cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Dr. Etana Habte

Dr. Etana Habte

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
435
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailableShow in Telegram
Baay'ema na ajaa'ibe! Mee Jawar Mohammed imala "Galatoomaa" irratti maal jedhee dubbate? "Lolli dirqama dhaabbachuu qaba. Lolli dhaabbachuu baannaan rakkoo biraatu nu mudata. Tokkummaan oromoo ni laaffata, wal qoodiinsi ni dhalata. Humni wal waraanu ni baay'ata, xiiqii fi Haaloonis hooggantoota giddutti ni baldhata" jedhe! Kunoo Dubbittiin hin turre, hin bubbulle ta'amtee argine. Lolli TPLF fi Bilxiginnaa giddutti eegalee torbaan osoo hin guunne namoonni keenya baay'een gama gara garaa goruun dhakaa walitti darbuu taajjabne. Kanarraa maal hubanne ree? Dubbii fi xiinxalli nama Jawaar-Siraaj-Mohammed jedhamu kanaa adda ta'uu, Kallattii fi madaala qabaachuu, Waan duraa fi duuba jirus namatti muldhisuudha! Ammootuu nama kana Ilaalcha siyaasaa inni qabuu fi ejjannoosaa deeggarrus, morminus inni shaayii Siyaasa Oromoo fi Itoophiyaati. Kanaaf halaalaa gurbaa #Caqaccaquu dhiifnee osoo itti siqnee waliin mari'achuun wajjiin hojjannee waan baay'ee jijjiiruu dandeenya! Bulloon badhaasa oromoo, ayyaana qabeessa n
إظهار الكل...
Check out this free app — It Pays to Walk 🚶 https://sweatco.in/i/omsoromiamediashow
إظهار الكل...
Sweatcoin: Healthier planet. Healthier, wealthier you

Join our 100M+ users to become part of the movement economy. Sweatcoin app converts your steps into sweatcoins — virtual currency that you can spend on products and services. It Pays to Walk.

Diina tarsiimoo qabsoo keenyaa kan tahan warri ollaa kaabaa dhimma alaabaa keenya keessa maaltu isaan galche? Akka argaa jirrutti wal falmii gidduu kana dhalate keessatti deeggaraa garee gamaa gamanaa fakkaatanii awwaara kaasaa jiru. Naf**onni garee ABO of fakkeessuun, OPDO/Bilxiginnaan ammoo garee KFO of fakkeessuun daranuu walitti nu hadheessuuf taphachaa jiru. Lachuu ofirraa dhorkaa, mata duree qaanfachiisaa kanas nurraa cufaa!
إظهار الكل...
Maaltu Jira? (Irra deebiin kan Maxxane) Jaal Marroo Dirribaa Lammeessa dhiheenya kana ummta Oromoof ergaa ifaa fi xaliila tahee lama lafa kaahee ture. 1. Qaamni Waraana Hogganuu fedhu kamuu Bosoona Oromiyaa bakka qabsoon jiru dhufee nufaana qabsa’aa nu hogganu danda’a kan jedhu. Karrii hogansaa qaama murannoo akkanaa qabu kamiifu banaa tahuu isaa ibse. 2. Gargaarsii maqaa Waraanaan waggaa dheeraaf ittin daldalamaa ture sirnaan kallattii waraana qaqqabutti akka naannahu fi caasaan daldalaa kana dura diriree saamaa ture kan booda akka beekamtii WBO hin qabne ifoomse. Qabxiilee ijoo kana lameentu hattootaata dhiiga ilmaan hiyyeessaan daldaluu baree maraache. Nan dabala Hattoota dhiigaan daldalee duroome maraachee. Caasaa maqaa qabsoo dahoo godhatee fira, gandaa fi wal beekumsaan ijaaramee dafqa Oromoo saamaa bahe sammuu dabarse. Jaal Marroon kan Waraana hogganuu feetan kottaa nufaana lolaa lolchisaa nu hogganaa kan of harkaa qabnu ba’aa ulfaataa malee angoo miti jedhee waamicha dabarse. Akka duraa biyya hambaa irraa alaa alatti “remote control” qabatanii Waraana ajajuunis tahu hogganuun seenaa tahu isaa jala mure ifatti ibse. Waan jajjabduu kana lameentu waca kaassiisee. Murni onnee, beekumsa, gahumsaa fi murannoo kana gochuu hin qabnee garuu ammoo qabsoo hogganuu fi maqaa qabsoon saamuu bare ammahuu miira abdii murannaadhaan alaa ala taahee maraata jira. Karaa feedhe olalanhuu, maqaa nama kamuu balfanii xureessanhuu, sababa fedhee hanqaaqanii tulanhuu; xiyyeeffannoon isaani inni jalqabaa Jaal Marroo karaa irraa maqsuu dha. Kana daddabalanii ifattis dhoksaattis yaalanii agarsiisanii jiru. Jaal Marrootu danqa nutti tahee jira waan jedhanii yaadaniif; gootummaa isaa, dhiiruummaa isaa, beekumsa isaa waan qajeelchanii beekaniif; ofii dhokatanii saroota harca’aa funaantu fi harka qalleeyyii hiyyuummaan waxalee beellii ittiin taphannaan jireenya ulfaata dandamachuu dadhabdee qonqoo cufachuuf qe’ee gadi dhiiftee godaante sassaabanii qallabaa dulchisaa olani bulu. Murnoonni duuba tahanii duula kana oofan gariin isaanii warra qabsoo Oromoo irraa bu’aa baree dha. Maqaa maatii wareegamtootan qabatanii warra jireenya tottolfatee dha. Warra akkuma bara motootaa sana qabsoo fi angoon dhaalaan daddarba jedhanii yaadani dha, gariin ammoo maqaa Ormoo fi qabsoo dahatanii baroota dheeraaf akka silmii dafqa Oromoonni qaalii dhamahaani qabsoof gumaachan warra xuuxee moraa qabsoo onse dha. Ijollee, maatii fi firoottan isaani dafqa ilman hiyyeessaan warra bayyaannachiise dha. Jaal Marroo fi Waahilonni isaa ka har’a Waraana Bilisummaa Oromoo hogganaa jiran adeemsa kanatti dhorka baasan. Saamicha maqaa qabsoon godhamu kanatti daangaa tolchan. Kanaaf har’a waggaa sadii keessatti isa waggoota digdamaa fi soddoma keessatti murni sun geddarru hin dandeenyee jijjiiranii Oromoo boquu ol qabachiisan. Waraana Oromoon ittiin boonu lafaa kaasanii ijaaran. Waraana diina nagaa dhorku omishanii qabsoo Oromoof gumaachan. Kanatu murna micciiramaa shiraan dhalatee shiraan guddate kana maraacha. Har’as akkuma kaleessaati Qabsoo Maatiin, Firaan, Gandaan, Hiryummaaan dhunfatanii Oromoo kaan moggeessanii kaan firoomfachuun hogganuu warra feedhutu qabsoo gatachiisuuf ijibaata ishee dhumaa wixxifataa jira. Caasaa Tika OPDO waliin tolfatanii qabee funaantoota Keeniyaa anga Gibxii, DC hanga Melborn, Albertaa hanga Barlinitti dirirsan fayyadamanii nama isaan dura dhaabatu mataa gadi cabsuu, afaan qabsiisuu fi dhabamsiisuu irratti halkanii guyyaa dalagaa jiru. Jaal Marroo fi Waahilooni isaa gama Tokkoon dina qawwee baatee Oromoo dugugaa jiru qolachaa gama biraan ammoo caasaa shiraa keessoo kana adabaa qabsoo Oromoo sadarkaa seenaa keenya keessatti takkaahu argamee hin beekne irraan gahanii jiru. Murni ijibbaata diigumsa moraa qabsoo keessatti ofaa jirus yeroo gabaabaa keessatti obbaafatee OPDO faana awwaalamuuf yeroon gahee jira. Hoggansa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO faana imalli keenya milkiin guutuu dha. WBOn haa Waaru!! https://jemaoloromo.wordpress.com/2022/01/25/maaltu-jira/
إظهار الكل...
Maaltu Jira?

Jaal Marroo Dirribaa Lammeessa dhiheenya kana ummta Oromoof ergaa ifaa fi xaliila tahee lama lafa kaahee ture. 1. Qaamni Waraana Hogganuu fedhu kamuu Bosoona Oromiyaa bakka qabsoon jiru dhufee nufa…

Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
إظهار الكل...
Hojimaatni akkanaa Heera mootummaa kan faallessu ta’uu bira dabree ummata obbolaa naannolee lamaanii gara walwaraansa hamaatti akka seenan kan karaa saaqu ta’uu KFOn cimsee akeekkachiisa. Haaluma walfakkaatuun, ji’oota dabran kana, bulchiinsa Naannoo Amaaraa jalattin kan argamtu Godina Addaa Oromoo keessattis ajjechaan jumlaa, saamichi, hidhaan fi qe’eerraa buqqaafamuun, kan amma duraa caalaa bal’atee bifa duulaatiin geggeefama jiraachuun beekkamaadha. Gochi kun Oromoota godinichaa wabii jireenyaa kan dhoorgate waan ta’eef saffisaan dhaabbate, mirgi ofiin of bulchuu godinichaa deebi’ee mirkanaa’uu qaba. Ummanni Oromoofi Amaaraa daangaa bal’aa waliin qabaachuu bira dabree miliyoonotaan walkeessa qubatee kan jiru yoo ta’u, miidhaa sirnoonni dhufaa-dabraan geeggeessaa turaniin gadoon kuufamteefi goddaannisni hanga ammaa hin waldhaanamin akka jiru waan waakkatamuu miti. Weerarri lafaafi daangaa babal’ifannaa olola jibbiinsaa hamaan dabaalame geggeeffamaa jiru kun, madaa hin qoorinitti ashabaoo firfirsuun, hariiroo ummattoota lamaanii gara walwaraansa badii walootti akka oofu qaamonni hundumtuu hubachuu qabu. Walwaraansi naannoleefi saboota lamaan gurguddaa kana jidduutti godhamu, isaan lamaan qofa osoo hin taane biyyattii diigumsaafi Gaanfa Afrikaa ammoo jeequmsa daran hammaataaf kan saaxilu ta’uun beekamee gochi kun saffisaan akka dhaabatu KFOn ni hubachiisa. 3) Koreen Hojii raa’achiiftuu dhumarratti kan mari’ate qaala’insa jireenyaa guyyarraa guyyattti hamaachaa deemaa jiru irrattiidha. Gatiin midhaan nyaataa, kiraa manaa, boba’aa, xaa’oo, shanyii fi shaqaxa adda addaa saffisaan garmalee dabaluun ummanni irra jireeessi sadarkaa nyaatee buluu, daara bahuu dadhabuu, fi dahoo bulmaataa dhabuu irra akka gahu taasisee jira. Sababni guddaan qaal’insa jireenyaa kana fide walwaraansa (civil wars) biyyattiin kallaattii hedduun keessaa jirtuudha. Walwaraansi kun biyyattii nagayaafi tasgabbii dhabsiisuun daldalli biyya keessaafi alaa akka gadi bu’u, omishaafi omshitummaan qonnaan bulaafi warshaalee akka hir’atu, invastimentiin biyya alaa irraa dhufu akka haphatu, baajatni mootummaa misoomaaf ooluu malu waraantti akka qisaasamu, sababa qoqqobbiitiin galiin bifa garagaarsaafi liqiitiin argamaa ture akka adda citu ykn hir’atu ta’uutu diinaggee biyyattii kufaatii hamaa irraan gahe. Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu mootummaa itti gaafatamumma jalaa of baasuuf quba isaa gara daldaltootaatti qabaa jira. Kun yeroodhaaf xiyyeeffannoon ummata rakkeetee mootummaa irraa akka garagalu yoo fayyade malee diinaggee biyyattii saffisaan jigaa jiruu baraaruufi qaalayiinsi jireenya samii tuqe too’achuuf faaydaa hin qabu. Falli jiru walwaraansa biyyattii kallattii maraan goolaa jiru saffisaaan dhaabuun, waldhibdee jirtu qawween osoo hin taane ilaafi ilaameen furutti qalbii deeffachuun biyyatti tasgabbeessuu akka ta’e KFOn cimsee amana. Walumaagalatti rakkoo nageenyaas ta’ee qaala’insa jireenyaa biyyatti goolaa jiruu furuuf falli jiru walwaraansa kutaalee biyyatti garagaraa keessatti geeggeeffamaa jiran dhaabuu, garaagarummaa siyaasaa jiru lolaan osoo hin taane mariin hiikuutti deebi’uu akka ta’e KFOn ammas irra deebi’ee hubachiisa. Kanaafu mootummaanis ta’ee qaamoleen hidhatanii socho’an gara dirree mariifi nagayaatti deebi’uun kuufatii diinaggee, dararaa ummataa daran hammachaa jiruufi diigumsa biyyaa as deemaa jiru akka hanqisan waamicha dhiheessina. Koree Hoji Raaw’achiiftuu KFO Ebla 1, 2014 ALH
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.