cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Faaruu ortoodooksii Tawaahidoo

Chaanaalii kana iratii Kitaabilee aadaa aadaa Faaruu seeraa amantaa ortodoksii tewaahidoo eegee. Baruumsa wangeelaa Walaloo aadaa aadaa irati nii aargatuu Hordofaa @ty1921 @Dengel_enate

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
3 547
المشتركون
+124 ساعات
+287 أيام
+5930 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

#Olba'eera!    #Eenyu? #INNI: 1. Osoo hin mul'atin gadi bu'ee Mul'atee ol deebi'e: Maqaan Isaa ajaa'iba, Gorsaa, Humna-qabeesaa, Hoogganaa nagaa kan jedhame ulfinni waamamuu Maqaa Isaaf haata'uuti dhokatee gara biyya lafaatti gadi dhufe. Waaqummaa Isaa dhoksee nama fakkaatee, humna Isaa dhoksee dadhabaa fakkaatee, Hoogganaa ta'uu Isaa dhoksee hooggantoota lafa irraatiin bulee, Abbaa seeraa ta'uu Isaa dhoksee seera isaanii kabajee biyya lafaa irra yeroo daangofteef jiraate. Yemmuu ol ba'etti garuu Waaqummaa Isaa, Humnaa fi Aangoo Isaa, Hooggansa Isaa ifatti mul'ise. Kanaaf Waaqni keenya yemmuu nuti afuuraan gadi buunu, yemmuu cubbuutti kufnu nuuf dhoksa. Yemmuu nuti hojii gaarii xiqqoo hojjennu immoo ol nu baasa. Osoo akkas miti ta'e har'a eenyutu maqaa kabajaa har'a qabu kanaan waamamaa? Inni mul'inaan ol-ba'e kun isa mul'inatti ol si baasudha. 2. Gara gadii yemmuu turetti arrabsoo hedduu baate, yemmuu ol bahe garuu galataa fi kabaja baate: Gooftaan keenya umurii nama ta'ee biyya lafaa irra jiraatetti maqaa isaaf hin malle heddutu mogga'eef. Arrabsoo heddu arrabsame; gosti arrabsoowwanii hamma lafa irra dhumanitti hunduu jecha beekuun isa arrabse. Yemmuu ol ba'etti garuu raayyaan Ergamoota samii dhufanii galataa fi kabajaan, faaruudhaan simatan. Duumessi ulfinaa dhufee Mootii ulfinaa simate. Warri yeroo inni biyya lafaa irra ture Isaan of qixxeesaanii Isa ilaalaa turanis qaana'anii, achii ol Isa ilaalan; ofii isaaniitii garuu garuma gadiitti hafan. . Atis har'a gaafa jireenyaa fi milkaa'inaan gadi buutu kan si arrabsu malee kan si faarsu hin jiru. Biyyi lafaa kun warra gadi bu'an gargaartee ol kaasuu caalaa tuullaa arrabsoo irra tuuluu jaallatti. Gaafa ati tirattee ol kaatu garuu gaabbiidhaan achii ol si ilaalti. Ol ka'uun siif dhufaatii abdii hin kutin. Arraba kee hamaa dubbachuu irraa eeggadhu! Gaarummaa jaalladhu! Warra gaddan wajjin onnee keerraa gadii, kan gammadan wajjinis garaa guutuu gammadi. Karaan dhugaa isheen ol nama kaaftu ishee kanadha. 3. Gara gadii yemmuu turetti tuullaa salphinaa baate, yemmuu ol ba'etti garuu ulfina Waaqummaatiin Mirgaa Abbaa taa'e:- Yihuudonni guyyaa jimaataa mee raajii dubbadhu jedhaniin, cubbamtoonnis of fayyisii nuunis fayyisi jedhaniin. Qoosaa itti baay'isan, ni salphisan, kabaji Waaqummaa Isaa haa turuutii hamma Abrahaamillee Isa kabajuu hin dandeenye. Gara gadii kana tuullaa salphinaatu jira. Maarree haadhoo koo, yemmuu biyya lafaa kana irra jirtu akkamitti kabajan dhabe jettee aartee gadditaa? Isheenoo tasuma kabaja hin beektu salphina malee; osoo si kabajjeeyyuu fakkeessuufi malee hin sobdi isheen. Xiqqoo turtee salphina kee lakkoofti. Daqiiqaa tokkoof si jajjee waggaa tokkoof si jaji'atti. Gara gadii kana irraa kabaja hin eegin. Warri gara gadii waanuma gadii malee kabaja siif hin laatani; Kiristoosiin ilaali. 4. Kiyyoon fannoo biyya lafaa irraa isaaf qopha'e Ol ba'uu irraa isa hin daangessine: Akka yaada warra Isaan mormaniitti Kiristoos fannifamee du'a; achii booda ni awwalama; awwaala keessttis hafa ture. Kun hunduu hawwii warra Waaqummaa Isaatiin mormanii ta'ee hafe malee Inni awwaala keessattis hin hafne; simboo sodaachisaadhaan du'aa ka'e. Du'aa erga ka'ee boodas warra gadii kana biraa gara samiitti ol bahe. Garri gadii kun fannoo qabdi, kiyyoon ishees cimaadha. Abjuu du'aa fi salphinaa namaaf abjootti malee afuura nagaa namatti hin baafattu. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraa kiyyoo keessatti si kuffisuuf carraaqxi; kun hunduu Gooftaa keenya Iyyasuus irras ga'eera. Mee ol ilaali! Samii bareedduu bal'oo argita; qilleensa nagaa harganta; sagalee simbirrootaa kan si gammachiisu dhageessa; abdiidhaan guutamta. Gara olii hamiin hin jiru galata malee; arrabsoon hin jiru faaruu malee; naasuun hin jiru tasgabbii malee; dhukkubni hin jiru fayyummaa malee; gaddi hin jiru gammachuu malee; jibbi hin jiru jaalala malee; yaaddoon hin jiru boqonnaa malee. Baga Ayyaana Ol-ba'uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e! Ameen! @amantaakoo
إظهار الكل...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

Photo unavailableShow in Telegram
#Olbahuu_Kiristoos [HDB 1:6-11) ➭Yeroo walitti qabamanitti duuka bu'oonni, "Yaa Gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafiiree?" jedhanii gaafatan. Inni immoo,"Yeroo yookiis bara Abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne. Isin garuu, Afuurri Qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihuudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu" isaaniin jedhe. ➭Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara samiitti ol bahe; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse.  Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo, namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii, "Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii samii keessa ilaalaa jirtu? Iyyesuus, inni isin biraa gara samiitti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara samii dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin. Eebbi Ayyanichaa nurra haa bulu! Ameen!     ⚜@Kalabhiyahu
إظهار الكل...
Irraanfadheera! ✍Dubartiin godeettiin tokko gara abbaa afuuraa tokko deemtee, "Waaqayyo yeroo hundumaa natti dubbata" isaaniin jette. Abbaan kunis dubbichi isaaniif galuu didnaan aaruudhaan ishee dhiisanii deeman. Guyyaa biraas dubartiin kun deebitee, "Waaqayyo galgala galgala natti dubbata" isaaniin jette. ✍Abbaan dubbii dubartii kanaa nuffan kunis yammuu isheen akkuma bartetti dhuftee isaanitti dubbattu, "Dhugumatti yoo Waaqayyo guyyaa guyyaan dhufee kan sitti dubbatu yoo ta'e akkan si amanuuf hojii manaa tokko nan siif kenna" jedhan hubachaa ishee ilaalaa! Dubartittiinis kan isheetiin jedhan hunda gochuuf waadaa seente. ✍Abbaan sunis gaaffii dubartii kana narraa kuta jedhanii yaadan ishee gaafatan. Kunis, "Dhugumatti Waaqayyo kan wajjin dubbatu yoo ta'e mee har'a galgala gaaffii tokko naaf gaafadhu" kan jedhu ture. Dubartittiinis suutuma, "Maal siniif gaafadhu?" jette. Isaanis, " Waggoota dheeraaf dhiisuu kan hin dandeenye, ji'a dura garuu gaabbii galuun kanan dhiise cubbuu tokkotu ture. Cubbuun kun maal akka ture gaafadhuu natti himi. Isa yoo sitti hime dhuguma Waaqayyo si waliin akka dubbatu nan amana jedhan. Dubartittiinis gara manasheetti deebite. ✍Abbaan akka dubartiin kun lammaffaa hin deebine tilmaamanii haa turan malee isheen garuu deebitee ammas isaan waamsiste! Abbaanis dubartii kana yammuu argan ajaa'ibsifatani,  "Tole mucaa koo! Cubbuu koo isan ergan gaabbii gale dhiise sana Waaqayyoon gaafattee?" jedhan kolfaa! Isheenis, "Eyyeen Abbaa" jette qaana'aa!. "Tole maal siin jedhe?" jedhan abbaanis. Isheenis, "#Irraanfadheera naan jedhe" isaaniin jette.  Abbaan kunis deebii Waaqayyoo isaan hin eegne kanaan lapheen isaanii tuqamee "hiq-hiq" jedhanii bo'aa dubartii sana haammatan! ❓Maal Hubatte? ✍Dhalli namaa dhiifama guutuu hin qabu. Har'a gatii ilaalee yoo haa hafu siin jedhe, bor yammuu si lolu balleessaa kee isa dura haa hafu siin jedhe tokko tokkoon lakkaa'uun si ceepha'aa oola.  Waaqayyo garuu takkaa haa hafu siin jennaan irra deebi'ee hin yaadatu- Inni gatii ilaalee kan nama jaallatu miti, akkasumaan nama jaalate malee! Meeqan keenyatu kana beeknee gaabbii gallee dhiphinaa fi ba'aa cubbuun  nutti fide irraa hiikamuu barbaadna laata? 🙏Waaqayyo qalbii gaarii gaabbuuf ariifatu nuuf haa kennu! Ameen! https://t.me/amantaakoo
إظهار الكل...
Faaruu ortoodooksii Tawaahidoo

Chaanaalii kana iratii Kitaabilee aadaa aadaa Faaruu seeraa amantaa ortodoksii tewaahidoo eegee. Baruumsa wangeelaa Walaloo aadaa aadaa irati nii aargatuu Hordofaa @ty1921 @Dengel_enate

Lubbuu_Koo_Faarfattu_Fasika_Makonin_ነፍሴ_ሆይ_ዘማሪት_ፋሲካ_መኮንን_#Mezmur.mp38.76 MB
♦Lubbuukoo♦/ነፍሰ ሆይ Lubbuukoo yaa lubbuukoo Lubbuukoo waaqayyootin faarsi Lafeewwan koo hunduu(3) Maqasaa qulqulluutif       ==##== Gammachuudhaan farsi galata isa haaraan Nageenyaaf tasgabbii si badhaasee jira  Maseenqochas kaasi galata     dhiheessi Dibata gammachuun waan si jijjiirefi         ==##== Gammachu taasisi lubbuukoo waaqayyoni Kabajarratti kabaja waan si laatuuf inni Laggeen yaa dubbatan afuura gammachuun Waa'ee waaqa keenyaa waliin mari'achuun          ==##== Samiin ni dubbatu waa'ee tolummasaa Walwaamu dhagahi galateessuf isaa Dumessiif hurriin isatti marsanii Yeedaloodhan faarsu waaqa uumaasaanii         ==##== Bakakkaan dhagahamee samiiwwan tarsaasun Yeroo eeggatee galata dhiheessuf Durasaatti bobba'a ibiddi ulfinasaaf Dhageessee raafamte dacheen sagaleesaa             F/ttuu Fasikaa Mokonnin      👇follow. https://t.me/amantaakoo https://t.me/amantaakoo https://t.me/amantaakoo
إظهار الكل...
إظهار الكل...
የበገና መዝሙር እና ቁጥር መገኛ

የበገና መዝሙሮችና ቁጥሮቹን እንዴት ላግኝ?🤔 በገና ምንድነው?🤔 አገልግሎቱስ?🤔 ከበገና ደርዳሪ ምን ይጠበቃል?🤔 መንፈሳዊ ጥቅሙስ ምንድነው ?🤔 ሁሉኑም በአንድ ያገኛሉ ይቀላቀሉ። @ty1921

An_Manake_Faarfattu_Fasika_Makonin_#እኔ_አንተ_ቤት_ዘማሪት_ፋሲካ_መኮንን_#faaruuortodoksii.mp35.92 MB
🎤An Mana kee" እኔ አንተ ቤት" An mana kee an fuula kee nam dhaabbadhuu miti Bara baraaf jaalala ati kan hin qabnee hoomaa fakkii *2 (Ene ante bet ene ante fit Yemiqom saw ayidelahum Gin fiqir naw lazelalem yemimasli maannim yellam)2× Siissinnii ta'uus kadhannaan koo Hir'uu ta'uullee amantiin koo Na ibsiitee ati samiirraa Badiif cubbuu koo kaaste narraa Naa dibdee waamtee bosonaa Naf laattee teessoo ulfina Qabaadhu baatus gaarummaa Ati na ibsitee arjummaan 🎤 Kabaja waadaadha ati Fayyisa amanama yaa mooti Kakuu ati kaakkattuu Hin irraanfattuu Hin dagattuu Yaa barsiisa koo gorsaa koo Siifan dhiyeessaa an faaruu koo Abbaa hundaa Yaa jaalala Qananii samiidhaf lafaa 🎤 Fedhii koo qofa argitee Dadhaba mucaa kee gargaartee Ga'uumsa koo miti Yaa gooftaa Kan na dhaabdee anan Galata Iyaafadha jennaan iyaafadhee Kadhadhaa jennaan kadhadhee Balbala kee naaf banteettaa Fayyina kooti ati gooftaa 🎤 👤Far/tu Fasikka Mokonon @amantaakoo
إظهار الكل...
✞✞ውዳሴ ማርያም 🙏 GALATAA MAARIYAAM ✞✞

ይሄን '' channel '' ሼር በማድረግ መዝሙሮች ሁሉም ኦርቶዶክሳዊያን ጋር እዲዳረስ በልዑል እግዚአብሔር ስም እጠይቃችኋለሁ። @Ale_0960_09 Comment

✞✞ውዳሴ ማርያም 🙏 GALATAA MAARIYAAM ✞✞: AKKa Arjuuuma kee "እንደ ቸርነትህ" https://t.me/CHEB_CHEBO 🎤An Mana kee" እኔ አንተ ቤት" An mana kee an fuula kee nam dhaabbadhuu miti Bara baraaf jaalala ati kan hin qabnee hoomaa fakkii *2 (Ene ante bet ene ante fit Yemiqom saw ayidelahum Gin fiqir naw lazelalem yemimasli maannim yellam)2× Siissinnii ta'uus kadhannaan koo Hir'uu ta'uullee amantiin koo Na ibsiitee ati samiirraa Badiif cubbuu koo kaaste narraa Naa dibdee waamtee bosonaa Naf laattee teessoo ulfina Qabaadhu baatus gaarummaa Ati na ibsitee arjummaan 🎤 Kabaja waadaadha a Kan na eegu "የሚጠብቀኝ " Kan na eegu hin ciisu Kan na eegu hin rafu Tasumaa hin mugu Mana hin qabaannes bakkeen buluuyu Halkaniif guyyaa narraa hin fagaatu Iyya biniinii sodaa halkanii Ofirraan dhorkaa nagaa keetinii         Miila koo hin laatuu Gufaatiidhaafii          Na baraara inni nagaa mirga isaani       Saafaan guyyaasii anaan hin gubu    Humni seexana nan sodaachisu Lubbuu koo eegee kiyyoo diinaarraa Gooftaan na dursee daandii fayyinaat Galuuf bahuu koo inni na eege Fedha isaatinii yoonaan kan gahe Hirriiba koo eebbisee gooftaa naa kenneef        Yaaddoo addunyaa otuu hin hin dhiphaatiin       nyaata oolmaa koo kan nan dhoowwannee        Galatan galchaa bara baraatiin                ==•|•= 👇follow. https://amantaakoo
إظهار الكل...
4_5807679413583615017.mp37.29 MB