cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Guduunfaa📚❤

@SiifBirhanuu fi @Firoregassa

إظهار المزيد
فنلندا1 176لم يتم تحديد اللغةالكتب4 636
مشاركات الإعلانات
5 290
المشتركون
+124 ساعات
-97 أيام
-6730 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

"Isa keessatti maal argite? 'Waan ati arguu hin danda'in hunda' Qamaa isallee osoon hin tuqin lubbuu isaan jaaladhe. Lubbuu jaalachuun salphaa seetaa?' . Akka natti hin dhiyaannettin nyaarakoo guduunfee lola. Gaaffii isaa garuu nan deebisaaf. Harkaan guduunfaakoo sossobaan ' Osoo ittin dhiyaatin, harka qabdee osoo waliin hin deemin. Lubbuun takka takka alaalumatti, achuma fagoo sanatti alaabaaa jaalala fanniftee faaruu nagaa faarsiti. ' Lubbuun takka takkammoo akka kee kanatti namatti dhiyaattee ayyaana namarraa fudhatti. Nagaa nama dhoowwiti. ' Gidduutti ammas Guduunfaa harkoo irraa ija mararteetiin ilaaleen itti seeqa. 'Lubbuu takka takka immoo mana waliin ijaarrattee uumama keessa waliin dambaliitee, ayyaana isheef of laattee, lafa garaakee waliin geessa. Maarree gammachuun fuula keerraa hin badu. Abdii keessa keetii hin gu'u. Lubbuun kee lubbuu biraa of keessatti kunuunsitu sanaaf abdii jiraachuu isheetii haaressiti. Akka aduun hin gogsine dawoo, akka qorri hin dhoofne hoo'a kennitee biqiltuu abdiin boru irraa soorattu of keessatti guddifti.' Jedheen ol jedhee naman itti haasa'u guddicha na fuuldura dhaabatu ijakoo cabsee ilaale. "Dabamoo gaarummaa of keessaa qaba? Dur abbaankoo "amman si ajajutti nan eegin, fuulakoo irraa hunda bari" naan jedha ture. Kunoo miira namaa fuula isaarraan dafee baruu amaleeffadheen...ammas waan namni na fuulduraa kun yaadu adda baafachuufan ija cabsee ilaale. Daba homaa irraa hin argine. Harka isaa lamaan giiphii isaatti naqatee gama gama ilaala. Ofitti amanamummaaaf jabina hin sochoone nama uffatee jiru. 'Kana beektaa? Onneen kee lubbuu takka takkaaf soorata ta'aaf. Gammachuun ati miira kee keessaa maddisiiftummoo jireenya ta'aaf.' Gara laafummaa hin daangeffamneen sin jaaladha. Si dhiisuuf si yaaduu koo keessattillee sin jaaladha. Si loluuf si jajuu koo keessatti sin jaaladha. Kophaa koof gurmii namoota hedduu keessattillee sin jaaladha. Si dhabuuf si argachuu koo keessattis sin jaaladha. Bakka kamittuu, haala kam keessattuu si jaalachuu koo qofan beeka.' Jettee waadaa seentaaf. Lubbuun kan keemmoo yeroo kana gammaddi. Dhumarra maaltu akka ta'u hin beeku.' Jedheen imimmaan gaddaa ykn gammachuu kam akka ta'e hin beeku ijakoo cufe haqadhe. Waa na jalaa badetu jira. Waanan dhabe garuu adda baasee hin beeku. "Tarii yoo akkana ta'uu baatehoo? Abdiin kee ni du'a! Lubbuun kees ni dararamti. Qalbiin kees ni joorti. Jaalalli ni onti." Lukaan tarkaanfii isaatiin..."tokko, lama" jedhee lakkaa'aa gara kootti siqe...dhaabbatee ija guutuun na ilaale. " Yeroo kana hireen kophaa ta'uu ni dhufa. Haalli sodaachisaanis sirratti wal gaha. Bakka dur turtettis deebitee homaa dhabda. Dhukkubbiin laphee, dadhabbiin sababa malee, fedhiin homaatuu dhabuun si keessatti mana ijaarratu. Galma isaanii si godhatu. Of si jibbisiisu. Si diilalleessu. Faallaa jaalala jibba dura kee facaasu. " Morma isaa asiif achi gangalche...hidhii isaa walakkaa ilkaan isaantiin nyaachaa ija adda jalaatiin na ilaalaa...ammas "tokko...lama" jechaa natti siqe. Amma daba yaadaa jiraachuun isaa naaf gale. Duubattin jalaa siqe. Ija isaa ergee garaa galaana guddaa nuyii gaditti argamuu ilaale. 'Darbatee galaanichatti na gatuufmoo?' Jedheen yaade. Afuurrikoo yoo wal hanqatu dafee dafeen baafadhe. Haasaa isaa itti fufe... "Kanarra siree hoo'aa walakkaa raftee hoo'ifatte keessaa ka'i. Haalota ulfaataniif yeroo itti of leenjisuu qabdu waan ta'eef abjuu sobaaf, fedhii dhugaa of keessaa hin qabne waliinis jooruu dhiisi, nannoo kee abdii biraa barbaadi. Callisa kee keessa , jireenya kee keessa abdii biraa barbaadi. Filannoo biraa ofiif dhiyeessi. Bakka bal'aa ofiif kenni. Ammi tarii yeroo itti ofiif dhimmuu kee agarsiiftu ta'uu mala. Nama eessaa dhufee eessammoo jiru yeroo itti beekuu qabdus ta'uu mala. Haaluma kamiinuu yeroo itti of yaadattu ta'uu hin ooluutii, bu'aan isaa maaluu haata'u mana mataa keetii irraa abdii hin dhabin. " Harka facaasee, nyaara isaa guduunfee, funyaan isaa bubbutaa, guduunfaan harkootiin cimsee qabee jiru narkaa butee galanaa sanatti gadi darbate.
إظهار الكل...
2
'Maalif...? Maalif? Anaakoo...anaakoo! Mortuu, maal si godhe? Naaf fidi...naaf deebisi maaloo!' Dabareekoo harakoo facaaseen watwaate. Kolfa walirraa hin cinne mormaan duubatti conqola'ee kolfe. Ilkaan isaa uffannaa isaa biraa, fuula isaa biraa, areeda isaa fuula isaatti daggala ta'ee jiru gidduudhaa addaatee natti mul'ate. Ija aariitiin addakoo narratti dhiita'e jalaanan ilaale. Funyaankoo as butaa achi butaa, nyaarakoo walittis olis gadis darbaa, harkakoo walitti micciiraa, ilkaankoo walitti ciniinee, qeensakoo yaasee momocoree kukkutee of fuulduraa isa balleessuu fedhe. Garuu yoon itti deemee biran gahu. Mul'atee na jalaa bada. Roobni yandoo, qilleensi asiif achi mukkeen urgufu, urriin lafa qabe, garaan waaqaa dorrobe. Lafti na jalaa citee naan mucucaatu na aarsa. Roobni garaa waqaatii gadi nammu lolaa haree ni cinaarraan daandii baafate. Guduunfittii bira gahuuf bakkan kufee ka'e. Deebi'ee kufe. Lolaa na cinaarraan daandii baafatee gufuuf haraa waan hundaa daddarbaa darbu sodaattee lubbuun koo dhiphatte. Lolaan biyyee dhaan bifti isaa daalachaa'e darbee yoo galaana qulqulluu sanatti dabalamu gartokkeen galaanichaa halluu lammaffaa godhate. Sagaleen kolfaa ammas qasa'e. Kolfa yeedaloo bareedaa qabuun dhaggeeffadhe. Roobni fuulakoo irraa cophu ilaaluuf haala naaf hin mijeessu. Amma ammaan ijakoo irraa bishaan haqadha. Deemsa dadhabeen guduunfaakoo gamatti ijaan ilaalee yaadaan waliin gamatti hafe. Guduunfaankoo galaanichaan gadi liqimfamte. Achumatti lolaan na ukkaamse. Tokkicha of jala na oolchee. Afuura baafachuun hin jiru. Lolaa waliin wal'aasoo wal qabne. An keessaa bahuf, lolaan na fudhatee darbee bakka isatti toletti na tufuuf fedhummoo galaana guduunfaakoo liqimsitti na dabaluuf... Yeroon hirriibaa dammaqu harka abbaa warraakoo boraafadheen jira. Ija nagaatiin ilaaleen ol jedhee naannoo koos ilaale. Guyyaadha. Wantin dura keessa ture hunduu naannoo koo hin jiru. Deebisee gadi na qabee dafqa fuulakoorraa finiine narraa haxaa'e. "Abjuu ajaa'ibaa keessa turte mitii? Ni lolta!" Natti seeqe. @Guduunfaakoo
إظهار الكل...
8
إظهار الكل...
JMN qophii Biifolee(Apr 30,2024)#oromo #finfinnee #ethiopia #africa

4
Mana isaanii daandiirra jiru fuuldura teessee yoo uffata miiccitu, aduu ganamaatti dugda kennitee yuuba ishee yoo filtu. Fuuldura balbala isaanii gugguuftee yoo balfaa funaantu, kosii hartu, qe'ee qulqulleessitu Daandii 'Kushinaa' fi mana guddaa gidduu deddeebisurra yoo marmaatu. Gamarra dallaa baala baargamootiin ijaarame keessaan ija ergee Dunfura durbaa ishee reefu ijattis, qalbiittis toltuu fuuldura isaatti ilaala. Kutatee nyaachuuf hin geenye. Dhiisee bira darbuuf hin taaneef. Guyyuu ija isaa sooruu filate. Ijji dallaa keessa lufaa turte bakkeetti baatee daangaa ishee ballifatte. "Bishaan waraabuutu dhuguma isa rakkise moo? Har'uma jalqabe moo duruu waraaba? Tole, ogguma balbala keenya dura gahe dadhabee maaf dhaabbata?" Jettee qalbiitti yaaddi. Magaalaa xiqqoo amala baadiyyaa gadi hin dhiifne keessa jiraatu. Kunoo dhaabatee yoo dadhabu dambacaa bishaan itti waraabee baatee dhufeerra taa'uu amaleeffate. Amalli isaa dabalaa dhufe. Gaafa ishee arge dafee deema. Osoo ishee hin argin bishaan baatee dhufeen balbala isaanii duratti dabaree wal baatu. Amma ishee argutti dhaabbatee yoo turu taa'a. Tasa akka dubartii haajaan qabee nyaara guduunfitee, miila ariitii lafarra butaa manaa gadi baatee 'kushiinaa' seenti. Isheenuu rifachuu jalqabde. Yaada nyaara guurti malee yoo inni ishee ilaalu deemsi harkaa baduu, miilli wal xaxuu fedha. Innis akuma balbala gadi bahuu ishee argeen dambacaa isaa fudhatee deema. Akkanatti haga deddeebi'e isaafuu waan ife miti. Lamaanuu umuriin 17, 18 hin darban. Lamaanuu barumsatti jiru. Maatii harka jiru. Isheen abbaa waliin, Inni Obboleettii waliin jiraatu. Inni dhiira, itti gaafatamummaan isaa barachuu qofa. Isheen abbaa ishee gargaaruutti bilcheessitee qopheessitee miiccitee mana qabuutti kan qabamte, ko'eettiidha. Akkanatti wal baran. Osoo walitti hin dubbatin qooqni jaalalala dubbii arraba isaanii dursee wal hubate. Wal jaalatan. Kan walii ta'uu hawwan. Jaalalli dubbii, waca, lola malee nama moo'u hunda biratti hin argamu malee nagaa qaba. Qabbana qaba. Naamusa qaba. Hawwiif naatoo qaba. Obsaaf ayyaana qaba. Kabajaaf dhugaa qaba. Garuu jireenyi waan baatee dhufu hin beekan. Jaalalli isaan galgalaaf ganama hunda alaalatti ijaan wal arguu qofaan kunuunsan erga adda fagaatee waggaa torba fixe. Ta'us jaalalli ishee jalqabaa, miirri dhugaan sun fixee ishee keessaa hin sokkine. Ammayyuu qalbii ishee ni rifachiisa. Onnee ishee ni dhahachiisa. Yaada isheetti ni mi'aawa. "Osoon argee " jettee ni yaaddi. Yeroo tokko tokko yaada isaa keessaa bahuu yoo dadhabdu ni boossi. Miira gaabbiif yaada ishee lolu sana ofirraa tasgabbeessuuf waan baay'ee barreessiti. Karaa baay'ee sakattaati. "Gaafuma tokko osoon argee! Osoon bilbila isaa qabaadhee! Osoon sagalee isaa dhaga'ee! " Karaa baay'ee isa argachuuf ni dadhabdi. Isa dhabdee akka hin argine abdii kuttus waa'ee isaa yaaduurraa abdiin kutanne. Karaa isheen irra deemtu hundi baay'ina namootaa keessallee isuma barbaaddi. Kan isheen beektu dargaggeessa qaamni isaa guutuu, magaala uffannaan isaa kabaja qabu. Kan dubbiin isaa, ilaalchi isaa nama hin quuqne. Kan ol jedhee ija guutee jabinaan nama hin ilaalle. Isa tasgabbiif ayyaanni isaa guutuu ture sana. Har'as isumatu ija ishee dura jira. Har'as isumatu osoo bifas, amalas hin jijjiirratin qalbii ishee keessa jira. Heerumaaf kaatee yaada isaan gaadi'amte. Bakka isa fidduu dhabde. Galgala wayii namni isa fakkaatu bira darbinaan dhaabattee duubaan isa ilaalte. Uffannaaa 'Jiinsii' hudduurraa gadi bu'uuf deemu keessaa babargaanfachaa deema. Qoobii duubatti garagalchee kaawwate. Kophee bifa Nike ✔️ qabdu halluu diimaaf adii wal keessa qabu godhatee jira. Takka sagaleessitee waamte. Dhaabattee haga inni ija ishee duraa fagaatutti duubaan ilaalte. "Deemsiif ufannaan akkanaa kan isaa miti. Yaaduma namni dhaabatee deemu isa natti fakkaachuu jalqabemoo?" Jechaa of loltee gara imala isheetti deebite.
إظهار الكل...
1
Fiigdee ija jabinaan gara mana obboleettii isaa deemti. Gaafatti. Dubartii guddoo iyyitee waccee abaarsa jechootaa walirra naqxi. Gidduutti imimmaan ishee haqxuu gara samuutti ol darbiti. Dhiphina sana baqachuuf baatee gara karraatti fiigde. Kaadhima isheetiin karratti wal simatan. Utaalee harka qabee of duuba harkisaa miila hoo'aa deeme. Sodaan homtuu ittin dhaga'amne. Callistee haga dandeessu duuba sussukte. Dukkanni lafa dhokse. Harkisee of fuulduratti darbarse. Kan jaalalala ykn kan jibbaa ta'uun isaa kan namaaf hin galle dhungannaa humnaa haga afuurri ishee wal hanqatu dhungate. Callisa isheetiin ala homtuu hin turre. Asiin sagalee dheekkamsa isaa, achiin sagalee bineensaa, ulfaatina dukkanaatiin marfamte. Waan akka daa'imaa cinaa ishee jirus ni argiti. Bakka roobni jiidhaan balleesse keessattis deemuu dadhabdee mucucaatti. Lafa diriiraatti darbamtee teesse. Daa'ima sana jalaa wanti lafarra loo'u bifti diimas mataaf miila kan hin qabne daddarbamaa fuuldura isheetii galgalata. Achumatti diilallooftee hafti. Afuurri ishees dhabama. Du'aa taati. Jireenya dhiifti. Kan jiraatti dhabde abjuudhaan jaalala isa bara fagoo barbaaddi. @Guduunfaakoo 💗💗
إظهار الكل...
8🥰 2
Repost from Galaa Sammuu
Kitaaba ilaalcha namoonni Gurraachotaaf qaban jijjiirsise!
إظهار الكل...
stolen legacy.pdf8.84 KB
6🥰 2
Repost from Galaa Sammuu
Destruction of Black Civilization.pdf22.71 MB
👏 2
Akka waan lubbuun tokko wal keessa jirtuu! Akka waan afuura tokko baafatanii! Akka waan humna tokkoon dalaganiitti isaan anniisaa walii barbaadan. Yeroo wayii onneen humnaan kan dhiikkifattu isa jaalattu argachuuf dhabuutti. Yeroo wayii yaadni sammuu ofii kan faca'ee wal tumsuu dadhabu, isa yaadu argachuu waan dhabuufi. Agartuun ija ofii joortee boqonnaa dhabuun waan arguu barbaaddu kallattii hundaan eeguudhaani. Fedhiin ofii, miirri ofii, yaadni ofii qaama ofii keessatti tasgabbiin kan turu haga isa barbaadu argatutti qofa. Kanarra jooraadha. Qixxifataadha. Dhama'aadha. Takka of jabeessa, takka of taajjaba. Takkammoo taajjabbiis, dadhabbiis waan hundaa dagataadha. Waan hunda lagata. Dararichi gidiraa fakkaatus mi'aa qaba garuu nama hin dhukkubsu. Aarsaan isa yaadan argachuuf kafalan bu'aa isaa arguu yaadaa waan itti of kennaniif dhukkuba isaa caala mi'aa isaa miireffatu. Aaranis, gaddanis kennaaf eebba uumamni nama badhaasu fakkaata. Ijji wal arguu fedhu wal bira gahee yoo wal saalfatu. Dirri wal tuquu barbaadu wal bira gahee yoo wal oollatu. Yaadni kuufamee qindaa'e waliin dubbii bira gahee yoo bittinu. Harki wal qabuu hawwu, arrabni walitti dubbachuu fedhu walitti dhiyaatee yoo gaadi'amu. Sodaan, kabajni, saalfiin, humna jaalalli walitti guuree nama keessaa burqisiisun tasgabbiif, callisaan yeroo tokkotti yoo dhuumfatamu. Ajaa'iba. Yeroo tokko tokko yaada walii keessaa dhiikkifatan. Afuura walii keessatti, agartuu walii keessa, jechoota walii keessa, waan barreessan, waan dubbisan keessa, qilleensa qorraa tasgabbii qabu sana keessa, bakka itti barbaadanii wal argachuu fedhan lubbuu walii keessa jiraatu. Bakka fedhanitti wal jiraachisanii wal ajjeesu. Bakka fedhanitti burqaa afuura jaalalaan finiinsanii, daraaraa bifa barbaadanii oomishu. Bakka fedhanitti mana jaalalaa ijaaranii waliin keessa jiraatu. Afuura walii ukkaamsanii lubbuu waliitti asaasu. Humni jaalalaa haa waaru!💗💗 @Guduunfaakoo
إظهار الكل...
2
إظهار الكل...
JMN Bifole(21,April 2024)#finfinnee #oromo #ethiopia #africa

🥰 1
إظهار الكل...
JMN Amharic Bifole, (Apr 14,2024)#oromo #finfinnee #ethiopia #africa