ᏆᎢᎢᏆ ᗰᑌᗞᗞᏆ ᑫᗴᗴᖇᖇᝪᝪ
ODuUf ODeEYfAnnOO biYyAa arGachuuF HtTpS://TElegRAm.ME/bulgOdhI @BUliqERo @huumee @AbIYmOStgO
إظهار المزيدلم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
418
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام
- المشتركون
- التغطية البريدية
- ER - نسبة المشاركة
جاري تحميل البيانات...
معدل نمو المشترك
جاري تحميل البيانات...
Qilleensa baranaa
Oowwasaa dadhabnee
Yoo dubbannen baanuu
Callifnuus shakkamnee
Yakka tokkoon malee
Biyyaa ariyamnee
Osoo hin jaalatin
Biyyarraa fagaannee
Saahibban koo hundaan
Nagayatti jennee
Hangam yoo fagaannees
Yoo lubbuun jiraannee
Turruus wal agarraa narraa
Akkan yaaddooynee 2x
Silaa niin callisaa
Waa nan callisiiftuu
Akka garii namaaf
Lubbuun as hin aftuu
Silaa turte qabriin
Kan coqorsa baaftuu
Fedhii rabbiitiin malee
Wanni takkan taatuu
Rabbumaaf haa taatuu
Hundi faaruudhaatuu 2x
Gaafa dubbiin taate
Akka gaararraadhaa
Bakka takkan teeysuu
Jijjiiramtuudhaa
Namni ati yaaddu
Inni kun gaariidhaa
Afaan isaa laaltee
Haasawa dubbiidhaa
Kan afaansaa dammaa
Kan keessi summiidhaa
Hedduu haada sharrii
Si duubaa siif hidhaa
Kanaatu shakaalee
Namoota hedduudhaa
Osoo firraan arkin
Naqe hallayyaadhaa 2x
Ifiifuu barana
Haadaatu dubbatee
Goowwaa if wallaaleef
Wasiyyaa dhaammatee
Hedduun hidhuuf
Taa'a nama if dagatee
Kan naman shakkinee
Hunda firoomfatee
Iccitii haasawu
Bakkayyu dhaabbatee 2x
Nan ajaa'ibinaa
Maal taate jettanii
Dubbiin tun ni jirtii
Wallaahi dhugaanii
Warra si ququmsu
Maallaqa arkannaanii
Waraabo miila lamaa
Hedduudha akkaanii
Yoo sittin mullannees
Ilaaltee ijaanii
Boodarra ni gartaa
Numan hifatinii 2x
Warra amallisaa
Amala bineensaa
Kanaatu baayyatee
Jira ganda keessaa
Waan garaa saan himuu
Yoo laalan fuulasaa
Dubbiftu ni seeqaa
Babbanee ilkeesaa
Kan hamtuu guuttatee
Qabu garaa keeysaa
Maallaqaan bitamee
Ergame basaasaaf
Kanaa hedduu namaa
Balleeyse lubbuudhaa 2x
📲 Android App
• Screen mobile keessanii cabee isiniif ajajamuu yoo dide.
• Screen isaa qixa barbaaddaniin fayyadamuuf furmaata.
💾 Size 8.6MB
share💯share💯s
Assistive Touch.apk8.63 MB
Ferhan Abdulselam:
AKEEKKACHIISA ‼️⚠️
Bilxiginnaan diraamaa dalaguun beekkamti. Amma ammoo hiriira nagaaa TPLF fi shanee balaleffachuu jedhu waamtee jirti. Hiriira kana irratti ofumaa ummata hiriira bahe irratti bombii darbattee shaneetu godhe jechuu malu. Kana kan akeeku dubbii Baacaa Dabaleeti. Shaneetu TPLF waliin nu waraane jedheera. Hammeenya Shanee fi TPLF jedhanii addunyaatti agarsiisuuf diraamaa tolfame fakkaata. Akkuma agartan duguuggaa sanyii TPLF raawwate jedhanii reeffa tarreessanii agarsiisaa jiru. Duguuggaa sanyii Shaneen raawwatte jechuuf amma haala mijeessaa jiru. Kanaafuu lubbuu keessan waan kaayoo hin qabneef hin kenninaa.
ODuUf ODeEYfAnnOO biYyAa arGachuuF
HtTpS://TElegRAm.ME/bulgOdhI
@BUliqERo
@huumee
@AbIYmOStgO
🤺ⒷⓊⓛ ⒼⓄⓓⒽⒾ ⓠⒺⓔⓡⓡⓞⓞ🏹
ODuUf ODeEYfAnnOO biYyAa arGachuuF HtTpS://TElegRAm.ME/bulgOdhI @BUliqERo @huumee @AbIYmOStgO
#Oduu_Belbeltuu!
Poolisii Humna Addaa Oromiyaa kuma shanii (5000) ol amma gara Daangaa Tigraay erguuf qopheessanii jiru. Wanti nama ajaa'ibu loluma Amaaraa fi Tigraay gidduutti baname jiru kana irratti Abiyyi fi murni Nafxanyaa Humni Addaa Naannoo Amaaraa Naannoo Amaaraafi Magaaloota Amaaraa Daangaa Tigraay irra jiran eeguu qaban malee Lola seenuu hin qaban jadhanii murteessan. Amma Ijoollee Humna Addaa Oromiyaafi Ijoollee humna addaa Somaalee, Humna addaa Afaarrfi Naannoolee biroo irraa gara nama kuma 12,000 ol erguuf amma qophii xumuraniiru. Ijoollee Oromoo eenyuuf loluuf akka deeman nu hundaaf gaaffiidha? Amma Lolli kun lola Tigraay fi Amaara gidduuti baname malee lola Oromoofi Tigraay gidduutti banamee miti. Ijoollee Oromoo Humna Addaa Poolisii Oromiyaa kan amma gara Daangaa Tigraay deemuuf deemtan hadaraa hadaraa lubbuu teessan qaalii naannoo Amaaraa eeguuf jacha hin balleessinaa! Didaa Isin ilmaa Oromooti malee Ilmaan Amaaraa miti gara Daangaa Tigraay deemtanii du'a saree hin du'inaa! Didaa. Ummaatni
Abiyyi ahmed dabalatee dabbaloonni isaa hundi nama kanarraa waan hedduu barachuu qaban ture!
Hundaafuu: Jawar Mohammed Irraa Maal Fa'a Baranna?
Jawaar Mohammed Hoo Nama Akkamiiti!?
1/ Jawaar murataadha! Murataa, kutataaf cichataadha. Waan jedhe tokko hanga galmaan ga'utti nama hirriiba hin rafneedha. Xiiqiin hojjata! Humni isaa fi humni ummata isaa hangam akka ga'u nama tolchee beekuuf sirrittis itti fayyadamuudha.
2/ Jawaar hayyuudha! Hayyuu ogummaa barnoota baratee horateen rakkoo ummata isaa tolchee qoratee beekuudha. Rakkoolee ummata isaatiif furmaata barbaaduu keessattis nama ogummaaf dandeettii guddaa ittiin ummata isaa of jala hiriirsuun qabuudha. Kana gochuu danda'uu isaatiinis Jawar nama qabsoo ummata keenyaaa gulantaa hedduun ol guddiseedha!
3/ Jawaar sabboonaadha! Sabboonummaan Jawar sabboonummaa firaa fi alaagaas hinaafsiftuudha. Sabboonummaan Jawar kan eenyummaa isaa jaallachuuti malee kan akka warreen biroo sabbonummaa eenyummaa kanneen biroo jibbuutii miti.
4/ Jawaar nama kaayyooti! Kaayyoo isaaf saba isaa galmaan ga'uu keessatti maal gochuu akka qabuuf maal gochuu akka hin qabne tolchee beeka. Waan ummata isaa fayyaddu akkamitti akka dubbachuu qabuuf akkamitti akka hojjachuu qabu nama sirritti addaan baasee beekuu fi nama hojjatee hojjachiisuudha.
5/ Jawaar nama mul'ata qabuu fi abbaa qalbiiti! Jawar ofiif ummata isaatiifis mul'ata guddaa nama qabu ta'uu hojii isaatu mirkansa. Abbaa qalbiitis. Waan hundumaa suuta jedhee qalbiin ilaala.
6/ Jawaar nama obsa guddaa qabuudha! Obsi utubaa guddaa milkaa'inna duuba jirtuudha. Kanas kan nutti agarsiise Jawar.
Gabaabumatti!
Jawaar Mohammed irraa maal maal fa'a baranna!?
Obsa, murannoo, kutannoo, cichummaa, xiiqii, of ta'uu, guutummaan guututti ummata ofiitiif of kennuu, akkasuma JM irraa wanti barannu sadarkaalee barnootaa adda addaa haa qabaannuu, amantiilee addunyaa tana irra jiran hedduu keessaa kamuu haa hordofnuu, Oromiyaa keessaattii mitii biyyoota addunyaa tana irra jiran keessaa eessumattuu haa dhalannuu, sadarkaa jiruu fi jireenya kamuu irra haa jiraannuu, ilaalchota Siyaasaa adda addaas haa qabaannuu nuti Oromoon eessumattuu Oromoo taanee waan hundumaa ta'uu akka qabnuuf eessumayyuu yoo jiraanne bakka jirru hundumatti Oromoo ta'uu keenyattiif Oromummaa teenyaan boonnee jiraachuu akka qabnuu fi haqa ummata keenyaatiif abukaatummaa dhugaa dhaabbachuu akka qabnu fa'a irra baranna!
Hayyuu akkanaa kunuunfachuu fi jabeeffachuun ammoo qooda saba keenyaati.
Isa qara qarrifaa nafxanyootaa keesaatti dhiifnee gallee harka marannee taa'uun waan hin taaneedha.
Kanaaf qeerroo koo bakka jirtuu dammaqi, ka'ii falmadhu, furtuun hayyoota kee mana hidhaatii baasu mana murtii osoo hin taane si harka jira.Waan jalqabde jabaadhuu, muradhuu hojiirra oolchi!. Hayyoota kee mana hidhaa baasi.
Artiist Jafar Yusuuf akka malee waraanaan reebamee yeroo
ammaa dubbachuu hin danda'u.
@jijjiiramaaf
#ODUU_AMMEE
Ergaa Ministeera Sayiinsii fi Barnoota Ola'noo irraa
Beeksisa kanaan dura manxansineen Baratoonni Bara kana Ebbifamtan hundi Fuulbana 23--30tii Waamicha Isiniif gochuun keenya ni yaadatama, Haata'uuti garuu taatee Akka biyyaatti umameen Biyyatti keessa Nageenyi Amansiisaan wan hin jirreef, Baratoonni Bara kana Ebbifamtaniifi Baratoonni Yunivarsitii hundi bara kana Waan Isin waamnu Nutti hin fakkaatu kanaafuu Hundi keessan Iddoo jirtanitti Carraalee armaan gaadii kana keessaa Akka Filattan Isin beeksiisna.
1:- Hojii Yoo argattan barbaadadha.
2:- Bultii ijarrachuu warri barbaaddan ijaaradha
3:- Baqachuu warri barbaaddan baqadhaa
4:- Activists tahudhan Otuu dadhabne hifannee hin jedhin Nama Siyaasaa Cimaa tahun Hojii keessan itti fufaa
5:- Gara Moora Ykn Gibbii ni deebinaa jettanii xiqqollee hin shakkinaa
6:- Turtii Hanga ammaa nu waliin gootaniif Galatooma🙏🙏🙏.
SHARE & JOIN:- @Orosarcasm
@Orosarcasm
اختر خطة مختلفة
تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.