cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Iccitii koo Naaf Hirmadhaa MWCU

Yaa'ii mooraa university wachamoo kessatti gaafilee sagantaa iccitii koo naaf hirmadhaf debbii sagaleen ................@iccitiikoofhirmadhaaMWCU

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
182
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

💐🌺🌸💐🌺🌸💐🌺🌸💐🌺 Bagaa Guyyaa yadannoo kabajaa waggaa Ergamaa Qulqulluu Gabriel nagaan gessaan ❕ ቅዱስ ገብርኤል መልዓከ ኃይል መልዓከ ፍሥሐ በእሳት ስዑል @Pheniel_tewahido Ergamaan qulqulluu Gabri'eel :- 🌼 Ergamaan kuni kakuu moofaa keessatti Baabiloonitti ijoollee sadan ibidda laboobatti darbaman kan baase dha(Dan.3:1) 💐 Kakuu haaraa keessattis “nagaan siif haa ta’u” jedhee missiraachoo haadha keenya dubroo Maariyaamitti kan hime dha (Luq 1:28). 🌺 Ergamaan kuni missiraachoo nama ta’uu Gooftaa keenyaa kan gara biyya lafaa kanaa fide dha. 🌸 Ergamaan kuni kuni luba Zakkaariayaas dubbii isa amanuu didnaan kan afaan cufuun adabe dha(Luq 1:20 ). 🥀 Ergamaan kuni dinqii gargaarsi isaas namoota faana yeroo hunda kan jiru dha. 💐 Ergamaan kuni fuula Waaqayyo dura kan dhaabatu dha.(Luq 1:19). 🌸 Qulqulluu fi Daa’ima kan ta’e Qiirqoosii fi Iyyaluuxaa Ibidda boba’u keessaa baasee kan bishaan qabbanaa’aa akka daakan taasise dha (Dirsaana Gabri’eelii). ©Chaanaalii afuuraa Pheeni'el @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido 🌺🌸🌼💐🌸🌻🌹🌷🌼🌸🌺
إظهار الكل...

​​Angafa Daaqonootaa Isxifaanos 💐💐💐💐💐💐✞💐💐💐💐💐 @Pheniel_tewahido #Share 📌Qulqulluu Isxifaanoos jechuun afaan Griikitiin gonfoo, ibsaa hin jijjiiramne jechuu dha. Qulqullichi Isxifaanoos Kan dhalate abbaa isaa Simi’oonii fi haadha isaa Haannaa irraa amajjii guyyaa 1 tti gosa warra BINIYAAM irraa Israa’el keessatti iddoo Haanoos jedhamutti dhalate. Isxifaanoos kakuu moofaa Gamaaliyaa fi kakuu haaraa immoo Qulqulluu Yohannis Cuuphaa irraa barateera. Armaaniyaanotaa fi Ayihudoota gidduu lolli guddaan waan tureef kiristaanonni achi keessa turan namoota isaan bulchu Daaqonoota 7 akka filatan murteessan. Sana booda Duuka bu’oonni achitti argaman maqaa waaqayyoo yaamuu dhaan harka mataa isaanii irra gochuun muudan. Dura taa’a isaanis Q/Isxifaanos taasisan. Booda garuu barnootaa fi beekumsa inni dabarseen irratti kaka’aniiru. Mukuraabota, Ayihudota Qareenaa, Ayihudota Iskindiriyaa, Ayihudota Kilqiyaa, Ayihudota Eeshiyaa warri ta’an barnoota inni barsiisuu fi gaafii isaaniitiif deebii inni kennuuf inaafaan isaan qabeera. 💐Q/Isxifaanos yemmuu isaan barsiisu macaafa qulqulluu keessatti barreeffamee Kan jiru Abrahaamii kaasee hanga kiristoositti Kan tarreesse barsiiseera. Haa ta’u malee jarreen Kun inaafaa isaanii kana irraa ka’uun ragaan soba akka itti murteeffamu taasifameera. Q/Isxifaanos akkas jedhee dubbate ‘’kunoo samiiwwan banamtee Ilmi namaas waaqayyo Abbaa mirga isaa taa’ee jirun arge ‘’. H.D.B 7:50 jedhee yommuu dubbatu isaanis arrabsoo dhaan iddoo sanayis fuudhanii deemanii naannoo Qeedar irratti baasani. Achiis, uffatasaanii ofirraa fuudhanii dargaggeessi Saaʼol jedhamu tokko akka isaaniif eegu godhan, dhakaa cabbie gannaa irratti tuulan. Inni ammas akkas jedhee dubbate ‘’ yaa waaqayyoo waan hojjetan hin beekaniiti cubbuu isaanii kana itti hin ilaaliin ‘’ H.D.B 7:58 jedhee dubbatee lubbuu isaa waaqayyoof kennee boqate. 💐 Boqonnaan isaas Amajjii 1/5/ waggaa 35 ffaa B.A keessa boqate. Boqonnaa fi dhaloonni Q/Isxifaanoos guyyaa dhuma tokko. Sababa boqachuu isaatiin Iyyarusaalemoonni gara biyya Yihudaa fi biyyoota birootti baqachuu dhaan barnoota kiristinnaa barsiisaniiru. Barnoota isaanii kanaan amantaan kiristaanaa Addunyaa irratti akka babaldhatu taasifameera. ‼️Atihoo? Utuu namni tokko waan hamaa sirratti hojjetee, deebistee hamaa irratti hojjechuu yaaltaa? Ykn Waaqayyo akka isa adabu ni kadhattaa? Isxifaanosiif garuu kuni salphaa ture. Akuma gooftaa keenya Iyasus irraa barate akkas hin goone. Namoota isaatti hammaataniif illee waan gaarii godheera. Nuyis akkuma isaa gochuutu nurraa eegama. Hojii Duka-bu'ootaa 6:8-15; 7:1-60 🌺Galanni waaqayyoof haa tahu. Waadaan wareegamtichaa nurra haa bulu. ©Telegramii Pheeni'eel. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉 @Pheniel_tewahido 👈 👉 @Pheniel_tewahido 👈 💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
إظهار الكل...

#Abdii_koo_waaqa_koo! @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido
إظهار الكل...
💐✞Faaruu Dhageeffadhaa✞💐 @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido
إظهار الكل...
+Ifa jitu+++ulfinnikee+++.mp34.09 MB
Baga Geenye/እንኳን አደረሰን ✞~✞~✞~♥~✞~✞~✞ "መላእክት አእመሩ ሃይማኖተከ፤ ነገሥት ሐነፁ መካነከ፤ አባ ተክለ ሃይማኖት ክርስቶስ ዘአፍቀረከ፡፡" #Hikkoo -Ergamoonni amantii kee beekani, -Mootonni galma siif ijaarani, -Abbaa Teklehaymaanot Kiristoos si jaallateera‼️ 📍Ergamoonni amantii kee beekani jechuun isaa, xumura qabsuura Abbaa Teklehaymaanot irratti yeroo Kiristoos waadaa isaaf galu, "...qabsuura kee xumurteetta! Kottu gara boqonnaatti" jedhe dhagahani ergamoonni nii raajeffatani jechuu isaati. Kunis isa Kiristoos " "Ani isinittan hima, eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis #ergamoota_Waaqayyoo_durati akkasuma dhugaa nan ba'aaf." jedhe agarsiisuufi! (Luqaas 12: 8) 📍Mootonni galma siif ijaarani kan jedhames, 1ffaa, Moototni Abbaa Teklehaymaanot waaq-harkee waaqessuurraa gara koristaanummaatti isaan fide galma waaqayyo itti waaqeffamu yaadannoo Q/Teklehaymaanot ijaaruu isaanii agarsiisuufi! Kunis fedhaafii abboommii waaqayyooti! Kunis isa (Isaayaas 56:4-5) " Egaa Waaqayyo, "Xu'aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis, ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraa fi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badnee fi seenaa isaan ittiin yaadataman nan kennaaf." Jedhu agarsiisa. 2Ffaa ammoo, Moototaan ykn kan fakkeeffaman, teessoo duuka-bu'ootaa irratti kan muudaman phaaphaasonni galama (Kawaalaa ykn Gedaamii) siif dhaabani jechuu isaati! Sababni isaas akkuma Solomoon (Fakkeenyaa 10: 7) irratti " Yaadannoon nama qajeelaa eebbaaf, maqaan nama jal'aa immoo abaarsaaf in ta'a;" jedhe ebbaa fii barnootaaf akka tahutti galmi jireenya afuuraa abbootiidhaan isaaf dhaabamuu ibsa! 📍Xumura irratti kiristoos si jaalateera jechuun isaa, Akkuma Phaawuloos (2 Ximotewos 4:7-8) Irratti "Wal'aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera. Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; " jedhe, Abbaa Teklehaymaanotiifis qabsuura amantii isaa isa gaarii waan raawwateef #Gonfoo qajeelummaa isaaf kennuuf jaalateera (eyyameera) jechuu isaati‼️ Eebbiif waadaan Abbaa Teklehaymaanoot biyya keenya Itiyoophiiyaaf, nu warra amanne hunda irra haa bulu! Ameen‼️ ©Dn Milki @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido
إظهار الكل...
ya Daawiit dhugaa kana “Waaqayyo Tsiyooniin waan filateef…kun bara baraan bultii kooti. Waanan filadheeruuf isheerran bula” jechuun dubbateera (Faar. 131: 13-14). Waaqayyo kan jedhame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yoo ta’u, bultiinsaa bara baraammoo Dubroo Maariyaami. Namni Tsiyoon kan jedhamte “Dubroo Maariyaam miti” jechuun shakkuu fi mormu yoo jiraate dogoggoreera. Sababnisaas bultiisaa bara baraa kan taate Dubroo Maariyaam qofa waan taateef. Hiika kallattiin tulluun Tsiyoon bultii Waaqayyoo bara baraa ta’uu hin danda’u. Sabanisaas Dachee fi Samiin ni darbu (Maar. 13: 31) jedha Kitaabni Qulqulluun. Gooftaan keenya garuu foonii fi lubbuu Dubroorraa fuudheen waggaa soddomii sadii fi ji’a sadii lafarra deddeebi’e. Inni foonichaan du’ee, du’a moo’uun ka’e; foonichaanis mirga abbaasaa taa’e. Foonichuma uffateenis deebi’ee dhufa. Kana hubachiisuufis ergamoonni guyyaa Gooftaan keenya gara mirga abbaasaatti ol ba’e “Akkuma gara Samiitti bahuusaa argitan akkasumattis deebi’a” jechuun kan dubbatan (Hoj. 1: 11). Kunis foon Giiftii keenyarraa fuudheen kan tokkoome (Tawaahidoon kan kabajame), foonichumaan deebi’ee dhufa jechuusaaniiti. Kanaaf, haati keenya #Tsiyoon bultii bara baraa Waaqayyooti. ♥Galanni Waaqayyoof haa tahu. Irra deebiin baga nagaan geenye! Eebbi haadh keenya Maariyaam nu waliin haa jiraatu. ©Dn Milki @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido
إظهار الكل...
💐✞እንኳን #ለህዳር_ፅዮን አደረሰን✞🌺 🌸__✞Baga Ittin Nu Gahe✞🌹 ዕገትዋ ለጽዮን ወሕቀፍዋ፥ ወተናገሩ በውስተ ምኅፍዲሃ፥ ደዩ ልብክሙ ውስተ ኀይል። መዝ. 47፡1213። #Hikkoo " Mandara Tsiyoon naanna'aa, ishees marsaa, riqaa dhagaa ishee keessatti ijaaramanis lakkaa'aa!" (Macaafa Faarfannaa 48: 12) 📌 Tsiyoon jechuun hirkoo, gaaddisa yookaan kan itti baqatan jechuudha. Jechi kun jalqaba tulluu dheeraa biyya Filisxeem keessa jiruuf kenname. Tulluu kana Daawwiit Iyyaabuusonni daannoo taasifatanii kan turan irraa fudhachuun ijaaree magaalaa guddittiisaa taasifate (2 Saam 5:6-9). Kanaafis, Tsiyoon magaalaa mooticha guddaa Israa’eel jedhamte. Mootichi Daawiit Taabota Kakuu Waaqayyoos bakka duraan jiraachaa turerraa fidee magaalittii keessa kaa’e. Sababa kanaaf, Taabotichis Taabota Tsiyoon jedhame (2 Saam. 6:1-23). Jechi Tsiyoon jedhu isa booda babal’achuun magaalaa Iyyaruusaaleemii fi Uummata Israa’eel hunda bakka bu’uun dubbatamaa tureera. ✞Tulluun kun hiika kallattiin biyya yookaan lammiilee Israa’eel agrasiisus, iccitii afuuraa hedduu qaba. Iccitii inni guddaanis haadha jireenyaa, bu’uura fayyinaa, gonfoo ulfinaa fi abdii dhala namaa kan taate Dubroo Maariyaam agarsiisuusaati. #Dubroon_Maariyaam_Tsiyoon jedhamti. 📌Akka armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon jechuun hirkoo fi gaaddisa itti baqatan jechuudha. Qulqulleettiin Maariyaamis gaaddisa yookaan hirkoo lubbuu fi foonii, akkasumas hirkoo qulqullootaa fi cubbamootaa waan taateef Tsiyoon jedhamti. Magaalittii biyya lafaaf hiikni Tsiyoon jedhamu kan kenname sababoota adda addaafi. Innis, namoonni badii hojjetan magaalittiitti baqachuun, murteen sirriin achitti itti murtaa’aa ture. Akkasumas, warri dhugaa qabanimmoo magaalittii keessatti murteen haqaa isaanii murtaa’aa tureera. 📌 Haaluma wal fakkaatuun, Dubroon Maariyaam ilmi namaa cubbuu Addaamii fi Heewaan hojjetaniin kabaja fakkeenya Waaqayyoon uumamee fi mucummaa Sillaasee dhabee ture sababasheetiin deebisee waan argateef Tsiyoon (gaaddisa) jedhamti. Waaqayyo foonsheerraa foon lubbuusheerraa, lubbuu fudhachuun Nama ta’ee gatii cubbuu nurra jiru guyyaa Jimaataa aarsamuun fannoorratti nuuf kaffale(nurraa haqe). Jannataa fi Mootummaa Samiittis nu deebise. Kanaaf, Giiftiin keenya gaaddisa ibidda adabbii jalaa itti boqonnee fi bultii duraan dhorkamnee turre kan itti deebinee arganne waan taateef, Tsiyoon dawoo (gaaddisa) hunda keenyaa jedhamti. ‼️ Namoonni tokko tokko jechi Tsiyoon jedhu “Qulqulleetti kan taate Giiftii keenyaaf raajamuusaa akkamitti beekna?” jechuun shakku. Akkuma armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon magaalaa teessoo mooticha guddaa kan Israa’eel fi bultii Waaqayyoo akka jedhamtu hubanneerra. Mootittii Dachee fi Samii (Faar. 44: 9) kan taate Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaamis magaalaa Waaqayyoo fi Tsiyoon haadha hunda keenyaa jedhamti. Sababa kanaafis “ Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni dhalate” jedhameera(Faar. 86: 5). “Namni keessatti dhalate” kan jedhame, foonii fi lubbuu isheerraa fudhachuun kan Nama ta’e Uumaa Samii fi Dachee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi. Kanaaf, Dubroon Gooftaa keenyaaf deessuu haadhasaa yoo taatu, hunda keenyaaf immoo haadha afuuraa nuu taati. Qulqulleettiin Maariyaam guyyaa Jimaataa fannoo jalatti karaa abbaa keenya qulqullicha Yohaannis abbaa Wangeelaa “Kunoo haadha kee” jechuun nuu kennamteetti (Yoh. 19: 27). Giiftiin keenya Yohaannis,isa hunda keenyaaf abbaa afuuraa ta’uuf yoo haadha taate, shakkii tokko malees haadha hunda keenyaati jechuudha. Tsiyoon haadha Waaqayyoo ta’uusheef shakkiin hin jiru.‼️ 📌Kitaabni Qulqulluun haqa afuuraa kana sirritti nu hubachiisa. Faarfatichi Daawiit akkas jechuun raajii dubbateera: “Ani garuu mootii kiyya tulluu qulqulluu Tsiyoonirrattan muude” (Faar. 2: 6-7). Tulluu Tsiyoonirrattan muude jechuunsaa, Mootiin Dachee fi Samii Gooftaan keenyaTsiyoon kantaate Dubroo Mariyaamirraa dhalachuusaa hubachiisa. Tulluu jechuunsaas kabaja qabduun dubartoota hundaa ol, hojiisheetiin immoo hirkoo hundaa kan taaterraa dhalachuusaa hubachiisa. 📌Haati keenya Tsiyoon Deessuu Waaqayyoo qofa osoo hin ta’iin, bultiisaa bara baraaatis. Abbaan keen
إظهار الكل...
​​Kasoominaa fii Kiristaanummaa @Pheniel_tewahido Yeroo tokko mana kiristaanaa keessatti tajaajilaan tokko sirna qulqulleessaa boo'ichaan gaggeessaa otoo jiruu; Amantoonni warri isa bira dhaabbatanis isa arganii "Inni garuu nama qajeelaa akkammitii kan akkas laphee capheen tajaajilu?" Jedhanii yeroo isaan gunguman dhagahe. Tajaajilaan kun sirni qulqulleessaa akkuma raawwateen isaannitti dhiyaatee " Isin kan akka koo hin boonyeef cubbuu guddaa akka koo kan isin boochisu waan hin qabneefi. Ani garuu akka isin jettan qajeelaa tahee osoo hin taane, cubbuu kootu guddatee na boochisa. " Ittin jedhe. 📌Obboloota koo kasoominni (gadi of qabuu) fii kiristaanummaan kennaawwan #Kiristoosin fakkaachuutti nu guddisanidha. @Pheniel_tewahido 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆 Join godha
إظهار الكل...

Check out ዋቸሞ ዩኒቨርስቲ ግቢ ጉባ: https://t.me/WCUGG
إظهار الكل...
ዋቸሞ ዩኒቨርስቲ ግቢ ጉባኤ

" ንቁ፥ በሃይማኖት ቁሙ፥ ጎልምሱ ጠንክሩ። በእናንተ ዘንድ ሁሉ በፍቅር ይሁን።" (1ኛ ወደ ቆሮንቶስ ሰዎች 16:13-14)

​​💐Kutaa-2ffaa🌺 #Akka_seera_mana_kiristaanaatti dubartoonnii waqtii laguu irra jiranitti maal irraa dhorkamuu qabu? @Pheniel_tewahido 📌1⃣ fi 2⃣tti kan fufudha. 3⃣ Foonif dhiiga goofataa irraa:- Akka seera mana kiristaanaa keenyaatti dubartoonni qophii fooniif dhiiga gooftaaf tahu hundumaa yoo xumuran iyyuu osoo marsaa laguu isaaniirraa hin qulqullaa'in akka isaan fooniif dhiiga gooftaatti hin dhiyaanne seerri mana kiristaanaa keenya nii dhowwa! Seera kana cabsee diyaaqoniifii qeesiin cabsee fooniif dhiiga goofta nama laguu irra jiruuf kennees seera mana kiristaanaa waan cabsee, cabsisiseef angoin isaa akka irraa kaafamu jedha. " ወለእመ ተዓደወ ፩ሂ እምቀሳውስት ወዲያቆናት ወአብአ ብእሲተ ትክተ ኀበ ቤተክርስቲያን ወመጠዋ ቁርባነ በመዋዕለ ትክቶሃ ይደቅ እምዓረጊሁ" Fitiha negest (6) Akkasumas macaafa qulqulluu keessaa " Namni akka seeraatti utuu qullaa'aa hin ta'in xuraa'ummaa isaa baatee foon aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi'aatu irraa nyaatu garuu, saba isaa keessaa baafamee haa balleeffamu! " (Seera Leewwotaa 7: 20) . Kuni hundinuu kan tahuuf ulfina fooniif dhiigaa gooftaaf jechadha. 4⃣ Mana kiiristaanaa seenuu irraa:- Dubartiin tokko yeroo daraaraa ji'aa isheetti akka mana kiristaanaa hin seenne seerri mana kiristaanaa nii dhorka. Kan isheen seentu yeroo dhiigni qaama ishee keessaa bahuu dhaabutti ; qaama ishee dhiiqattee sirna qulqulleessaa irratti akka hirmaattu sirni keenya nii ajaja (fitiha negest 6). Akkasumas seera qulqullootaa kan jedhamu isuma gubbaarratti jenne jabeessa " ሐራስ ወትክት ኢትባእ ውስተ ቤተክርስቲያን" kunis dubartiin laguu ishee osoo hin xumuriin #keessoo mana kiristaanaa hin seenin jedha. 🌸Dubartiin waqtii laguun irra jirutti mana kiristaanaa hin seenin jechun garuu; mana kiristaanaa hin dhaqin jechuu miti. Mana kiristaanaa akkuma yeroo kaanii dhaqxee, mooraa keessa, osoo keessa mana kiristaanaa hin seenin haa kadhattu, haa barattu, haa faarfattu haa faarfachiistusidha. Kunis osoo keessoo mana kiristaanaa hin seeniin tajaajila kamuu nii raawwatti. 📌Kunis wanta xuraawaa baannee mana kiristaanaa keessa waan hin seenneefidha malee seera addaaf miti. 🌺kan biraan akkuma gannata mana kiristaanaan fakkeessinu , hewaan waqtii jannata keessa turtetti waan laguu dhangalahu hin qabaatiniif; manni kiristaanaa yaadannoo sanaaf seera kana keesse. 👉Gara mana kiristaanaati yeroo seennu akkuma lephee keenya miccannu; hanga nuuf dandahame xuurii qaama keenyarra jiru miccannee, qulqulloofnee seenuun nurraatii eegama. Sababni isaas nuti yeroo fuula waaqayyoo dura dhaabbannu inni fakkeenya isaan waan nu uumeef (uma 1:26) hanga dandeenyu Qulqulloofnee sodaa dhaan olseenuu qabnaafi. 🙏Akkasumas dubbii dhugaa dubbachaa jaalalaafii sodaan gara waaqayyootti dhihaachuutu nuuf mala (efeson 4:15). 📌Yaa obboloota shamarranii waqtii daraaraa ji'aa keessanitti kadhachuun, faarfachuun, tajaajilamuun, mana kiristaanaa dhaquun hin dorkamu. Garuu seerota xixiqqoo barnoota bu'uuraa mana kiristaanan #walitti_hin_buune kasoominaan raawwachuun badii hin qabu. ♥Galanni waaqayyoof haa tahu♥ © Dn Milkiyas ( @amZwinner ) @Pheniel_tewahido @Pheniel_tewahido
إظهار الكل...

اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.