cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Abdii Booruu

Channel kun; Seenaa,Afoola,Qoosa fi kkf of keessatti Ni qabata. Dhaloota seenaa beeku rabbi nu haa taasisu.

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
242
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

ANATU BALLEESSE! Ganama ture. Maatiin taa'ee buna dhugaa jira. "Har'a waajjira bulchiinsa aanaa keenyaatti wal ga'iin qaba. Na geessita. Achumaanis konkolaataa keenya garaajiitti nuuf hojjechiista" jedhe abbaan ilma isaan. "Gaariidha. Anaafis waan bitee dhufu qabaa. Si haa geessu" jette haati manaa. Wal qabatanii magaalaa deeman. Fageenya kiilo meetira 25 oofee magaalaa seenan. "Haga sa'atii 10:00 tti konkolaataa hojjechiisii waan harmeen kee barbaaddu bitiif. Waan hundaa xumurii sa'atii 10:30 tti waajjira bulchiinsa aanaa kottuu na fudhadhu" jedhee ilma isaatti hime abbaan. Ilmis itti waliif gale. Konkolaataa garaajii galchee booda mucichi bakka bashannanaa deeme. Dhugaatii, shiishaa....waan hedduutu ture. Sa'atiin beellama abbaa isaa jalaa darbe. Abbaan eegee dadhabee mana garaajii deeme. Konkolaataan hojjetamee dhaabata. Gurbaan garuu hin turre. Waan godhu dhabee gara waajjirichaatti deebi'e-abbaan. Ilmichi beellama abbaa isaa yaadatee gara gaaraajiitti kan fiige sa'atii 11:30 tti ture. Atattamaan konkolaataa baafatee gara waajjira abbaan isaa jiruutti fiige. Amma sa'atii 12:00. Abbaan isaa gaddee mataa buusee taa'ee jira. Fuulli isaa dukkanaa'eera. "Ilma koo maaliif akkana goote? Maaliif hamma sa'atii 12:00 tti na eegsista?" jedhee gaafate. Mucichi baay'ee na'e. Waan deebisu dhabe. Sobuuf dirqame. "Warra garaajiitu na turse. Kunoo amma reefuu naaf xumurraanan dhufe. Achuma taa'een eegaa oole" jedhe. Akka abbaan isaa mana garaajii deemee ilaale hin barre inni. Abbaan deebii mucaa isaatti daran gadde. Mataa buuse. Sana booda tarkaanfii inni fudhate ajaa'ibsiifachuu dhiisuun hin danda'amu. "Ilma koo! Ani sa'atii beellama keenyaa yeroo xiqqoo booda mana garaajii deemeen ture. Konkolaataan yeroo jedhame dursee hojjetamee dhaabate. Ati garuu achi hin turre. Si eegee dadhabeen asitti deebi'e. Ati garuu na sobde. Haga ammaatti na sobda jedhee yaadee hin beeku. Baay'een gadda. Ammoo kan balleesse si miti. Anadha. Anatu sobduu taasisee si guddise. Akka abbaatti itti gaafatama fudhachuun qaba. Ilma sobduu guddisuu koof adabamuun qaba. Amma beenu ni deemnaa. Ati na boodaan konkolaataa oofi. Ani immoo si dura bu'een miilaan deemaa. Eyyee! Adabamuun qaba!" jedhe. Mucichi naasuuf dubbachuu dadhabe. Yaada abbaa isaa jijjiirsisuuf miilla isaatti kufee boo'e. Itti hin milkoofne. Abbaan ejjennoo isaatti ciche. Dukkana ture. Abbaan konkolaataa dura bu'ee miilaan, ilmi immoo konkolaataa oofee duubaan deemsa itti fufan. Akkanatti kiilo meetira 25 deeman. Mucichi halkan guutuu boo'aa bule. Bara jireenya isaa guutuu eenyuunuu akka hin sobne murteeffate. Nama dhugaa ta'e! Dubbistoota koo! Seenaa kana irraa maal baranna? Barreessaa mee! Halkan baay'ee bareedduu qabaadhaa! Eebbisaa Baayisaa: Nama biyya Oromoo! #DeemsiIttiFufa
إظهار الكل...
#Ani Kanan Jedhu! #Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta? #Ati maaf hin milkooftu? #Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta? Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana. #Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu. Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda. #Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#የቀን ሥራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. Dhiifama yeroo kanatti seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase. #Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''. #Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa! #Milkaa'i @Abdyboru Waan dubbiftaniif Galatoomaa🙏🙏🙏
إظهار الكل...
🐜🐜Mixiin garaa lama akka qabu beektuu? Garaan inni tokko nyaata ofii kan itti kuufatu yoo ta'u inni lammataa immoo nyaata hiriyaa wajjiin qoqqoodaman kan ittiin kuufattuudha! @Abdyboru @Abdyboru Maddi Kan dubbisnerraa
إظهار الكل...
➊. Iddoo Hundumaatti gaarummaa hojjedhu! Yoos maqaan kee bakka gaaritti waamama. ➋. Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen utuu hin taane, hojii bakkichatti hojjetteen madaalama. ➌. Amma dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu hundumtuu gochuu danda'a waan ta'eef. ➍. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattudha. ➎. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely) sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Abdyboru @Abdyboru
إظهار الكل...
❏ Rakkooleen hundi nu balleessuuf nutti hin dhufani! Gartokkeen isaanii: ⁃ Balbala nuuf banuuf, ⁃ Balleessaa hubachiisuuf, ⁃ Qajeelchuuf, ⁃ Leenjisuuf, ⁃ Cimsuuf, ⁃ Dandeettii keenya qoruuf, ⁃ Milkii dhufuuf nu qopheessuuf nutti dhufu! ❏ Kanaafiyyuu qormaanni tokko yommuu sitti dhufu daftee iddoo keetii hin kaatin! Share◈Share◈Share @Abdyboru @Abdyboru
إظهار الكل...
Injifachuu fi injifatamuu jidduu garaagarummaan jiru abdii kutachuu fi abdii kutachuu dhiisuudha. Jireenya kee keessatti gonkumaa abdii hin kutatin! Waan barbaaddu ifaan ifatti beeki! Waan barbaaddu argachuuf tarkaanfii jalqabaa maal akka barbaaddu sirritti baruu irratti xiyyeeffachu! 👉Waan namoonni waa'ee kee dubbatan dhimma itti hin kennin! Isaan hordofuu yoo eegaltee fi maaliif akkas naan jechaa jiruu? jettee yoo dhiphachuu eegalte carraan injifatamuu kee ni bal'ata. Akkasumas namoota yaada gadi bu'aa fi of tuffachuu qaban irraa hamma danda'ameen of qusachuu yaali! Maaliif seete namoonni akkasii ofitti amanamummaa kee, gatii ati ofiif qabduu fi kaka'uumsa kee warreen si keessatti ajjeesaniidha! Guyyaa Gaarii Qabaadha!! @Abdyboru @Abdyboru
إظهار الكل...
KADHATICHA! Namicha waggoota dheeraadhaaf karaa irra taa'ee kadhatu tokkotu ture. Umurii isaas, aduu dhiitee bariitu, karaa sana irra taa'ee waan tokko gochuun dabarsa ture. Innis namoota daandii sanarra isa bira darbaa oolan qarshii kadhachuudha. Guyyaa tokko akkuma yeroo kaanii namichi kara-deemaan tokko isa bira darbuu yoo dhufu, "Adaraa na gargaari. Rabbi irraa argattaa" jedhee moofaa ciccituu isa fuuldura jirturra akkuma inni saantima muraasallee buuseefii darbuuf harka isaa raasee kadhate. Namichis, "Ani homaa waan siif kennu hin qabu. Waaqni siif haa kennu" ittiin jedhe. Itti dabalees, "Kan ati irra teessee jirtu kun maaliidha?" jedhee miira shakkiin kadhataa sana gaafate. Kadhatichis, "Homaayyuu miti. Saanduqa xiqqoodha. Ergan gaafa asitti argee eegalee waggoota dheeraadhaaf kanuma irra taa'een kadhataa ture" ittiin jedhe. "Bantee ilaaltee beektaa?" namicha kara-deemaa santu gaafata. "Lakki." "Maaliif hin banne?" "Homtuu keessa hin jiru nan beeka. Maaliifan bana?" Kara-deemtichis, "Mee har'a banii ilaali!" ittiin jedhe. Kadhatichis irraa ol ka'ee saanduqa xiqqoo sana bane. Yoo keessa saanduqichaa ilaalu garuu ija isaa amanuu dadhabe. Saanduqichi warqeen guutee jira. Namichi waggaa afurtamaa oliif warqee gatii mi'aa irra taa'ee saantima muraasa kadhataa ture. Seenaan kun kitaaba 'The Power Of Now' jedhu kan Eckhart Tolle barreesse irraa fudhatame. Barreessichis dhaamsa seenaa kanaa akkasiin kaa'e: "Anis namicha kara-deemaa homaa waan siif kennullee hin qabneedha. Garuu akka ati gara keessaa ilaaltuuf sittin hima. Gara keessaa yeroon jedhu keessa saanduqaa kan warqee barbaachaaf gootu miti. Keessa isa isa caalu, kan sitti dhihoo jiru, keessa ofiikeeti. Keessa ofiikee ilaali. Gaafas 'ani kana booda kadhataa miti.' ofiin jetta." Isin hoo maal irraa hubattu? @Jechoota_gamnaa @Jechoota_gamnaa
إظهار الكل...
Arguuf malee argamuuf ifa hin filatin.
إظهار الكل...
HARKA HIN KENNIN Yeroo baay'ee namoonni waanta isaan hudhu waliin wal'aansoo obsaaf yeroo hin qabne wal qabu. "Har'a yookiin situ na galaafata yookiin ammoo anatu si obbaafata" yaada jedhuun ammuma ittii addaan bahuu barbaadu. Loltuun sodaatamaa fi cimaan tokko meeshaa isaa guuttatee lola ture. Loltuu kana qaamaan bira gahee lolee eenyuyyuu mo'achuuf carraa hin arganne. Kanaaf diinonnisaa yeroo baay’ee fanjii lafa keessa awwaaluun akka inni ittiin du'uuf kiyyeessanii gaadu turan. Guyyaa tokko lolatti utuu jiranii akka tasaa ta'ee namoonni garee isaa ta'an duubatti jalaa hafan. Qofaa isaa hanga danda'ame erga loleen booda itti cimnaan baqachuu filate. Gara dudduubaatti deemsa jalqabe. Utuma deemuu miilli isaa mirgaa fanjii awwaalamee jiru irra ejjete. Yeroo kanatti loltuu jabaan kun baay’ee nahe. Dudduubaan diinni isaa ajjeesuuf isa barbaada. Gareen isaa dhufanii isa gargaaru jechuuf naannoon inni jiru diinota isaatiin weerarameera. Hudhaa baay’ee cimaa keessa seene. Ni hudhame! Ta'us loltuun kun nama qoosaatti abdii kutatu hin turre. "Diinonnikoo dhufnaan na ajjeesu. Yaaliin godha, yookiin utaaleen walakkaa gubadhee lubbuu kootiin xiqqooma baraarama" hin jenne. Loltuu obsa itti beeku ture. Yeroo dheeraaf miillasaa iddoo sanaa hin sochoofne. Namni dhufee furmaata kennuuf garuu hin argamne. Miilli isaas daran dhukkubuu jalqabe. Utuu dhaabbatuu gara sa'aa 16 ta'u waan tureef beelli isa qabatte. Dhaabbachuun baay’ee itti cime. "Bofi munnee lixe, harkisan hin cita, gadhiisan hin lixa" isa jedhan ta'e. Yoo miilla irraa fuudhe fanjiin dhuka'ee lubbuun isaa darba. Akka duraatti obsuuf humni isaa dhumeera. Kan duraarra caalaatti hudhame. Obsaan jajjabaatee yeroo muraasaaf erga irra dhaabbateen booda isa dhumaaf dhaabbii dadhabe. Kanaan booda duddaan lafatti kufe. utuu didee miixatuu hudhaa kanaaf mo'ame. Erga inni duddaan kufees wanti uumame hin turre. Fanjichi qodaa duwwaa (fanjii dhuka'u kan of keessaa hin qabne) ture. Maal jechuu barbaadeeni; - Loltuun kun wanta isarraa barbaachisu utuu hin hambifatiin raawwatee jira. Nutis wanta nu hudhee jiruuf yeroo kenninee kan nu hudhe sirriitti baruutu nurra jiraata. Obsuu fi waanta waliin wal'aansoo qabnu beekuutu nurra jiraata. Hudhamuun raawwatamanii to'atamuu miti. Hudhaan galaana rakkinaati. Sochiifi tattaaffii yoo hin goone nama liqimsa. Hudhamteef harka hin kenniin. Waanta si hudhe harkaa bahuuf obsaan tattaafadhu. #Asoosama_hudhaa_rra_kan_fudhatame #Lafa_nagaa_oola #Walif_qoodaa @Abdyboru @Abdyboru
إظهار الكل...
☑️ Nama Abjuu sabaa qabuuf, hojiinu aara-galfiidha. @Abdyboru
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.