cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Mana Walaloo❤️💚❤️

Baga nagayaan gara channel keenya @manawalaloo dhuftan Walaloo qalbii nama hawwatan kan jaalalaa❤️ Kan biyyaa🥰 Kan abbaa😘 Kan goototaa 💪 Akkasumas suuraawwan babbareedoo🤠 Memef qoosa😂 hunda isaa iddoo tokkotti argattu @manawalaloo @tekfur n🙏🙏

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
229
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

https://www.youtube.com/@nas_tube Seenaa waan haaraa heddu argattuu subscribe nuuf godhaa🙏🙏🙏 Yeroo muraasa booda gaafilee badhaasa qabu qabannee dhufna. Maatii ta'aa🙏🙏 Kan jaqlaba seene badhaasa addaa qaba
إظهار الكل...
Natti firoomuu hin dagatinaa! QOOSAAF🤣 Imimmaan qullubbii fi Imimmaan Jaalalaa😭 Jaalalleenkoo amma naaf bilbiltee "Waa'een heerumakoo haa hafu, akkamitti waa'ee fuudhakee dagatta?" naan jette. Bita na gallaan nan callise. "Dubbadhu jazbaa! Hawwiinkee gara fulduraa maalidha?" naan jette. "Hawwiinkoo gara fulduraa biyya nagaa keessa jiraachuudha..." jedhee utuu ani hin fixiin "Nagaa dhabi jaanja'aa. Baqqaa na wajjin jiraachuu hin hawwitu jechuudhaa?" jette. "Nan hawwa bareedduukoo!" jedheen. "Dhuguma natti himi. Na wajjin jiraachuu hammam hawwita?" naan jennaan "Na amantaa? Amma uummanni keenya nagaa hawwu caalaan si hawwa" jennaan bilbila narratti cufte. Beela'een bakka taa'uu ka'ee qullubbii hamma dhagaa koobilii ga'u tokko kukkutuu akkuman jalqabeen imimmaan maddiikoo irra 'kol kol' jedhee yaa'e. Nama qullubbii kukkutaa boo'u utuun taane nama firri jalaa duunaan boo'un fakkaadha. Kanuma gidduutti ammas deebitee naaf bilbilte, jaalalleenkoo. "Dammakoo! Dhufaan jira, mana bira ga'eera" naan jette. Nan rifadhe. Lafan jiru utaalee ka'ee itti ba'uuf jennaan dhuftee balbala bira geesseetti. Dafeen qullubbii sana dhokse. Akkuma seenteen imimmaankoo argitee baayyee rifatte😳 "Maal na jalaa taate gooftaakoo!" naan jette. "Lakki homaan taane giiftiikoo! Situ hin beeku malee ani baayyeen si yaada. Ammayyuu si obsuu dadhabeen taa'ee boo'aa tureem!" ittiin jedhe. Homaa utuu natti hin dubbatiin ijakoo keessa na ilaalaa imimmaan harcaasuu jalqabde😢 Kunoo amma lamaan keenya wal qabannee boo'aa jirra. Anaan qullubbiitu boossisa, ishee jaalalatu boossisa. Imimmaan qullubbii fi imimmaan jaalalaa😂
إظهار الكل...
Suuta suuta -Nan qaxxisa Nan Ariya nan saffisa Nan ijaajja Nan dhaabbadha Akka gowwaan ofgaafadha Eeboon kaasa nan jagnooma Yoo Isarrattoo nan gootoma Shimalan mura mancaan qara Nan haleela morman qala Shir hinjedhu lakkii hindhiiguu An dhabbadhee inni hinfiguu Yoo naa gamu itti dhiisee yoon kuphanu na dhiphisee Yoon muddamee yoo nafiigse Narraa hincitu natti hindeemu Waa hindagatu waa hinqabamu Suuqa seena Yoo dukkanaa Ibsaa malee nii godaana Guyyaa Guyyaa na raatessa Sammuu goolee na macheessa Halkan halkan nadhokta Afuura isaa balleeffata Subii lafaa naan tirata Dura bu’ee na daawwata Duuba goree naa ittisa Suuta jedhee naa qaxxisa Narraa qola naa bittimsa Yaa qalbiikoo 🥹 Akka hoofaa yoom raata’e? Ofjibbuuf maaf qophaa’e? Akkam godhee akkas ta’e? Gaaddiduusaatti deebi’e? @manawalaloo
إظهار الكل...
#Hin_Yaanne ~ Rakkon kiyya keeti Duraan walin janne Natti jijjiramtaas Je,ee takkaan yaanne Wa,ada naaf seenuu Malee galman genye Ani argamuun koo Iddoo itti nagante Ballessaa ko tahee Dhugaan naas jibbite Yoomuu siifin tolu Irbuun kiyya kuniis Rabbii nagarsiisaa Hammeenya ke saniis @manawalaloo
إظهار الكل...
❤️❤️Carraa❤️❤️❤️ Carraa carraaa Koo naa toli Mee arraaa Kanin jaalleen Fagannee walirraa Yaa rabbii koo Naa mijjeessii Walgarraaa (2×) An wahituu buutee Mukatti na hiitee Raarraanin jiraa Abjuu natti taatee Onneen lamaan Yoo gargar bubbultee Qilleensi seeneeti Xoolaydi aaddee (2×) Kankee gamaaa Koos gamanaa Bahar guddaatu Nu jiddutti argamaa Doonidha moo Xiyyaaran balaliamaa An hangaa yoomin Yaada kee hiraramaa (2×) Onnee tiyyaa keessaa Siif godhe daahamaa Seeniti qubadhuu Turi hamma dhumaa Tiyyaa suma qashtin Tiyyaa suma addee Tiyyaa sumaaa Wal jaalatanii Wal bira qaamaani Maali halalaaa Guggubachuunii (2×) @manawalaloo
إظهار الكل...
Dogoggoreen bahe Manakoo gadhiisee Siree koo irraa bu'ee Fiigee lafa ciisee! ~ Maaloo naaf dhiisimee Anís siifan dhiisaatii Balleessuukoo beekeera Gatii baaseen si kiisaatii! ~ Gowwomeen bahe Sobaan ariifadhee Torbee osoon guutiin Huuqqadhe rifadhee! ~ Abbaa warraa na kabaju "Ooyyee" jedhee owwaatu Cabakoo naaf okkolee Aariikoo wawwaatu! ~ Inni qulqulluudha Anatu miidhame Bara jireenyakoon Wadaroon hidhame! ✍️@manawalaloo 🙌🙌🙌
إظهار الكل...
Dr.Alii Birraa yaa Galmee seenaadha Kuufama ogummaa Yaa Faajjii qabsoodhaa Madda walabummaa Ka'uumsa aartii keenya Abbaa Oromoo maraa Soqee kan diddiriirsee Kallatti hundaan karaa Qareessa gameessa Kuusaa seenaaf aartii Gorsaafi qajeelchaa Daa'imaa haga jaartii Iddoo dhukkubbiitti Kan dursee argamuu Lubbuusa sabaa laate Sabaaf kan wareegamuu Yeroo jarri dubbatuutti Dhugaa sobaan dabsaa Haasaan afaan Oromoo Raadiyoonii cabsaa Sagalee kiilooleedhaan Dhugaa baasee gaaratti Afaan ishee qabachiisee Qaanfachiisee jaratti Dhukkubbii lammiitiif Soqee Dawaa baasee Iddoo hunduma tuqee Kan rafe hirriba kaasee Qabsaa'a mirga namaa Gaaddisa Oromootaa Hin duune ni boqatte Ati yoomuu gootaa Onneen lammii hundaa Sin utubame jiraataa Dadhaban ciseeyyuu Muuziqa keen tiraataa Bahaa haga dhiiha Kibbaa haga kaabatti Dacheen Oromiyaa Maqaa keen jabaatti Dr Alii Birraa jedha Gadaammeessa keessa Seenaa kee ol fuudhee Hojii keetu odeessaa Eega Hayyiicha koo qaroo Abbaa labanii dheeraa Nagaan nu boqadhu Du'a hin hafanii seeraa Dhaloonni at horattee Baayyeedha kitilaa Sanyiin kee lateera Guyyaadhan biqilaa ✍️ @Manawalaloo @manawalaloo
إظهار الكل...
‘Takeaway’ Anoo yaadeen ture 'Takeaway' gochuu Kiisii kootti kuusee Galeemmoo cuffachuu Situ anaan na dhorke Kolfinaan qaanfadhe Harka duwwaa galeen Gaabbiidhaan gubadhe Silaa guyyaan duraa Waan hundaafuu carraa Yookiin tuffaatamuu Taatummoo abbaa warraa Inni takkaa tare Lammataa hin deebi'u Yoom asirraa hafe Gara koo haa cee'u @manawalaloo join godhaa🙏🙏
إظهار الكل...
Lookoo morma soloolaa Jecha ol ha'ee gadi ha'een Mandara kee naannessaa Sin jaalladha siin jedhee Sitti himuun na qaanessaa! Bareedduu koo yaa diimtu Diimtuu diiminni dammaa Sin waamaa na dhaga'ii Dafii naaf kottu amma. Waadaa kee kabajeetan Manatti si galfadhaa Haadha ijoollee koo taata Ilman sirraa dhalfadhaa Booka waliin ulannaa Jireenya bareechinee Abbaa Gadaan eebbisnee Manatti wal galchinee Dafii naaf kottu lookoo Lookoo morma soloolaa Akka manaa nan dhamneef Anoo manuman oolaa! @Fayisa_Birhanu @manawalaloo
إظهار الكل...
🔶🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙉🔶 🔶Kophakoon gadde🔶 Gaddi gadda caaluu Kopha ofii gadduu Kan caaluu hin jiru Kan hoomtu siif hin baree Kan namu siif hin arginee homtu kan siraa hin hir'ane Kan namu Sii gargaree Gaafa gadditu kophaa Dhiigat laphe bu'e onneetti gad-copha Onneetu Sii mada'awa Sombatu Sii dhowa Ano nadhukkubsadhe Keessa koot mada'ee Ceequ kootu cabee Humnat naburkata'e Kanafan kopha ta'e Kopha dhukkubsadhe utubat najala jiige Dhabadhen hirko dhabe Kanafi kopha kan gadde 😠😠😠😠😠😠😠😠😠 @manawalaloo 😡😡😡😡😡😡😡😡😡
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.