e! baay’ee iyyee halkaanifi guyyaa dheeraa kadhachuutti ka’e. Utuma kadhata sana keessa jiruu mul’ata keessa ta’ee kottee nama tokko utuu inni deemuu arge . hiika mul’ata sanaa sababa hin argannef baay’ee dhiphate, sababa kottee nama tokko sana argefis abdii kutannaa keessa galee itti fufee “ yaa waaqayyo haalli ani keessa darbaa jiru baay’ee ulfaataafi wal xaxaa ta’ee jira,darbee immoo kana dura mul’ataan gaafa natty dubbatte kottee namoota lamaa natti  mul’istee tokko ana tokko si’i ;ani akkan sirraa adda hin baanettan si wajjin jira naan jette  ammahoo maaliif haala kana keessatti na dhiifte?’’ jedhee kadhate. Waaqayyos deebisee “ eeyyee kana dura akkan sirraa adda hin baanettan akka si wajjin jiru si beeksisuufan mul’ata namoota lamaa waliin deeman sanaa sitti muul’ise! Amma immoo haallichi sitti ulfaachuu isaa waanan argeef ol fuudhee si baadheen deemaa jira;Kottee nama tokkoo kan ati argite sun ana,atimmoo ana irra jirta si baadheen jira” jedheen . Waaqayyoo akka namoota nutnuti “qabna” jennee abdannu gaafa nuti rakkina keessa seennu nu dhiisee hin deemu! Akka fira tokko tokkoo fageenya dhihoo irraatti wanta nuti taanu ilaaluuf nun hordofu. Yesuus gooftaan kee wanta ati keessa seentee jirtu sana keessatti si wajjin jira! Sirraa adda hin bahu! Yeroo waan waaqayyo nu wajjin hin jirre fakkaatutti illee waaqayyo nu wajjin jira. Dubbiin waaqayyoo akkas jedha "..... Na dhaggeefadhaa!  garaa haadha keessanii keessatti anatu isin eege! dhalachuu keeessanii  jalqabees anatu isin baate:yemmuu isin dulloomtanii haarrii baaftanis anumatu isin baata,dur anumatu hojjete,anatu baates, ammas anatu baata,anatu fayyisas.eenyuti na fakkeesituu ? Eenyuu wajjinis wal na qixxeesitu .....?'' ( Raajii isaayaas 46:3-5) “Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kiristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!” kan jedhuu dha. “Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!” kan jedhuu dha. “Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!” kan jedhuu dha. Mul'ata Yohannis 3:6, 13, 22 Maddi: https://www.facebook.com/profile.php?id=100069335302439
إظهار الكل...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 2
Repost from N/a
Kana beektu Lataa Efe. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa! ² Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi'aatus godhee nuuf jedhee of kenneera. Join gochuun matii keenya tayaa
إظهار الكل...
4
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.