cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Caffee Oromia

☎️ +113726218 📧 [email protected] FB : CAFFEEOROMIA Website:Www.caffeeoromiyaa.org

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
8 903
المشتركون
+7624 ساعات
+3127 أيام
+85130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, xumuura Gamaaggama Fooramii Afyaa’ota Godinaa, Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa irratti kallattii hojii kennaniin, mul’anni qabame kun kan dhugoomu, Manneen Maree hundinuu hojii hordoffiifi to’annoo bu’uura ummataa qabuufi rakkoo ummata keenyaa furuu danda’u gaggeessuudhaan akka ta’e ibsan. Hordoffiifi to’annoon gaggeessinu, dhakaa bu’uuraa sirna dimokiraasiiti. Ijaarsa sirna diimokiraasii saffisiisuuf, sirni walhordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa gidduutti diriire qajeelloon hojiirra oolee galmoota misoomaa qabannee hojjechaa jirru milkeessuun galma ijoodha. Bakka misoomni hin jirretti guddinni hin jiraatu. Haqa qabeessummaa misooma keenyaa mirkaneessuuf sirni walhordofuufi to’achuu diriire. jedhan. Horataaleefi qabeenya xiqqaa qabnu qixa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun hojiirra oolchinee, hudhaalee guddina keenyatti gufuu ta’an kan akka rakkoo bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaa hundeerraa furuun galma yaanne geenya. Kana gochuuf ammoo jedhan Aadde Sa'aadaan, hojiileen seeraafi hojimaata eeganii raawwatamaa jiraachuu isaanii hordofuufi to’achuu qofaan hawwiifi mul’anni qabanne dhugooma. Milkaa’ina kanaafis, qaamolee mootummaa sadeen walhubannoofi qindoominaan hojjechuun murteessaadha. Aangoo Heeraan qoodamee kennameef giddu gala godhachuun hunduu gahee isaa bahachuu qaba. Qaamoleen sadeen kun warra mana tokko ijaaru waan ta’aniif walta’anii hojii ummataa ummataaf hojjechuu akka qaban kallattii hojii kennan keessatti akeekanii jiru. Gamaaggamni Raawwii Hojii Baatii Sagalii Fooramii Afyaa'ota Godinaalee, Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa guyyoota lamaaf Afyaa'otaafi Dura Taa'ota Koreewwan Dhaabbii waliin Adaamaatti gaggeeffamaa ture goolabamee jira.
إظهار الكل...
👍 47 11
𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐟𝐚𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐛𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐝𝐡𝐢𝐧𝐚𝐚 𝐭𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐚𝐫𝐠𝐮𝐮𝐟 𝐦𝐮𝐥’𝐚𝐭𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐧𝐧𝐞 𝐠𝐚𝐥𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐢 𝐠𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚!
إظهار الكل...
👍 14 7
Manneen Maree Ummataa dagaagina dimokiraasii, bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi jijjiirama akka biyyaafi naannootti jalqabne itti fufsiisuu keessatti gahee olaanaa qaama qabanidha. Xiyyeeffannoon keenya ijoon, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran cimsuudha. Manneen Maree, qaama ummata bakka bu'aniifi ummata isaan filatetti dhiyaatanii hojii ummataa hojjetanidha. Sirna cimaa qabaannee mootummaa cimaa ijaaruuf Manneen Maree cimaa ergama isaanii qajeelloon bahachuu danda’an qabaachuu barbaachisa. Mootummaan cimaan, qindoominaafi walhubannoo qaamolee mootummaan ijaarama. Galmi waloo qaamolee mootummaas, tajaajila qulqulluu ummataaf kennuudha. Gamaaggama raawwii hojiiwwan baatii sagalii guyyoota lamaan kana taasifneen, haala qabatamaa Manneen Maree keenya irra jiran hubachuu dandeenyee jirra. Sochiin Manneen Maree keenya hojii isaanii milkeessuuf taasisaa jiran jijjiiramni jiraachuu agarsiisa. Raawwiin Manneen Maree keenya walfakkaachuu dhabuun, sirna hordoffiifi to’annoo bu’a qabeessaafi rakkoo ummataa furuu danda’u gaggeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ilaallee jirra. Koreewwan Dhaabbii Aanaafi Magaalaas hojimaata eeganii kurmaanaan manneen hojii qoratanii duubdeebii kennuun walqabatee bakkaa bakkatti garaa garummaan jiru akkuma jirutti ta’ee, hojiirra oolmaa duubdeebii kennamees itti fufiinsaan hordofuun walqabatee Manneen Maree hundi xiyyeeffannoo addaan irratti hojjechuu akka qaban ilaallee jirra. Kana malees, Manneen Maree Gandaa cimsuun, tajaajiltummaa ummataa mirkaneessuudha. Mootummaa ummatatti dhiheessuun tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa kennuuf dandeessissa. Tarsiimoo, imaammataafi karoora mootummaa irratti ummanni hubannoo walfakkaataa qabaatee hirmaannaa isaan deeggaree akka hojiirra oolchu taasisuudha. Kanaaf, Manni Maree Aanaafi Magaalaa hundinuu Gandoota isaan jala jiran cimsuun, gahoomsuufi ergama isaanii akka bahatan taasisuu qabu. Qindoominaan hojjennee waadaa ummata keenyaaf galle gochaan mirkaneessuu qabna. Caffeen keenyas, hojii hubannoo uumuu, leenjiiwwan adda addaan manneen maree gahoomsuufi hojimaata jiru fooyyessuun hudhaalee jiran qorannoon deeggaree sirreessaa deemuuf hojjechaa jira. Hooggansi Mana Marees, mul’ata akka mana mareetti qabattanii hojjettan milkeessuuf itti gaafatamummaa qabdan qajeelloon bahachuu qabdu.
إظهار الكل...
7👍 4
𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐚𝐫𝐞𝐞 𝐂𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐂𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚! ****
إظهار الكل...
👍 14👎 1
02:52
Video unavailableShow in Telegram
𝑮𝒂𝒎𝒂𝒂𝒈𝒈𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑹𝒂𝒂𝒘𝒘𝒊𝒊 𝑯𝒐𝒋𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑺𝒂𝒈𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑭𝒐𝒐𝒓𝒂𝒎𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒚𝒂𝒂'𝒐𝒕𝒂 𝑮𝒐𝒅𝒊𝒏𝒂𝒂𝒍𝒆𝒆, 𝑴𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝑴𝒂𝒓𝒆𝒆 𝑨𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒆𝒆𝒇𝒊 𝑴𝒂𝒈𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒊𝒚𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒈𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑨𝒂𝒅𝒂𝒎𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒂𝒈𝒆𝒈𝒆𝒇𝒇𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒖 𝒉𝒂𝒓'𝒂𝒔 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒇𝒆𝒆 𝒋𝒊𝒓𝒂.
إظهار الكل...
👍 65 16
Waltajjiin Gamaaggama Raawwii Hojii Baatiiwwan Sagalii Fooramii Afyaa’ota Godinaa, Manneen Maree Aanaaleefi Magaalota Oromiyaa waliin gaggeeffamaa jira. Gamaaggama kanarratti, Fooramiin Godina Iluu Abbaa Booraa, Qeellam Wallaggaa, Mana Maree Magaala Shaggar, Mana Maree Magaala Shanoo, Aanaa Dirree, Gursum, Dambal Xaafoofi Mana Maree Aanaa Boosat walduraa duubaan gabaasa raawwii hojii baatii sagalii dhiyeessanii jiru. Cuunfaan Gabaasa Hojii Suparvizhinii Fooramii Afyaa’ota Godinaalee, Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaafi Gandootaa Waajjira Caffee Oromiyaan qindaa’e Daariktera IJaarsa Dandeettii Manneen Maree Ummataa Obbo Maammush Leellisaan dhihaatee irratti mari’ataamaa jira. Gamaaggama kana irratti Afyaa’iifi Dura Taa’ota Koreewwan Dhaabbii lama Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa irraa hirmaatanii jiru.
إظهار الكل...
👍 72 4😁 4👎 1
𝐀𝐟𝐲𝐚𝐚'𝐢𝐢𝐧 𝐂𝐚𝐟𝐟𝐞𝐞 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐛. 𝐀𝐚𝐝𝐝𝐞 𝐒𝐚'𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐝𝐮𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐚𝐧, 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐌𝐚𝐫𝐞𝐞 𝐔𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐫𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐠𝐚𝐡𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐧. **** Caffeen Oromiyaa, Manneen Maree Ummataa aangoofi gahee hojii Heeera Mootummaa Naannichaatiin kennameef giddu galeessa godhachuun karoora, imaammataafi tarsiimoo mootummaa qixa barbaadamuun faayidaafi fedhii ummatichaa bu’uura godhatanii raawwachuu hordofuu, deggaruufi cimsuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan. Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran rakkoowwan hedduu keessa taa'uun dimokiraasii dagaagsuun, tajaajila dhaqqabamaa, haqa qabeessaafi itti quufiinsa ummataa mirkaneessuu kennuu keessatti gaheen qabdan olaanaadha jedhan. Manneen Maree Ummataa gubbaa hanga gadiitti karaa walfakkaatuun cimanii ergama isaanii akka bahatan taasisuuf ammoo hordoffiifi deeggarsa barbaachisu, akkasumas, gahuumsa isaanii cimsuu irratti Caffeen hojjechaa kan jiru ta’uu ibsan.
إظهار الكل...
👍 28 5
Photo unavailableShow in Telegram
#𝐎𝐑𝐎𝐌𝐎𝐎𝐍 𝐀𝐚𝐝𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐃𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮𝐧 𝐧𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐮𝐮𝐬𝐚; 𝐌𝐚𝐫𝐢𝐢𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐫𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐫𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐟𝐮𝐫𝐚!
إظهار الكل...
👍 26 2
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Waajjira Caffee Oromiyaa waliin ta’uun Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaaf Ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo kennaa jira. Dhibeewwan daddarbaa hin taane saffisa guddaan dubartoota keenya miidhaa jiran keessaa ijoon Kaansarii Fiixee Gadameessaati. Kaayyoon leenjii kanaas, hubannoo argataniin dhaabbilee fayyaa waliin qindaa’uun dubartootaaf hubannoo kennuun talaalliifi calallii akka taasisaniif sosochii uumuuf karoorfamee kennamaa jira. Dura Teessuun Koree Dhabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa, Dubartoonni Miseensota Caffee hojii bakka bu’ummaa hojjetaniin dhibeewwan hammaataa daddarbaa hin taaneen akka hin miidhamneef sosochii marsaa duraa taasifneen lubbuu dubartoota keenyaa hedduu hanbifachuu dandeenyee jirra jedhan. Leenjiin hubannoo uumuu har’a kenninu kunis, sosochii taasisaa turreen hanqinaalee marsaa duraa keessatti nu mudatan irraa barannee, miidhaa dhibeen kun dubartoota keenya irraan gahaa jiruufi saffisni inni ittiin dubartoota keenya miidhaa jiru caalmaan hubattanii ergama itti aanuuf akka qophooftaniif yaadameetu jedhan. Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila waldhaansa yaala fayyaafi ittisa dhibee irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsan. Dhibee kana ittisuuf, talaallii adda addaa shamarran umriin 14 irraa eegalee jiraniif kennuun dursanii ittisuufi dubartoota gaheessota ta’aniif ammoo calallii taasisuun facaatii dhibee kanaa ittisuu dandeenya jedhan. Kanaaf ammoo, Hospitaalota Oromiyaa keessatti tajaajilli calallii akka kennamu, Hospitaalota gurguddoo shan ammoo Oromiyaa keessatti ijaaraa jirra jedhan. Facaatii Kaansarii Fiixee Gadameessaa ittisuuf Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaa waliin qindoomuun dubartoota hunda bira qaqqabuun ni danda'ama. Gara hawaasaatti wayita deebi’an dhaabbilee fayyaa naannoo isaanii jiran waliin qindaa’uun duula calallii fiixee gadameessaa itti fufiinsaan gaggeessuun lubbuu dubartoota keenyaa du’a irraa hanbisuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan ibsamee jira. Karoorri hojiin kun ittiin hojjetamus qophaa’ee kan jiru ta’uun ibsamee jira. Itti fufuun, Gorsaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan ta’an Dr. Tsaggaayee Baay’isaa facaatiifi ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo isaanii cimsu kennaa jiru.
إظهار الكل...
👍 12😁 2
𝐊𝐚𝐚𝐧𝐬𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐅𝐢𝐢𝐱𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐋𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐃𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐚𝐫𝐫𝐮! **** Biiroon Fayyaa Oromiyaa Waajjira Caffee Oromiyaa waliin ta’uun Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaaf Ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo kennaa jira. Dhibeewwan daddarbaa hin taane saffisa guddaan dubartoota keenya miidhaa jiran keessaa ijoon Kaansarii Fiixee Gadameessaati. Kaayyoon leenjii kanaas, hubannoo argataniin dhaabbilee fayyaa waliin qindaa’uun dubartootaaf hubannoo kennuun talaalliifi calallii akka taasisaniif sosochii uumuuf karoorfamee kennamaa jira. Dura Teessuun Koree Dhabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa, Dubartoonni Miseensota Caffee hojii bakka bu’ummaa hojjetaniin dhibeewwan hammaataa daddarbaa hin taaneen akka hin miidhamneef sosochii marsaa duraa taasifneen lubbuu dubartoota keenyaa hedduu hanbifachuu dandeenyee jirra jedhan. Leenjiin hubannoo uumuu har’a kenninu kunis, sosochii taasisaa turreen hanqinaalee marsaa duraa keessatti nu mudatan irraa barannee, miidhaa dhibeen kun dubartoota keenya irraan gahaa jiruufi saffisni inni ittiin dubartoota keenya miidhaa jiru caalmaan hubattanii ergama itti aanuuf akka qophooftaniif yaadameetu jedhan. Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila waldhaansa yaala fayyaafi ittisa dhibee irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsan. Dhibee kana ittisuuf, talaallii adda addaa shamarran umriin 14 irraa eegalee jiraniif kennuun dursanii ittisuufi dubartoota gaheessota ta’aniif ammoo calallii taasisuun facaatii dhibee kanaa ittisuu dandeenya jedhan. Kanaaf ammoo, Hospitaalota Oromiyaa keessatti tajaajilli calallii akka kennamu, Hospitaalota gurguddoo shan ammoo Oromiyaa keessatti ijaaraa jirra jedhan. Facaatii Kaansarii Fiixee Gadameessaa ittisuuf Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaa waliin qindoomuun dubartoota hunda bira qaqqabuun ni danda'ama. Gara hawaasaatti wayita deebi’an dhaabbilee fayyaa naannoo isaanii jiran waliin qindaa’uun duula calallii fiixee gadameessaa itti fufiinsaan gaggeessuun lubbuu dubartoota keenyaa du’a irraa hanbisuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan ibsamee jira. Karoorri hojiin kun ittiin hojjetamus qophaa’ee kan jiru ta’uun ibsamee jira. Itti fufuun, Gorsaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan ta’an Dr. Tsaggaayee Baay’isaa facaatiifi ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo isaanii cimsu kennaa jiru.
إظهار الكل...