cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Qo'annaa Macaafa Qulqulluu

Yeroo hundumaa sagalee @Waaqayyoo_keessatti_of_eeguu. @Sagalee_dhugaa_karichaa_fi_buddeena_jireenya_barabaraa barbaaduu.

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 347
المشتركون
+424 ساعات
+357 أيام
+9230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Michael Kettere Afuura qulqulluu na gaggeessi
إظهار الكل...
3
Kibbineesh Ittaanaa
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
👍 5
QAJEELUMMAA NUUF LAKKAA’AME ========================
Abrahaam Waaqayyotti amane, Inni immoo qajeelummaatti in lakkaa’eef. (Uma 15:6) Isinis immoo akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof jiraatanittii of lakkaa'aa! (Rom 6:11) Rom 6:6 xumura isaa irratti, ‘In beekna’ kan jedhu yoo ta’u, Rom 6:11 xumura isaa irratti immoo, ‘Of lakkaa’aa!’ jedhee barreeffameera. Utuu hin beekin lakkaa'uun dadhabbii guddaa bu'aa hin qabneef nama saaxila. Namummaa keenya inni moofaan akka fannifame yeroo beeknu tarkaanfiin nuti fudhannu inni itti aanu kun akka hojjetametti lakkaa'uu dha. Waan hin beekne yookiin waan hin jirre lakkaa’uu hin dandeenyu. Yesus wajjin du'uu keenya beekuudhaa yoo baanne hammuma baay'isnee lakkoofnu wallaansoon keenya nu keessaa jabaatee itti fufa. Rom 6:6 erga hubannee booda Rom 6:11 hojii irra oolchuun kanaaf barbaachise. Jireenya moofaan akka fannifame beeknaan, achumaan cubbuu jalaa akka duunee fi karaa Kristos Yesus Waaqayyoof jiraatoo akka taane of lakkoofna. Qajeelummaan, dhiifamuun cubbuu, Waaqayyoo wajjin nagaa buusuun hundinuu amantiidhaan waan argamaniif hojii Kristos raawwatetti kan hin amanne namni kamiyyuu isaan argachuu hin danda'u. Kanaaf Phaawulos amantii jecha 'Lakkaa'uu' jedhuun bakka buusee itti fayyadameera. 'Waa'ee waan abdiidhaan eeggannuu' waa'ee Kristos kan nuuf mirkaneessu amantii dha. Lakkaa'uunis kallattiidhaan hojiirra oolmaa dhimma kanaa ti. Seexanni yeroo nu qoru kaayyoon isaa inni guddaan ija keenya Gooftaa irraa buqqisnee gara shaakala mataa keenyaa akka ilaalluu fi waan ijaan argamu irratti nu xiyyeeffachisuun isa ijaan hin argamne nuyi ilaallee jiraannu 'amantii' irraa nu kuffisuuf yaala. Shaakalli kristiyaanootaa seenaa Yesus Kristos ta'uu waan qabuuf, shaakala hafuuraa isa irraa adda ta'e qabaachuu hin dandeenyu. Sadarkaa sadarkaadhaan inni haala qabatamaadhaan nuuf dhugoomee qajeelummaa dhugaa, qulqullummaa dhugaa fi jireenya du'aa ka'uu dhugaa nuuf ta'a. Bu'uura eenyummaa Kristos irra jabaannee yeroo dhaabannu jireenya Isaa keessatti wanti dhugaa ta'e hundinuu jireenya keenya keessattis dhugaa utuu ta'uu argina. Waaqayyo Ofii Isaaf nu barbaada; garuu jireenya moofaadhaan gara mootummaa haaraatti galuu waan hin dandeenyeef, Waaqayyo fannoo Yesus irratti nu fannisuudhaan, ajjeesuudhaan, awwaaluudhaan, du'aas nu kaasuudhaan jireenya haaraa nuuf kenne. Kanaafis, namni kan Kristos yoo ta'e uumama haaraa dha. Inni moofaan darbee, kunoo inni haaraan dhufeera. (2Qor 5:17) Du'aa ka'uudhaan Waaqayyo wantoota barbaade hundumaa mootummaa Isa haaraa keessa galcheera. Nuyi cuuphamuudhaan du'a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kristos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan warra du'an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna. (Rom 6:4) Macaafa Qulqulluu keessatti cuuphaan fayyina wajjin walitti hidhatee jira. Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama. (Mar 16:16) Namummaa inni moofaan isa wajjin cuuphaadhaan awwaalameera. Kanaaf cuuphaan xumura jireenya moofaa fi qabxii jalqaba jireenya haaraa ti. Kanaafuu cuuphaan nuu fi Kristos gidduutti hariiroo gad fagoo du'aa fi du'aa ka'uu Isaan nu gidduutti uumame bakka bu'a. Cuuphichi kana caalaa iyyuu gara jireenya isa Kristos Yesusiin argamuutti nu galcha. Uumama keenyaan sirna biyya lafaa isa Seexanni bulchu keessa waan taaneef, fayyina jechuun sirna biyya lafaa jalaa birmaduu baanee gara sirna Waaqayyootti seenuu jechuu dha. Egaa nuuf karaa Kristos qajeelummaan nuuf lakkaa’ameera. Qajeelummaan nuuf lakkaa’ames isa haala nutti ho’uu, yookiin nutti qabbanaa’uu irratti hundaa’ee haqamu miti. Wabiin qajeelummaa keenyaa Yesus Kristos dha.
Qo'annaa Macaafa Qulqulluu & MY Yaada keessaniin nu hordofuu keessan mul'isaa ! Isin jaallana 💙💙💙💙
إظهار الكل...
🔥 4 2
Photo unavailableShow in Telegram
👍 3 3
Namoonni Gaaffii Waa'ee Gooliyaadii fi Ergamoonni abiddaa fi hafuura irraa uumaman kan jedhuuf deebiisaa yeroo dhihootti isiniif qabannee dhihaanna yoo Waaqayyo jedhe. Asumaan nu hordofaa !
إظهار الكل...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Gaaffii Waa'ee Uma boqonnaa 6 irra jiru namoota baay'ee tti gaaffi kan ta'e kanaaf deebii Obboleessi keenya Gaddafaa Mangashaa deebiseetti mee dubbisaa. Anis kana natti fakkaata jedheen yaada. Sababiinsaa boqonnaa 6 guutuummaasaa yoo dubbistaniittu ta'eef Waaqayyo akkas jedhee ture " “Yommus Waaqayyo, "Namni akkuma foonicha isa uffate sanaa waan ta'eef, hafuurri koo yeroo hundumaa isa keessa hin jiraatin! Barri jireenya namaas waggaa dhibbaa fi digdama haa ta'u!" jedhe.” — Uma. 6:3 Kanaaf foon nuti uffannee jiraannu ykn godoon jireenya yeroof keessa jiraannu kun hafuura Waaqayyoof yeroo hundumaa mijataa miti jechuu dha. 👇
Gaaffii barattoota theology irraa daree keessatti naaf ka'e. Kaleessa barattoota theology (Qor-Waaqummaa) sagantaa degree damee Jimmaatiif deemeen koorsii tokko kenneen ture. ergan barsiisee boodas gaaffiin baay'inaan ka'e waa'ee "Uumama Boqonnaa 6 irratti warri Ilmaan Waaqayyoo dubartoota namootaa fuudhan sun eenyùdha?" Kan jedhudha. ✍“warri waaqa irraa "Ilmaan Waaqayyoo" jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta'an arganii, isaan keessaa akkuma fo'atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.”(Uma. 6:2) Yeroo baay'ee Waldaa Kiristaanaa keessattis gaaffiin kun ni ka'a. Barsiisonni theology illee "namoota Waaqayyoon amanatan" ta'u jedhanii hiiku. Kaan immoo, namoota gaggaarii ta'u jedhu. Ilaalchi hayyoota Macaafa Qulqulluu baay'een jiraatus, akka Hafuurri Qulqulluun naaf ibsutti akka kanaa gadiittan deebisuuf yaale: ✍Gabaabumatti, Ingiliffi isaa "Nephilim" dha ykn "Fallen angels " ykn ergamoota kufoo dha. Kana jechuun, ergamoonni xuraa'oon seexanaan alatti marsaa lammaffaa foon dhala namaa faaluuf harca'an jiru jechuu dha. Pheexiroos kallattiidhumaan jara kana akkas jedhee waama: “Waaqayyo ergamoota iyyuu warra cubbuu hojjetan gad darbatee, boolla dukkanaa keessatti funyoo sibiilaatiin hidhamanii guyyaa firdiitiif akka kaa'aman godhe malee, isaan hin qusanne" 2Phe. 2:4 Kanaafuu, ergamoonni kufoon kun bakka ergamummaa qulqullaa'aa isaaniif kenname dhiisanii bu'uun uumama sanyii namaa faalaniiru. Sababiin dhufaatii bishaan badisaa bara Nohis isaaniin balleessuuf akka ta'e nuuf ifa. Eddoo biraatti ergaa Yihuudaa keessatti “Isa Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taa'umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegu yaadadhaa!” ( Yih. 1:6) kan jedhu arganna. Isaan kun seexana irraa adda, seexanni Hafuura namaa kan faale yoo ta'u, Ergamoonni kufoon kun immoo Foon namaa kan faalanii eenyummaa namaa isa Waaqayyo uume kan jijjiiranii turan dha. Erga bishaan badisaa bara Nohi isaan haxaa'ee asis qaamonni gugguddoon ergamootaa fi dubartoota namaa irraa dhalatan kun hin jirani.
(Gaddafaa Mangashaati )
إظهار الكل...
👍 2 1
English Gospel song Your love is high like the tide Come and pull me in I wanna get low in Your Glory See places you've been Your words are sweeter than honey They nourish my soul Oh, just to know you is to love you Come and make me whole Take me to the river, I will swim I'm in the river, it's rising For you, I'm all in My soul is bursting with phrases deep within Your presence overwhelms me It cleanses my soul Oh, how you saved me And you changed me, make Your Glory known Take me to the river, I will swim,
إظهار الكل...
👍 3🔥 1
Photo unavailableShow in Telegram
👍 4