cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

FEJRUL ISLAM MUSLIM'S JEMEA

JAMA'AA FAJRUL ISLAAM MAGAALAA ADAAMAA! https://www.youtube.com/@fejrulislam

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالدين والقيم الروحية52 298
مشاركات الإعلانات
763
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-57 أيام
-3230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailable
Innaa Lillaah Wa'innaa Ileyhi Raaji'uun Aalimni Beekkamaan sh/Abdurrahmaan Fatanaa Gara Ganda irraa hafiinsi hin jirree Godaanan. Sheekni umrii isaanii waggaa 140 ol yoo tahan dhukkubsaniiosoo yaalamaa jiran Kan du'aniidha.Aalimni Beekkamaan kun Wanni Isaan beekkamaniin Du'aa'ii Rabbiin Yoo waa kadhatan yeroma san Kan isaanii Rabbiin awwaatu yoo tahan kanarraa ka'uun Ummanni Naannoo isaanii jiraatan Miidhaa(Zulmii) gara gara yoo walirratti raawwatan Isaan bira Kan Wal-geessaan yoo tahu,Akkuma Mana murtii iyyata namiituu fuudhanii Haqa jirtu Baasàa Isaan jennaan Kan Haqa dhoysu Sodaa isaanitiin waan hin jirreef Haala kanaan Dubbii Manni murtii dadhabe,Gumaa Jaarsonni dadhaban fi Haala ulfaataa hawaasa keessatti dhokfamaa ture fixaa Kan turaniidha.Sheekni Rabbi rahmata isaanii haa godhuu Gadaa Mootummaa tamuu keessa Gibira Mootummaa kaffalamii hin beekan kun immoo mootummaan Martuu ofii saanitii Haala isaanii kana arganii Gibira irraa Kan dhiisaniidha. Aalima jabaa dhabne,Adamsituu Zulmii dhabne,Diriirsaa haqaa dhabne, Ummata isaamaa maraa fi Maatii isaanitiin Jajjabina hawwina. T.me/Fejrulislam_Library https://t.me/+frgQZBqQPFpkYmFk
إظهار الكل...
FEJRUL ISLAM LIBRARY'S

JAMA'AA FAJRUL ISLAAM MAGAALAA ADAAMAA!

https://www.youtube.com/@fejrulisl

♡ Baga Gara chaanaalii kana nagahaan dhuftan! Welcome to this channel! Things you will find under this channel 1. Textbooks 2. Teacher's Guide 3. Extremes and etc different books.

👍 1😭 1
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
Manni Maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Yaa'ii Idilee 5ffaa bara hojii 6ffaa Guyyaa 2ffaaf gaggeesse jiraa. T.me/Fejrulislam_Library https://t.me/+frgQZBqQPFpkYmFk https://t.me/+frgQZBqQPFpkYmFk
إظهار الكل...
#Update Waraanni Israa’elii fi Haamaas Filisxeemii gidduu jiru guyyoota walitti aanaan kana hammaatee akka itti fufe miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru. Waraanni ammaa kun kan kanaan duraa caala hamaa akka jedhame. Lola kanaan hanga ammaatti lubbuun namootaa meeqatu bade? Israa'el: Namoonni 1,200 du'aniiru. 3,418 miidhamaniiru. Gaazaa: Lammiileen Filisxeem 950 du'aniiru. 5,000 madaa'aniiru. Haleellaa Hamaas naannoo daangaa Israa’el fi Gaazaa konsartii muuziqaa tokkoo irratti raawwateen lubbuun namoota 260 ol akka ajjeefaman kan gabaafame yoo ta’u, ammas namoonni Haamaasiin butaman akka jiran gabaasni miidiyaalee addunyaa ni mul’isa. Israa’elii fi Filisxeemota malees lammiileen Ameerikaa dabalatee biyyoota biroo Israa’el keessa turan haleellaa Haamaasiin ajjeefamaniiru. Gaazaa bakka ummanni miliyoona 2 ta'u keessa jirutti bishaan, nyaannis ta'e boba'aan hin jiru jedhameera. Namoonni gara deeman dhabanii jiru.   Haamaas Israa’el irratti duula waraanaa erga jalqabee booda, haleellaa qilleensaa Israa’el raawwateen manneen, Gamoowwan Gaazaa jiran diigamanii jiru. Gaazexeessaan Falasxiin tokko kanaan dura waa’ee waraana Gaazaatti gaggeeffame yeroo 6 gabaasee akka turee fi inni kun isa hamaa, dhiigaa dhangalaasisuu fi seera kan hin qabne ta’uu dubbateera. Israa’el haleellaa Haamaasiin raawwatame kanaan daa’immaniifi dubartoonni illee akka ajjeefaman kan ibsite yoo ta’u, Haamaasis, haleellaa Israa’el raawwatteen daa’immaniifi dubartoonni hedduun akka ajjeefaman ibseera. Biyyoonni waraana kana keessatti ejjennoo adda addaa qabu. Ameerikaa dabalatee biyyoonni dhihaa hedduun Haamaas ''shororkeessaa dha'' jechuun balaaleffachuun Israa'eliif deeggarsa qaban ibsaniiru. Ameerikaan deeggarsa jechaa irra darbee deeggarsa waraanaa kennaa jirti. Iraan  "Iyyarusaalemii fi Falasxiin" bilisa akka bahaniif gama qabsaa'ota Falasxiin akka jirtu mirkaneessiteerti. Humnoonni akka Raashiyaa fi Chaayinaa waraana kana qabbaneessuuf dhukaasa akka dhaaban gaafachaa jiru. Turkiyaan waraana suukaneessaa kana xumuruuf tattaaffii dippilomaasii ni godha jette. Kan biraa ammoo ollaa Israa’el kan taate Libaanos (garee Hizbullah), meeshaan waraanaa Siiriyaa irraan gara Israa’elitti kan darbatame yoo ta'u, waraana kana daran bal’isee biyyoonni biroo seenuun, haala hammaataa keessa akka hin seenne sodaatamee jira. Haala kamiinuu waraanni kun guyyaa irraa gara guyyaatti hammaataa dhufe, humna hidhatee wal lolu bira darbee, daa’immanii fi dubartoota dabalatee lammiilee nagaa baay’ee fixaa jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡MIIDIYAA📡 @GAADDISA_SABAA1@GAADDISA_SABAA1@GAADDISA_SABAA1@GAADDISA_SABAA1 ☄ ⊰>>>>>>>>>>>>>>>>>⊱ 💬YAADA💬 @YaadafiqeeqaGSbot
إظهار الكل...
Obboleeyyan Muslimaa Muslimoota akka isaanii yaadachiisuu itti fufuu qabu. Sababni isaas yaadachiisuun amantoota ni fayyada. ISLAAMNI waan gaarii akka hojjennu nu jajjabeessa, badii hojjechuu irraas nu dhoowwa. ISLAAMAA keessatti. Hiyyeessa. Sooressa. Gurraacha. Adii. Arabaa fi Arabaa hin taane hundi isaanii walqixa. Warra hojii gaarii hojjechuu irratti caaltu caala. Yaadachiisa Islaamaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu fi obboleeyyan muslimaa biroo yaadachiisuudha. Kanaaf yeroo hunda waa'ee yaadachiisa Islaamaa namoota biroo yaadachiisuu hin dagatinaa.
إظهار الكل...
🥰 1
Photo unavailable
Muslims brothers should keep reminding to their fellow Muslims. Because reminder benefits the believers. ISLAM encourages us to do good and forbids us from doing evil. In ISLAM. Poor. Rich. Ruler. Black. White. Arabian and non Arabia all are equal. Better are those who are better in doing good deeds. Islamic reminder is to apply in our lives and remind to other Muslim brothers. So don't forget to always remind other people about Islamic reminders 🤎🦋✨ T.me/Fejrulislam_Library
إظهار الكل...
🥰 1
Photo unavailable
#EntranceExam ትምህርት ሚንስቴር ነገ ማለትም መስከረም 28/2016 በ12ኛ ክፍል ሀገር አቀፍ የፈተና ውጤት ዙሪያ ጋዜጣዊ መግለጫ ይሰጣል‼️ Entrance result loading... JOIN: @Fejrulislam_Library
إظهار الكل...
Photo unavailable
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi wabarakaatuh Oduu Gammachiisaa! ♡ Warroota kutaa 11fi12 barattan hundaaf. Barattoota kutaa 11fi12 jiraattota magaalaa Adaama jiraattan hundaaf Saganta hawwataa fi miidhagaa tahe wa'ee Qormaata biyyaalessaa irraatti jama'aa fajrul Islaamin guyyaa boru jechuun Sanbataa 26/01/2016 qophaahe waan jiruuf barattonni dhimmi ilaallatuu fi fedha qabdan akka irratti hirmaattan isiniin jennaa. IDDOON:- Magaalaa Adaama Ganda Torban Oboo M/B Masjiida HAMZAA kessatti Guyyaan:- 26/01/2016 Sa'aati:- 10:00-11:30 [salaata Asrii booda] ♧ GALATOOMA JAMA'AA FAJRUL ISLAAM SEEKTARA BARNOOTA IRRAA! Fejrul Islam on social media 👇👇👇 @Fejrulislam_Library Tiktok fejrulislamjemea Youtube https://www.youtube.com/@fejrulislam
إظهار الكل...
👍 2
Photo unavailable
👍 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.