Naannoo guddicha Itoophiyaa Oromiyaa keessatti qaamoleen eenyummaan isaanii hin beekamne hidhannootti fayyadamuun nama uggurani mallaqaa gaafachaa jiraachuun hammaate.
Oromiyaa godinaalee waraanni keessatti adeemsifamaa jirutti qaamoleen hidhatan kan eenyummaan isaanii adda hin baane namoota nagayaa ugguruun birrii miliyoonaan lakkaa'amu gaafataa jiru.
Uggura kanaaf mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo yoo himatu, Waraanni Bilisummaa Oromoo ammoo “Ani Kaayyoo Nama nagayaa ugguruu hin qabu” jechuun himannaa mootummaa kufaa taasise.
Waraana waliinii Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun olaantummaan seeraa laafuun gochoonni seer-dhabdummaa bal'innaan raawwatamaa jiru.
Mootummaan hidhattoota isaan falman balleessuuf qaamolee isaan fakkaataan dhoksaan hidhachiisuun isaa kan dubbatamu yoo ta'u, qaamoleen mootummaan hidhachiifamani bobbaafaman kun saamicha qabeenyaa fi ajjeechaa jumlaa hawaasa irratti raawwataa jiru.
Naannoo Oromiyaa godinaalee lolli Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti adeemsifamaa jirutti hidhattoonni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo himatan garuu, kan ABO -WBO miseensa kootii miti jedhuun nama ugguruun maatii nama ugguramee mallaqa gaafataa turanii jiru.
Gochoonni akkanaa waggoota sadan darban Godinaalee Wallaggaa bahaa, Wallagga Lixaa Qeellam Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallagga, Shawaa kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kibba lixaa, Shawaa Lixaa, Arsii Lixaa, Arsii, Gujii fi Boorana keessatti bal'innaan raawwatamaa turee jira.
Adoolessa 3 bara 2024 barattoonni Yuuniversiitii Dabaarq irraa gara Finfinnee imalaa turan 160 Oromiyaa Magaalaa Garba Gurraachaatti butamani jiru.
Itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa obbo Hayluu Addunyaa ibsa guyyoota muuraasa dura miidiyaalee biyya keessatiif kenneen, barattoonni Garba Gurraachaatti Ugguraman WBOn ugguraman jechuun, amma garuu bilisa bahani jiru jedhe.
Qondaalli Biltsiginnaa Oromiyaa kun akkana haa jedhu malee maatiin barattootaa ammas ijooleen keenya harka hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekkamnee jiran jechuun himu.
Uggura kanaaf mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo yoo himatu, Waraanni Bilisummaa Oromoo ammoo “Ani Kaayyoo Nama nagayaa ugguruu hin qabu” jechuun himannaa mootummaa kufaa taasise.
Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa “mootummaa dabalatee qaamoleen tokko tokko yakka nama ukkaamsuu kanaan WBO yakkanis, WBOn qaama uummatasaa bilisoomsuuf ba’e malee, qaama uummata ukkaamsu miti jedhan.
Obbo Jireenyaan turtii OMN waliin godhaniin, qaamolee WBO fakkaatanii bobbaafaman dabalatee, caasaan mootummaa Koree Nageenyaa hanga Milishaa gandaatti jiru WBO ittiin yakkuuf jecha gochoota garaagaraa raawwataa oolu, hoji-dhabdoonni wal ijaaranii uummata irratti yakka raawwatanis jiru jedhan.
Furmaanni rakkoo kanaa shiraan wal yakkaa ooluu osoo hin taane, gaaffii siyaasaa deebisuun wal waraansa dheeratetti xumura gochuu akka ta’es akeekan.
Ajajani olaanaan ABO-WBO ibsa baaseen taateen kun miseensota Paartii Badhaadhinaatin kan qindaa'e ta'uu himachuun, ''kaadiroota sadarkaa gadii, basaastotaa fi humnoota nageenyaatiin raawwatame” jechuun ibse.
Godina Saba Oromoo Walloo dabalatee Godinaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin wal daangeessan irratti ammoo humni finxaaleessi Faannoo gocha nama ugguruun birrii gaafachuu itti fufee jira.
Itoophiyatti Ambaasaddarri Ameerikaa Ervin Maassingaa mallaqaaf jecha Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti nama ugguruun dhaabbachuu qaba jedhan.
Xiinxallaan Siyaasaa Jawaar Mohaammadis uggurri mallaqaaf jecha namoota nagaa irratti xiyyeefachuun biyyatti keessatti raawwatamaa jiru dhabamuu olaantummaa seeraa irraa kan maddeedha jedhe.
Qaamoleen garagaraa walwaraansi biyyatti keessatti adeemsifamaa jiru dhaabbachuun dararmni ummataa xumura argachuu qabu jedhu.