cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

TIKVAH AFAAN OROMOO

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
28 879
المشتركون
+2124 ساعات
+1627 أيام
+59430 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

#KUTAA_12FFAA Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:- ➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Herregaa Kamisa:- (04/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Ji'oograafii Jimaata:- (05/11/2016)       Ganama :- History       Guyyaa  :- Economics  ➭ Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu. Kibxata:- (09/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Maths Roobii (10/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Physics Kamisa:- (11/11/2016)       Ganama :- Chemistry       Guyyaa  :- Biology ➭Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera. ➭ Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.   Share Gochuu Hin Dagatinaa!!   @tikvahethafaanoromoo
إظهار الكل...
👍 26 5👏 3
#SaafarikoomItoophiyaa ° Itoophiyaatti maamiltoota miiliyoona 9.4 fi fayyadamtoota EM-Peessa miiliyoona 4.51 horachuu danda'eera. ° Tajaajila waggaa jalqabaatiin doolaara miiliyoona 41.22 argadheera._ Saafarikoom Itiyoophiyaan tajaajila waggaa jalqabaatti galii doolaara miiliyoona 41.22 argachuu beeksise. Galiin daataa doolaaraa miiliyoona 31.83 fi kan sagalee irraa doolaara miiliyoona 7.63 argateera. Akka gabaasa kanaatti namni tokko giddu galeessaan daataa intarneetii 4.3GB fayyadama jedheera. Yeroo kanatti dhaabbatichi maamiltoota miiliyoona 9.4 kan argate yoo ta'u, saayitiiwwan moobaayilaa 2,806 diddiriirsee jira.kunis niitorkiin hawaasa %38 bira akka gahu himameera. Hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbata Safarikoom Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Wiim Vaanhelepute, walitti bu’iinsaa fi tasgabbii dhabuun naannoolee bu’uuraalee telekoomii Safarikoom fi babal’ina isaaf gufuu ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaan kun, "Itoophiyaa keessatti naannoo waldhabdee jiru keessatti sochiin keenya daangeffamaadha. Fakkeenyaaf naannoo Amaaraatti ejensiiwwan 500 qabna, garuu sababa labsii yeroo muddamaatiin hojjechaa hin jiran" jedhan. Dhaabbanni telekoomii kun hanga Bitootessa bara 2024tti ijaarsa bu’uuraalee telekoomii irratti doolaara miiliyoona 713.8 baasuu isaas beeksiseera. @tikvahethafaanoromoo
إظهار الكل...
👍 18👏 10 7👎 4
Tiiktook seera uggura mootummaan Ameerikaa tibbana raggaase irratti himata bane Mootummaan Ameerikaa abbaa qabeenyummaa dhaabbata #Chaayinaa ‘ByteDance’ jedhamu jala kan jiru miidiyaan hawaasaa Tiiktook dhaabbata biraaf yoo gurgurame malee biyyattii keessa ugguruuf seera raggaasuu hordofee dhaabbatichi himannaa baneera. Dhaabbanni Tiiktook himannaa bane kana keessatti, “gochi kun [uggurri Tiiktook irratti kaa’amuuf jiru] mirga yaada of bilisaan ibsachuu fayyadamtoota Ameerikaa miiliyoona 170 ta'an kan sarbuudha” jedheera. Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuuf “yaaddoo tilmaamuudhaan'' qofa akka sababaatti fudhachuu ibsuun, manni murtii adeemsa mootummaan Ameerikaa itti deemaa jiru akka dhaabsisu gaafateera. Mootummaan Ameerikaa miidiyaan hawaasaa kun dhaabbata biyya Chaayinaan waan qabatamee jiruuf odeeffannoo fayyadamtoota mootummaa Chaayinaaf dabarsee kennu mala jechuun murtoo kana dabarsuu ibseera. Waggaa tokkoon sadarkaa garagaraan erga falmiin irratti gaggeeffame booda Prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden nageenya biyyaalessaa akka sababaatti kaasuun baatii darbe labsii kana mallatteessanii seera taasisuun isaanii ni yaadatama. Akkaataa seera bahee kanaan dhaabbatni Chaayinaa ‘BtyeDance’ jedhamu miidiyaa hawaasaa kana dhaabbata biraaf gurgurtaadhaan kan hin dabarsine yoo ta’e, Amajjii 2025 irraa eegalee uggurri kun hojiirra oola. Dhaabbatichi garuu gurgurtaan kun “waan hin danda’amnedha” jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
إظهار الكل...
👍 15 9
Obbo Taayyee Danda’aan Mana Amala sirreessaa galanii dhimmasaanii akka hordofan yaadni murtoo kenname Manni Murtii Ministir De’eetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan mana amala sirreessaa galanii dhimmasaanii akka hordofan yaadni murtoo kenne. Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Liddataa dhimmoota yakka heera mootummaafi sirna heera mootummaa oolmaa har’aan mirga Wabii Obbo Taayyeen dhiyeessan qorachuun yaada murtoo kenneera. Dhaddachichi falmii bitaa mirgaa qorachuun Obbo Taayyeen mana amala sirreessaa galanii dhimmasaanii akka hordofan yaada murtoo kenneera. Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daarektoreetii Dhimmoota Yakkoota Gurmaa’aafi Daangaa Ce’aa Obbo Taayyee Danda’aa yakkoota sadiin himachuun kan yaadatamuudha. #FBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
إظهار الكل...
👍 9 4😢 2👎 1
Gurgurtaa daldala qinxaaboo boba'aa irratti daballiin taasifame. Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Naannoo, Caamsa 1, 2016 halkan sa'aatii 6:00 irra eegale gatiin naafxaa adii, keeroosiinii, boba’aa xiyyaaraa, naafxaa gurraacha salphaa fi naafxaa gurraacha ulfaataa haaluma tureen akka itti fufu beeksiseera. Haaluma kanaan Liitira tokkoof: - Naafxaa adii birrii 79.75 - Keeroosiinii birrii 79.75 - Boba'aan xiyyaaraa birrii 70.83 - Naafxaa gurraacha salphaa 62.36 - Naafxaa gurraacha ulfaataa birrii 61.16n itti fufa. Gatiin gurgurtaa beenzilaa liitira tokkoof Birrii 78 fi saantima 67 akka ta'u sirreeffameera. @tikvahethafaanoromoo
إظهار الكل...
👍 16😢 6 3
Yuunivarsiitiin Finfinnee eebbifamtootaaf madaallii ga’umsa ogummaa eegaluufi Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yuunivarsiitiin Finfinnee baatii Fulbaana dhufuu eegalee sagantaa madaallii ga’umsa ogummaa eegaluuf ta’uu beeksise. Yuunivarsiiticha waggaa lama keessatti guutummaan yuunivarsiitii ofiin of bulchu taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Itti Aanaan Pireezidaantiin Akkaadaamii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Jaluu Umar TOI’tti himaniiru. Barattoota eebbifamanii gara Indaastirii hojii galaniif madaallii ga’umsa ogummaa kennuuf murtaa’uu fi sagantaan madaalli ga’umsa ogummaa kun damee hundaan kan kennamu ta’uu eeraniiru. Sagantichi sadarkaa idil addunyaa kan eeggatee fi fedhii gabaa bu’uura kan taasise ta’uu himuun, sagantichis seenaa dhaabbilee barnootaa olaanaa kan jalqabaa ta’uu kaasaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
إظهار الكل...
👍 27 4😢 1
Embaasiin Ameerikaa #Eertiraa, Asmaraatti argamu, torban dhufurraa eegalee tajaajila viizaa waggaa torbaaf addaan citee ture akka jalqabu Embaasiin Ameerikaa Asmaraa jiru beeksise. Haata'u malee, Seera Immigireeshiniifi Lammumma kutaa 243 (C) jalatti ifatti lammiileen Eertiraarra dhorkaan viizaa aanga'oota mootummaa Eertiraa sadarkaa daarekatara olaanaa ol jiran, aanga'oota paartii biyya bulchaa jiru Paartii Ummataa Dimokiraasiifi Haqaaf (IGDAF) keessa hojjetan akkuma jirutti itti fufa jedhameera.
إظهار الكل...
Embaasiin Ameerikaa Asmaraatti argamu waggaa torba booda tajaajila viizaa kennuu jalqabe Embaasiin Ameerikaa #Eertiraa, Asmaraatti argamu, torban dhufurraa eegalee tajaajila viizaa waggaa torbaaf addaan citee ture akka jalqabu Ebaasichi beeksise. Haata'u malee, Seera Immigireeshiniifi Lammumma kutaa 243 (C) jalatti ifatti lammiileen Eertiraarra dhorkaan viizaa jiru akkuma jirutti akka itti fufu Embaasiin Ameerikaa Asmaraa jiru kun ibsa fuula marsariitii isaaratti beeksiseera. Dhorkaan viizaa kaa'ame aanga'oota mootummaa Eertiraa sadarkaa daarekatara olaanaa ol jiran, aanga'oota paartii biyya bulchaa jiru Paartii Ummataa Dimokiraasiifi Haqaaf (IGDAF) keessa hojjetan kan ilaallatudha. Dabalataanis, namoota aanga'oota kana waliin hariiroo gaa'elaa qabaniif ijoolleen isaanii umuriin waggaa 21 ol ta'anirratti dhorkaan kun hojiirra ni oola. Namoota kanan ala ta'an tajaajila viizaa argachuu akka danda'an beeksisa Embaasichaarratti eerameera. #BBC @tikvahethafaanoromoo
إظهار الكل...
👍 12