cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Dureettii Muslim Channel🕌

۞ Du'aa'ii Nabii Yeroo Kullii Je'aan ~Rabbanaa Attina Fuduniyaa Hasanata ~Waafil Akiraati Hasanata ~Waaqina Azaaba-naar

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
499
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Nama itti balleeysite/miidhaa irraan geette yoo qabaatte ammuma dhiifama gaafadhu! Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Namni obboleeysa isaa miidhe dhiifama isa gaafachuu qaba, aakhiratti diinaaraa fi dirhamnillee (kafaluun) hin jiru, Osoo aakhiratti hujii kheyrii inni dalagaterraa hin hir'ifamne addunyumarratti dhiifama haa gaafatuu, yoo kheyrii hin qabaannellee hamtuu nama inni miidhee saniittu isarra kaayama” حَدَّثَنَا إِسْمَاعِيلُ، قَالَ حَدَّثَنِي مَالِكٌ، عَنْ سَعِيدٍ الْمَقْبُرِيِّ، عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏ "‏ مَنْ كَانَتْ عِنْدَهُ مَظْلَمَةٌ لأَخِيهِ فَلْيَتَحَلَّلْهُ مِنْهَا، فَإِنَّهُ لَيْسَ ثَمَّ دِينَارٌ وَلاَ دِرْهَمٌ مِنْ قَبْلِ أَنْ يُؤْخَذَ لأَخِيهِ مِنْ حَسَنَاتِهِ، فَإِنْ لَمْ يَكُنْ لَهُ حَسَنَاتٌ أُخِذَ مِنْ سَيِّئَاتِ أَخِيهِ، فَطُرِحَتْ عَلَيْهِ ‏"‌‏.‏ Sahih al-Bukhari Garaa waliif laafaa dhiifama waliif godhaa; nama Rahmata namaaf godhu Rabbilleen rahmata godhaaf!
إظهار الكل...
​​Akkuma aduun guyyaa Kamisaa dhiiteen ergamaa Rabbii Muhammad (ﷺ) irratti Salawaata buusuu heddummeessaa. "Ergamaan Rabbiiﷺ "Halkan Jum'aafi guyyaa Jum'aa Salawaata narratti buusuu heddummeessaa. Salawaatni keessan narra fidamti" jedhe.. San keessatti warri wal-dorgomu wal haa dorgamu شمس الخميس اذ تغيب زد فى الصلاة على الحبيب ﷺ قال ﷺ :(أكثروا علي من الصلاة ليلة الجمعة ويوم الجمعة فإن صلاتكم معروضة علي). وفي ذالك فليتنافس المتنافسون Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
إظهار الكل...
Gorsa Hayyoota Islaamaa kan Barnoota Qabu ===================================== @Kennaapost 🌹🌹🌹🌹🌹🌹 ☞Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu. ☞Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu. ☞Zikrii baay'isuun fedhii lubbuu keetii injifadhu. ☞An maaliifiin uumame jedhii of gaafadhu. ☞Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu. ☞Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu irraa of qusadhu. ☞Yeroo baay'ee Rabbii kadhatuu amala taasifadhu. ☞Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee maxxanfadhu. ☞Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu dalagadhu. ☞Obbolewwan keetiif yaada gaarii qabaadhu. ☞Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu. ☞Barnoota amantii keetii xiqqollee ta'u baradhu. ☞Shari'aa diin keetii sirritti akeekkadhu. ☞Kheeyrii keessatti umrii dheertuu kadhadhu. ☞Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu. ☞Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu. ☞Kan kheeyritti si waame jalaa owwaadhu, ☞Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu. ☞Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun gammachiifadhu. ☞Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu. ☞Jannata argatuu yoo feete amala kee bareeffadhu. ☞Ejjannoo gaarii mataa keetiif qabaadhu. ☞Kaayoo kee irratti kutannoo fi abdii godhadhu. ☞Odoo rakkoon hin dhufne Rabbii kee baradhu. ☞Waan hundafuu filannaa qabaadhu. ☞Namummaa keetiin of tahii mulladhu. ☞Waan kennattu yoo dhabde sharrii tee namarraa qabadhu. ☞Hamiidhaan foon namaa nyaatuu irraa fagaadhu. ☞Yooo ati of qabde Rasuulli(saw) Jannata siif of qabee akka jiru hubadhu. ☞Atiis arraba fi waan miila jidduu jiru san haraam irraa qabutti jabaadhu. ☞Nama bultii waliin ijaartu diiniin madaalii filadhu. ☞Rabbiin si hin dhoorkinee, mirga keetiif falmadhu. ☞Biyya fi lammii keetiif bilisummaa barbaadadhu. ☞Dhaamsi koo xiqqaatus, hanganuma guddifadhu. ☞Gorsi koo kun yoo siif tahe fudhadhu. ☞Yoo dogoggora qabaate naaf sirreeffadhu. ☞Zannii wal balleessuu irraa Rabbi sodaadhu. Eessaa akka dhufte, eessa akka jirtu fi eessatti akka deemaa jirtu beekuuf of qoradhu ~Dogongora jiruuf dhifaama. Share waliif Godhaa Jazaakumullaahu kheeyran !!! @gaddisaislama @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
إظهار الكل...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @Kenase_bot irraan nu biraan gahaa!!

Towbaa Namni akka malee hoongawe nama Rabbiin hulaalee Jannataa isaaf banee, inni ammoo didee Rabbi Khallafee badii dalagu. “Yaa Gabroottan kiyya kan badii dalaguun lubbuu teessan irratti daangaa dabartan! Rahmata Allaah Irraa abdii hin muratinaa; Rabbiin cubbuu hunda ni araarama, Inni Araaramaadha; Garalaafessa(Mararfatadha). Gama Rabbii Keeysanii deebi’aa ammas isaaf if Kennaa; Osoo Azaabni isinitti hin dhufniin duratti, Eegas (eega Azaabni dhufe) hin tumsamtan.” Az-Zumar: 53-54 قُلْ يا عِبادِيَ الَّذِينَ أَسْرَفُوا عَلى أَنْفُسِهِمْ لا تَقْنَطُوا مِنْ رَحْمَةِ اللَّهِ إِنَّ اللَّهَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ جَمِيعًا إِنَّهُ هُوَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ (53) وَأَنِيبُوا إِلى رَبِّكُمْ وَأَسْلِمُوا لَهُ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَأْتِيَكُمُ الْعَذابُ ثُمَّ لا تُنْصَرُونَ (54) Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
إظهار الكل...
☆ሰሉ አለ ነብይ ❣ﷺ❣ ' ‏﷽ ﴿إنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلى النَّبِيِّ يَا أَيُّهَاالَّذِينَ آَمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وسَلِّمُوا تَسْليمًا ۝ ☆ውብ ጁምዓ ❣ ☆Join☆ ✯┄┅┅✿❀♥️❀✿┅┅┄✯ https://t.me/shitoye143
إظهار الكل...
Badii hojjatteef dhiifamni akka siif godhamu feetaa?  Waan yoo janne yaaddoon nurraa deemtu beytuu? Ergamaa Rabbii irratti nagayaafi Rahmata buusaa. Kanuma! Nama Salawaata buusaa oolu yaaddoon irraa kuttee, badiin isaatis ni dhiifamti. Kana Ergamaa Rabbii Muhammadiitu (ﷺ) nutti hime. Salawaata yeroo hunda jechuun gaariidha. Keessattuu galgala Kaamisaa fi guyyaa Jum'aa kanatti. Allaahumma Salli alaa Muhammadin wa aalih. "إذا يكفي همك ويغفر ذنبك"   NUURALHUDAA Soora Qalbii Muslimaa
إظهار الكل...
https://t.me/joinchat/AAAAAEXORUcBJg8LR-iR4g 🌹OROMOON MAMMAAKSAN,DUBBATEE BAAFATA ~•Bishaan mixiin lagaa waraabdeen jaldeessi qaama ittiin dhiqata. ~•Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeresaniif ~•Inni waraane yoo irraanfate inni waraaname gonkuma hin irraanfatu ~•Hiddaa fi hiddiin tokkoo miti ~•Kalee fi Kaleen tokkoo miti ~Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuu dha ~waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka beelofneefi ~Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen kennitiif ~Walgahiin saree duruu kajeella dha ~Baalli geshoof baalli jimaa walfakkaatus kan farsoof oolu garuu baala geshooti ~Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbisuu dha ~Namni ollaa waraabessaa jiru homaa hin kajeelu ~Bishaan sareen waraabde sarumatu dhuga ~Of ajjeesen oole jedhe gowwaan of fannisuuf dhaqee ~Of tuuluun nama ofirratti tuuluu dha ~Leenci har'a beela'e boru saree kajeelchisuu hin dhiisu ~Namni dukkana beekee kessa deemu ibsaa isa hin barbachiisu ~Gatii ibiddi na gubeef bishaan irratti naquun na qabbaneessa malee na hin fayyisu ~Qaama ofii keessa kan jibban hin qaban ~Seenaa dhugaa fi lafti dhagaa nama jalaa hin badu ~•Firri firuma alagaan alaguma ~•Na gargaarin hattuu na jalaa fudhuu badii dha ~•seenaan kee hojii keeti ~•Amanamummaan santima tokko irraa jalqaba https://t.me/joinchat/AAAAAEXORUcBJg8LR-iR4g
إظهار الكل...
AKHLAAQAAN UMRII TEE DHEEREEYSI. Qophii: Urjii Ahmad Rasuulli sallallaahu Aleeyhi Wasallam: “Namni akka Riziqiin Isaaf ballifamtuu fii akka Umriin Isaaf dheerattu fedhe fira isaa haa maxxanfatu.” je’e. Umriin dheerinni Hadiisa kheeysatti dubbatame waa sadiitti hikkame: 1- Umrii kheeysa barakaan namaaf kaayamuu (xiqqos jiraatu hanga sanitti waa hedduu dalaguu) 2- Umriin dhugumaan nama saniif dheeratuu 3- Faaruu gaariin du’a boodaan nama saniif hafuu Fira ifii maxanfatuun akhlaaqa bareedaa amantiin Islaamaa itti nama kakkaaftu keeysaa tokko. Quraana keeysatti bakka heddutti fira maxxanfachuun dubbatame. Yoo xiqqaate firoota keenya nagaya gaafachuunis taatu hidhaa firummaa san jabeeysuu qabna. Sanuu zamana meeshaan ammayyaa nama walitti dhiheeysite kana. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam: “Ani nama haalaa fii amalli Isaa toleef mana Jannata ol aanaa kheeysatti tahe if qabeef” je’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Mu’minni (namni Rabbitti amane) haalaa fii amala toluun sadarkaa warra guyyaa soomane, halkan (salaataaf) dhaabbataa buulutti dhaqqaba.” Yoo soomana sunnaatiin qaama dadhabsiisuu fii lubbuu hidhuu dadhabde, Halkan hirriba dhiiftee dhaabbachuun sitti jabaatte, haalaa fii amala toluun jara san dhaqqabuu dandeeysa. Akhlaaqa kee tolchi. Haalaa fii amala gaariin (Husnu Al-Khuluq) waan jiruu tee bareechu, eega duutes si hambisu, Galata kee akhiiratti siif ulfeeysu, kanaaf haala kee tolchi, Akhlaaqa kee bareechi. Umrii tee tan dalagaa dachaa godhuuf karaan: 1- Dalagaa galata hedduu dacha dachaa qabdu dalaguu 2- Dalagaa eega ati duute sawaabni siif deemu dalaguudha. Dalagaa salphaatti nuti laallu hedduu jira, kan saniin Rabbi biratti galanni guddaan namaaf katabamu, kan saniin Ilmaan namaa birattis gaaroominaan maqaan keenya hafu. Salphinaa fii eeybii nama Muslimaa irraahi haalaa fii amalli isaa hammaatee kan warra Rabbitti hin amanneetti fakkaachuun, Osoo Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Ani Akhlaaqa bareedaan guutuuf dhufe” jedhuu, Muslimni Akhlaaqaan gadi bu’ee argamuun hin malle. San qofaa miti Namni haalaa fii amala tole galata ulfaataa guyyaa qiyaamaa argata jechuun osoo ifa bahee jiruu Muslimni haala warra kafaretti gad deebi’ee waan fakkootaan haala isaa tahuun hin malle. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e: Wanni takkalleen hanga haalaa fii amala gaarii guyyaa qiyaamaa kheeysatti Madaala namaaf ulfeeysu hin jiru. Rabbiin nama waan fokkottuu dalaguu fii afaan hammaatu/dubbii fokkottuu odeeysu ni jibba.” Rabbiin haalaa fii amala keenya nu haa tolchu. Maddi Barruu tanaa: Kheeyfa tuxiilu Umruka Al-Intaajii
إظهار الكل...
#Muhammad(Sallallaahu_Aleyhi_wasallam) ➛Isaaniin Kufrii fi Iimaanni addaan nuuf bahe . ➛Isaaniin Bu'aa fi kasaaraan ifa nuuf gale . ➛Isaaniin Qaceellumaa fi jallinni addaan nuuf bahe . ➛Isaaniin Milkaa’innaa fi kufaatiin addaan nuuf bahe . ➛Isaaniin Haqaa fi dharri dhugaa fi sobni addaan nuuf bahe . ➛Isaaniin warri Jannataa fi warri Ibiddaas addaan nuuf bahe . ➛Isaaniin Jallataa fi kan sodaa Rabbii qabus addaan nuuf bahe . @tafak_or NABIYYII KEESSAN IRRATTI SALAWAATA BUUSAA MEE ❓ صلى الله عليه وسلم @tafak_or
إظهار الكل...
💎فضل يوم الجمعة💎 💢عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : "خير يوم طلعت عليه الشمس يوم الجمعة، ↺ فيــــــــــــــہ خلق آدم، ↺ وفيــــــــــــہ أدخل الجنة، ↺ وفيـــــــــــہ أخرج منها، ↺ ولا تقوم الساعة إلا في يوم الجمعة. 📖✏️ رواه مسلـــــــــــــــــــــــــــــــــــــم. ╔══════ღღ══════╗ ||Sadarkaa guyyaa Jum'aa\فضل يوم الجمعة⚖️|| ╚══════ღღ══════╝ 💢Abii-Hureyraa irraa odeeffamee Rabbiin isa irraa haa jaalatuu, ni jedhe : ergamaan Rabbii 💝ﷺ💝 akkana jedhe: ❝Irra caalaan guyyaa Aduun isarratti baatee guyyaa Jumu'aati ↻ Isa keessa uumame Nabi Aadam, ↻ Isa keessa Jannatas seensifame, ↻ Isa keessa Jannata keessaas baafame, ↻ Qiyaamaanis isa keessa male hin dhaabattu❞ ╔══════ღღ══════╗ ||⚖️📖✏️ Muslimiitu gabaase⚖️|| ╚══════ღღ══════╝ اللهم إنا نسألك في يوم الجمعة : ↺أدعية تستجاب، ↺ وذنوب تغفر، ↺ وحاجات تقضى، ↺ وأمنيات تتحقق. Yaa Rabbi! Nuti sikadhanna guyyaa Jumu'aa kana keessa : ↻Kadhannaa awwaatamtuu, ↻ Cubbuun nuuf dhiifamuu, ↻ Dhimmoonni keenya nuuf murtaahuu, ↻ Hawwiin keenya nuuf dhugoomuu. اللهـــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــم اغفر لنا وارحمنا 💝 Yaa Rabbi! Nuuf araarami, Rahmatas nuuf godhi💝 👥🔎 Bēshūkã\Beshuka ☆Join☆ ✯┄┅┅✿❀♥️❀✿┅┅┄✯ https://t.me/joinchat/AAAAAEl3hGJVQ6E9aXlp3g
إظهار الكل...
𝑹𝒖𝒛𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒍𝒎𝒊𝒄 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𑁍

~Dubartiin salaata shanan salaattee ~Baatii Ramadaanaa soomantee ~Qaama ufii haraama irraa tiyifate ~Abbaa manaa ishetifi ajajamate, guyyaa qiyaamaa " Balbala jannataa tan barbaaddeen senti jedhan, ~Yaa rabii wara sana irra nuu godhi ☝️

اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.