Nashiida Mi'ooytuu™🎧
الذهاب إلى القناة على Telegram
🌹بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ🌹 Waan Isin Biraan Geeynu: ● Nashiida Islaama Babareedu tan durii fi tan ammaa , tan feetana ● Yaadachiisa [ Hadiisa Rasuula ] ● Waan Haala Yeroo Khan Muslimaa ● Fotoleee babareedu Gorsa qabdu ● .. JOIN GODHAA JZK
إظهار المزيد2 245
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-27 أيام
-1730 أيام
أرشيف المشاركات
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Aalimni guddaan jaarra keenya kana Sheek Abdul-Aziiz ibnu Baaz Rabbiin rahmata haa godhuuf akkana ja’a:
"Yeroo umriin kiyya waggaa 19 gahu, ija kiyya lamaan niin dhabe! Halkan tokko haboon tiyya mana keenya dhufte. Waaniin rafu seete, suutatti haadha tiyyaan akkana jette: 'Abdul Aziiz na rifachiisa, akkamitti dalagaa inni ittiin jiraatu argata?'..." jatteen.
"Guyyaa biraa saahibtittin haadha tiyyaa tan #Nafiisa ja’amtu mana keenya dhufte. Haadha tiyya isii boochu argite!
Nafiisaan rifattee: 'Maaltu si boochisa?' jetteen.
Haati tiyyas gaddaan guutamtee: 'Amrii (haala) Ibnu Baaz tanaatu na rifachiisa, boru akkamitti jiraata' jetteen.
Imimmaan haadhaa kan agarte saahibtii gaariin tun akkana jettee gorsite:
'Booyinsi kee isa hin fayyadu! Ka'i, raka'aa lama salaati, ummata Islaamaa nama fayyadu akka Rabbiin isa godhu Rabbbii kadhadhuuf!'"
Haati bo'icha dhaabdee gara qiblaa garagaltee Rabbii isitti boochee du'aa'ii kadhachuu jalqabdee!
Rabbiin du'aa'ii haadhaa qeebalee Mucaa ija hin qabnee fi ka namni boru maalin jiraata ja’e isaaf rifachaa ture san:
👑 Muftii Walii-gala biyya Sa'udii ta'an.
🌍 Itti gaafatama Fiqhii Islaamaa addunyaa guutuu ta'an.
🏆 Badhaasa Addunyaa 'Malik Feysal' tajaajila Islaamummaatiif argatan.
📚 Goota fi Hangafa Ulamaa'ii zamana keenyaa ta'an.
Maaliin jiraata ja’anii isaaf rakkachuu turan , Rabbiin ammoo jireenya ummata Islaama walii gala harka isaa irratti godhe.
#Rizqiin_harka_Rabbii_jirti, harka namaa hin jirtu! Namni ija dhabee karaan addunyaa itti dhiphate ja’ame, har'a addunyaan maqaa isaa yaamti. Kanaaf, rizqiif jettee nama duratti if gad hin qabin. Rabbiin if biraa rizqii gaarii fi barakaa qabdu nuuf haa kennu! 🤲✨
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Warra akka nu jaalatan nutti himaniitu jira, garu yeroo isaanii waliin taanu miirri gad aantummaa akka nu dhagahamu nu godhan, isaan waliin jiraachaatuma kophummaan nutti dhagama.
Ammaas warra jaalala isaanii amma amma arrabaan nutti hin dubbannetu jira, garuu yeroo isaan bira jirru eenyummaa keenya jaalanna, nama bareedaa akka taane if argina, nama faxinaafii waa hubatu akka taane if argina.... miirri isaan bira yeroo jirru akka nu dhagamu godhan "ani bagaan ana tahe" akka ifii keenyaan jannu nu godha.
Isaan santu jaalalti gocha malee jacha qofaa miti jachuu nutti argisiise. Haa galatoomanii..!✨️
:¨·.·¨:
`·. 💛 Jaalalti miidhamaa miti, miidhagina 🌹
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Nama meeqaantamiitu jira seetan kan osoo jireenya namaa keessa seene ciqilfatee taa'u ciqileen sududa baafte😌
Deebine✌️
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Nama xiqqeysuuf itti hin hanjamin.!!
#Nama mana isaa kessatti mokkaramee ati dadhabaadha jatteenii ittin hanjamin..
Nabiyallaah #Nuuh jaartiin isaa nama Rabbitti kafrerraa turte kaniifi inni rabbi biratti Nabiyyi filatamaa (gabricha Rabbiif galata galchu) ja’amee moggaafame.!!
#Nama gosa isaa kessatti tuffatamaa tahees ati faayidaa hin qabdu namni si kabaju hin jiru jattee ittin hanjamin..
Nabi #ibraahim gosaa isaa kessatti jibbamaa ture garuu rabbi biratti jaalatamaa fi jaalalloo Rabbiiti ture.
#Nama hidhamee mana hidhaa jiruunis ati mujrima zaalima jatte ittin hanjamin..
Nabi #yuusuf hidhaa keessa amata Torbaaf ture garuu Rabbi biratti siddiqa (dhugoomsa) ture.!!
#Nama dalagaa gad aantu hojjatuus ati sadarkaa hin qabduu jatte hin tuffatin...
#luqmaanul hakiim najjaara,tiysite,fi ka huccuu namaf hodhu ture akkana wajjiin irra hayyuu zamana isaati ture.!!
#Nama namni hamtuun dubbatuus osoo addaan hin baafatin kuni hamaadha jattee hin murteeysin...
Nabi #muusan yeroo takka faltuu (Saahira) yeroo takka maraata ja"aniin inni ammo Rabbi biratti nama Rabbiin dubbise ture.!!
#Nama miskiina waan nyaatu hin qabneenis maalif dalayde ifin jijjirre hin ja"iniin...
Nabi #muhammad mana isaa kessatti baati Lama osoo ibiddi hin shidamin timiraa fi bishaaniin jireenya isaa oofu ture.. guyyaa tokko osoo biddena garbuu irraa hin quufin duniyarraa deeme..!!!
#Namatti hin hanjamin niis hin xiqqeysin boru maalitti akka booda aantu hin beeytu.
Abadan namatti hin hanjamin amala kee namatti tola oolu yaada tolu godhadhu..!!
Uumaa rabbii ,rabbii isaan uumeef lakkisi!!
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Gaafii ;
"(Yoo kurnan (Zul-Hijjaa) Rabbitti biratti رمضانا irra kan caalu tahe ,dalagaan guyyaa Kurnan kana keessa hojjannuus guyyaa Ramadaana irraa Rabbi birattiis irra jaalatamtu taate maaliif namoota isaanii Ramadaana keessa irra gama Rabbii as deebi’anii carraqqatan tahuu argina ?!
Deebisa ;
Namni Hojii kheeyrii Ramadaana keessa baay'achuu fi kurnan Zul-Hijjaa keessa immoo xiqqaachuun, ragaalee Nabiyyummaa fi dhugummatti Nabiyyiin keenya Rabbi biraa argame tahuu waan nama qajeelchuudha.
Sababni Rasuulli ﷺ : "Ramadaana keessa sheexanootni ni hidhamu." Ja’an.
Sheeyxaanni Ramadaana keessa hidhamuun ammoo akka namni gama kheeyritti daran as gara galu gooti.
Kurnan (Zul-Hijjaa) ammoo sheeyxaanni keessatti hin hidhamu kun iddoo qorumsaa fi qabsoo dhugaan namni Rabbi gabbaru itti adda bahee mul’atuudha.
sababni isaas sheexanootni namoota deebisuu fi hojii gaarii irraa shaakalsiisuuf kurnan kana keessa bilisaan socho'u, garuu Ramadaana keessatti kana gochuu hin danda'an."
{Sheeyxaanni isiniif adawwiidha ,adawwii goradhaa }
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
"Yoo Azkaara ganamaa fi galgalaa guutuu Qara’uu dadhabde, azkaara salphaa ta’an jahan kanneen hin dadhabin; Azkaarri Jahan kun si tiiysuu fi bu’aan isii fedha Rabbiitiin guddaa dha.."
1. Bismillaahillazii laa yadurru ma’asmihii shay’un fil-ardi walaa fissamaa’i wahuwas-samii’ul aliim. (Sadii)
2. A’uuzu bikalimaatillaahit-taammaati min sharri maa khalaq. (Sadii)
3. Radiitu billaahi rabban wabil-Islaami diinan wabimuhammadin ﷺ Nabiyyan wa Rasuulaa. (Sadii)
4. Subhaanallaahi wabihamdihii adada khalqihii waridaa nafsihii wazinata arshihii wamidaada kalimaatih. (Sadii)
5. Aayatul Kursiyyi (oggu Takka), Suuratul Ikhlaas, Al-Falaq fi An-Naas. (Sadii sadii)
6. Subhaanallaahi wabihamdihii. (Dhibba tokko)
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Biyya Turkey, Baadiyyaa keessa maatii jiraattu jalaa daa'imni amata lamaa, Aamir ja'amu bade. Barbaadanii bakkuma seene dhaban. Boodarra foolisii beeysisanii foolisa dabalatee hawaasni biyyaa guutuun barbaaduu eegalan. Walitti dhaabanii sa'aa kudhan caalaa baddaa fi gammoojjii Gaara fi laga cufa keessa barbaadanii dhaban.
Eega namuu dadhabe booda Aamiroon mana isaanii irraa kilometera 3 fagaatee arkame.
Wanni akkaan sikofalchiisu Aamiroon yeroo hawaasni biyyaa guutuun osoo Isa barbaadanii dadhaban kanatti inni akka suuraa irratti agartan kanatti yaada tokko malee duuyda irratti ciisee aduu qaammachaa ture.
Dila boohichaa dila hiraar dila cinqii San Aamir quba hin qabu. Kan hundarra si ajaa'ibu yeroo hirriibaa Isa kaasan akka waan takka hin uumaminiitti harka isaan qabatee wajjiin deeme 😏
Yaa Aamiroo yeroo ammaa tana “Osoon akka Aamiroo kanatti yaada tokko malee jiraadhee!” ja'ee Kan siif hawwu kumaatama.
Addunyaan gabaabduudha. Waan Rabbiin nuuf qoode jaalachuu qofaatu furmaata!
Join 👇
@bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
"Guyyaa tokko beekuuf jiraatta :
• Salanni hirriba irra caalti, garuu ati ni rafte.
• Wirdiin Qur’aanaa ta guyyuu qaraatu tasgabbii qalbiiti siif kanniti ,Rabbii keetitti achi si dhiheeysiti, garuu ati irraa fagaatte.
• Zikriin guyyaa kee keessatti barakaa siif dabalti, garuu ati irraa dagatte.
• Istighfaarri (araarama kadhachuun) rizqii keeti bal’isa, garuu ati Rabbii keetirraa dantaa dhabde.
• Salaanni halkanii onnee fuula keeti fi qabrii teeti ibsa, garuu ati ni lakkiste.
• Balballi Tawbaa yeroo hunda banaadha, garuu ati booda aansite.
Osoo yeroon si duraa hin dabarre kana hubadhuu gara Rabbii keetii deebi'i."
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
+1
Warra miskiina boochisu hundaaf gurbaan khun fakkeenya.
Namni khun Amjad yuusuf ja'ama. Lammii suuriyaati, namoota jajjaboon beekha, naman of duubaa qaba ja'ee, nama gammachiisuuf miskiina zallamuu ture. Dubartii gudeeda, gare gareetti nama baasee, harka duyda duubatti nama hidhee, hallayaa kheysatti nama gataa nama ajje#$u#uu ture. Gara jabeenyi isaa hagan qabu, viidiyoo waraabaa nama gata.
Addunyaan faraqaadha, Guyyaanis ni deema, bakka takkan taa'u. Waggaa 13 booda isaa akka hantuutatti namarraa dhukhatee jiraachaa jiru mootummaan isa qabdee amma harka seeraa erga seenee guyyaa 3 gahee jira. Ummanni Murtiin du'@^a akka itti khannamtu gaafachaa jira.
"Abaarsi rabbii zaalimtootarratti haa jiraatu " suuratul huud, aay. 18
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Luqmaan Al-Hakiim ilma isaaniitiin akkana jedhan:
"Yaa ilma ko! Hikmaa tiyya jechoota jaha keessatti siif walitti qabeera:
1. Addunyaaf hanga ishee keessa turu dandeessu hojjedhu.
2. Aakhiraafiis hanga ishee keessa turu dandeessu hojjedhu.
3. Hanga Rabbii keetitti haajamtu isaaf hojjedhu.
4. Dilii irraahiis hanga adabbii ishee danda’u dandeessu qofa hojjedhu…(adaba Rabbii Tokkollee baadhachuu hin dandeeysu dilii lakkisi )
5.Nama Tokkottillee kan hin haajamne Rabbii Tokkicha qofa kadhadhu.
6.Yoo Rabbitti dilii dalaguu barbaadde, bakka Inni si hin argine dhaqiitii hojjedhu."
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
*"حلقــة الجـزريّـة 5 🍰"*
معلمـة الحلقـة: أ. هِـداية اللَيحـي
مشرفـة الحلقـة: أ. إسـراء خـالـد
Follow the فـريـق أثَـر 🪷 channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029Vb5w1GVHbFV6fGD4uQ1r
Channel sena like godha join godhun dirqamaa miti
Link WhatsApp khana seenati
Garee 5 qofa like godha join godhuun dirqamaa miti.!
Galatooma.!
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
"Dhugumatti, Lubbuun tee haqa sirraa qabdi.
Haqa isiin sirraa qabdu keessaa tokko isii xiqqeessuu dhabuudha.
Bakka isii hin madaalle keessa akka deemtu isii taasisuu dhabuudha !
Akkasumas, namoota sobaa fi hariiroo xuraawaa irraa ishee ol fageessuu dha!
Yaada lubbuun tee itti boontu akka baattu gochuu, fi dirree yoo Nabiyyiin ﷺ atii keessa deemu si argan sitti gammadan keessa ishee deemsisuu dha!
Lubbuu tee madda qulqullummaa geessitee, gubbaan keeti fi keessi keetiis Tokko akka tahan isii godhuudha.
Akka galgala yeroo mataa kee makaddaa irra keessu, hundi kee tasgabbaa’utti isii jiraachisuudha.
Na amani ! Wanti tasgabbii qalbii kanaan wal qixxaatu tokkoyyuu hin jiru !"
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
*"حلقــة الجـزريّـة 5 🍰"*
معلمـة الحلقـة: أ. هِـداية اللَيحـي
مشرفـة الحلقـة: أ. إسـراء خـالـد
Follow the فـريـق أثَـر 🪷 channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029Vb5w1GVHbFV6fGD4uQ1r
Channel sena like godha join godhun dirqamaa miti
Link WhatsApp khana seenati
Garee 5 qofa like godha join godhuun dirqamaa miti.!
Galatooma.!
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Al-HamDu-LillaH
2500K Followers🎉
Galatooma..!🔥🔥
Ulfaadha kiiloo 100 gahaa..!😁
@bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
"Podcast Dr Naayif Nahaar kan waa’ee Qur’aana irraa dubbatu tokko dhaggeeffachaan ture.
Podcaastii kana keessatti inni jecha baay'ee ajaa'ibaa onnee kiyya tuqe tokko dubbate.
Waan inni jedhe keessaa: 'Ergaan dubbisa fi xiinxala Qur’aanaa irratti xiyyeeffadhee as Yeroo dheeraadhaaf kitaabota biroo dubbisee hin beeku;, waan biroo ilaaluu iyyuu hin dandeenye...'
Miira akkasii kun Ulamaa gurguddoo tokko tokko irraa dhuma umrii isaanii irratti ni gabaasama.
Fknf ; ibnu Teeymiyaah ,Ibnu Useeymiin Fi Abuu Is-haaq Alhuweeyniin dhuma umrii isaanitti silaa jireenya keenya guutuu Qur’aanaaf kanninee maal qaba ja’an.
Garuu, —miira akkasii utuu hin dulloomin dargaggummaa isaatti argachuun isaa gabricha Rabbiitiif carraa guddaadha jedheen yaada.
Ibnul Qayyim (Rahimahullaah) akkana ja’a:
'Nama umrii isaa guutuu beekumsa barbaacha irratti dabarse, garuu utuu dhugaa Qur’aanaa hin hubatin, akkasumas iccitii fi hiika isaa utuu onneen isaa hin dhandhamin addunyaa kanarraa deemu caalaa, wanti nama gaddisiisu fi nama rifachiisu hin jiru.'" Ja’e.
Dr Naayif Nahar ; Mufakkira Qatar oggaa tahu xinxala Qur’aana irratti podcaasti hedduu waraabe.
Namaan hedduu irraa fayyadame keessa Tokko.
Asumaanu podcastii isaa beekumsa guddaa kan if keessa qabu Commentii jala jiru kana isin afeeretin jira.
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Obsa jechuun maal akka tahe ni beeyta.?
~Osoo hin dhalatin abbaan irra due
~Isaa waggaa jaha haati irra duute
~Wagga 8tti Akaako isaa dhabe
~Yeroo Namni takka isa hin amanetti Khadiija isa amante of biraa dhabe
~Biyya itti dhalate irraa dhagaan tumamee baafame
~Beele irraa dhagaa garatti hidhatee ture
~Rakkiina hunda obsee addunyaa guutu nuuf ibse.!
“Obsa jechuun kana… ﷺ" 🤍
Yoo obsa barachuu barbaadde, seenaa ergama rabbi ﷺ ilaali…” 🥹❤️
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Oogummaa keessa kee jiru addunyatti osoo hin agarsiisin si keessatti akka qancaru godhuun akkam Nama dhukkubsa! 😒
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
2 245
Repost from Bisharo Abdi official
Laffaatii tee laalee Rabbiin milkaa’ina kee siif haa dhiheeysu.!
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
متاح الآن! بحث تيليغرام 2025 — أهم رؤى العام 
