cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

QUBEE ACADEMY

Chaanaaliin kun odeeffannoo gargaraa, Taphoota, PDF kutaa 12 hanga yuunivarsiiti ni kenna dabalataan odeeffannoo har'a kutaa 12 dhaa ni argattu Join t.me/feyisaljem

إظهار المزيد
فنلندا2 219لم يتم تحديد اللغةالقانون7 446
مشاركات الإعلانات
280
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

2️⃣3️⃣.Sirna ariitii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu. 2️⃣4️⃣.Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1). 2️⃣5️⃣.Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1). 2️⃣6️⃣.Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu. 2️⃣7️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 224876 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2 bara 2015 ooleen "dhaaltuun qabeenya dhaalaa harkatti hin qabanne darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1000(1) tiin kaasuu hin danda'u.Himataan mirgii fi qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu beeke kaasee waggaa 3(sadi) erga darbeen booda gaaffii dhaaltummaa dhiyeessuu akka hin dandeenye shh keewwata 1000(1) jalatti tumeera.Keewwatni kun qabiyyeen isaa darbiinsa yeroo kaasuu kan danda'u,nama qabeenyota dhaalaa qabatee jiruun qofa akka ta'e kan hubachiisuudha" jechuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture. 2️⃣8️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 38533 ta'een "himannaa qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi gaheen isaanii beekamee dhaaltonni fedhiin osoo hin qooddatin kaa'atan darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu,himanni yeroo kamiyyuu dhihaatee qabeenyichi deebi'uu danda'a" jechuun seera hariiroo hawaasaa(civil code) keewwata 996,1060,1061 fi 1062 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture. 2️⃣9️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 43600 ta'e irratti "himatni qabeenya hin sochoone deebisiisuuf(petitory action) darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu(hafaa hin ta'u)" jechuun hiikoo kennee ture.Qabeenyi kunis amala addaa waan qabuufidha.Garuu,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jedhame qabeenya waliigaltee,kennaa,dhaalmaa fi waliigaltee biroo seera rogummaa qabuun hoogganaman hin ilaallatu,Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1192,1206,1677 fi 1845 ilaalaa. 3️⃣0️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 48048 ta'een "qabeenya dhaalchisaan imaanaadhaan nama bira ture dhaaltonni deebisiisuuf himanni dhihaatu darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu" jechuun seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 2781,2779,2989(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture. =============================== #WaandubbistaniifGalatoomaa!! 👇 Join t.me/feyisaljem t.me/feyisaljem
إظهار الكل...
QUBEE ACADEMY

Chaanaaliin kun odeeffannoo gargaraa, Taphoota, PDF kutaa 12 hanga yuunivarsiiti ni kenna dabalataan odeeffannoo har'a kutaa 12 dhaa ni argattu Join t.me/feyisaljem

👉Jaarsaa fi jaartiin osoo waliif hin galin inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti qaama 3ffaa waliin waliigaltee kan taasisu yoo tahe fakkeenyaaf inni tokko qofti kophaa isaa qabeenya waliinii kan namaaf gurguru yokiin namaaf kennu yoo ta'e,inni tokko qofti kophaa isaa qarshii dhibba shan ol kan namaaf liqeesu yoo ta’e gareen hayyama isaa hin kennin gaafa waliigalteen raawwatamuu isaa beeke irraa kaasee yeroo ji'a jaha keessatti yokiin haaluma kamiinuu gaafa waliigalichi raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti mana murtitti iyyachuun waliigaltee san akka diigamu taasisuu kan danda’u tahuu isaa seera maatii oromiyaa keewwata 85 jalatti ifatti tumamee jira. 👉Haaluma kanaan manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaatatis jildii 13ffaa lakk galmee 61808 ta'e irratti waliigalteen waliigaltoota garee lamanii jidduutti taasifame kan raawwatame yoo ta’es waliigaltichi faayidaa fi mirga garee 3ffaa kan tuqu yoo ta’e kanuma ibsuudhaan waliigaltichi akka diiggamuuf mana murtiitti himannaa dhiyeefachuun kan danda’amu ta'uu isaa murtii dirqisiisaa kannee jira. ✅Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti waliigaltee taasisuun fakkeenyaaf inni tokko qofti qabeenyicha kan namaaf gurguru yoo ta’e gareen hayyama isaa hin kennin waliigalteen gurgurtaa kun diiggame qabeenyi gurgurame akka deebi’uuf waggaa lama keessatti mana murtiitti himannaa yoo dhiyeefachuu baate furmaanni isaa maal ta'a? 👉Seera maatii oromiyaa keewwata 85 (2) jalatti gareen hayyama isaa hin kennin waliigaltee gareen biraa nama biroo waliin kopha isaa taasise mana murtiitiin akka diiggamuuf waggaa lama keessatti yoo himannaa hin dhiyeefatin waggaa lama booda dhiyeefachuu hin danda’u jechuun kan tumee jiruu fi manni murtii waliigalaa federaalaa dhaddachi ijibaatatis jildiilee adda addaa irratti haala kanaan kan murteese jiru waan taheef gareen hayyama isaa hin kenniin waliigaltichi gaafa raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti akka isaaf diigamu mana murtiitti yoo himannaa dhiyeefachuu baate wagga lama booda himannaa dhiyeefachuu hin danda’u jechuudha 👉 Sababni seerichi waliigalteen garee tokko qofaan taasifame kun gareen hayyama hin kenniin waggaa lama booda akka isaaf diigamuu himannaa dhiyeefachuu hin danda’u jechuun tumeef kunis mirga garee 3ffaa fi nageenyi gabaa bittaa fi gurgurtaa akka eeggamuufi. Join Qube Acedamy @feyisaljem @feyisaljem
إظهار الكل...
👉Haa tahuu garuu qabeenyi karaa sadaffaa kanan argame kun gareen qabeenya kana haala kanaan argate yeruma san mana murtiitti qabeenyiin haala kanaan argadhe kun kan dhuunfaa kiyyaa naaf tahe akka naaf mirkaneefamu jechuun iyyatee manni murtii yoo hin mirkaneesiniif qabeenyichi qabeenya dhunfaa tahuun isaa hafee qabeenya gamtaa jaarsaa fi jaartii akka tahu seera maatii Oromiyaa keewwata 74 (2), 78 (2) kan federaalaa keewwata 62(2) jalatti ifatti tumamee jira. 👉Bu'uruma kanaan manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa jildii 8ffaa lakk galmee 37275 ta'e irratti jaarsa fi jaartiin gaa'ila dura qabeenya dhunfaan qaban yeroo gaa'ila gurguruun yokiin jijjirruun qabeenyi argatan kan dhunfaa nama sanii tahee itti fufuuf mana murtiin yoo raggasifame qofa jechuun murteesseera. ✅Jaarsaa fi Jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii haala armaan olitti ibsame kanan horatanii qaban kana namuma qabeenyicha dhunfaa isaatiin qabuutu kophaa isaatti bulfachuun akka ofii barbaade godha malee gareen biraa qabeenya kana isaa waliin bulchuu fi itti ajaju hin danda’u. 👉Seera maatii oromiyaa keewwata 75 jalatti jaarsaa fi jaartiin tokko tokkoon qabeenya dhunfaa isaanii bulchuu fi galii irra argamus sassaabachuu fi itti ajajuuf bilisummaa guutuu qabu jechuu ifatti tumamee jira. ✅Qabeenya gaamtaa jaarsaa fi jaartii jechuun immoo qabeenya isaan lachuu waliin qabanii fi qabeenyi kunis kan guyyaa gaa'ila isaanii raawwatan waliin argatanii fi haala addaattin qabeenya dhunfaa tahuun yoo mirkanaa’e malee qabeenyi gaa'ila isaanii keessatti karaa kamiinuu argame hundi qabeenya waliiniiti jechuudha (Tilmaama waliigalaa) 👉Waliigaltee kennaatiin yokiin jecha dhaamootin haala addaattiin yoo ibsame malee kennaadhan yokiin dhalmayaan qabeenyi gaa'ila keessatti argame hundi qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'a. 👉Carraaqqii dhunfaa jaarsaa fi jaartiin yokin qabeenya dhunfaa yokiin waliinii irraa firiin ykn bu'aan argamu qabeenya waliiniti. ✅Seera maatii Oromiyaa keewwata 82 fi kan federaalaa keewwata 66 jalatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban hunda yokiin gartokkee isa isaan keessaa namni tokko akka bulchu yoo waliif galan malee jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban kan walumaan bulftan tahu ifatti tumamee jira. 👉Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko dandeeti hin qabu jedhamee yoo murtaa'e Fakkeenyaaf yoo maraate yokiin mirgi qabeenya bulchuu seeraan yoo irraa fudhatame yokiin sababa kamiinuu qabeenya walii isaanii bulchuu yoo hin dandeenye inni kaan kophaa isaa qabeenya waliinii kan bulchu taha jechuudha. ✅Bu’uruma kanaan seera maatii Oromiyaa keewwata 84 fi kan federaalaa keewwata 68 jalatti akka tumamee jiruti waliigalteen qabeenya waliinii isaanii irratti garee 3ffaa waliin taasifamu seera qabeessa tahuuf kan dirqama hayyama jaarsaa fi jaartii barbachisu kanneen armaan gadii kana. 👉Qabeenya Waliinii kan hin sochoonee fi qabeenya sochoo'aa gatiin isaa qarshii dhibba shanii ol ta'e gurgguruuf jijjiiruuf kireesuuf qabdiidhan yokin wabiidhaan kennuuf yokiin haala biroo kamiiniyyuu namoonni biroo mirga akka irratti argatan gochuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa. 👉Maalaqa qarshii dhibba tokko (100) ol yokiin qabeenya waliinii gatiin isaa qarshii dhibba tokko (100) ol tahe kennaadhan nama biraatiif dabarsuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa 👉Maalaqa qarshii dhibba shanii (500) ol namaaf liqeessuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa. ✅Akkaataa armaan olitti ibsame kanaan waliigalteen qabeenya waliinii ilaalchisee taasifamu kana jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko hayyamaa isaa yoo kennuu baate yokiin inni tokko qofti kophaa isaa waliigaltee nama biroo waliin yoo raawwate fakkeenyaaf abbaan warraa kophaa isaa qabeenya waliinii kan gurgurgu yoo ta’e,kophaa isaa maalaqa qarshii dhibba shan kan namaaf liqeessu yoo ta’e haati manaa maal gochuu dandeessi? Furmaanni isaa hoo maal ta'a?
إظهار الكل...
maatii federaalaa keewwata 54 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 70 jalatti jaarsaa fi jaartiin iddoo fi teessoo waliin jiraachuu qaban waliin kan murteesan tahuu ifatti tumamee jira. ✅Jaarsaa fi Jaartiin iddoo waliin jiraatan waliin murteefachuu irratti yoo waliif galuu dadhaban hoo? 👉Muxannoo biyyoota biroo yoo ilaalle fakkeenyaaf seera maatii biyya Philippines keessatti jaarsaa fi jaartiin iddoo waliin jiraatan irratti yoo waliif galuu dadhabban mana murtiiti erga iyyatan booda manni murti haalota jiru hunda tilmaama keessa galchee kan murteessu yommuu ta’u seera maatii keenya keessatti yoo waliif galu didan maal tahuu akka qabu kan tumamee hin jirre fi haa tahuu garuu akkaatuma waldhabdee maatii kanneen birooti jaarsa araaratti qajeelfamanii kan furmaata argachuu qabu tahuu seera maatii keenya irraa hubachuun ni danda’ama. ✅Bu’aan gaa'illi jaarsaa fi jaartii jiddutti hordofsiisu inni dhumaa fi baayyee barbaachisaa ta'e Dirqama waliif amanamoo tahuuti 👉Dirqamni gaa'ilaa seeraa fi amantaa qofa irraa kan maddu osoo hin tahin safuun ummanni keenya kallattii hundaanuu qabuus kabajaa fi ulfina gaa'ilaatifis iddoo ol'aanaa kan qabu yommuu tahu dirqamni gaa'ilaa kan safuu ummata irraa maddu gochoota badoo faallaa safuu gaa'ilaa tahanii fi kabajaa akkasumaas naamusaa fi ulfina gaa'ilaa balleessaan irraa fagachuun waliif amanamoo tahuun dirqama isa jabaa fi murteessaa dha. 👉Seera maatii federaalaa keewwata 56 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti jaarsi jaartiidhaf akkasumaas jaartiin jaarsaaf amanamoo tahuuf dirqama kan qabanii fi gochoota kamiyyuu kan kabajaa fi ulfina gaa'ilaa waliin walfaallessu raawwachuu akka hin qabnee fi kabajaa fi naamusa gaa'ila isaanii eeggatanii waliin jiraachuu akka qaban ifatti tumamee jira. ✅Waliif amanamoo tahuun dirqama fi bu'aa gaa'ilaa naamusaa fi kabajaa gaa'ila tiksuu fi ulfina gaa'ilaatifis baayyee barbaachisaa tahuu isaa irraa kan ka’e fakkeenyaaf gochooni dirqama waliif amanamoo tahuu cabsanii fi kabaja gaa'ilaa balleessan keessaa gocha akka sagagalummaa (nama biraa waliin wal qunnamttii saalaa raawwachuu) rabbiinis qur'aanaa fi maxaafa qulqulluu irratti dilii guddoo akka taate fi nama osoo gaa'ilaa nama tokko waliin qabuu nama biroo waliin walqunnamtii saalaa raawwateef adabbiin laleysaan kan isaaf jiru tahuu kan dubbatee jiru yommuu tahu seera yakka keenya jalattiis gocha yakkaa tahuun kan tumamee jiruudha. 👉Kunis seera yakka keenya keewwata 652 jalatti namni gaa'ila qabuu fi fuudhaa fi heeruma seeraan ragga’aa ta’e nama tokkoo waliin osoo qabuu nama biroo waliin wal qunnamttii saalaa raawwate adabbii hidhaa yokiin maalaqaatiin kan adabamu tahuu isaa ifatti kan tumamee jiruudha. ✅Mee meeqa keenyaatuu bu'aa fi dirqama gaa'ila kabajamaa armaan olitti bal’inaan isiniif ibsinee fi rabbiinis qur'aanaa fi maxaafa qulqulluu keessattiis dubbatee jiru dirqama bultii dha isa jabaa kana bahachuudhan gaa'ila gammachuu fi naamusa qabu kan jaalalti isaa akka deymaati mi'oytu kan namaa fi rabbiileen itti gamaduu fi daa’imman abdii boruu tahan haala gaariin keessatti guddatan jiraachaa jira dhiiroo? Kana isunumaafiin dhiisa! ✍Rabbiin gaa'ila keessan isiniif qaceelchee kan gammachuu fi jaalalan keessatti jiraatan isiniif haa godhu. ✅Bu’aa fi dirqamni ga'illi jaarsaa fi jaartii jiddutti karaa walitti dhufeenya dhunfaa isaaniitin hordafsiisu kan armaan olitti bal’inaan ibsame kan yommuu ta’u itti aanse bu'aa gaa'illi karaa qabeenyaa fi diinagdee jaarsaa fi jaartiitin hordafsiisu kan waliin ilaallu ta'a. ✅Bu’aa gaa'illi karaa qabeenyaatin hordafsiisu jechuun bu'aa gaa'illi gama qabeenya jaarsaa fi jaartiitin uumu yommuu tahu isa kana bal’inaan ibsuudhaan durati qabeenyi waliinii jaarsaa fi jaartii maal faa akka ta’e fi akkamiin horatamu akka danda’u akkasumaas qabeenyi dhunfaa isaanii maal akka ta’e ibsuun barbaachisaa dha.
إظهار الكل...
#Gaa'ila keessatti Jaarsaa fi Jaartiin akkamiin qabeeya walii isaanii waliin bulfatan,qabeenya dhunfaa hoo qabaachuu fi horachuu ni danda’anii? Seerri hoo kanaratti maal jedha?👇 ------------------=------------------------------- ✅Gaa'ila jechuun dhaabbata jabaa dhiiraa fi dubartiin tokko dhiibbaa fi qoqqooddaa bifa kamuu irra bilisa taheen fedhii isaaniitin hundeefatanii waliin jiraatanii fi dhaabbata maatii fi hawaasa ummata tokkootiif dhagaa bu'uraa ta'ee fi seeraa fi heeraanis beekkamtii fi eggumsa guddaa qabuudha. 👉Gaa’illi yokiin bultiin takka dhiiraa fi dubaartii tokko jiddutti sababa malee useetuma kan hin hundeefamnee fi erga hundaa'ee booda jaarsaa fi jaartii jiddutti bu'aalee adda addaa kan hordofsiisuu fi mirga fi dirqamoota baayyee isaan jiddutti kan uumudha ✅Bu'aalee gaa’illi hordofsiisuu fi mirgaa fi dirqamoota jaarsaa fi jaartii jidduuti uumu kana seerri maatii biyya keenyaa kan federaalaa fi seerri maatii mootummaa naannoo oromiyaatis bu'aalee karaa dhunfaa jaarsaa fi jaartiin hordofsiisuu fi bu'aalee karaa qabeeya (diinagdee) ttiin gaa’illi hordofsiisu jechuun iddoo lamati kan qoodanii dha. ✅Bu'aan gaa’illi qunnamtii yokiin walitti dhufeenya dhunfaa jaarsaa fi jaartii jidduti uumu keessaa kan seera maatii federaalaa keewwata 49 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 65 jalatti tumame jiru wal jaalachuu,wal gargaaruu, wal deeggaruu fi walkabajuu dha. 👉Seera maatii federaalaa keewwata 49 fi naannoo oromiyaa keewwata 65 jalatti abbaan warraa fi haati warraa erga gaa’ila hundeefatanii waliin jiraachuu eegalanii booda sochi jiruu fi jireenya isaanii hunda keessaatti wal jaalachuu, walgargaaruu fi wal kabajuu akka qaban ifatti tumamee jira. 👉Wal jaalachuu,wal kabajuu fi walgargaaruun bu'aalee gaa'ila qofa osoo hin taane kaayyoo jalqaba gaa’illi itti hundaa'uu fi dirqama ijoo jaarsa fi jaartiin gaa'ila keessatti waliin jiraachuuf qabanii fi akkasumaas halduree tokkoon maleeti dirqama bahachuu qabanii dha. ✅Seerri maatii oromiyaa haala seera maatii federaalaa irra adda ta'een Walqixxummaa akka bu'aa gaa'ilati keewwata 65 jalattti kan hammatee jiruu fi jaarsaa fi jaartiin yeroo gaa'ila isaanii raawwatanii fi yeroo gaa'ila keessa waliin jiraataniis akkasumaas tarii waliin jiraachuuf waliif galuu kan dadhabban yoo ta’ee yeroo gaa’elli isaanii diiggamuus mirga walqixaa ta’e kan qaban tahuu isaa kan tumuudha. ✅Bu’aan gaa'ilaa inni biraa seera maatii federaalaa keewwata 50 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 66 jalatti tumamee jiru yommuu tahu kunis waliin maati hogganuu fi bulchuu isa jedhuudha. 👉Haaluma kanaan seerooni maatii kun lachuu keewwata olitti ibsame kana jalatti jaarsaa fi jaartiin qixa bulchiinsaa fi hoggansa maatii isaaniitin mirga walqixa ta’e kan qabanii fi qixa kamiinuu nageenyaa fi dantaa maatii isaanii egsisuuf, ijooleen isaanii naamusa gaariin akka guddatanii fi barnoota barbaachisaa argatanii lammii gaarii akka tahaniif waliin tahanii carraaquu akka qaban kan tumanii dha. ✅Bu’aa gaa'ila isa kanaan walqabatee jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko dandeetii yoo dhabe fakkeenyaaf yoo maraate, yoo bade yokiin maatii dhiisee yoo deemee yokiin sababa adda addaatiin maatii irraa iddoo biraa kan jiru yoo tahe inni tokko kophaa isaa dirqama maatii hogganuu fi bulchuudha akka bahachuu qabu seera maatii federaalaa keewwata 51 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 67 jalatti ifatti tumamee jira. ✅Bu’aan gaa'illi jaarsaa fi jaartii jiddutti hordofsiisu kan biraa waliin jiraachuudha Waliin jiraachuun kaayyoo gaa'lli hundaahuuf isa bu’uuraa yommuu tahu seera maatii federaalaa keewwata 53 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 69 jalatti jaarsaa fi jaartiin waliin jiraachuuf dirqama kan qabanii fi fayyaa isaaniitif balaafamaa yoo ta’e malee qunnamtii saalaa gaa'ila keessatti barbaachisaa ta'e raawwachuu akka qaban ifatti tumamee jira Bu’aa fi dirqamni gaa'ilaa isa kanaan walqabatee jiru dirqama iddoo fi teessoo waliin jiraachuu qaban murteessuu yommuu tahu seera maatii isa duraanii keessatti abbaan warraa iddoo fi teessoo waliin jiraatan murteessuuf kan aangoo qabu yommuu tahu seera matii amma hojiirra jiru seera
إظهار الكل...
✅Gaa'illii gamtaa jaarsaa fi jaartiiti malee gamtaa qabeenyaa waan hin taaneef qabeenyi osoo gaa'ila waliin hin hundeefatin dura dhunfa dhunfaan qaban gaa'ila boodas waliigaltee fuudhaa fi heerumaatin qabeenya waliinii akka ta’u yoo murteefatan malee qabeenyuma dhunfaa isaanii ta'ee itti fufa 👉Erga gaa'ila hundeefatanii booda jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii karaa sadi gurguddoon horachuu ni danda’an 👉Kunis qabeenyi dhiirsaa fi niitiin gaa'ila keessatti waliin osoo hin tahin dhunfaan kophatti dhaalaan maatii isaaniirra dhaalaanii fi kennaan dhunfaan nama biroo irraa argatan qabeenya waliinii osoo hin tahin qabeenya dhunfaa isaanii taha. 👉Seera maatii federaalaa keewwata 57 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti qabeenyi abbaan warraa fi haati warraa guyyaa fuudhaa fi heeruma isaanii raawwatan dhunfaa isaaniti qabanii fi erga wal fuudhan booda dhaalan maatii irraa yokiin kennaan nama biroo irraa dhunfaa isaaniti argatan kanuma dhunfaa isaanii taha jechuun ifatti tumamee jira. ✅Fakkeenyaaf fuudhaa fi heeruma akkaataa amantaa islaamatti raawwatamu keessatti Mahariin gaa'illi akka ragga’aa tahuuf ulaagaa barbaachiftuu fi qabeenya dhunfaa haadha warraatif guyyaa gaa'illli raawwatamu kennamu waan taheef qabeenya dhunfaa isiiti jechuudha. 👉Bu’an yokiin firiin qabeenya dhunfaa irra argamu garuu qabeenya waliiniti. 👉Fakkeenyaaf mahaariin sa'aa yokiin raaddi kan jaartiif guyyaa gaa'illli raawwatamu kennamuuf qabeenya dhunfaa haadha warraa yommuu tahu jabbiin sa'aan mahaarii kun horu immoo qabeenya waliinii taati. ✅Jarsaa fi jaartiin Gaa'ila keessatti qabeenya tokko kennaan dhunfaa isaaniiti nama biroo irraa argachuun kan dhunfaa isaanii taasifachuuf namni kennaa isaaniif kennu qabeenya kennaan isaanif dabarsu ilaalchisee jaarsaa fi jaartii keessa isa tokko yokiin abaaluufin kanne jechuun ifaa ifatti ibsuun akkasumaas akkaataa seera rogummaa qabuutiin ulaagaan waaligalte kennaa qabeenya kanaatis guutamuun qabeenyichi isaan keessa nama tokko qofaaf kennamuun isaa haala shakkii hin qabneen yoo ibsamee qofa qabeenyi kun qabeenya dhunfaa nama kennameefii san taha malee yoo haala kanaan ibsamu baate qabeenyi kennaan argame kun qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii tahuun isaa waan hafu miti jechuudha. 👉Haa tahu garuu jaarsaa fi jaartiin erga wal fuudhan booda qabiyyee lafaa dhaalaa ykn kennaan maatii isaaniirra dhunfaa isaaniti kan argatan yoo ta’e akka qabeenya birooti lafti dhunfaan isaan keessaa namni tokko dhaalan yokiin kennaan maatii isaarraa argate kun qabiyyee dhunfaa isaa qofa tahuu hin dandeesu. 👉Kunis gaa'ila keessatti jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko qofti qabiyyee lafaa kennaan yokiin dhaalaan kan argatu yoo ta’e inni kaanis nama qabiyyee lafaa kennaan yokiin dhaalaan kophatti maatii isarraa argate waliin kan itti fayyadamu waan taheef mirga qabiyyee laficha irratti kan waliin horatan waan taheef lafti kunis sababa waliin itti fayyadamaniif qofa qabiyyee waliinii isaanii taati jechuudha. 👉 Bu’uruma kanaan manni murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaataa jildii 10ffaa lakka galmee 393039 ta'e irratti qabiyyeen lafa baadiyyaa dhaalan yokiin kennaan jaarsaa fi jaartii keessaa garee isa tokkoof gaa'ila keessatti kenname akka qabeenya kaani kan dhunfa ta'e itti hin fufu jechuun murteesseera. ✅Karaan inni sadaffaan jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya tokko dhunfaan horachuu danda’an qabeenya dhunfaa isaaniiti duraan qaban gurguruun qabeenya biroo bituun yokiin qabeenya dhunfaan qaban kan birootiin jijjiruun qabeenyi argatan qabeenya dhunfaa isaanii taha. 👉Seera maatii federaalaa keewwata 58 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 74 jalatti abbaan warraa fi haati warraa qabeenya tokkoon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhunfaa nama sanii taha jechuudhan ifatti tumamee jira.
إظهار الكل...
Fayyadamuu 🚗 fi Jaallatamuu❤! Namichi wayii osoo konkolaataa isaa miicuu, mucaansaa waggaa 6 dhagaa fuudhee cinaa konkolaataa hooqee sarara itti uume. Aareetu, harka mucaa qabee baay'isee reebe akka miidhaa jiru hin hubanne ture. Mucaa hospitaala geessanis qubni cacabuun, mucaan quboota harkaa hunda dhabe. Mucaan yommuu abbaasaa argu, ... ijasaa imimmaaniin guuteen,"qubnikoo yoom fayya?'' jedhee gaafate Namichi nahee waan dubbatu wallaalee; achi deebi'ee konkolaataasaa deddeebisee dhidhiite. Gochaasaatti baay'ee miidhame..... konkolaataasaa fuuldura taa'ee isa dhodhooqesse ilaale; Mucaansaa 'Abba sin jaalladha' jedhee barreesse. Guyyaa itti aanutti, namichi of ajjeese. . . Aarii fi jaalalli dhuma hin qaban; Jireenya bareedaa fi jaalalaa jiraachuuf isa lammaffaa filadhu.... Wantoonni ni fayyadamamu, namoonni ni jaallatamu. Garuu rakkoon biyya lafaa har'aa, Namoonni ni fayyadamamu, wantoonni ni jaallatamu. Bara kana, wantoota kanaaf iddoo haa laannu: Wantootatti haa fayyadamnu, garuu namoota haa jaallannu Yaadakee ilaali; isaantu jecha ta'a. Jechootakee ilaali; isaantu gochoota ta'a. Gochootakee ilaali; isaantu bartee ta'a. Barteekee ilaali isaantu amala ta'a; Amalakee ilaali; isaantu dhuma jireenyakee ta'a. Kana yoo nama biraaf dabarsuu dhiifte badiin uumamu hin jiru; yoo dabarsite garuu jireenya nama tokkoo jijjiiruu dandeessa Hariiroo ijakee lamaanii beektaa? Wal faana libsatu, wal wajjin socho'u, wal faana boo'u, wal faana waa ilaalu, wal faana junuunfatu. Haa ta'u malee wal hin argan. Hiriyummaan akkana ta'uu qaba! Horaa bula Join and share @feyisaljem @feyisaljem
إظهار الكل...
Dhiifama kabajamtoota maatii chaanaalii kanaa odeeffannoo irraa addaan turuu keenyaaf as deebineerra liinkicha hiriyoota keessaaniif share gachuun nu faana tura ... Join and share @feyisaljem @feyisaljem
إظهار الكل...
Kaayyoo qabaadhu! Tiruun bulte dhagaa taati Killeen bulte lukaan yaati Milli deemtee tabba baati Aduun bultee ooluf kaati Ati Akka siidaa hin sochootu Akka kattaa bakkaan kaatu Waamen dhabe sagalee Eenyummaan kee waa naan gallee Eenyu ati? Ani Kaayyoo dha. Horaa bulaa @feyisaljem @feyisaljem
إظهار الكل...
#Yuunivarsiitii_Waldiyaa Yeroo darbe waggaa lamaaf, Sadiiif, Sababa dhibee coovidfi waranaanaatiin barnoonoota isaanii addaan kutanii kan turan barattoonni Yuunivarsitii Waldiyaa guyyaa kaleessaa irraa kaasuun gara mooraa isaanii seenaa akka jiran Yuunivarsiitichi ibse Join @feyisaljem @feyisaljem
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.